LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Sefaaniyaa 1:1-3:20
  • Sefaaniyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sefaaniyaa
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Sefaaniyaa

SEFAANIYAA

1 Bara Yosiyaas+ ilma Amoon+ mootii Yihudaatti, dubbiin Yihowaa gara Sefaaniyaa* ilma Kuushii ilma Gedaaliyaa ilma Amaariyaa ilma Hisqiyaas dhufe isa kana:

 2 “Ani wanta hundumaa guutummaatti lafa irraa haxaaʼee nan balleessa” jedha Yihowaan.+

 3 “Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa.

Simbirroota samii fi qurxummii galaanaa,

Akkasumas gufuuwwan* sana+ hamootaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+

Ilmaan namootaas lafa irraa nan balleessa” jedha Yihowaan.

 4 “Ani Yihudaa irrattii fi

Jiraattota Yerusaalem hundumaa irratti harka koo nan diriirsa,

Iddoo kana irraas hambaa* Baʼaal hundumaa,+

Maqaa luboota waaqa biyya ormaas luboota sanaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+

 5 Akkasumas warra baaxii irratti raayyaa samiitiif sagadan,+

Warra utuma Yihowaadhaaf sagadanii, isaaf amanamoo taʼuufis utuma waadaa galanii+

Maalkaamiif amanamoo taʼuuf waadaa galan,+

 6 Warra Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagalanii+ fi

Yihowaa hin barbaaddanne yookiin isa hin gaafanne+ haxaaʼee nan balleessa.”

 7 Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef, Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa duratti calluma jedhaa.+

Yihowaan aarsaa tokko qopheesseera; warra affeeres qulqulleesseera.

 8 “Guyyaa aarsaa Yihowaatti bulchitoonni,

Ilmaan mootichaa+ fi warri uffata biyya ormaa uffatan hundi akka itti gaafataman nan godha.

 9 Guyyaa sanatti namoonni waltajjii* irra baʼan hundi,

Warri mana gooftaa isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaadhaan guutan akka itti gaafataman nan godha.”

10 Yihowaan akkana jedha:

“Guyyaa sanatti Karra Qurxummii keessaa sagaleen iyyaa,+

Kutaa magaalattii Isa Lammaffaa keessaa sagaleen booʼichaa,+

Tabbawwan irraas sagaleen jeequmsa guddaa ni dhagaʼama.

11 Isin jiraattonni Maaktesh* booʼaa,

Sababiin isaas, daldaltoonni hundi balleeffamaniiru;*

Warri meetii madaalan hundi balleeffamaniiru.

12 Yeroo sanatti ani Yerusaalemiin ibsaatti fayyadamee of eeggannoodhaan nan sakattaʼa,

Warri dantaa hin qabne,* warri garaa isaaniitti,

‘Yihowaan gaariis taʼe hamaa hin godhu’ jedhan akka itti gaafataman nan godha.+

13 Qabeenyi isaanii ni saamama, manneen isaaniis ni balleeffamu.+

Isaan manneen ni ijaarratu, garuu keessa hin jiraatan;

Mukeetii wayinii ni dhaabu, garuu daadhii wayinii hin dhugan.+

14 Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaateera!+

Inni dhihoo dha, saffisa guddaadhaan dhihaachaa* jira!+

Sagaleen guyyaa Yihowaa sodaachisaa dha.+

Yeroo sanatti loltuun ni iyya.+

15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,+

Guyyaa dhiphinaa fi guyyaa yaaddoo,+

Guyyaa obomboleettii fi guyyaa badiisaa,

Guyyaa dukkanaa fi guyyaa dimimmisaa,+

Guyyaa duumessaa fi guyyaa dukkana cimaa ti.+

16 Guyyaa magaalota dallaa dhagaa qabanii fi masaraawwan dhedheeroo golee irra jiran irratti+

Sagaleen xurumbaa* fi iyyi waraanaa itti dhagaʼamu+ dha.

17 Ani namoonni akka dhiphatan nan godha,

Isaanis akka namoota ijji isaanii jaameetti ni deemu,+

Sababiin isaas, isaan cubbuu kan hojjetan Yihowaa irratti dha.+

Dhiigni isaanii akkuma biyyootti,

Marʼimaan* isaaniis akkuma faandootti ni dhangalaʼa.+

18 Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu;+

Guutummaan lafaa ibidda hinaaffaa isaatiin ni gubatti,+

Inni jiraattota lafaa hundumaa irratti badiisa, eeyyee, badiisa suukanneessaa taʼe ni fida.”+

2 Yaa saba qaanii hin beekne nana,+

Walitti qabamaa, eeyyee, walitti qabamaa.+

 2 Labsichi hojii irra ooluu isaa dura,

Guyyichi akka galabaatti darbuu isaa dura,

Dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu isin irratti dhufuu isaa dura,+

Guyyaan dheekkamsa Yihowaa isin irratti dhufuu isaa dura,

 3 Isin garraamonni* lafa irraa hundi,

Isin warri labsiiwwan* isaa warra qajeeloo eegdan, Yihowaa barbaaddadhaa.+

Qajeelummaa barbaaddadhaa, garraamummaas* barbaaddadhaa.

