Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Caamsaa 2020
CAAMSAA 4-10
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 36-37
“Hinaaffaa Sirrii hin Taaneen kan Kaʼe Yoseef Irra Miidhaan Gaʼeera”
(Uumama 37:3, 4 dubbisi.)
w14-AM 8/1 12-13
“Abjuu Ani Abjuʼadhe Kana Dhaggeeffadhaa!”
Kitaabni Qulqulluun, “Obboloonni isaa garuu akka abbaan isaanii obboloota isaa hundumaa caalaatti isa jaallate yommuu argan isa in jibban; nagaas isatti dubbachuu hin dandeenye” jechuudhaan deebii isaa nuuf kenna. (Uumama 37:4) Maaliif akka hinaafan hubachuun salphaadha; haa taʼu malee, miira akka summii taʼe kanaan moʼamuun isaanii gowwummaa guddaa ture. (Fakkeenya 14:30; 27:4) Xiyyeeffannaa ykn kabaja argachuu barbaaddan namni kan biraa argachuu isaatiin kan kaʼe hinaaffaan isinitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan obboloota Yoseef yaadadhaa. Hinaaffaan isaanitti dhagaʼame gocha yeroo booda baayʼee itti gaabban akka raawwatan isaan godheera. Fakkeenyi isaanii buʼaa ‘warra gammadanii wajjin gammaduun’ qabu Kiristiyaanota yaadachiisa.—Roomaa 12:15.
Yoseef obboloonni isaa akka isa jibban kan hubate fakkaata. Maarree yeroo obboloonni isaa isa bira jiranitti uffata isaa isa bareedaa taʼe dhoksuuf yaalii godhee ture laata? Tarii akkas gochuuf qoramee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yaaqoob uffata kana kan isaaf kenne iddoo guddaa akka isaaf kennuu fi baayʼee akka isa jaallatu argisiisuuf akka taʼe yaadadhaa. Yoseef abbaan isaa inni isatti amanamu akka isatti gaddu waan hin barbaanneef uffata kana yeroo baayʼee uffata ture. Fakkeenyi isaa barumsa barbaachisaa taʼe tokko nu barsiisa. Abbaan keenya inni samii Waaqa matumaa namoota wal hin caalchisne taʼus, yeroo tokko tokko garuu tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif kabaja addaa kenna. Kana malees, tajaajiltoonni isaa addunyaa mancaʼaa fi addaggee taʼe kana irraa akka fagaatan barbaada. Akkuma uffata addaa Yoseef, amalli addaa Kiristiyaanonni dhugaan qabanis namoota naannoo isaanii jiran irraa adda taʼanii akka mulʼatan isaan godha. Kun immoo yeroo tokko tokko namoonni akka isaanitti hinaafanii fi akka isaan jibban godha. (1 Pheexiros 4:4) Maarree, Kiristiyaanni tokko tajaajilaa Waaqayyoo taʼuu isaa dhoksuu qabaa? Yoseef sodaadhaan uffata isaa akkuma hin dhoksine Kiristiyaanni tokkos matumaa eenyummaa isaa dhoksuu hin qabu.—Luqaas 11:33.
(Uumama 37:5-9 dubbisi.)
(Uumama 37:11 dubbisi.)
w14-AM 8/1 13 key. 2-4
“Abjuu Ani Abjuʼadhe Kana Dhaggeeffadhaa!”
Abjuuwwan kana kan isatti argisiise Yihowaa dha. Abjuuwwan kun raajii kan of keessatti qabatan yeroo taʼu, Waaqayyo Yoseef ergaa kana warra kaanitti akka himu barbaadeera. Wanti Yoseef gochuuf jedhu, wanta raajonni isa booda turan yeroo ergaa fi murtoo Waaqayyoo namoota mata jabeeyyii taʼanitti himanitti godhan wajjin walfakkaata jechuu dandeenya.
Yoseef malaan obboloota isaatiin akkana jedhe: “Abjuu ani abjuʼadhe kana dhaggeeffadhaa!” Obboloonni Yoseef abjuu inni arge kan hubatan taʼus, abjuu isaa hin jaallanne. Akkana jedhanii deebisaniif: “Ati dhuguma mootii nu irratti taataa? Yookiis dhuguma aboo nu irratti qabaattaa?” Seenichi itti fufuudhaan, “akkasitti waa’ee abjuu isaatiif, waa’ee dubbii isaatiifis ittuma caalchisanii isa in jibban” jedha. Yoseef abjuu isaa isa lammaffaa abbaa isaattii fi obboloota isaatti yommuu himu deebiin isaaf kennan isa duraa irraa hin jijjiiramne. Caqasichi akkana jedha: “Abbaan isaa isa ifatee, ‘Abjuun ati abjuʼatte kun maali? Dhuguma anii fi haati kee obboloonni kees dhufnee hamma lafa geenyutti siif gugguufuuf [sagaduuf] jirra moo?’ jedhe.” Haa taʼu malee, Yaaqoob dhimma kana irratti irra deddeebiʼee ni xiinxala ture. Yihowaan mucaa kanatti fayyadamee ergaan dabarsuu barbaade jiraa laata?—Uumama 37:6, 8, 10, 11.
