BOQONNAA KUDHA TOKKO
Rakkinni Kan Baayʼate Maaliifi?
1, 2. Namoonni baayʼeen gaaffii akkamii gaafatu?
OBOMBOLEETTIIN tokko ganda tokko barbadeesse. Namni meeshaa hidhate tokko waldaa keessatti dhukaasa banee namoota hedduu madeessee, kaan immoo ajjeese. Haati ijoollee shanii dhukkuba kaansariitiin duute.
2 Balaawwanii fi haalawwan nama gaddisiisan akkasii yeroo uumaman namoonni baayʼeen, “Maaliif?” jedhanii gaafatu. Namoonni hedduun addunyaan jibbaa fi rakkinaan kan guutame maaliif akka taʼe gaafatu. Ati hoo gaaffii akkanaa gaafattee beektaa?
3, 4. (a) Anbaaqom gaaffiiwwan akkamii gaafate? (b) Yihowaan deebii akkamii isaaf kenne?
3 Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni Waaqayyo irratti amantii cimaa qaban illee gaaffii akkanaa akka gaafatan ni hubanna. Fakkeenyaaf, Anbaaqom raajichi, “Balleessuu fi humnaan nama irratti kaʼuu waanan arguuf, gargar baʼuunii fi lolli kaʼaa waan jiraniif, maaliif wanta jalʼaa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?” jedhee Yihowaa gaafateera.—Anbaaqom 1:3.
4 Anbaaqom 2:2, 3 irratti, deebiin Waaqayyo gaaffii Anbaaqomiif deebisee fi haalicha sirreessuuf waadaa akka gale ibsameera. Yihowaan namootaaf jaalala guddaa qaba. Kitaabni Qulqulluun, ‘Inni akka nuuf yaadu’ dubbata. (1 Pheexiros 5:7) Waaqayyo rakkina nu caalaa jibba. (Isaayaas 55:8, 9) Kanaaf, gaaffii ‘Addunyaa keessatti rakkinni kan baayʼate maaliifi?’ jedhu irratti haa mariʼannu.
RAKKINNI KAN BAAYʼATE MAALIIFI?
5. Barsiisonni amantii hedduun rakkina ilaalchisee maal jedhu? Kitaabni Qulqulluun hoo maal barsiisa?
5 Paastaroonni, luboonnii fi barsiisonni amantii, yeroo baayʼee namoonni akka dhiphatan fedha Waaqayyoo akka taʼe dubbatu. Tokko tokko immoo, wantoota nama gaddisiisan dabalatee wanti nama irra gaʼu hundi dursee Waaqayyoon akka murteeffamee fi sababa isaas matumaa hubachuun akka hin dandaʼamne dubbatu. Kaan immoo, daaʼimman dabalatee namoonni kan duʼan Waaqayyoo wajjin samii irra jiraachuuf akka taʼe dubbatu. Kun garuu dhugaa miti. Yihowaan matumaa wanti hamaan akka nama irra gaʼu hin godhu. Kitaabni Qulqulluun, “Jalʼinni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa dandaʼu irraa haa fagaatu!” jedha.—Iyoob 34:10.
6. Namoonni baayʼeen rakkoowwan addunyaa keessa jiran hundaaf Waaqayyoon kan komatan maaliifi?
6 Namoonni baayʼeen addunyaa kana kan bulchu Waaqayyo akka taʼe waan yaadaniif, rakkoowwan addunyaa keessa jiran hundaaf isa komatu. Haa taʼu malee, akkuma Boqonnaa 3 irratti baranne bulchaan addunyaa kanaa Seexana isa Diyaabilos jedhame dha.
7, 8. Addunyaa keessatti rakkinni kan baayʼate maaliifi?
7 Kitaabni Qulqulluun, “guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sana jala jira” jedha. (1 Yohaannis 5:19) Seexanni inni bulchaa addunyaa kanaa taʼe hamaa fi gara jabeessa dha. ‘Guutummaa lafaa dogoggorsaa’ jira. (Mulʼata 12:9) Namoonni hedduunis amala isaa hordofu. Sababii sobni, jibbii fi gara jabinni itti baayʼate keessaa tokko kana dha.
8 Sababiiwwan addunyaa irratti rakkinni itti baayʼate kan biroonis jiru. Addaamii fi Hewwaan fincila erga kaasanii booda, ijoollee isaaniitti cubbuu dabarsaniiru. Sababa cubbuutiin namoonni namoota irra rakkinni akka gaʼu godhu. Yeroo baayʼee warra kaan caalanii argamuu barbaadu. Wal lolu, gara waraanaa dhaqu, akkasumas namoota cunqursu. (Lallaba 4:1; 8:9) Al tokko tokko immoo namoota irra rakkinni kan gaʼu sababii ‘yeroo fi walitti dhufuutiini’ dha. (Lallaba 9:11, hiika bara 1899) Yeroo gaarii hin taanetti iddoo taʼe tokkotti yeroo argaman balaan ykn wanti hamaan isaan irra gaʼuu dandaʼa.
