Keessa Deebii
32 “Yaa samiiwwan, gurra keessan as qabaa, ani nan dubbadha,
Laftis dubbii afaan kootii haa dhageessu.
2 Barumsi koo akka bokkaatti ni rooba;
Dubbiin koo akka fixeensaatti ni coccopha;
Akkuma rooba marga irratti tiifuu,
Akkuma bokkaa hedduu biqiltuu irratti roobuu tis.
3 Ani maqaa Yihowaa nan labsa.+
Waaʼee guddina Waaqa keenyaa dubbadhaa!+
5 Hammina kan raawwate isaani.+
Isaan ijoollee isaa miti, hirʼinni isaa kanuma isaanii ti.+
Isaan dhaloota jalʼaa fi micciiramaa dha!+
Abbaan keessan inni isin uume,+
Inni isin tolchee fi cimsee isin dhaabe isa mitii?
7 Guyyoota durii yaadadhaa;
Baroota dhaloota darbaniis qalbeeffadhaa.
Abbaa kee gaafadhu, inni sitti himuu dandaʼa;+
Jaarsolii kee gaafadhu, isaanis si beeksisu.
8 Inni Hundaa Olii yommuu sabootaaf dhaala isaanii kennetti,+
Yommuu ilmaan Addaam* isa tokko isa kan biraa irraa adda baasetti,+
Inni akka lakkoofsa ilmaan Israaʼelitti,+
Daangaa sabootaa ni murteesse.+
10 Inni lafa onaa keessatti,+
Gammoojjii duwwaa taʼee fi bineensonni bosonaa itti iyyan keessatti+ isa argate.
11 Akkuma risaan manʼee ishii sochoostutti,
Cuucota ishii irra naannoftutti,
Qoochoo* ishii diriirsitee isaan fudhattutti,
Baalleewwan ishii irrattis isaan baattutti,+
12 Yihowaa qofatu isa* geggeesse;+
Waaqni ormaa tokko illee isaa wajjin hin turre.+
13 Inni iddoowwan ol kaʼoo lafaa akka qabatu ni godhe;+
Kanaan kan kaʼes, oomisha maasichaa ni nyaate.+
Inni kattaa keessaa damma,
Qarsaa cimaa keessaas zayitii isa ni soore;
14 Dhadhaa loonii fi aannan bushaayee,
Hoolota hunda caalaa filatamoo taʼanii* wajjin,
Korbeeyyii hoolaa Baashaanii fi korbeeyyii reʼee,
Qamadii hunda caalaa baʼeessa taʼee* wajjin isa ni soore;+
Atis daadhii wayinii dhiiga* firii wayinii irraa argamu ni dhugde.
15 Yeshuurun* yeroo gabbatetti, fincilee gooftaa isaa dhiite.
Ati ni gabbatte, ni furdatte, ni bokoktes.+
Kanaafuu, inni Waaqa isa tolche sana ni dhiise,+
Qarsaa fayyina isaatiis ni tuffate.
16 Isaan waaqolii ormaatiin aariidhaaf isa kakaasan;+
Wantoota jibbisiisoo taʼaniinis isa dheekkamsiisaa turan.+
17 Isaan Waaqayyoof utuu hin taʼin jinniiwwaniif,+
Waaqolii kanaan dura hin beekneef,
Warra dhiheenyatti dhufaniif,
Waaqolii abbootiin keessan hin beekneef aarsaa ni dhiheessu turan.
19 Ijoolleen durbaa fi ijoolleen dhiiraa isaa waan isa dheekkamsiisaniif,
Yihowaan yommuu kana argu isaan dhiise.+
20 Kanaafuu akkana jedhe: ‘Fuula koo isaan jalaa nan dhoksa;+
Mee dhumni isaanii maal akka taʼun ilaala.
21 Isaan wanta waaqa hin taaneen aariidhaaf* na kakaasaniiru;+
Waaqolii tolfamoo isaanii warra gatii hin qabneenis na dheekkamsiisaniiru.+
Kanaafuu, ani wanta saba hin taaneen hinaaffaadhaaf isaan nan kakaasa;+
Saba gowwaa taʼeenis isaan nan aarsa.+
22 Dheekkamsi koo ibidda qabsiiseera;+
Awwaala* gad fagoo keessattis ni bobaʼa;+
Inni lafaa fi oomisha ishii nyaatee ni fixa;
Buʼuurawwan gaarotaas ni guba.
23 Ani badiisa isaanii ittuman dabala;
Xiyyawwan koos isaan irratti nan fayyadama.
24 Isaan beela irraa kan kaʼe ni dadhabu;+
Dhaqna gubaa cimaa taʼee fi badiisa hamaadhaan ni nyaatamu.+
Ani ilkaan bineensotaa,
Summii uumamawwan lafa irra loʼaniis isaanitti nan erga.+
25 Warra ala jiran goraadeen ni fixa;+
Warri keessa jiran immoo ni sodaatu;+
Dargaggootaa fi durboota,
Daaʼimmanii fi maanguddoota irras kanumatu gaʼa.+
26 Silaa ani, “Isaan nan bittinneessa;
Yaadannoon isaaniis namoota gidduudhaa akka badu nan godha” nan jedhan ture.