Yoseef, tajaajiltoota Waaqayyoo raajii warra kaan hin gammachiisnee fi ariʼatama isaan irraan geessisuu dandaʼu akka dubbatan gaafataman keessaa isa jalqabaas taʼe isa dhumaa hin turre. Namoota akkasii keessaa inni guddichi Yesuus ture: Yesuus duuka buutota isaatiin akkana jedheera: “Isaan ana ariʼataniiru yoo taʼe, isiniinis ni ariʼatu.” (Yohaannis 15:20) Kiristiyaanonni umurii kam irratti iyyuu argaman amantii fi ija jabina Yoseef argisiise irraa wanta hedduu barachuu dandaʼu.
(Uumama 37:23, 24 dubbisi.)
(Uumama 37:28 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 36:1 dubbisi.)
it-1-E 678
Edoom
(Edoom) [Diimaa], Edoomota
Edoom maqaa lammaffaa ykn maqaa kan biraa Esaawu isa lakkuu Yaaqoob taʼeef kenname dha. (Uma 36:1) Mirga angafummaa isaa ittoo diimaadhaan waan gurgureef maqaan kun isaaf kennamuun isaa sirrii dha. (Uma 25:30-34) Esaawu yeroo dhalatu bifa diimaa taʼe qaba ture (Uma 25:25), akkasumas lafti fi dhagaawwan sanyiiwwan isaa yeroo booda irra jiraatanis diimaa ture.
(Uumama 37:29-32 dubbisi.)
it-1-E 561-562
Imaanaa
Tikseen tokko tuuta hoolaa ykn horiiwwan tiksuuf yommuu fudhatu wanta horiiwwan sana irra gaʼuuf itti gaafatamummaa fudhata. Tikseen sun horiiwwan sana nyaachisuu fi obaasuuf qofa utuu hin taʼin, yoo hataman gatii isaanii kaffaluuf abbaa horiiwwan sana wajjin waliigala. Haa taʼu malee, itti gaafatamummaan isaa kun wanta humna ykn toʼannaa isaatii ol taʼe gochuu hin dabalatu; fakkeenyaaf, bineensi bosonaa horiiwwan sana irra yoo miidhaa geessise gocha kanaaf itti gaafatamaa hin taʼu. Itti gaafatamummaa sana irraa bilisa kan taʼu garuu ragaa qabatamaa tokko yoo fide dha; fakkeenyaaf abbaa horiiwwan sanaatiif reeffa beelada nyaatame sanaa fidee argisiisuu qaba. Abbaan horii sanaa ragaawwan akkasii arguun isaa, tikseen sun balleessaa akka hin qabne akka amanuu fi bilisaan akka gad isa dhiisu isa godha.
Haalli akkasii kun qabeenya imaanaadhaan kennamuu fi walitti dhufeenya maatii keessattis hojii irra ooluu dandaʼa: fakkeenyaaf, ilmi angafaa obbolaawwan isaa warra quxusuu isaa taʼan eeguuf itti gaafatamummaa akka qabutti ilaalama ture. Kanaan kan kaʼes Ruuben inni angafa obboloota isaa taʼe obboloonni isaa akkuma Uumama 37:18-30 irratti ibsame Yoseefiin ajjeesuuf yommuu mariʼatanitti kan yaaddaʼee ture maaliif akka taʼe hubachuun nutti hin ulfaatu. Caqasichi akkana jedha: “Ruuben garuu kana yommuu dhaga’e, ‘Kottaa lubbuu isaa hin balleessinuu!’ . . . ‘Dhiiga hin dhangalaasinaa, . . . harka keessan itti hin buusinaa!’ isaaniin jedhe; inni harka isaanii isa oolchee, abbaa isaatiif isa deebisuudhaaf ture.” Ruuben Yoseef akka hin jirre yommuu argu baayʼee waan dhiphateef ‘na’ee uffata isaa tarsaase,’ akkasumas “Gurbichi hin jiru, egaa ani immoo eessa dhaqu ree?” jechuudhaan dubbateera. Ruuben miidhaa Yoseef irra gaʼeef itti gaafatamuu akka dandaʼu beeka ture. Itti gaafatamummaa kana irraa bilisa baʼuuf, obbolaawwan kun Yoseef bineensa bosonaatiin akka nyaatame godhanii ragaa dhiheessuuf haxxummaadhaan mala tokko qopheessan. Reʼee tokko qalanii uffata Yoseef dhiiga reʼee sana keessa cuuphan. Achiis uffata sana abbaa isaanii Yaaqoob isa nama amantii turetti argisiisan; Yaaqoobis uffata dhiigaan cuuphame sana yommuu argu Yoseef bineensa hamaatiin nyaatameera jedhee waan yaadeef, Ruuben itti gaafatamuu irraa bilisa taʼeera.—Uma 37:31-33.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 36:1-19 dubbisi.)
