Mootota Tokkoffaa
3 Solomoon gaaʼelaan Faraʼoon mootii Gibxiitti ni firoome. Inni intala Faraʼoon ni fuudhe;*+ mana ofii isaa,+ mana Yihowaa+ fi dallaa Yerusaalemitti marsu+ ijaaree hanga xumuruttis gara Magaalaa Daawititti+ ishii fide. 2 Haa taʼu malee, hanga yeroo sanaatti manni maqaa Yihowaatiif taʼu waan hin ijaaramneef,+ namoonni aarsaa kan dhiheessan iddoowwan ol kaʼoo+ irratti ture. 3 Solomoon iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa dhiheessuu fi aarsaawwan gubaman aarsuu isaatiin alatti, akka dambiiwwan abbaa isaa Daawititti deddeebiʼuudhaan Yihowaa jaallachuu isaa itti fufee ture.+
4 Iddoon ol kaʼaan hunda caalaa beekamaa* taʼe Gibeʼon waan tureef, mootichi achitti aarsaa dhiheessuuf ni dhaqe.+ Solomoon iddoo aarsaa sana irratti aarsaawwan gubaman 1,000 ni dhiheesse.+ 5 Gibeʼonittis Yihowaan halkan abjuudhaan Solomoonitti ni mulʼate; Waaqayyos, “Wanta akkan siif kennu barbaaddu na gaafadhu” isaan jedhe.+ 6 Yeroo kanatti Solomoon akkana jedhe: “Inni amanamummaadhaan, qajeelummaa fi garaa qajeelaadhaan si duratti deddeebiʼaa waan tureef, ati tajaajilaa kee abbaa koo Daawititti jaalala amanamaa guddaa taʼe argisiisteetta. Ilma teessoo isaa irra taaʼu isaaf kennuudhaan, hanga guyyaa kanaatti jaalala amanamaa guddaa taʼe kana isatti argisiisuu kee itti fufteetta.+ 7 Ammas yaa Waaqa koo Yihowaa, ani mucaa xinnaa fi muuxannoo kan hin qabne*+ yoon taʼe illee, ana tajaajilaa kee bakka abbaa koo Daawit mootii gooteetta. 8 Tajaajilaan kee saba ati filatte,+ saba hedduu baayʼina isaatiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye gidduutti argama. 9 Kanaafuu, tajaajilaan kee saba keetiif murtii kennuu, akkasumas wanta gaarii taʼee fi wanta hamaa taʼe gargar baasee beekuu akka dandaʼuuf,+ garaa ajajamu isaaf kenni;+ taʼuu baannaan, saba kee isa baayʼee hedduu* taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”
10 Solomoon kana gaafachuun isaa Yihowaa ni gammachiise.+ 11 Achiis Waaqayyo akkana isaan jedhe: “Ati kana waan gaafattee fi ofii keetiif umurii dheeraa* yookiin sooruma yookiin duʼa* diinota keetii waan hin gaafanneef, kanaa mannaa, dhimma murtii irratti hubannaa murtii sirrii dabarsuuf* si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 wanta ati gaafatte siifan godha.+ Ani garaa ogeessaa fi hubataa si dura namni kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne+ siifan kenna.+ 13 Kana malees, bara jireenyaa keetti* mootiin akka keetii kan biraan akka hin jiraanneef,+ soorumaa fi ulfina+ isa ati na hin gaafanne siifan kenna.+ 14 Akkuma abbaan kee Daawit deeme,+ atis dambiiwwan koo fi ajajawwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra yoo deemte, umurii dheeraas siifan kenna.”*+
15 Solomoon yommuu dammaqu kun abjuu akka ture hubate. Achiis gara Yerusaalem dhaqee taabota kakuu Yihowaa dura dhaabbate; aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa+ ni dhiheesse; tajaajiltoota isaa hundaafis affeerraa ni qopheesse.
16 Yeroo sanatti sagaagaltoonni lama gara mootichaatti seenanii isa dura dhaabbatan. 17 Dubartiin ishiin jalqabaa akkana jette: “Yaa gooftaa koo, anii fi dubartiin tun mana tokko keessa jiraanna turre; utuu ishiin mana keessa jirtuu ani nan daʼe. 18 Erga ani daʼee guyyaa sadii booda dubartiin tunis ni deesse. Lamaan keenya qofatu waliin jiraata ture; nuu wajjin manicha keessa namni kan biraan hin jiru ture. 19 Ishiin halkan waan irra ciisteef, ilmi dubartii tanaa ni duʼe. 20 Kanaafuu, ishiin halkan walakkaa kaatee ani garbittiin tee rafaa utuun jiruu ilma koo ana biraa fudhattee bobaa ishii jala ciibsite; ilma ishii isa duʼe immoo bobaa koo jala ciibsite. 21 Ganama ilma koo hoosisuuf yommuun kaʼu, inni duʼuu isaa nan arge. Kanaafuu, ganamaan xiyyeeffannaadhaan yommuun isa ilaalu, inni ilma koo isa ani daʼe akka hin taane nan hubadhe.” 22 Dubartiin ishiin kan biraan garuu, “Lakki, ilmi koo isa lubbuudhaan jiru dha; ilmi kee immoo isa duʼe dha!” jette. Dubartiin ishiin jalqabaa immoo, “Lakki, ilmi kee isa duʼe dha; ilmi koo immoo isa lubbuudhaan jiru dha” jette. Isaanis akkanatti mooticha duratti wal falman.
23 Dhuma irrattis mootichi, “Ishiin tun, ‘Ilmi koo isa lubbuudhaan jiru kana dha; ilmi kee immoo isa duʼe dha’ jetti; ishiin sunis, ‘Lakki, ilmi kee isa duʼe dha; ilmi koo immoo isa lubbuudhaan jiru dha’ jetti” jedhe. 24 Mootichis, “Goraadee naa fidaa” jedhe. Kanaafuu, isaan goraadee isaaf fidan. 25 Achiis mootichi, “Mucicha isa lubbuudhaan jiru bakka lamatti kutaatii walakkaa isaa dubartii ishii tokkoof, walakkaa isaa immoo dubartii ishii kan biraatiif kennaa” jedhe. 26 Yeruma sana dubartittiin ishiin ilmi ishii lubbuudhaan jiru sun sababii ilma ishiitiin garaan ishii waan raafameef, “Maaloo, yaa gooftaa koo, mucicha isa lubbuudhaan jiru ishiidhaaf kenni! Matumaa isa hin ajjeesin!” jettee mooticha kadhatte. Dubartiin ishiin kan biraan garuu, “Mucichi kan koos, kan kees hin taʼu! Bakka lamatti isa haa kutan!” jette. 27 Yeroo kanatti mootichi deebisee, “Mucicha isa lubbuudhaan jiru dubartii ishii jalqabaatiif kennaa! Ishiin haadha isaa waan taateef, matumaa isa hin ajjeesinaa” jedhe.
28 Kanaan kan kaʼes, Israaʼelonni hundi waaʼee murtii mootichi dabarse kanaa ni dhagaʼan; inni murtii haqaa akka kennuuf Waaqayyo ogummaa akka isaaf kenne+ waan arganiif, mooticha ni kabajan.*+