Tarii guyyaa dheekkamsa Yihowaatti ni golgamtu taʼa.+

 4 Sababiin isaas, Gaazaan magaalaa dhiifamte ni taati;

Ashqaloon ni onti.+

Jiraattonni Ashdood guyyaa saafaa oofamanii fudhatamu,

Eqroon ni buqqifamti.+

 5 “Saba Kereetotaa warra galaana qarqara jiraataniif wayyoo!+

Yihowaan isin balaaleffateera.

Biyya Filisxeemotaa kan taate yaa Kanaʼaan ani sin balleessa,

Kanaafuu, jiraattota kee keessaa tokko illee hin hafu.

 6 Qarqarri galaanaa sunis iddoo dheedichaa ni taʼa,

Tiksitootaaf boolla bishaanii, hoolotaafis goorannoo dhagaa ni qabaata.

 7 Inni naannoo warri mana Yihudaa keessaa hafan keessa jiraatan ni taʼa;+

Isaan achitti ni sooratu.

Manneen Ashqaloon keessa galgala ni ciisu.

Sababiin isaas, Waaqni isaanii Yihowaan xiyyeeffannaa isaa gara isaaniitti ni deebisa,*

Warra isaan keessaa boojiʼamanis isaaniif ni deebisa.”+

 8 “Ani arrabsoo Moʼaabii+ fi Amoonota+

Warra saba koo arrabsanii fi lafa isaanii fudhachuuf of tuulummaadhaan isaan doorsisanii dhagaʼeera.”+

 9 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,

Moʼaab akka Sodoom,+

Amoonis akka Gomoraa ni taʼu,+

Iddoo doobbiin itti biqiluu fi boolla soogiddaa ni taʼu, yeroo hundumaatiifis ona ni taʼu.+

Warri uummata koo keessaa hafan isaan ni saamu,

Warri saba koo keessaa hafan isaan ni dhaalu.

10 Of tuulummaa isaaniitiin kan kaʼe kun isaan irra ni gaʼa,+

Isaan saba Yihowaa Gooftaa raayyaa arrabsaniiru, isaan irratti ol of qabaniiru.

11 Yihowaan sodaachisaa isaanitti ni taʼa;

Sababiin isaas, inni waaqolii lafa irraa hundumaa ni balleessa,*

Odolawwan sabootaa hundis

Tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii irraa isaaf ni sagadu.*+

12 Isin warri Itoophiyaas goraadee kootiin ni ajjeefamtu.+

13 Inni harka isaa kallattii kaabaatti diriirsee Asooriin ni balleessa,

Nanawwees ni gogsa,+ akkuma lafa onaas ni godha.

14 Tuutni bineensotaa, jechuunis bineensonni akaakuu hundumaa* ishii keessa ni ciciisu.

Allaattiin bishaanii fi dhaddeen utubaawwan ishii warra jigan gidduu ni bulu.

Sagaleen faarfannaa karaa foddaa ni dhagaʼama.

Inni maqaaniiwwan muka gaattiraa waan saaxiluuf,

Gubanii balbalaa biratti badiisni ni gaʼa.

15 Kun magaalaa of tuultuu tasgabbiidhaan taaʼaa jirtu,

Ishii garaa ishiitti, ‘Ana malee kan biraan hin jiru’ jettu sana dha.

Ishiin wanta nama sodaachisu,

Iddoo bineensonni bosonaa ciciisanis taateetti!

Namni ishii biraan darbu hundi ishiitti ni siiqsa, harka isaa aboottatees ishii irratti ni raasa.”+

3 Magaalaa finciltuu, faalamtuu fi cunqursituu taateef wayyoo!+

 2 Ishiin dhagaʼuu hin barbaanne;+ gorsas hin fudhanne.+

Yihowaatti hin amanamne;+ gara Waaqa ishiitti hin dhihaanne.+

 3 Bulchitoonni ishii warri ishii gidduu jiran leencota baroodani dha.+

Abbootiin murtii ishii yeeyyii halkanii ti;

Isaan lafee tokko illee ganamaaf hin hambifatan.

 4 Raajonni ishii addaggee fi gantoota dha.+

Luboonni ishii wanta qulqulluu taʼe ni xureessu;+

Isaan seericha ni cabsu.+

 5 Yihowaan magaalattii gidduutti qajeelaa dha;+ inni dogoggora hin raawwatu.

Inni akkuma ifni barii yeroo hundumaa baʼutti,

Murtiiwwan isaa yeroo hundumaa ganama ganama ni beeksisa.+

Namni jalʼaan garuu qaanii hin beeku.+

 6 “Ani saboota balleesseera; masaraawwan isaanii warri golee irra jiran ona taʼaniiru.

Ani eenyu iyyuu akka achiin hin darbineef daandiiwwan isaanii balleesseera.

Magaalonni isaanii onaniiru, namni tokko illee achi keessa hin jiru.+

 7 Ani wantoota kana hundumaatiif akka itti gaafatamtu akkan hin gooneef,*+

Iddoon jireenyaa ishiis akka hin balleeffamneef,+

Magaalattiidhaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta, gorsas* ni fudhatta’ nan jedhe.

