Saamuʼel Lammaffaa
19 Yoʼaabis, “Mootichi Abishaalomiif booʼaa fi gaddaa jira” oduu jedhu dhagaʼe.+ 2 Namoonni sun hundi mootichi ilma isaatiif gaddaa akka jiru waan dhagaʼaniif, injifannoon* guyyaa sanatti argame hunduma isaanii biratti gara gaddaatti jijjiirame. 3 Namoonni sunis akkuma namoota waraana irraa baqachuu isaaniitiin kan kaʼe qaanaʼaniitti, guyyaa sana hafuura dhokfatanii gara magaalattiitti deebiʼan.+ 4 Mootichis fuula isaa haguuggatee sagalee isaa ol kaasee, “Yaa ilma koo Abishaalom, Abishaalom ilma koo, ilma koo!” jedhee booʼa ture.+
5 Achiis Yoʼaab gara mooticha isa mana keessa jiruutti ol seenee akkana isaan jedhe: “Ati harʼa tajaajiltoota kee warra lubbuu kee, lubbuu ijoollee dhiiraa keetii,+ lubbuu ijoollee durbaa keetii,+ lubbuu haadhotii manaa keetii fi lubbuu saajjatoota keetii+ oolchan hundumaa qaanessiteetta. 6 Ati namoota si jibban ni jaallatta; namoota si jaallatan immoo ni jibbita; ajajjoonnii fi tajaajiltoonni kee siif homaa akka hin taane harʼa ifatti argisiisteetta; sababiin isaas, harʼa Abishaalom qofti oolee hundi keenya iyyuu utuu duuneerra taʼee akka gammaddu ani mirkanaaʼaa dha. 7 Amma kaʼi, gad baʼiitii tajaajiltoota kee jajjabeessi;* gad hin baatu taanaan garuu, maqaa Yihowaatiin nan kakadha, harʼa galgala namni tokko illee si biratti hin hafu. Kun immoo rakkina ijoollummaa keetii jalqabee hamma ammaatti si irra gaʼe hundumaa irra kan caalu taʼa.” 8 Kanaafuu, mootichi kaʼee karra magaalattii bira taaʼe; namoonni sun hundis, “Amma mootichi karricha bira taaʼeera” oduu jedhu dhagaʼan. Achiis namoonni sun hundi gara mootichaa dhufan.
Israaʼelonni garuu baqatanii gara mana mana isaanii deemanii turan.+ 9 Namoonni gosoota Israaʼel hundumaa keessa jiran hundi akkana jedhanii wal falmu turan: “Mootichi diinota keenya irraa nu oolcheera;+ Filisxeemota jalaas nu oolcheera; amma garuu sababii Abishaalomiin biyyattiidhaa baqateera.+ 10 Abishaalom inni mootii keenya akka taʼuuf dibnes+ waraana irratti duʼeera.+ Maarree isin, mooticha deebistanii fiduuf homaa utuu hin godhin kan haftan maaliifi?”
11 Daawit Mootichis Saadoqii+ fi Abiyaataar+ warra luboota taʼanitti ergaa akkana jedhu erge: “Akkana jedhaatii jaarsolii Yihudaatti+ himaa: ‘Wanti Israaʼelonni hundi dubbatan mooticha mana isaa keessa jiru bira gaʼee utuu jiruu, isin mooticha gara mana isaatti deebisuuf warra dhumaa kan taatan maaliifi? 12 Isin obboloota koo ti; isin lafee koo ti; foon koo tis.* Maarree, mooticha deebistanii fiduudhaaf warra dhumaa kan taatan maaliifi?’ 13 Amaasaadhaan+ immoo, ‘Ati lafee koo fi foon koo mitii? Kanaafuu, ati ammaa jalqabee bakka Yoʼaab+ buutee ajajaa raayyaa waraanaa kootii yoo taʼuu baatte, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu’ isaan jedhaa.”