9. Yihowaan sababii quubsaa rakkinni akka itti fufu itti heyyame akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
9 Yihowaan matumaa rakkinni akka nu irra gaʼu hin godhu. Waraana, yakkaa fi hacuucaa uumamuuf kan komatamu isa miti. Balaawwan akka kirkira lafaa, obomboleettii fi lolaan bishaanii akka uumaman kan godhu Waaqayyo miti. Haa taʼu malee, ‘Yihowaan wantoota uumama cufa keessa jiran hunda caalaa humna kan qabu erga taʼee, wantoonni nama gaddisiisan akka hin uumamne kan hin goone maaliifi?’ jettee gaafatta taʼa. Waaqayyo garaadhaa akka nuuf yaadu beekna; kanaaf, sababii quubsaa rakkinni akka itti fufu itti heyyame akka qabu beekamaa dha.—1 Yohaannis 4:8.
SABABII WAAQAYYO RAKKINNI AKKA JIRAATU ITTI HEYYAME
10. Seexanni Yihowaa kan morme akkamitti?
10 Dhaaba Eeden keessatti Diyaabilos Addaamii fi Hewwaaniin gowwoomseera. Seexanni, Waaqayyo Bulchaa hamaa akka taʼee fi wanta gaarii taʼe tokko Addaamii fi Hewwaan jalaa akka dhokse dubbateera. Inni Yihowaa caalaa bulchaa gaarii akka isaaniif taʼuu fi Waaqayyo akka isaan hin barbaachisne akka amanan gochuu barbaade.—Uumama 3:2-5; Ibsa Dabalataa 27 ilaali.
11. Gaaffii isa kamiif deebii argachuu qabna?
11 Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu didanii fincila isa irratti kaasan. Wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe ofuma isaaniitii murteessu akka dandaʼan yaadan. Yihowaan finciltoonni kun akka dogoggoranii fi inni wanta nuuf wayyu akka beeku akkamitti mirkaneessa laata?
12, 13. (a) Yihowaan finciltoota sana yeruma sana kan hin balleessine maaliifi? (b) Yihowaan, Seexanni biyya lafaa akka bulchuu fi namoonni akka ofiin of bulchan kan heyyame maaliifi?
12 Yihowaan, Addaamii fi Hewwaaniin yeruma sana hin balleessine. Kanaa mannaa, ijoollee akka godhatan isaaniif heyyame. Akkas gochuudhaan ijoolleen Addaamii fi Hewwaan eenyu bulchaa isaanii akka taʼu akka barbaadan ofii isaaniitii filachuu akka dandaʼan godhe. Kaayyoon Yihowaa, lafti namoota mudaa hin qabneen akka guutamtu gochuu ture; Diyaabilos maal iyyuu gochuu yoo yaale kaayyoon kun fiixaan ni baʼa.—Uumama 1:28; Isaayaas 55:10, 11.
13 Seexanni Yihowaa kan morme maleekota miliyoonaan lakkaaʼaman duratti ture. (Iyoob 38:7; Daaniʼel 7:10) Kanaaf, Yihowaan mormiin Seexanaa sirrii taʼuu isaa akka mirkaneessuu yeroo isaaf kenne. Kana malees, namoonni ol aantummaa Seexanaa jalatti bulchiinsa mataa isaanii akka hundeeffataniif yeroo isaaniif kennuudhaan, gargaarsa Waaqayyootiin alatti kan milkaaʼan taʼuuf dhiisuu isaanii akka mirkaneessan isaaniif heyyame.
14. Yeroon darbaa yommuu deemu maaltu mirkanaaʼe?
14 Namoonni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif ofiin of bulchuu kan yaalan taʼus hin milkoofneef. Seexanni sobduu taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Namoonni gargaarsi Waaqayyoo isaan barbaachisa. Ermiyaas raajichi, “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka” jechuun isaa sirrii ture.—Ermiyaas 10:23.
YIHOWAAN YEROO DHEERAADHAAF KAN OBSE MAALIIFI?
15, 16. (a) Yihowaan rakkinni yeroo dheeraadhaaf akka turu kan heyyame maaliifi? (b) Yihowaan rakkoowwan Seexanni fide kan hin hambisne maaliifi?
