Daaniʼel
9 Waggaa jalqabaa Daariyos+ ilma Ahaashweros isa nama Meedon taʼee fi mootummaa Kaladootaa irratti mootii godhame sanaatti,+ 2 inni bulchuu jalqabee waggaa tokkoffaa isaatti ani Daaniʼel, akkuma Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbatetti waggoota Yerusaalem ona taatee itti turtu+ kitaabota* irraa nan hubadhe; innis waggaa 70 ture.+ 3 Kanaafuu, ani gara Yihowaa Waaqa dhugaatti fuula koo nan naannesse; soomee, uffata gaddaa uffadhee, akkasumas daaraa of irratti firfirsee isa nan kadhadhe.+ 4 Ani Waaqa koo Yihowaatti kadhannaa nan dhiheesse; cubbuu keenyas isatti nan hime, akkana nan jedhe:
“Warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif+ kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu,+ Waaqa dhugaa, Waaqa guddaa fi sodaachisaa kan taate yaa Yihowaa, 5 nuti cubbuu hojjenneerra, balleessaa fi hammina raawwanneerra, fincilleerras;+ ajajawwan kee fi murtiiwwan kee irraa gorreera. 6 Nuti raajota tajaajiltoota kee taʼan warra maqaa keetiin mootota keenyatti, bulchitoota keenyatti, abbootii keenyattii fi namoota biyyattii hundumaatti dubbatan hin dhageenye.+ 7 Yaa Yihowaa, qajeelummaan kan kee ti; nuti, jechuunis namoonni Yihudaa, jiraattonni Yerusaalemii fi Israaʼelonni hundi warri dhihoos taʼe fagoo jirru biyya ati itti nu bittinneessite hundumaatti akkuma harʼa taʼaa jirutti qaanii* ofitti fidneerra; sababiin isaas, isaan siif amanamoo hin taane.+
8 “Yaa Yihowaa, si irratti cubbuu waan hojjenneef, nuti, mootonni keenya, bulchitoonni keenyaa fi abbootiin keenya qaanii* ofitti fidneerra. 9 Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati gara laafessa dha; dhiifamas namaaf ni goota;+ nuti garuu si irratti fincilleerra.+ 10 Nuti seerawwan ati karaa raajota warra tajaajiltoota kee taʼanii nuu kennite hordofuudhaan sagalee Waaqa keenya Yihowaatiif hin ajajamne.+ 11 Israaʼelonni hundi sagalee keetiif ajajamuu diduudhaan Seera kee waan cabsaniif, akkasumas waan irraa garagalaniif, ati abaarsaa fi kakaa isa Seera Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe sanaa keessatti barreeffame nu irratti fiddeetta;+ sababiin isaas, nuti cubbuu si irratti hojjenneerra. 12 Ati badiisa guddaa nu irratti fiduudhaan wanta akka nu irrattii fi bulchitoota keenya warra nu bulchaa turan* irratti akka fiddu dubbatte sana raawwatteetta;+ wanti Yerusaalem keessatti raawwatame guutummaa samii jalatti raawwatamee hin beeku.+ 13 Akkuma Seera Musee keessatti barreeffametti badiisni kun hundi nu irra gaʼeera;+ taʼus nuti dogoggora keenya irraa deebiʼuu fi dhugaa* keetiif xiyyeeffannaa kennuudhaan si Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama argachuuf si hin kadhanne.+
14 “Kanaafuu, ati Yihowaan dammaqinaan hordofaa erga turtee booda badiisa nu irratti ni fidde; sababiin isaas, ati Waaqni keenya Yihowaan hojii hojjette hundumaatiin qajeelaa dha; nuti garuu sagalee keetiif hin ajajamne.+
