Saamuʼel Lammaffaa
18 Achiis Daawit namoota isaa wajjin jiran ni lakkaaʼe; ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaas isaan irratti ni muude.+ 2 Achiis Daawit namoota harka sadii keessaa harka tokko ajaja* Yoʼaab+ jalatti, namoota harka sadii keessaa harka tokko ajaja Abishaay+ obboleessa Yoʼaab ilma Zeruuyaa+ jalatti, namoota harka sadii keessaa harka tokko immoo ajaja Iitaay+ isa nama Gaat taʼe jalatti ramadee erge. Achiis mootichi, “Anis isinii wajjin nan baʼa” isaaniin jedhe. 3 Isaan garuu, “Ati baʼuu hin qabdu;+ sababiin isaas, nuti yoo baqanne isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; walakkaan keenya yoo duune illee isaan waaʼee keenya dhimma hin qaban; ati garuu namoota keenya 10,000 irra iyyuu ni caalta.+ Kanaafuu, ati magaalattii keessa teessee gargaarsa yoo nuuf goote wayya” isaan jedhan. 4 Mootichis, “Wanta gaarii fakkaatee isinitti mulʼate akkamii iyyuu nan godha” isaaniin jedhe. Kanaafuu, mootichi karra magaalattii bira dhaabbate; namoonni sun hundis dhibba dhibbaa fi kuma kumaan taʼanii gad baʼan. 5 Achiis mootichi Yoʼaab, Abishaayii fi Iitaayiin, “Anaaf jedhaatii ilma koo Abishaalomitti gara laafina argisiisaa” jedhee ajaje.+ Mootichi Abishaalomiin ilaalchisee yommuu ajajjoota hundumaatiif ajaja kennu namoonni sun hundi ni dhagaʼan.
6 Namoonni sunis Israaʼelotaa wajjin wal waraanuuf gara dirreetti baʼan; waraanni sunis bosona Efreem keessatti ni raawwatame.+ 7 Achittis tajaajiltoonni Daawit namoota Israaʼel+ moʼan;+ guyyaa sanattis namoonni hedduun, jechuunis namoonni 20,000 ni dhuman. 8 Waraanichis guutummaa naannichaa keessatti ni babalʼate. Kana malees, guyyaa sanatti namoota goraadeedhaan dhuman irra, namoota bosona keessatti dhumantu caale.
9 Boodas Abishaalom tajaajiltoota Daawitii wajjin walitti dhufe. Abishaalom gaangee tokko irra taaʼee deema ture; gaangeen sunis muka guddaa damee gobbuu qabu jala yommuu darbitu, mukti guddaan sun rifeensa mataa isaa qabate; kanaan kan kaʼes, yommuu gaangeen sun isa jalaa deemtu inni qilleensa irratti* rarraʼee hafe. 10 Achiis namichi tokko kana argee, “Kunoo, Abishaalom muka guddaa tokko irratti rarraʼee isa argeera” jedhee Yoʼaabitti+ hime. 11 Yoʼaabis deebisee namicha wanta kana isatti himeen, “Isa argiteetta taanaan, yeruma sana rukuttee lafaan kan isa hin dhoofne maaliifi? Silaa meetii sheeqilii* kudhanii fi qabattoo tokko siifan kenna ture” jedhe. 12 Namichi garuu Yoʼaabiin akkana jedhe: “Mootichi siin, Abishaayii fi Iitaayiin, ‘Eenyuun keessan iyyuu, Abishaalom ilma koo akka hin miine of eeggadhaa’ jedhee yommuu isin ajaju waan dhageenyeef, meetii sheeqiliin 1,000 utuu naaf kennamee* illee, ani ilma mootichaa irratti harka koo kaasuu hin dandaʼu.+ 13 Ani ajajamuu dhiisee lubbuu isaa balleesseera* utuun taʼee, wanti kun matumaa mooticha jalaa dhokatee hin hafu; atis eegumsa naaf hin gootu.” 14 Yeroo kanatti Yoʼaab, “Ani kana caalaa sii wajjin yeroo hin gubu!” isaan jedhe. Kanaafuu, inni xiyya* sadii harka isaatti qabatee Abishaalom muka guddaa sana irratti rarraʼee utuu lubbuudhaan jiruu onnee isaa keessa baase. 15 Achiis tajaajiltoonni Yoʼaab kurnan warri meeshaa waraanaa isaaf baatan dhufanii hamma inni duʼutti Abishaalomiin rukutan.+ 16 Yoʼaab yeroo kanatti xurumbaa afuufe; namoonni sunis Israaʼelota ariʼuu dhiisanii deebiʼan; Yoʼaabis isaan dhowwe. 17 Isaanis Abishaalomiin fuudhanii boolla guddaa bosona keessatti argamu tokko keessatti darbatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra tuulan.+ Israaʼelonni hundis gara mana mana isaaniitti baqatan.