14 Inni akka kanaan garaa namoota Yihudaa hundumaa akkuma nama tokkootti waan boojiʼeef* isaan, “Atii fi tajaajiltoonni kee hundi deebiʼaa kottaa” jedhanii mootichatti dhaaman.
15 Mootichis deebiʼuuf karaa jalqabee Yordaanos gaʼe; namoonni Yihudaas mooticha simachuu fi gara Yordaanos gamaatti isa geggeessuuf gara Gilgaalitti+ dhufan. 16 Achiis Shimeʼiin+ ilmi Geeraa namni gosa Biiniyaam inni ganda Baahuriimii dhufe, namoota Yihudaa wajjin Daawit Mooticha simachuuf dafee gad buʼe; 17 namoonni 1,000 warri biyya Biiniyaamii dhufanis isaa wajjin jiru turan. Ziibaan+ inni tajaajilaa mana Saaʼol taʼes ilmaan isaa 15 fi tajaajiltoota isaa 20 wajjin dafee mooticha dursee gara Yordaanositti gad buʼe. 18 Innis* maatii mootichaa ceesisee fiduu fi wanta mootichi barbaadu hundumaa isaaf gochuuf malkaa sana ni ceʼe. Haa taʼu malee, Shimeʼiin ilmi Geeraa yommuu mootichi Yordaanosiin ceʼuuf jedhu fuula isaa duratti ni gombifame. 19 Mootichaanis akkana jedhe: “Gooftaan koo yakka koo natti hin lakkaaʼin; guyyaa gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baʼetti balleessaa tajaajilaan kee hojjete hin yaadatin.+ Mootichi kana garaa isaatti hin qabatin; 20 sababiin isaas, ani tajaajilaan kee cubbuu hojjechuu koo akka gaariitti nan beeka; kanaan kan kaʼes, ani harʼa mana Yoseef hundumaa keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf dursee gad buʼeera.”
21 Abishaay+ ilmi Zeruuyaas+ yeruma sana, “Shimeʼiin, isa Yihowaan dibe waan abaareef ajjeefamuu hin qabuu?” jedhe.+ 22 Daawit garuu, “Isin yaa ilmaan Zeruuyaa, harʼa anaan kan mormitan, dhimma kana keessa maaltu isin galchee ti?+ Harʼa Israaʼel keessatti namni ajjeefamuu qabaa? Ani deebiʼee Israaʼel irratti mootii kanan taʼe harʼa mitii?” jedhe. 23 Achiis mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati hin duutu” jedhe. Sana boodas mootichi isaaf kakate.+
24 Mefibosheet+ ilmi ilma Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni guyyaa mootichi deemee jalqabee hanga guyyaa inni nagaadhaan deebiʼee dhufeetti, miila isaa hin dhiqanne; areeda isaa hin haaddanne; uffata isaas hin miiccanne. 25 Inni mooticha simachuuf yommuu gara Yerusaalem* dhufetti mootichi, “Mefibosheet, anaa wajjin kan hin deemne maaliifi?” isaan jedhe. 26 Yeroo kanatti Mefibosheet akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo yaa mootii, tajaajilaan koo+ na gowwoomse. Ani tajaajilaan kee naafa+ waanan taʼeef, ‘Harree koo naa feʼaa; irra taaʼeen mootichaa wajjin deema’ jedheen ture. 27 Inni garuu gooftaa koo mooticha duratti maqaa tajaajilaa keetii balleesse.+ Haa taʼu malee, gooftaan koo mootichi akka maleekaa Waaqa dhugaa ti; kanaafuu, wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi. 28 Gooftaan koo mootichi guutummaa mana abbaa kootii irratti duʼa murteessuu dandaʼa ture; ati garuu tajaajilaan kee warra maaddii kee irraa nyaatan keessaa tokko akka taʼu gooteetta.+ Maarree, ani mootichi wanta kana caalu akka naaf godhu gaafachuuf mirga maaliin qaba?”