CAAMSAA 11-17
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 38-39
“Yihowaan Matumaa Yoseefiin hin Dhiisne”
(Uumama 39:1 dubbisi.)
“Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
“Yoseef gara biyya Gibxiitti gad in geeffame; hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota keessaa Phoxiifaar ajajjuun eegdotaa, namni biyya Gibxii sun, warra Ishmaaʼel warra gara Gibxiitti isa fidan irraa isa in bitate.” (Uumama 39:1) Yaadni Macaafa Qulqulluu kun, dargaggeessi kun yeroo lammaffaatiif ennaa gurguramu qaaniin akkamii akka isatti dhagaʼame tilmaamuuf nu gargaara. Akka miʼaatti ilaalamee ture! Yoseef daandii magaalaa sochiinii fi manni daldalaa itti baayʼatu gidduu qaxxaamuree, gooftaa isaa isa haaraa ajajjuu eegdotaa taʼe duuba deemaa gara mana isaa isa haaraatti yeroo geeffamu yaadaan ilaaluu dandeenya.
Manni kun mana Yoseef kanaan dura beeku irraa baayʼee adda dha. Yoseef maatii horsiisee bulaa dunkaana keessa jiraatuu fi hoolota isaa dheechisuuf yeroo baayʼee iddoodhaa gara iddootti sochoʼu keessatti guddate. Asitti garuu, sooreyyiin Gibxii kan akka Phoxiifaar, manneen babbareedoo halluu garaa garaa dibaman keessa jiraatu. Akka qorattoonni hambaalee seenaa gabaasanitti, Gibxoonni durii, iddoo dhaabaa lalisaa mukeetii gaaddisa taʼan, akkasumas kuusa bishaanii biqiltuuwwan akka paappiirasii, biqiltuu ija isaa yeroo nyaatan nama gammachiisa jedhamee yaadamuu fi biqiltoota bishaan keessaa kan biroo itti biqilchanii fi dallaan itti ijaarame qabu turan. Manneen tokko tokko iddoo dhaabaa keessa kan jiran siʼa taʼu, barandaa aara itti galfatan, foddaawwan qilleensa akka gaariitti galchan, kutaa nyaanni keessatti nyaatamuu fi kutaa hojjettootaa dabalatee kutaa hedduu qabu turan.
(Uumama 39:12-14 dubbisi.)
(Uumama 39:20 dubbisi.)
“Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
Yeroo sanatti manneen hidhaa warra Gibxii kan akkamii akka turan baayʼee hin beeknu. Qorattoonni hambaalee seenaa jijjigaa manneen akkasii kan argatan siʼa taʼu, kutaawwan akka daʼootti ijaaramanii fi mana hidhaa lafa jalaa argataniiru. Yeroo booda Yoseef waaʼee iddoo itti hidhame sanaa yeroo ibsu, “mana boollaa” akka taʼe kan dubbate siʼa taʼu, kunis iddoon isaa ifa akka hin qabnee fi abdii kan nama kutachiisu akka taʼe argisiisa. (Uumama 40:15) Macaafni Faarfannaa waaʼee Yoseef, “Miilla isaa funyoo sibiilaatiin miidhaniiru, [mormi isaas, NW] hidhaa sibiilaatti gale” jechuudhaan, rakkinni dabalataa isa irra gaʼee akka ture dubbata. (Faarfannaa 105:17, 18) Warri Gibxii yeroo tokko tokko ciqilee yakkamtootaa sibiilaan gara duubaatti walitti hidhu turan; yakkamtoonni kaan immoo morma isaanii irratti hidhaa sibiilaa baatu turan. Yoseef balleessaa tokko illee utuu hin qabaatin jalʼinni akkasii isa irratti raawwatamuun isaa baayʼee isa dhiphisee taʼuu qaba!
