Keessa Deebii
33 Kun eebba Museen inni nama Waaqa dhugaa taʼe duʼuu isaa dura Israaʼelota eebbise dha.+ 2 Akkana jedhe:
“Yihowaan Siinaa irraa ni dhufe,+
Seʼiir irraas isaan irratti ni ife.
Naannoo gaarotaa Phaaraan irraa ulfinaan ni ife,+
Qulqulloonni kumaatama hedduu* taʼan isaa wajjin jiru turan,+
Loltoonni isaas karaa harka mirgaa isaa jiru turan.+
7 Yihudaas akkana jedhee eebbise:+
“Yaa Yihowaa, sagalee Yihudaa dhagaʼi;+
Gara saba isaattis isa deebisi.
8 Waaʼee Leewwii akkana jedhe:+
Atis bishaan Mariibaa biratti isa loluu jalqabde;+
9 Inni isa abbaa isaa fi haadha isaatiin, ‘Ani isin hin kabaju’ jedhe sana dha.
Inni obboloota isaatiif illee beekamtii hin kennine;+
Ilmaan isaas ni dhiise.
Isaan dubbii kee eeganiiru;
Kakuu kees kabajaniiru.+
Urgaan isaa kan gammachiisu godhanii ixaana siif* haa dhiheessan,+
Aarsaa guutummaatti dhihaatus iddoo aarsaa kee irratti haa dhiheessan.+
11 Yaa Yihowaa, jabina isaa eebbisi,
Hojii harka isaattis gammaddi.
Warri isa jibban lammata akka hin kaanetti,
Luka* warra isa irratti kaʼanii caccabsi.”
12 Waaʼee Biiniyaam akkana jedhe:+
“Inni Yihowaa biratti jaallatamaa taʼe sun tasgabbiidhaan isa bira haa jiraatu;
Guyyaa guutuu inni dahoo isaaf ni taʼa;
Inni gateettiiwwan isaa gidduu ni jiraata.”
13 Waaʼee Yoseef akkana jedhe:+
“Yihowaan lafa isaa haa eebbisu,+
Wantoota filatamoo samiitiin,
Fixeensaa fi bishaan burqaawwan lafa jalaatiin,+
14 Wantoota filatamoo aduudhaan guddataniin,
Firii filatamaa jiʼa jiʼaan argamuun,+
15 Wantoota hunda caalaa filatamoo gaarota bara durii* irraa argamaniin,+
Wantoota filatamoo tulloota dhaabbataa taʼaniin,
16 Wantoota filatamoo lafa irra jiranii fi wantoota ishii keessa guutaniin,+
Eebba isa harangamaa* keessatti mulʼate sanaatiinis si haa eebbisu.+
Isaan mataa Yoseef irratti,
Gonfoo mataa isa obboloota isaa keessaa filatame sanaa irratti haa buʼan.+
17 Simboon isaa akka simboo qotiyyoo jalqaba dhalatee,
Gaanfonni isaas akka gaanfota gafarsaa ti.
Inni isaanitti fayyadamee saboota,
Hunduma isaaniis gara andaara lafaatti ni dhiiba.*
Isaan raayyaawwan Efreem warra kumaatama kudhan taʼan,+
Raayyaawwan Minaasee warra kumaatama taʼani dha.”
18 Waaʼee Zaabiloon akkana jedhe:+
“Yaa Zaabiloon, gad baʼuu keetti gammadi,
Atis yaa Yisaakor, dunkaanota kee keessatti gammadi.+
19 Isaan gara gaarichaatti namoota ni waamu.
Achittis aarsaawwan qajeelummaa ni dhiheessu.
Isaan qabeenya hedduu galaanotaa,
Qabeenya dhokfamaa cirracha keessaas ni sooratu.”*
20 Waaʼee Gaad akkana jedhe:+
“Inni daangaawwan Gaad balʼisu eebbifamaa dha.+
Inni akka leencaatti achi ni ciisa,
Harka kutuuf, eeyyee, mataa kutuuf qophaaʼaa dha.
21 Inni gaʼee jalqabaa ofii isaatiif ni filata,+
Sababiin isaas, qoodni isa seera kennu sanaa achi kaaʼameera.+
Mataan namootaa walitti ni qabama.
Inni qajeelummaa Yihowaa,
Israaʼeliifis heera isaa ni raawwachiisa.”
22 Waaʼee Daan akkana jedhe:+
“Daan ilmoo leencaa ti.+
Inni Baashaan keessaa utaalee ni baʼa.”+
23 Waaʼee Niftaalem akkana jedhe:+
“Niftaalem gaarummaa quufeera,
Eebba Yihowaatiinis guutameera.
Ati dhihaa fi kibba dhaalaan fudhadhu.”
24 Waaʼee Asheer akkana jedhe:+
“Asheer ilmaaniin haa eebbifamu.
Inni obboloota isaa biratti jaallatamaa haa taʼu;
Miila isaas zayitii keessa haa cuuphu.*
26 Kan akka Waaqa dhugaa+ Yeshuurun,+
Isa si gargaaruuf samii keessa gulufu,
Isa ulfina isaatiin duumessoota irra gulufu+ sanaa tokko illee hin jiru.
28 Biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraa,+
Isa samiin isaa fixeensa coccophsu keessatti,+
Israaʼel tasgabbiidhaan ni jiraata,
Burqaan Yaaqoobis kophaa isaa ni jiraata.
29 Yaa Israaʼel, ati gammadaa dha!+
Sabni akka kee+
Yihowaa biraa fayyina argate eenyu?+
Inni gaachana+ eegumsaa kee,
Goraadee kee isa ulfina qabeessa taʼe dha.