15 “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati irree kee isa jabaadhaan biyya Gibxii keessaa saba kee baasuudhaan+ ofii keetiif maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta;+ nuti si irratti cubbuu hojjenneerra, hamminas raawwanneerra. 16 Yaa Yihowaa, maaloo akka gochawwan qajeelummaa+ kee hundumaatti aariin kee fi dheekkamsi kee magaalaa kee Yerusaalem ishii gaara qulqulluu taate sana irraa haa deebiʼu; sababiin isaas, Yerusaalemii fi sabni kee cubbuu keenyaa fi dogoggora abbootii keenyaatiin kan kaʼe namoota naannoo keenyatti argaman hundumaa gidduutti kan arrabsaman taʼaniiru.+ 17 Egaa yaa Waaqa keenya, kadhannaa fi iyyata ana tajaajilaa keetii dhagaʼi; yaa Yihowaa, ofii keetiif jedhiitii iddoo qulqulluu kee isa ona taʼe+ sana irratti fuulli kee akka ifu godhi.+ 18 Yaa Waaqa koo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi! Ija kees baniitii badiisa magaalaa keenya ishii maqaa keetiin waamamte irra gaʼe ilaali; sababiin isaas, nuti si kadhachaa kan jirru gocha qajeelummaa keenyaan utuu hin taʼin, gara laafina kee isa guddaadhaan kan kaʼe dha.+ 19 Yaa Yihowaa, dhagaʼi. Yaa Yihowaa, dhiifama nuuf godhi.+ Yaa Yihowaa, xiyyeeffannaa nuuf kenni, tarkaanfiis fudhadhu! Yaa Waaqa koo, ofii keetiif jedhiitii hin turin; sababiin isaas, magaalaan kee fi sabni kee maqaa keetiin waamamaniiru.”+
20 Utuman dubbachaa, kadhachaa, cubbuu koo fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, akkasumas gaara qulqulluu Waaqa+ koo ilaalchisee gara Waaqa koo Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa jiruu, 21 eeyyee, utuman kadhannaa dhiheessaa jiruu, Gabriʼeel+ inni ani mulʼataan argee ture+ sun gara koo ni dhufe; ani yeroo aarsaan galgalaa itti dhihaatu kanatti baayʼee dadhabeen ture. 22 Innis akkana jechuudhaan na hubachiise:
“Yaa Daaniʼel, ani amma kanan dhufe dubbii raajii of keessatti qabate sana akka qalbeeffattuu fi akka hubattu si gargaaruufi. 23 Yommuu ati kadhannaa kee dhiheessuu jalqabdu, ergaan tokko natti himame; anis sitti himuufan dhufe; sababiin isaas, ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe* dha.+ Kanaafuu, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kenni, mulʼatichas hubadhu.
24 “Balleessaa hambisuuf, cubbuu balleessuuf,+ dogoggoraaf araara argamsiisuuf,+ qajeelummaa bara baraa fiduuf,+ mulʼatichaa fi raajicha irratti chaappaa gochuuf,+ akkasumas Kutaa Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe* dibuuf, saba kee fi magaalaa kee ishii qulqulluudhaaf+ torbeen* 70ni murteeffamaniiru. 25 Yeroo Yerusaalemiin iddoo ishiitti deebisuu fi deebisanii ijaaruuf+ ajajni itti kenname irraa jalqabee hamma Masiihiin*+ inni Geggeessaa+ taʼe dhufutti torbeen 7 fi torbeen 62 akka taʼu beeki, hubadhus.+ Ishiin iddoo ishiitti ni deebiti, deebitees ni ijaaramti; addabaabayiinii fi boʼoon ishii deebiʼee ni ijaarama; kun kan taʼu garuu yeroo rakkisaa keessatti dha.
26 “Torban 62 booda Masiihiichi ni ajjeefama;+ wanti isaaf hafus hin jiraatu.+
“Namoonni geggeessaa isa dhufu sanaas magaalattii fi iddoo qulqulluu sana ni balleessu.+ Dhumni isaas lolaadhaan ni taʼa. Hamma dhumaatti waraanni ni jiraata; wanti irratti murteeffames badiisa dha.+
27 “Inni torbee tokkoof namoota hedduudhaaf kakuu isaa ni tursa; walakkaa torbee sanaatti immoo aarsaanii fi kennaan dhihaatu akka hafu godha.+
“Qoochoo wantoota jibbisiisoo sanaa irra inni badiisa geessisu ni jiraata;+ hamma badiisni dhufutti wanti murteeffame isa ona taʼe sana irrattis ni dhangalaʼa.”