Kan hidhame immoo yeroo gabaabaadhaaf hin turre. Seenaan isaa, “Innis mana hidhaa sana keessa ture” jedha. Waggoota muraasaaf iddoo rakkisaa sana tureera! Kana malees Yoseef, kan hiikamu taʼuu fi dhiisuu isaa hin beeku ture. Guyyoonni rakkisaa taʼan sun torbaniin, achii immoo jiʼaan kan lakkaaʼaman yeroo taʼan, abdii kan hin kutanne maaliifi?
Seenaan isaa, “Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti argisiise” jechuudhaan deebii isaa nuu kenna. (Uumama 39:21) Keenyan mana hidhaa, sibiilli ykn manni hidhaa lafa jalaa ifa hin qabne, jaalala Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu ittisuu hin dandaʼu. (Roomaa 8: 38, 39) Yoseef wanta isa dhiphisu Abbaa isaa isa samiitti kadhannaadhaan himaa akka turee fi nagaa fi tasgabbii “Waaqa jajjabina hundumaa” biraa qofa argamu akka argate yaaduun keenya sirrii dha. (2 Qorontos 1:3, 4; Filiphisiiyus 4:6, 7) Wanti Yihowaan Yoseefiif godhe kan biraan maali dha? Macaafni Qulqulluun akka dubbatutti, Yihowaan “namichi mana hidhaa eegus faara akka inni itti tolu in godheef.”
(Uumama 39:21-23 dubbisi.)
“Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
Seenaan isaa, “Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti argisiise” jechuudhaan deebii isaa nuu kenna. (Uumama 39:21) Keenyan mana hidhaa, sibiilli ykn manni hidhaa lafa jalaa ifa hin qabne, jaalala Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu ittisuu hin dandaʼu. (Roomaa 8:38, 39) Yoseef wanta isa dhiphisu Abbaa isaa isa samiitti kadhannaadhaan himaa akka turee fi nagaa fi tasgabbii “Waaqa jajjabina hundumaa” biraa qofa argamu akka argate yaaduun keenya sirrii dha. (2 Qorontos 1:3, 4; Filiphisiiyus 4:6, 7) Wanti Yihowaan Yoseefiif godhe kan biraan maali dha? Macaafni Qulqulluun akka dubbatutti, Yihowaan “namichi mana hidhaa eegus faara akka inni itti tolu in godheef.”
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 38:9, 10 dubbisi.)
it-2-E 555
Onaan
(Onaan) [hundee hiika maqaa “humna firii godhachuu dandaʼuu; humna addaa” jedhu irraa argame]
Ilma lammaffaa Shuwaan Yihudaadhaaf deesse dha. (Uma 38:2-4; 1Se 2:3) Eer inni obboleessa angafaa Onaan taʼee fi inni ijoollee utuu hin godhatin hafe dogoggora hojjechuu isaatiin kan kaʼe Yihowaan akka ajjeefamu godhee ture; yeroo kanatti Yihudaan, Onaan Taamaar ishii haadha manaa obboleessa isaa taatee fi abbaan manaa ishii jalaa duʼe akka fudhu isatti hime. Onaanii fi Taamaar yoo mucaa dhiiraa godhatan mucaan kun nama maatii Onaan hundeessu hin taʼu; akkasumas mucaan kun dhaala ilmi angafaa Eer argachuu qabu hunda dhaala; yoo mucaa godhachuu baatan garuu dhaala obboleessa isaa hunda kan fudhatu Onaan taʼa. Yommuu Onaanii fi Taamaar saalqunnamtii raawwatanitti Onaan “isa sanyii ta’u sana lafatti naqee in balleessa ture.” Gochi kun qaama saalaa susukkuumuudhaan gammaduu akka taʼetti hin ilaalamu: sababiin isaas seenaan isaa Onaan sanyii isaa lafatti kan dhangalaasu, ‘yeroo haadha manaa obboleessa isaa bira ga’utti [yeroo ishii wajjin saalqunnamtii raawwatutti]’ akka taʼe dubbata. Taʼe jedhee dhangalaʼaa sanyii isaa kutaa qaama hormaataa ishii keessatti dhangalaasuu irraa akka of qusate haala isaa irraa hubachuu dandeenya. Onaan abbaa isaatiif waan hin ajajamneef, ofittoo waan taʼee fi qophii gaaʼelaa Yihowaan qopheesse irratti cubbuu waan raawwateef, Yihowaan innis utuu mucaa hin godhatin akka ajjeefamu godheera.—Uma 38:6-10; 46:12; Lak 26:19.
