Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Waxabajjii 2019
WAXABAJJII 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | GALAATIYAA 4-6
“‘Diraamaa Fakkeenyaan Ibsamee’ fi Hiika Inni Nuuf Qabu”
(Galaatiyaa 4:24, 25 dubbisi.)
it-1-E 1018 key. 2
Aggaar
Akka Phaawulos ergamaan jedhetti, Aggaar diraamaa fakkeenyaan ibsame kana irratti Israaʼel foonii kakuu Seerichaa isa Tulluu Siinaa irratti kennameen Yihowaadhaaf buluuf dirqama keessa galan, jechuunis ishii kakuu “garbummaadhaaf ijoollee deessu” argisiisti. Sabichi cubbuu kan dhaale waan tureef, waadaa kakuu seerichaa eeguuf gale sanaa wajjin wal simee jiraachuu hin dandeenye. Israaʼeloonni hamma kakuu seerichaa jala jiranitti saba bilisa taʼuu hin dandaʼan; kanaa mannaa cubbamoota duʼuun isaaniif malu turan; kanaaf garboota turan jechuu dha. (Yoh 8:34; Rom 8:1-3) Yerusaalem ishiin magaalaa guddoo taate jaarmiyaa Israaʼel foonii kan argisiistu waan taʼeef, Yerusaalem ishiin bara Phaawulositti turte Aggaar ishii ijoollee ishii wajjin garbummaa keessa turtee wajjin wal fakkaatti. Kiristiyaanonni, hafuuraan dhalatan garuu ijoollee ‘Yerusaalem ishii olii’ fakkeenyaan haadha manaa Waaqayyoo taatee ti. Yerusaalem tun, akkuma Saaraa dubartii bilisa taate siʼa taatu, matumaa garboomtee kan hin beekne dha. Haa taʼu malee, akkuma Yisihaaq Ishmaaʼeliin ariʼatamni isa irra gaʼe, ijoolleen ‘Yerusaalem ishii olii’ Ilmichi bilisa isaan baase, ijoollee Yerusaalem ishii garbummaa jala jirtuun ariʼatamni isaan irra gaʼa. Haa taʼu malee, Aggaarii fi ilmi ishii manaa ariʼamuun isaanii, Yihowaan akka sabaatti Israaʼel foonii guutummaatti akka dhiisu kan argisiisu dha.—Gal 4:21-31; akkasumas Yohaannis 8:31-40 ilaali.
(Galaatiyaa 4:26, 27 dubbisi.)
Mootummicharratti Amantii Cimaa Qabaadhaa
11 Sanyiiwwan Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte yeroo dhaalanitti kakuun Abrahaamii wajjin galame kallattiidhaan kan raawwatame taʼus, akka Caaffanni Qulqullaaʼoon argisiisanitti yaadni kakicha keessatti ibsame karaa hafuuraas raawwiisaa ni argata. (Gal. 4:22-25) Phaawulos ergamaan akka ibsetti, kutaan sanyii Abrahaam inni jalqabaa ykn inni guddaan Kiristos siʼa taʼu, kutaan inni lammaffaan ykn inni dabalataammoo Kiristiyaanota dibamoo 144,000 taʼanidha. (Gal. 3:16, 29; Mul. 5:9, 10; 14:1, 4) Dubartiin sanyicha argamsiistu ‘Yerusaalem ishee waaqa keessaa,’ jechuunis kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo isa samii, uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan of keessatti qabate akka taate beekamaadha. (Gal. 4:26, 31) Kakuu Abrahaamii wajjin galamerratti akkuma ibsame, sanyiin dubartittii ilmaan namootaatiif eebba argamsiisa.
(Galaatiyaa 4:28-31 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Galaatiyaa 4:6 dubbisi.)
w09-AM 4/1 13
Kana Beektaa?
Yesuus kadhannaa isaa irratti Yihowaa “Yaa Abbaa ko” jedhee kan isa waame maaliifi?
