Hojii Ergamootaa
1 Yaa Tewooflos, wanta Yesuus raawwatee fi barsiise hunda kitaaba isa jalqabaa irratti siif barreesseera;+ 2 kunis ergamoota filateef karaa hafuura qulqulluu erga qajeelfama kennee booda,+ hanga guyyaa gara samiitti ol fudhatametti+ wanta taʼe kan qabate dha. 3 Inni erga dhiphatee booda, ragaawwan amansiisoo taʼan hedduudhaan jiraataa taʼuu isaa isaanitti of mulʼise.+ Guyyaa 40f yeroo baayʼee isaanitti mulʼatees, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachaa ture.+ 4 Utuu isaanii wajjin walgaʼii irra jiruus akkana jedhee isaan ajaje: “Yerusaalem keessaa hin baʼinaa;+ kanaa mannaa isa Abbaan waadaa gale,+ isa waaʼee isaa ana irraa dhageessan sana eeggadhaa; 5 sababiin isaas, Yohaannis bishaaniin cuupheera; isin garuu guyyaa muraasa booda hafuura qulqulluudhaan cuuphamtu.”+
6 Kanaafuu, isaan yommuu walitti qabaman, “Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatan.+ 7 Innis akkana isaaniin jedhe: “Yeroo yookiin waqtii Abbaan ofii isaatiin murteessuuf aangoo isaa jala godhate beekuun isiniif hin kennamne.+ 8 Haa taʼu malee, yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu;+ Yerusaalemitti,+ guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti,+ akkasumas hanga andaara lafaatti+ dhugaa baatota koo ni taatu.”+ 9 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda utuma isaan ilaalanii ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.+ 10 Yommuu inni deemus, utuma isaan hubatanii gara samii ilaalaa jiranii, akkuma tasaa namoonni uffata aʼadii uffatan lama+ isaan bira dhaabbatanii, 11 “Yaa namoota Galiilaa, maaliif dhaabbattanii gara samii ilaaltu? Yesuus inni isin biraa gara samiitti fudhatame kun, haaluma yommuu inni gara samiitti ol baʼu argitan kanaan deebiʼee ni dhufa” isaaniin jedhan.
12 Achiis gaara isa Gaara Ejersaa jedhamu irraa gara Yerusaalemitti deebiʼan;+ gaarri kun Yerusaalemitti dhihoo yeroo taʼu, hamma fageenya guyyaa Sanbataatti deemuun heyyamamu qofa fagaata ture. 13 Yommuu achi gaʼanis, kutaa fooqii irra jiruu fi keessa jiraachaa turanitti ol baʼan. Isaanis Pheexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa hinaaftichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan.+ 14 Namoonni kun hundi dubartoota tokko tokkoo wajjin,+ akkasumas Maariyaam haadha Yesuusii fi obboloota isaa wajjin yaada tokkoon cimsanii kadhatu turan.+
15 Yeroo sanatti Pheexiros obboloota gidduutti kaʼee dhaabbatee (namoonni achi turan walumaagalatti 120 turan) akkana jedhe: 16 “Yaa obbolootaa, waaʼee Yihudaa isa namoota Yesuusiin qaban dura buʼee dhufe sanaa+ wanti hafuurri qulqulluun karaa Daawit Kitaabota Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbate raawwatamuun+ isaa barbaachisaa dha. 17 Sababiin isaas, inni nuu wajjin lakkaaʼamee ture;+ tajaajila kana irrattis hirmaachaa ture. 18 (Namichi kun mindaa jalʼina hojjeteef isaaf kaffalameen lafa bite;+ mataadhaan kufees qaamni isaa ni tarsaʼe; marʼimaan isaa hundis keessaa jige.+ 19 Kunis jiraattota Yerusaalem hundumaa biratti ni beekame; kanaafuu, lafichi afaan isaaniitiin Akeldaamaa, jechuunis “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamame.) 20 Sababiin isaas, kitaaba Faarfannaa keessatti, ‘Iddoon inni jiraatu haa onu, namni achi keessa jiraatu tokko illee hin argamin,’+ akkasumas ‘Mirga inni ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaaf argate namni kan biraan haa fudhatu’+ jedhamee barreeffameera. 21 Kanaafuu, dhiirota yeroo Gooftaa Yesuus nu gidduutti hojii isaa raawwachaa* ture hundumaatti nuu wajjin turan keessaa tokko bakka isaa buusuun barbaachisaa dha; 22 namni filatamu kun immoo, yeroo Yesuus Yohaannisiin cuuphamee jalqabee+ hanga inni nu biraa ol fudhatametti+ nuu wajjin kan turee fi akkuma keenya Yesuus isa duʼaa kaʼe kan arge taʼuu qaba.”+
23 Kanaafuu, namoota lama, jechuunis Yoseef isa Barsaabaas akkasumas Yosxos jedhamuu fi Maatiyaasiin dhiheessan. 24 Achiis akkana jedhanii kadhatan: “Yaa Yihowaa* isa garaa namoota hundumaa beektuu,+ namoota lamaan kana keessaa isa filatte nu beeksisi; 25 namni kun tajaajilaa fi mirga ergamaa taʼuu, isa Yihudaan karaa mataa isaa irra deemuuf jedhee dhiise sana haa fudhatu.”+ 26 Kanaafuu, isaan carraa isaaniif buusan;+ carraan sunis Maatiyaasiif baʼe; innis ergamoota 11 wajjin lakkaaʼame.*