(Uumama 38:15-18 dubbisi.)
w04-AM 1/15 30 key. 4-5
Gaaffii Dubbistootaa
Yihudaan akkuma waadaa galetti Taamaar haadha manaa Sheelaa akka taatu gochuu dhiisuun isaa dogoggora ture. Akkasumas dubartii sagaagaltuu isatti fakkaatte wajjin saalqunnamtii raawwateera. Kun immoo qophii Waaqayyo saalqunnamtiin namoota hiriyoota gaaʼelaa taʼan gidduutti qofa akka raawwatamuuf qopheesse wajjin kan wal faalleessu ture. (Uumama 2:24) Dhugaa isaa dubbachuuf Yihudaan saalqunnamtii kan raawwate dubartii sagaagaltuu taate wajjin hin turre. Kanaa mannaa, utuu hin beekin iddoo ilma isaa Sheelaa isa haadha manaa obboleessa isaa fuudhee dhala godhachuu qabu fudhateera; kanaan kan kaʼes ilmi dhalate sun dhaaltuu seera qabeessa taʼeera.
Wanti Taamaar raawwattes halalummaa ture jechuu hin dandeenyu. Ilmaan lakkuu deesses ijoollee ejjaan argaman akka taʼanitti hin ilaalamne. Boʼaz inni Beeteliheem keessa jiraachaa ture sanyii fira isaa itti fufsiisuuf Ruut ishii dubartii biyya Moʼaab taate haadha manaa isaa yeroo godhatetti jaarsoliin Beeteliheem akkana isaan jedhaniiru: “Qeʼeen kees ijoollee warra Waaqayyo dubartii kana irraa siif kennu kanaan akka qeʼee Faares isa Taamaar Yihudaadhaaf deessee haa taʼu!” (Ruut 4:12) Kana malees, Faares hidda dhalootaa Yesuus Kiristoos keessatti maqaan isaa caqasameera.—Maatewos 1:1-3; Luqaas 3:23-33.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 38:1-19 dubbisi.)
CAAMSAA 18-24
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 40-41
“Yihowaan Yoseefiin Oolcheera”
(Uumama 41:9-13 dubbisi.)
w15-AM 2/1 14 key. 4-5
“Abjuu Waaqayyotu Hiika”
Eegduun warra dhugaatii dhiheessanii sun Yoseefiin irraanfatus Yihowaan garuu matuma isa hin irraanfanne. Gaaf tokko halkan Yihowaan Faraʼoon abjuuwwan irraanfachuu hin dandeenya lama akka argu godhe. Abjuu isaa isa jalqabaa irratti saawwan bifti isaanii bareeduu fi gagabbatoo taʼan torba qarqara laga Abbayyaa dura dhaabbatanii arge; isaan boodaan immoo saawwan fokkisoo fi huqqatoo taʼan torba ni dhufan. Saawwan huqqatoo taʼan sun saawwan gagabbatoo taʼan sana ni liqimsan. Sana booda immoo abjuu isaa isa lammaffaa arge, abjuu kana irratti jalqaba mataawwan midhaanii guutuu fi filatamoo taʼan torba agadaa tokko irratti yommuu baʼan arge. Sana booda immoo mataawwan midhaanii qaqalloo taʼanii fi bubbeedhaan waxalaman torba baʼanii mataawwan midhaanii filatamoo taʼan sana yommuu liqimsan arge. Ganama yommuu hirribaa dammaqu abjuuwwan argeen kan kaʼe baayʼee jeeqame; kanaaf abjuu isaa akka hiikaniif namoota ogeeyyii jedhamanii fi luboota falfala raawwatan hundumaa in waamsise. Haa taʼu malee, abjuuwwan isaa isaaf hiikuu hin dandeenye. (Uumama 41:1-8) Namoonni kun abjuuwwan kana hiikuu kan hin dandeenye dubbachuu dadhabanii haa taʼu ykn wanti dubbatan kan wal faalleessu taʼee haa taʼu wanti beeknu hin jiru. Sanas taʼe kana, Faraʼoon hiika abjuu isaa waan hin arganneef baayʼee gadde; kanaan kaʼes isa duraanii caalaa hiika abjuuwwan kanaa beekuuf hawwe.
Dhuma irrattis eegduun warra dhugaatii dhiheessanii sun Yoseefiin yaadate. Kanaan kan kaʼes sammuun isaa isa ceephaʼe; akkasumas waggaa lama dura yeroo mana hidhaa keessa turetti dargaggeessi abjuu isaa fi abjuu eegduu warra buddeena dhiheessanii akka gaariitti isaaniif hiike mana hidhaa akka jiru Faraʼoonitti hime. Faraʼoonis Yoseef dafee mana hidhaatii gara isaa akka dhufu isa waamsise.—Uumama 41:9-13.