27 Taʼus wanta diinni koo jedhu waanan sodaadheef+ akkana hin jenne;
Sababiin isaas, diinonni wanta kana karaa sirrii hin taaneen hubachuu dandaʼu.+
Isaan, “Humni keenya injifannoo argateera;+
Wanta kana hundumaa kan godhe Yihowaa miti” jechuu dandaʼu.
29 Maal taʼa utuu ogeeyyii taʼaniiru taʼee!+ Wanta kana irratti ni xiinxalu turan.+
Wanta dhuma irratti isaan irra gaʼus ni yaadu turan.+
30 Qarsaan isaanii utuu isaan hin gurgurre taʼee,+
Yihowaan dabarsee utuu isaan hin kennine taʼee,
Namni tokko akkamitti 1,000 ariʼuu dandaʼa?
Namni lama hoo akkamitti 10,000 ariʼuu dandaʼa?+
32 Mukti wayinii isaanii muka wayinii Sodoom irraa,
Maasii wayinii Gomoraa irraas kan argame dha.+
Firiiwwan wayinii isaanii firiiwwan wayinii summaaʼoo,
Firiiwwan isaanii warri walitti tuutaʼanis hadhaaʼoo dha.+
33 Daadhiin wayinii isaanii summii jawwee,
Summii marʼataa nama ajjeesuu ti.
34 Kun ana biratti walitti qabamee,
Gootaraa koo keessattis saamsamee jira mitii?+
35 Haaloo baʼuunii fi adabuun kan koo ti;+
Yeroo murteeffametti miilli isaanii ni mucucaata;+
Guyyaan badiisa isaanii dhihaateera,
Wanti isaan eeggatus dafee ni dhufa.’
36 Yihowaan saba isaatiif murtii ni kenna;+
Inni humni isaanii akka laafe,
Warri gargaarsa hin qabnee fi warri dadhaboon qofti akka hafanis yommuu argutti,
37 Achiis akkana jedha: ‘Waaqoliin isaanii eessa jiru?+
Qarsaan isaan itti baqatan sun,
38 Inni cooma aarsaawwan isaanii* nyaachaa,
Daadhii wayinii aarsaawwan dhugaatii isaaniis dhugaa ture sun eessa jira?+
Mee isaan kaʼanii isin haa gargaaran.
Iddoo itti baqattanis isiniif haa taʼan.
Ani nan ajjeesa, nan jiraachisas.+
40 Ani harka koo gara samiitti kaasee,
“Bara baraaf jiraataa taʼuu kootiin” jedhee nan kakadha;+
41 Goraadee koo isa calaqqisu yommuun qaradhu,
Harka koos murtiidhaaf yommuun qopheessu,+
Diinota koo irratti haaloo nan baʼa,+
Warra na jibbanis nan adaba.
42 Xiyyawwan koo dhiigaan,
Dhiiga warra ajjeefamanii fi warra boojiʼamaniitiin nan macheessa;
Goraadeen koos foon,
Foon mataawwan geggeessitoota diinaa ni nyaata.’
43 Inni dhiiga tajaajiltoota isaatiif haaloo waan baʼuuf,+
Diinota isaa irratti haaloo waan baʼuuf,+
Biyya saba isaatiifis araara waan argamsiisuuf,*
Yaa sabootaa, saba isaa wajjin gammadaa.”+
44 Achiis Museen Hosheʼaa*+ ilma Nuunii wajjin dhufee, utuma sabichi dhagaʼuu dubbii faarfannaa kana hundumaa ni dubbate.+ 45 Museen dubbii kana hundumaa guutummaa Israaʼelitti dubbatee erga xumuree booda, 46 akkana isaaniin jedhe: “Ilmaan keessan dubbii Seera kanaa hundumaa of eeggannoodhaan akka raawwatan isaan ajajuu akka dandeessaniif,+ dubbii akeekkachiisaa ani harʼa isinitti himu kana hundumaa garaatti qabadhaa.+ 47 Sababiin isaas, kun jireenya keessani malee, isiniif dubbii gatii hin qabne miti;+ isinis dubbii kanaan biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
48 Yihowaan guyyuma kanatti akkana jedhee Museetti dubbate: 49 “Gara Gaara Neboo+ isa gaara Abaariim+ taʼe, isa biyya Moʼaab keessatti fuullee Yerikootti argamu kanatti ol baʼiitii, biyya Kanaʼaan isan dhaalaan Israaʼelotaaf kennu ilaali.+ 50 Akkuma obboleessi kee Aaron Gaara Hoor irratti duʼee+ gara saba isaatti walitti qabame, atis gaara itti ol baʼuuf jettu kana irratti duutee gara saba keetti walitti qabamta;* 51 sababiin isaas, lamaan keessan iyyuu bishaan Mariibaa+ isa Qaadesh ishii lafa onaa Ziin keessatti argamtu keessa jiru biratti Israaʼelota gidduutti anaaf amanamoo utuu hin taʼin haftaniittu; isin saba Israaʼel duratti ana hin qulqulleessine.+ 52 Ati biyyattii fagoodhaa ilaalta malee, biyya ani saba Israaʼeliif kennu kanatti hin galtu.”+