Jechi Afaan Aramaayikii aabbaa jedhu hiika “abbaa koo” ykn “Yaa Abbaa” jedhu kan qabu taʼuu dandaʼa. Jechi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoowwan sadiitti kan itti hojjetame kadhannaa wajjin walqabatee siʼa taʼu, Yihowaa isa Abbaa keenya isa samii taʼe argisiisa. Jechi kun hiika maalii qaba?
Kitaabni The International Standard Bible Encyclopedia jedhamu akkana jedheera: “Qooqa namoonni bara Yesuusitti itti fayyadamaa turanitti jechi aabbaa jedhu, adda durummaadhaan kan itti hojjetamu, hariiroo cimaa ijoolleen abbaa isaanii wajjin qabanii fi kabaja abbaa isaaniitiif qaban ibsuuf ture.” Jechi kun jecha namni tokko abbaa isaa jaalalaan waamuuf itti fayyadamuu fi jechoota jalqabaa mucaan tokko yeroo afaan hiikkatu baratu keessaa tokko dha. Yesuus jecha kana kan itti fayyadame yeroo Abbaa isaatti kadhannaa cimaa dhiheessetti ture. Duʼuu isaa saʼaatii muraasa dura dhaaba Getesemaanee keessatti, gara Yihowaatti yommuu kadhannaa dhiheessu, “Yaa abbaa ko” jedhee isa waameera.—Maarqos 14:36.
Kitaabni olitti caqasame itti fufee akkana jedheera: “Aadaan warra Giriikii fi warra Roomaa yeroo walitti makamee turetti, ogbarruu warra Yihudootaa keessatti Waaqayyoon waamuuf jecha aabbaa jedhu fayyadamuun baramaa hin turre; kunis kan taʼe jecha baramaa akkasiitiin Waaqayyoon waamuun ulfina kennuufii dhiisuu akka taʼe godhamee waan ilaalamuuf taʼuu qaba.” Haa taʼu malee akkuma kitaabni kun ibsetti, “Yesuus kadhannaa isaa irratti . . . jecha kanatti fayyadamuun isaa karaa biraatiin Abbaa isaa wajjin hariiroo cimaa akka qabu ragaa kan taʼu dha.” Jechi “Aabbaa” jedhuu fi caqasawwan xalayaa Phaawulos ergamaan barreesse lamaan keessatti argaman, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turanis kadhannaa isaanii irratti jecha kanatti fayyadamaa akka turan argisiisu.—Roomaa 8:15; Galaatiyaa 4:6.
(Galaatiyaa 6:17 dubbisi.)
w10-AM 11/1 15
Kana Beektaa?
Phaawulos ergamaan ‘godaannisa garbicha Yesuus taʼuu isaa’ argisiisu qaama isaa irratti godhateera jedhamuun kan dandaʼamu karaawwan kamiini?—Galaatiyaa 6:17.
▪ Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan wanta Phaawulos dubbate kana karaa adda addaatiin hubatanii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, loltoonni hidhamtoota seeraa taʼan, namoonni mana qulqullummaa saaman ykn garboonni gooftolii isaanii jalaa baqatan diimessaadhaan mallattoon isaan irratti godhama ture. Mallattoon akkasii namoota irratti godhamuun isaa wanta nama qaanessu akka taʼetti kan ilaalamu ture.
Haa taʼu malee, mallattoon kun kan nama qaanessu akka taʼetti kan ilaalamu yeroo hunda hin turre. Namoonni bara duriitti turan hedduun gosa tokko ykn miseensa amantii tokko akka taʼan argisiisuuf itti fayyadamu turan. Fakkeenyaaf, akka kitaabni Theological Dictionary of the New Testament jedhamu ibsetti, “warri Sooriyaa waaqolii Haadaadii fi Ataargaatis jedhamuuf of qulqulleessuu isaanii ibsuuf dachaa harkaa ykn morma isaanii irratti diimessaadhaan mallattoon isaan irratti godhama ture . . . Namoonni hordoftoota Daayoonaayisis taʼan immoo qaama isaanii irratti mallattoo baalaa godhatu.”