(Uumama 41:16 dubbisi.)
(Uumama 41:29-32 dubbisi.)
w15-AM 2/1 14-15
“Abjuu Waaqayyotu Hiika”
Yihowaan namoota gad of qaboo taʼanii fi amanamoo taʼan ni jaallata; kanaaf hiikkaa abjuu namoonni ogeeyyii jedhamanii fi luboota falfala raawwatan jalaa dhokate Yoseef beekuun isaa nama hin dinqisiisu. Yoseef abjuuwwan Faraʼoon arge lamaan hiika walfakkaatu akka qaban dubbate. Abjuuwwan kun lama taʼuun isaanii Yihowaan dhimmicha ilaalchisee ‘murtoo cimaa akka dabarsee’(NW) fi taʼuun isaa kan hin oolle akka taʼe argisiisa. Saawwan gagabbatoo torbanii fi mataawwan midhaanii guutuu taʼan torba waggoota Gibxii keessatti midhaan irraa hafaan itti argamu torba argisiisu; saawwan huqqatoo taʼan torbaa fi mataawwan midhaanii qaqalloo taʼan torba, waggoota beelaa torba waggoota qufaa torba sana booddeedhaan dhufan argisiisu. Achiis Yoseef beelichis biyyichatti akka cimu dubbate.—Uumama 41:25-32.
(Uumama 41:38-40 dubbisi.)
w15-AM 2/1 15 key. 3
“Abjuu Waaqayyotu Hiika”
Faraʼoon nama wanta dubbate raawwatu ture. Yoseef uffata quncee talbaa baʼeessa irraa hojjetame in uffate. Kana malees Faraʼoon, Yoseefiif amartii warqii mormaa, qubeellaa isaa fi konkolaataa fardeenii mana mootummaa isaaf kenne; akkasumas biyyicha keessa iddoo hunda nanaannaʼee karoora isaa akka raawwatu aangoo guddaa kenneef. (Uumama 41:42-44) Yoseef guyyaadhuma tokkotti mana hidhaatii gara mana mootummaa gale. Yoseef inni ganama hidhamaa ture galgala sanatti nama Faraʼoonitti aanee bulchu taʼeera. Dhuguma iyyuu Yoseef Yihowaatti amanamuun isaa baayʼee sirrii ture! Yihowaan rakkina waggoota kana hundaaf tajaajilaa isaa irra gaʼe hunda argeera. Akkasumas yeroo sirrii taʼettii fi karaa sirrii taʼeen rakkoowwan isaa akka furaman godheera. Yihowaan akkas kan godhe rakkina isa irra gaʼaa ture irraa Yoseefiin oolchuuf jedhee qofa hin turre; saba Israaʼel isa gara fuulduraatti hundeeffamu eeguufis jedhee kana godheera. Kun kan taʼe akkamitti akka taʼe gara fuulduraatti mata duree kutaa kana jalatti baʼu irratti ni ibsama.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 41:14 dubbisi.)
w15-AM 11/1 9 key. 1-3
Kana Beektaa?
Yoseef Faraʼoon duratti dhihaachuu isaa dura rifeensa isaa kan haaddate maaliifi?
Seenaan kitaaba Uumamaa irra jiru akka agarsiisutti, Faraʼoon abjuuwwan bitaa isatti taʼan isa duratti dhihaatee akka isaaf hiiku Yoseef isa Ibricha ture kan waamsise hatattamaan ture. Yeroo kanatti Yoseef erga mana hidhaa galee waggoonni hedduun darbaniiru. Faraʼoon kan isa waamsise hatattamaan taʼus, Yoseef yeroo fudhatee rifeensa isaa haaddateera. (Uumama 39:20-23; 41:1, 14) Namni seenaa kana barreesse wanta hammana barbaachisaa hin taane kana barreessuun isaa aadaa warra Gibxii akka gaariitti akka beeku argisiisa.
Bara duriitti warra Ibrootaa dabalatee saboonni hedduun barsiifata areeda dheereffachuu qabu turan. Kana irraa haala faallaa taʼen, Kitaabni Maakliintookiinii fi Istiroongisiin qophaaʼee fi Cyclopedia of Biblical, Theological, and Ecclesiastical Literature jedhamu, “Namoota bahaa keessaa kan areeda isaanii hin dheereffanne warra Gibxoota turan” jedheera.