Ishiin garuu caalaatti hammina raawwachuuf hawwite.+

 8 Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, hamma guyyaa ani saamichaaf* kaʼuutti,+

Na eeggachuu* keessan itti fufaa,

Sababiin isaas, dheekkamsa koo fi aarii koo isa bobaʼu hundumaa isaan irratti dhangalaasuuf,+

Saboota walitti qabuuf, mootummootas sassaabuuf murtii dabarseera;

Guutummaan lafaa ibidda hinaaffaa kootiin ni gubatti.+

 9 Hundi isaanii harka wal qabatanii akka isa tajaajilaniif,*+

Maqaa Yihowaas akka waammataniif,

Yeroo sanatti qooqa sabootaa qooqa qulqulluu tokkotti nan jijjiira.’

10 Warri na kadhatan, jechuunis sabni koo warri faffacaʼan,

Naannoo lageen Itoophiyaa irraa kennaa naaf ni fidu.+

11 Guyyaa sanatti gochawwan kee warra ittiin na irratti fincilte sanaan kan kaʼe

Ati hin qaaneffamtu,+

Sababiin isaas, ani yeroo sanatti warra of tuulan si gidduudhaa nan balleessa,

Atis kana booda gaara koo isa qulqulluu irratti matumaa of hin tuultu.+

12 Namoonni gad of qabanii fi garraamii taʼan si gidduutti akka hafan nan heyyama,+

Isaanis maqaa Yihowaatti kooluu ni galu.

13 Warri Israaʼel keessaa hafan+ jalʼina hin raawwatan;+

Isaan soba hin dubbatan yookiin arraba isaaniitiin namoota hin gowwoomsan;

Isaan ni nyaatu,* ni ciisu, kan isaan sodaachisus hin jiru.”+

14 Yaa intala Xiyoon, gammachuudhaan iyyi!

Yaa Israaʼel, injifannoodhaan iyyi!+

Yaa intala Yerusaalem, garaa kee guutuudhaan gammadi, ililchis!+

15 Yihowaan murtii si irratti dabarfame kaaseera.+

Diina kee si irraa deebiseera.+

Yihowaan Mootiin Israaʼel si gidduu jira.+

Ati kana booda badiisa hin sodaattu.+

16 Guyyaa sanatti Yerusaalem akkana jedhamti:

“Yaa Xiyoon, hin sodaatin.+

Harki kee akka laafus hin godhin.

17 Waaqni kee Yihowaan si gidduu jira.+

Inni isa jabaa waan taʼeef, si fayyisa.

Inni baayʼee sitti gammada.+

Jaalala siif qabuun kan kaʼe ni callisa.*

Inni sitti gammaduu isaa ililchuudhaan ni argisiisa.

18 Ani warra ayyaanota kee irraa hafuu isaaniitiin kan kaʼe gaddan walitti nan qaba;+

Isaan gara kee utuu hin dhufin kan hafan ishiidhaaf jedhanii arrabsoo waan baataniifi.+

19 Kunoo, ani yeroo sanatti warra si cunqursan hundumaa irratti tarkaanfii nan fudhadha;+

Isa okkolu nan oolcha,+

Warra bittinnaaʼanis walitti nan qaba.+

Biyya itti qaaneffaman hundumaa keessatti

Akka jajamanii fi beekamtii* akka argatan nan godha.

20 Ani yeroo sanatti deebisee isin nan fida,

Eeyyee, yeroo sanatti walitti isin nan qaba.

Ani yommuun warra isin keessaa boojiʼaman ijuma keessan duratti deebisee walitti qabutti,+

Saboota lafa irraa hundumaa gidduutti beekamtii* akka argattanii fi akka jajamtan nan godha”+ jedha Yihowaan.

“Yihowaan ni Dhoksa (Iddoo Guddaa ni Kenna)” jechuu dha.

Miʼawwan ykn gochawwan waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatan taʼuu hin oolan.

Ykn., “faana.”

Ykn., “oobdii.” Waltajjii teessoo mootichaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Kutaa Yerusaalem isa Karra Qurxummii bira jiru taʼuu hin oolu.

Kal., “callisiifamaniiru.”

Kal., “Warri siicoo isaanii irratti ititan,” akkuma waan miʼa wayinii keessa jiraniitti.

Ykn., “akka malee jarjaraa.”

Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Ykn., “Foon.”

Ykn., “gad of qaboon.”

Kal., “murtiiwwan.”

Ykn., “gad of qabuus.”

Ykn., “isaaniif ni yaada.”

Ykn., “ni huqqisa.”

Ykn., “isa ni waaqeffatu.”

Kal., “bineensonni sabootaa hundi.”

Ykn., “akkan ishii hin adabneef.”

Ykn., “sirreeffamas.”

Ykn tarii, “ragaa baatuu taʼee.”

Ykn., “Obsaan na eeggachuu.”

Ykn., “tokkummaadhaan isa waaqeffataniif.”

Ykn., “ni dheedu.”

Ykn., “ni tasgabbaaʼa; ni gammada.”

Kal., “maqaa.”

Kal., “maqaa.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi