Keessa Deebii
31 Achiis Museen gad baʼee dubbii kana guutummaa Israaʼelitti dubbate; 2 akkana isaaniin jedhe: “Amma umuriin koo waggaa 120 taʼeera.+ Yihowaan, ‘Ati Yordaanos kana hin ceetu’+ waan naan jedheef, kana booda ani isin geggeessuu* hin dandaʼu. 3 Waaqni kee Yihowaan si dursee gamatti ni ceʼa; innumti saboota kana si duratti haxaaʼee ni balleessa; atis isaan ni ariita.+ Akkuma Yihowaan dubbatetti, Iyyaasuun geggeessee si ceesisa.+ 4 Yihowaan yeroo haxaaʼee isaan balleessetti Sihoonii+ fi Oog+ warra mootota Amoorotaa taʼan irratti akkuma godhe isaan irrattis ni godha.+ 5 Yihowaan isaaniin isiniif ni moʼa; isinis akkuma ajaja ani isiniif kenne hundumaatti isaan irratti ni raawwattu.+ 6 Onnadhaa, cimaas.+ Isinii wajjin kan deemu Waaqa keessan Yihowaa waan taʼeef, isaan duratti hin sodaatinaa yookiin hin romʼinaa.+ Inni isin hin dhiisu, isin hin gatus.”+
7 Achiis Museen Iyyaasuu waamee guutummaa Israaʼel duratti akkana isaan jedhe: “Saba kana gara biyya Yihowaan abbootii isaaniitiif kennuuf isaaniif kakatetti kan galchu si waan taʼeef, onnadhu, cimis;+ ati biyyattii dhaalaan isaaniif ni kennita.+ 8 Yihowaan si dura ni deema; yeroo hundumaas sii wajjin ni taʼa.+ Inni si hin dhiisu, si hin gatus. Hin sodaatin yookiin hin jeeqamin.”+
9 Achiis Museen Seera kana barreessee,+ Leewwota luboota taʼan warra taabota kakuu Yihowaa baatanittii fi jaarsolii Israaʼel hundumaatti ni kenne. 10 Akkanas jedhee isaan ajaje: “Dhuma waggoota torbaa hundumaatti, waggaa liqiin itti namaaf dhiifamu+ keessaa yeroo murteeffametti, jechuunis yeroo Ayyaana Daasiitti,*+ 11 guutummaan Israaʼel bakka Waaqni kee Yihowaan filatetti isa duratti yommuu dhihaatanitti,+ guutummaan Israaʼel utuma dhagaʼuu Seera kana dubbisi.+ 12 Isaan akka dhagaʼaniif, waaʼee Waaqa kee Yihowaa akka baratanii fi isa akka sodaataniif, akkasumas dubbii Seera kanaa hundumaa akka raawwataniif sabicha, jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee* fi nama biyya ormaa magaalota* kee keessatti argamu walitti qabi.+ 13 Achiis ilmaan isaanii warri Seera kana hin beekne, bara biyya Yordaanosiin ceetee dhaalaan fudhattu sana keessa jiraattu hundumaatti kana ni dhagaʼu;+ Waaqa kee Yihowaa sodaachuus ni baratu.”+
14 Achiis Yihowaan Museedhaan, “Kunoo, yeroon itti duutu dhihaateera.+ Geggeessaa godhee akkan isa muuduuf, Iyyaasuu waami; isinis gara dunkaana walgaʼiitti kottaa”* jedhe.+ Kanaafuu, Musee fi Iyyaasuun baʼanii gara dunkaana walgaʼii dhaqan. 15 Achiis Yihowaan dunkaanicha duratti utubaa duumessaa keessaan ni mulʼate; utubaan duumessaa sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabbate.+
16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+ 17 Yeroo sanatti dheekkamsi koo isaan irratti ni bobaʼa;+ ani isaan nan dhiisa,+ hamma isaan dhumanittis fuula koo isaan jalaa nan dhoksa.+ Badiisnii fi dhiphinni hedduun erga isaan irra gaʼee boodas,+ ‘Badiisawwan kun kan nu irra gaʼan, Waaqni keenya nu gidduutti waan hin argamneef mitii?’ jedhu.+ 18 Haa taʼu malee, gara waaqolii kan birootti goruudhaan hammina raawwatan hundumaatiin kan kaʼe, guyyaa sanatti fuula koo isaan jalaa akkuman dhoksettan itti fufa.+
19 “Ammas faarfannaa kana barreeffadhaa,+ Israaʼelotas barsiisaa.+ Faarfannaan kun saba Israaʼel irratti ragaa akka naaf taʼuuf, isaan akka isa baratan godhaa.*+ 20 Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kakadhetti,+ jechuunis gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ yommuun isaan fidu, isaan nyaatanii quufanii badhaadhota* yommuu taʼan,+ gara waaqolii kan birootti ni garagalu, isaaniinis ni tajaajilu; ana garuu ni tuffatu, kakuu koos ni cabsu.+ 21 Gara biyya ani isaaniif kakadhetti isaan galchuu koo dura iyyuu fedhii garaa isaanii waanan beekuuf,+ badiisnii fi dhiphinni hedduun yommuu isaan irra gaʼu,+ faarfannaan kun isaan irratti ragaa baatuu ni taʼa (sababiin isaas, sanyiiwwan isaanii isa hin irraanfatan).”
22 Kanaafuu, Museen guyyaa sanatti faarfannaa kana barreessee Israaʼelota barsiise.
23 Achiis inni* Iyyaasuu ilma Nuuniin muudee,+ “Biyya ani isaaniif kakadhetti Israaʼelota kan galchu si waan taʼeef+ onnadhu, cimis;+ ani yeroo hundumaa sii wajjin nan taʼa” isaan jedhe.
24 Museen guutummaa dubbii Seera kanaa kitaaba tokko irratti barreessee+ akkuma xumureen, 25 Leewwota warra taabota kakuu Yihowaa baatan akkana jedhee ajaje: 26 “Kitaaba Seerichaa+ kana fuudhaatii taabota+ kakuu Waaqa keessan Yihowaa bira kaaʼaa; innis achitti isin irratti ragaa baatuu ni taʼa. 27 Sababiin isaas, anumti iyyuu fincila+ keessanii fi mata jabina*+ keessan akka gaariittan beeka. Utuman lubbuudhaan isinii wajjin jiruu hammana Yihowaa irratti erga fincila kaastanii, ergan duʼee booda immoo hammam caalaatti isa irratti fincila kaastu ree! 28 Jaarsolii gosoota keessanii fi geggeessitoota keessan hundumaa walitti naaf qabaa; anis utuma isaan dhagaʼanii dubbii kana isaanitti nan dubbadha; samii fi laftis ragaa akka isaan irratti baʼan nan godha.+ 29 Ergan duʼee booda, isin hammina akka raawwattanii fi daandii ani waaʼee isaa isin ajaje irraa akka gortan akka gaariittan beeka.+ Isin wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwattu; hojiiwwan harka keessaniitiinis isa ni dheekkamsiistu; kanaan kan kaʼes, gara fuulduraatti dhugumaan badiisni isinitti ni dhufa.”+
30 Achiis Museen guutummaan gumii Israaʼel utuma isa dhagaʼuu, jalqabaa kaasee hamma xumuraatti dubbii faarfannaa kanaa ni dubbate:+