Kan haaddatan areeda isaanii qofa turee? Barruun Biblical Archaeology Review jedhamu akka ibsetti, namni tokko mana qulqullummaa seenuu isaa dura wantoota tokko tokko akkuma godhu, Faraʼoon duratti dhihaachuu isaa duras wanta aadaan warra Gibxootaa gaafatu tokko tokko raawwachuu qaba. Kanaan kan kaʼes, Yoseef rifeensa qaama isaa irra jiru hundumaa haaddachuun isa barbaachisa ture.
(Uumama 41:33 dubbisi.)
Tajaajiltoota Waaqayyoo Waan Taaneef Amala Gaarii Argisiisuu
14 Warri bara durii jiraataniifi namoota Waaqayyoo taʼan, mana keessatti ijoolleensaanii barumsawwan buʼuuraa ulfina namaa kennuu wajjin wal qabatan barsiisu turan. Mee Abrahaamiifi ilmisaa Yisihaq karaa ulfina qabuun akkamitti akka wal waaman Uumama 22:7rraa ilaalaa. Yoseefis warrasaarraa leenjii gaarii argatee akka ture ifatti hubachuun ni dandaʼama. Yommuu mana hidhaa turettillee namoota isaa wajjin hidhamanitti karaa ulfina qabuun dubbata ture. (Uma. 40:8, 14) Jechi inni Faraʼoonitti dubbate, nama aboo qabutti karaa sirrii taʼeen akkamitti dubbatamuu akka qabu baratee akka ture argisiisa.—Uma. 41:16, 33, 34.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 40:1-23 dubbisi.)
CAAMSAA 25-31
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 42-43
“Yoseef Akka Of Toʼatu Argisiiseera”
(Uumama 42:5-7 dubbisi.)
“Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
Yoseef hoo isaan bareeraa? Eeyyee, battalumatti isaan bare! Isa duratti yeroo qommaʼanitti, wanta ijoollummaa isaatti taʼee ture tokko yaadate. Macaafni Qulqulluun, Yoseef abjuu isa Yihowaan ijoollummaa isaatti isatti mulʼisee ture akka yaadate dubbata. Abjuun kun gara fuulduraatti obboloonni isaa akka isaaf qoommaʼan kan argisiisu ture. Wanta inni arge sun wanta amma taʼaa jiruu wajjin tokko dha. (Uumama 37:2, 5-9; 42:7, 9) Yoseef maal godha laata? Isaan simataa? Moo ijaa baʼa?
Yoseef miirri akkamii iyyuu yoo isatti dhagaʼame, miiraan kakaʼee tarkaanfii fudhachuu akka hin qabne beeka. Haalli akkasii akka uumamu kan godhe Yihowaa dha. Kaayyoo isaa wajjinis kan wal qabatu dha. Yihowaan sanyii Yaaqoobiin saba guddaa akka taasisu waadaa seenee ture. (Uumama 35:11, 12) Obboloonni Yoseef amma iyyuu amanamoo kan hin taane, hamootaa fi ofittoo yoo taʼan, kaayyoon Yihowaan sanyii Yaaqoobiif qabu balaadhaaf saaxilamuu dandaʼa! Akkasumas miiraan kakaʼee tarkaanfii yoo fudhate, mana abbaa isaa keessatti rakkinni uumamuu dandaʼa; kun immoo abbaa isaa fi Beniyaamiin illee miidhuu dandaʼa. Haa taʼu malee, abbaan isaa fi obboleessi isaa kun lubbuudhaan iyyuu jiruu laata? Yoseef obboloota isaa kana qoree namoota akkamii akka isaan taʼan beekuu akka dandaʼutti, eenyummaa isaa ni dhokse. Wanta Yihowaan akka inni godhu barbaadu beekuu kan dandaʼus karaa kanaan taʼuu dandaʼa.
“Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
Tarii haalli akkasii si mudachuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, lollii fi wal qoqqooduun maatiiwwan yeroo harʼaa jiran keessatti babalʼateera. Haalli akkasii yeroo nu mudatu miiraan kakaanee tarkaanfii fudhachuuf qoramna taʼa. Taʼus, fakkeenya Yoseef hordofuudhaan Waaqayyo dhimmicha akkamitti akka qabnu akka barbaadu hubachuuf yaaluun keenya gaarii dha. (Fakkeenya 14:12) Miseensota maatii keenyaa wajjin nagaa qabaachuun barbaachisaa akkuma taʼe, Yihowaa fi Ilma isaa wajjin nagaa qabaachuun immoo caalaatti barbaachisaa akka taʼe yaadadhu.—Maatewos 10:37.