29 Mootichi garuu, “Maaliif irra deddeebitee waaʼee kanaa dubbatta? Atii fi Ziibaan maasicha akka hirattan murteesseera” isaan jedhe.+ 30 Yeroo kanatti Mefibosheet mootichaan, “Gooftaan koo mootichi baga nagaadhaan gara mana isaatti deebiʼe malee, inni hunduma isaa iyyuu haa fudhatu” jedhe.
31 Achiis Baarzilaay+ Giiliyaadichi mooticha gara laga Yordaanositti geggeessuuf Rogeeliim irraa gara Yordaanositti gad buʼe. 32 Baarzilaay nama umurii waggaa 80 yeroo taʼu, baayʼee dulloomee ture; inni baayʼee sooressa waan tureef, mootichi yommuu Mahaanaayim keessa jiraachaa turetti nyaata isaaf fidee ture.+ 33 Kanaafuu, mootichi Baarzilaayiin, “Anaa wajjin ceʼi; anis Yerusaalemitti nyaata siif nan kenna” jedhe.+ 34 Baarzilaay garuu mootichaan akkana jedhe: “Mootichaa wajjin gara Yerusaalemitti kanan ol baʼu, kana booda guyyaa* meeqan jiraadha jedheetani? 35 Ani amma nama umurii waggaa 80 ti.+ Gaarii fi hamaa gargar baasuu nan dandaʼaa? Ani tajaajilaan kee wantan nyaadhuu fi wantan dhugu dhandhamachuu nan dandaʼaa? Ani kana booda sagalee weellistoota dhiiraa fi durbaa dhagaʼuu nan dandaʼaa?+ Maarree, ani tajaajilaan kee gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalataa kanan taʼu maaliifi? 36 Ani tajaajilaan kee, mooticha hamma Yordaanositti geggeessuu yoon dandaʼe gaʼaa dha. Mootichi gatii akkasii kan naaf deebisu maaliifi? 37 Maaloo, ani tajaajilaan kee deebiʼee, magaalaa koo keessatti iddoo awwaalchaa abbaa koo fi haadha tiyyaa biratti nan duʼa.+ Haa taʼu malee, tajaajilaan kee Kimhaam+ kunoo ti. Inni gooftaa koo mootichaa wajjin haa ceʼu; atis wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate isaaf gochuu dandeessa.”
38 Kanaafuu mootichi, “Kimhaam anaa wajjin ceʼa; anis wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate isaaf nan godha; siifis wanta na gaafatte hundumaa nan godha” isaan jedhe. 39 Namoonni sun hundis Yordaanosiin ceʼuu jalqaban; mootichis yommuu ceʼuuf jedhu Baarzilaayiin ni dhungate,+ akkasumas isa eebbise; Baarzilaayis gara mana isaatti deebiʼe. 40 Mootichi yommuu gara Gilgaalitti+ ceʼu, Kimhaamis isaa wajjin ni ceʼe. Namoonni Yihudaa hundii fi walakkaan namoota Israaʼel mooticha ni ceesisan.+
41 Achiis namoonni Israaʼel hundi gara mootichaa dhufanii, “Namoonni Yihudaa warri obboloota keenya taʼan dhoksaatti si fudhatanii, mooticha, maatii isaa fi namoota isaa hundumaa Yordaanosiin kan ceesisan maaliifi?” isaan jedhan.+ 42 Namoonni Yihudaa hundis, “Kana kan goone mootichi fira keenya waan taʼeefi.+ Maarree, kun kan isin aarse maaliifi? Baasii mootichaatiin wanta nyaanne qabnaa? Moo kennaan nuuf kennameera?” jedhanii namoota Israaʼeliif deebisan.
43 Haa taʼu malee, namoonni Israaʼel, “Nuti gosa kudhan waan taaneef, isin caalaa Daawit irratti mirga qabna. Maarree maaliif nu tuffattan? Mootii keenya deebisuuf nuti warra jalqabaa taʼuu hin qabnu turree?” jedhanii namoota Yihudaatiif deebisan. Haa taʼu malee, wanti namoonni Yihudaa dubbatan, wanta namoonni Israaʼel dubbatan irra caalee argame.*