18 Abishaalom yommuu lubbuudhaan turetti, “Ilma maqaan koo ittiin yaadatamu hin qabu”+ jechuudhaan, siidaa tokko fudhatee Sulula* Mootichaa+ keessatti ofii isaatiif dhaabbatee ture. Kanaafuu, siidaa sana maqaa isaatiin moggaase; siidaan sun hanga guyyaa harʼaatti Siidaa Yaadannoo Abishaalom jedhamee waamama.
19 Ahimaʼaaz+ ilmi Saadoqis, “Yihowaan diinota isaa irraa bilisa isa baasuudhaan murtii haqaa waan isaaf kenneef, maaloo, fiigee dhaqeen oduu kana mootichatti hima” jedhe.+ 20 Yoʼaab garuu, “Guyyaa harʼaatti oduu kan himu si miti. Guyyaa kan biraa oduu himuu ni dandeessa; harʼa garuu kan duʼe ilma mootichaa waan taʼeef, oduu kana kan himu si miti” isaan jedhe.+ 21 Achiis Yoʼaab Kuushicha+ tokkoon, “Dhaqi, wanta argite mootichatti himi” jedhe. Yeroo kanatti Kuushichi sun Yoʼaabiif sagadee fiigaa deeme. 22 Ahimaʼaaz ilmi Saadoq ammas irra deebiʼee Yoʼaabiin, “Wanti fedhe haa dhufu, maaloo, anis Kuushicha duukaa buʼeen fiiga” jedhe. Yoʼaab garuu, “Yaa ilma koo, oduu himtu utuu hin qabaatin maaliif fiigda?” isaan jedhe. 23 Inni garuu ammas, “Wanti fedhe haa dhufu, nan fiiga” jedhe. Kanaafuu Yoʼaab, “Fiigi kaa!” isaan jedhe. Ahimaʼaazis daandii koonyaa Yordaanos* keessa darbu qabatee fiige; boodas Kuushicha bira darbee deeme.
24 Yeroo kanatti Daawit karrawwan magaalattii+ lamaan gidduu taaʼee ture; waardiyyaan+ sunis gara baaxii karrichaa isa dallaa wajjin wal qabatee ijaarametti ol baʼe. Ol jedhee yommuu ilaalus, namicha kophaa isaa fiigaa jiru tokko arge. 25 Kanaafuu, waardiyyaan sun sagalee isaa ol kaasee mootichatti hime. Mootichis, “Inni kophaa isaa yoo taʼe, oduu himu qaba jechuu dha” jedhe. Namichi yommuu itti dhihaachaa dhufus, 26 waardiyyaan sun namni kan biraan yommuu fiigu ni arge. Waardiyyaan sunis isa karra eegu sana waamee, “Kunoo, namni kan biraan kophaa isaa fiigaa dhufaa jira!” isaan jedhe. Mootichis, “Inni kunis oduu fidee dhufe jechuu dha” jedhe. 27 Waardiyyaan sunis, “Namichi inni duraa akka Ahimaʼaaz+ ilma Saadoqitti fiiga” jedhe; yeroo kanatti mootichi, “Inni nama gaarii waan taʼeef, oduu gaarii fidee dhufaa jira” jedhe. 28 Ahimaʼaazis mooticha waamee, “Wanti hundi nagaa dha!” jedhe. Innis adda isaatiin lafatti gombifamee mootichaaf sagade. Achiis, “Waaqni kee Yihowaan, inni namoota gooftaa koo mooticha irratti fincila kaasan harka keetti dabarsee kenne haa jajamu!”+ jedhe.
29 Haa taʼu malee mootichi, “Ilmi koo Abishaalom nagaa dhaa?” jedhee isa gaafate. Yeroo kanatti Ahimaʼaaz, “Yoʼaab tajaajilaa mootichaa fi anaan tajaajilaa kee yommuu ergu, jeequmsi guddaan akka ture argeera; maal akka taʼe garuu ani hin beekne”+ jedhe. 30 Kanaafuu mootichi, “Garana goriitii as dhaabbadhu” isaan jedhe. Innis garasitti goree achi dhaabbate.
31 Sana boodas Kuushichi achi gaʼe;+ innis, “Gooftaan koo mootichi oduu kana haa dhagaʼu: Harʼa Yihowaan harka warra si irratti fincila kaasan hundumaa jalaa bilisa si baasuudhaan murtii haqaa siif kenneera”+ isaan jedhe. 32 Mootichi garuu, “Ilmi koo Abishaalom nagaa dhaa?” jedhee Kuushicha gaafate. Kuushichis, “Diinonni gooftaa koo mootichaa hundii fi namoonni si miidhuuf si irratti fincila kaasan hundi akkuma dargaggeessa sanaa haa taʼan!”+ jedhe.
33 Kunis mooticha ni jeeqe; innis gara kutaa baaxii karra dallichaa irra jiruutti ol baʼee booʼe; asii fi achi deemaas, “Yaa Abishaalom ilma koo, ilma koo, Abishaalom ilma koo! Bakka kee utuun duʼeera taʼee, yaa ilma koo Abishaalom, ilma koo!”+ jedha ture.