(Uumama 42:14-17 dubbisi.)
“Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
Yoseef obboloonni isaa namoota akkamii akka taʼan beekuuf, karaa garaa garaatiin isaan qoruu jalqabe. Isaan qoruu kan jalqabe dubbii jabaa isaanitti dubbachuudhaan siʼa taʼu, nama afaan isaaf hiikutti fayyadamee gaaddota ykn basaastota biyya biraatii dhufan akka taʼan dubbate. Isaanis basaastota akka hin taane mirkaneessuuf, waaʼee maatii isaani kan itti himan siʼa taʼu, quxisuun isaanis mana akka jiru dubbachuudhaan wanta inni baayʼee beekuu barbaadu itti himan. Yeroo kanatti Yoseef gammachuu isaa dhoksuuf yaale. Dhuguma obboleessi isaa inni quxisuun lubbuudhaan jiraa? Yoseef itti aansuudhaan maal gochuu akka qabu bareera. Obboleessa isaanii kana arguu akka qabu isaanitti himuudhaan, “Kanaan qoramtanii in ilaalamtu” jedheen. Isaan keessaa namni tokko hidhamee yoo achi ture, obboleessa isaanii isa quxisuu fiduuf manatti akka deebiʼan warra kaaniif akka heyyamu dubbate.—Uumama 42:9-20.
(Uumama 42:21, 22 dubbisi.)
it-2-E 108 key. 4
Yoseef
Kanaan kan kaʼes, obboloonni Yoseef waggoota muraasa dura obboleessa isaanii waan garbummaatti gurguraniif Waaqayyo isaan adabaa akka jiru isaanitti dhagaʼame. Nama obboleessa isaanii akka taʼe adda hin baafanne kana duratti waaʼee balleessaa isaanii waliin dubbachuu jalqaban. Yoseefis wanta hojjetanitti baayʼee akka gaabban yommuu dhagaʼu, miirri isaa baayʼee waan tuqameef isaan biraa baʼee booʼuu jalqabe. Achiis yommuu deebiʼu, obboleessa isaanii isa quxisuu fidanii hamma deebiʼanitti Simiʼoon akka hidhamee turu isaanitti hime.—Uma 42:21-24.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Uumama 42:22 dubbisi.)
(Uumama 42:37 dubbisi.)
it-2-E 795
Ruuben
Ruuben amaloota gaggaarii akka qabu wantoota inni godhe tokko tokko irraa hubachuu dandeenya; fakkeenyaaf yommuu obboloonni isaa Yoseefiin ajjeesuu yaadanitti, Ruuben dhoksaatti xinnoo turee dhufuudhaan boolla keessaa isa baasuuf yaadee boolla gogaa keessa akka isa buusan isaanitti himeera. (Uma 37:18-30) Waggoota 20 booda obbolaawwan kun basaastota gara Gibxiitti ergamanii dha jedhamanii yeroo himatamanitti, kun kan isaan irra gaʼe Yoseefiin waan miidhaniif akka taʼe isaanitti dhagaʼameera; Ruubenis mala Yoseefiin ajjeesuuf qopheessan keessatti gahee tokkoyyuu akka hin qabne isaan yaadachiiseera. (Uma 42:9-14, 21, 22) Akkasumas, deemsa isaanii isa lammaffaatti Beniyaamin fudhatanii akka hin deemne yommuu Yaaqoob isaan dhowwetti “Ani mucicha deebisee gara keetti yoon fiduu dhaabaadhe, ati ilmaan koo lamaan ajjeesuu in dandeessa” jechuudhaan ilmaan isaa lamaan akka qabsiisaatti kan kenne Ruubeni dha.—Uma 42:37.
(Uumama 43:32 dubbisi.)
w04-AM 1/15 29 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Uumamaa—Kutaa 2ffaa
43:32—Warri Gibxii, Ibrootaa wajjin nyaata nyaachuu akka waan jibbisiisaa taʼeetti ilaalaa kan turan maaliifi? Kun adda durummaadhaan kan taʼe, warri Gibxii jibba amantaa fi sabboonummaa waan qabaniif ture. Akkasumas tiksitoota akka waan jibbisiisoo taʼanitti ilaalu turan. (Uumama 46:34) Maaliif? Tarii Gibxii keessatti tiksitoonni namoota jireenya gad aanaa jiraatan akka taʼanitti waan ilaalamuuf taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo lafti qonnaaf oolu muraasaa waan turee fi tiksitoonni immoo lafa dheedichaaf taʼu waan barbaadaniif taʼuu dandaʼa.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Uumama 42:1-20 dubbisi.)