15 ihowaan rakkinni yeroo dheeraadhaaf akka itti fufu kan heyyame maaliifi? Wantoonni hamaan akka hin geenye kan hin goone hoo maaliifi? Bulchiinsi Seexanaa akka hin milkoofne mirkaneessuun yeroo fudhata. Namoonni bulchiinsa hunda kan yaalan taʼus isaaniif hin milkoofne. Gama saayinsii fi teknooloojiitiin guddinni kan argame taʼus, jalʼinni haqaa, hiyyummaan, yakkii fi waraanni yeroo kam iyyuu caalaa dabaleera. Kanaaf, gargaarsa Waaqayyootiin alatti ofiin of bulchuu hin dandeenyu.
16 Haa taʼu malee, Yihowaan rakkoowwan Seexanni fide hin hambisne. Akkas yoo godhe bulchiinsa Seexanaa deggeruu isatti taʼa; kanaaf, yoom iyyuu akkas hin godhu. Kana malees utuu akkana godhee, namoonni ofii keenyaan of bulchuu ni dandeenya jedhanii yaadu turan. Kun garuu soba dha; Yihowaan immoo wanta namoonni soba kana akka amanan godhu hin raawwatu. Inni matumaa hin sobu.—Ibroota 6:18.
17, 18. Yihowaan rakkoowwan Seexanni fide hunda maal godha?
17 Yihowaan rakkina sababa fincila Seexanaa fi namootaatiin gaʼe hunda hambisuu ni dandaʼaa? Eeyyee. Waaqayyo wanta hunda gochuu ni dandaʼa. Yihowaan yeroo itti mormiin Seexanni kaase hundi guutummaatti deebii itti argatu beeka. Sana booda lafa gara jannataatti jijjiiruudhaan kaayyoo isaa isa jalqabaa sana galmaan gaʼa. Warri “awwaala yaadannoo keessa jiran” hundi duʼaa ni kaafamu. (Yohaannis 5:28, 29) Namoonni matumaa hin dhukkubsatan ykn hin duʼan. Yesuus rakkina Seexanni fide hunda ni hambisa. Yihowaan Yesuusitti fayyadamee ‘hojii Diyaabilos ni diiga.’ (1 Yohaannis 3:8) Yihowaan hamma yeroon kun gaʼutti nuu obsuudhaan akka isa beeknuu fi inni Bulchaa keenya akka taʼu akka murteessinu waan nuu heyyameef baayʼee isa galateeffanna. (2 Pheexiros 3:9, 10 dubbisi.) Yeroo rakkinni nu irra gaʼutti akka jabaannee dhaabannu nu gargaara.—Yohaannis 4:23; 1 Qorontos 10:13 dubbisi.
18 Yihowaan, Bulchaa keenya akka taʼuuf akka isa filannu nu hin dirqisiisu. Namootaaf mirga filannaa kenneera. Kennaan gatii guddaa qabu kun nuuf hiika maalii akka qabu haa qorru.
MIRGA FILANNAA KEETTI AKKAMITTI FAYYADAMTA?
19. Yihowaan kennaa dinqisiisaa akkamii nuu kenne? Kennaa kanaaf galateeffachuu kan qabnu hoo maaliifi?
19 Kennaan Yihowaa dinqisiisaa taʼe kun, jechuunis mirgi filannaa bineensota irraa adda nu godha. Isaan wanta tokko kan godhan uumamaan siʼa taʼu, nuti garuu jireenya akkamii jiraachuu akka barbaadnuu fi Yihowaa gammachiisuu kan barbaadnu taʼuuf dhiisuu keenya murteessuu dandeenya. (Fakkeenya 30:24, NW) Kana malees, nuti akka maashinoota kaayyoo itti hojjetaman qofa raawwatanii miti. Namoota akkamii taʼuu akka barbaadnu, eenyu michuu keenya akka taʼu akka barbaadnuu fi jireenya keenyatti akkamitti fayyadamuu akka barbaadnu ilaalchisee filachuuf mirga qabna.
20, 21. Filannaan gaariin yeroo ammaatti gochuu dandeessu maali dha?
20 Yihowaan akka isa jaallannu barbaada. (Maatewos 22:37, 38) Abbaan tokko ilmi isaa dirqamee utuu hin taʼin garaa isaatii “Sin jaalladha!” yeroo isaan jedhu ni gammada; Yihowaanis akkasuma. Inni isa tajaajiluu ykn dhiisuu akka filannu mirga nuu kenneera. Seexanni, akkasumas Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu diduu filataniiru. Ati hoo mirga filannaa keetti akkamitti fayyadamta?
21 Mirga filannaa qabdutti Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadami. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kaanis, Yihowaa gammachiisuuf Seexanaan immoo mormuuf murteessaniiru. (Fakkeenya 27:11) Addunyaa haaraa Waaqayyo fiduu fi rakkinni keessa hin jirre keessa jiraachuuf yeroo ammaa maal gochuu dandeessa? Boqonnaan itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.