Namoonni yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennan hedduun, mallattoon Phaawulos dubbate godaannisa yeroo adeemsa misiyoonummaa isaa raawwatutti yeroo adda addaatti reebamee ture kan argisiisu akka taʼe dubbatu. (2 Qorontos 11:23-27) Tarii Phaawulos yaada olitti argamu yeroo dubbatu, kallattiidhaan waaʼee mallattoo qaama isaa irra jiruu dubbachuu isaa utuu hin taʼin, jireenyi isaa inni Kiristiyaana taʼuu isaa addaan baasee kan beeksisu taʼuu isaa ibsuuf taʼuu dandaʼa.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Galaatiyaa 4:1-20) Egaa ani kana nan dubbadha, dhaaltichi gooftaa waan hundumaa yoo taʼe iyyuu daaʼima hamma taʼetti garbicha irraa adda miti, 2 kanaa mannaa, hamma guyyaa abbaan isaa dursee murteesse sun gaʼutti guddiftootaa fi bulchitoota jala tura. 3 Haaluma wal fakkaatuun nutis yommuu ijoollee turretti, seerawwan buʼuuraa addunyaan ittiin geggeeffamuuf garboota turre. 4 Haa taʼu malee, yeroon murteeffame sun yommuu gaʼutti, Waaqayyo Ilma isaa isa dubartii irraa dhalatee fi seera jala ture erge; 5 kana kan godhes, gatii warra seera jala jiran gadhiisisuuf barbaachisu kaffalee akka ilmaan isaatti akka nu guddisuufi. 6 Ammas isin ilmaan waan taataniif, Waaqayyo hafuura Ilma isaa garaa keenya keessatti erge; hafuurri kunis, “Aabbaa!” jedhee iyya. 7 Kanaaf, ati kana booda ilma malee garbicha miti; ilma yoo taate immoo Waaqayyo dhaaltuu si godheera. 8 Haa taʼu malee, isin yeroo Waaqayyoon hin beeknetti, warra dhuguma waaqayyolii hin taaneef garboota turtan. 9 Taʼus amma Waaqayyoon erga beektanii, caalaadhumatti immoo Waaqayyo biratti erga beekamtanii, akkamitti wantoota iddoo guddaa hin qabne, jechuunis wantoota dadhaboo taʼanii fi faayidaa hin qabnetti deebitanii isaaniif garboota taatu? 10 Isin guyyoota, jiʼoota, waqtiilee fi waggoota of eeggannoodhaan ni kabajju. 11 Ani tarii akkasumaanan isiniif dhamaʼe jedheen sodaadha. 12 Yaa obbolootaa, anis akkuma keessan waanan tureef isin nan kadhadha; akkuma koo taʼaa. Isin miidhaa tokko illee ana irra hin geessisne. 13 Haa taʼu malee, yeroo jalqabaatiif misiraachoo isiniif lallabuuf carraa kanan argadhe, dhukkubsachuu kootiin kan kaʼe akka taʼe beektu. 14 Taʼus haalli fayyaa koo qorumsa yoo isinitti taʼe illee, isin na hin tuffanne yookiin na hin balfine; kanaa mannaa, akka maleekaa Waaqayyootti yookiin akka Kiristoos Yesuusitti na simattan. 15 Maarree gammachuun isin duraan qabdan sun eessa dhaqe? Kan dandaʼamu utuu taʼee ija keessan illee fonqolchitanii baastanii naa kennuuf fedhii keessan akka ture ani dhugaa isiniif nan baʼa. 16 Egaa ani dhugaa isinitti himuu kootiinan diina keessan taʼee ree? 17 Isaan isin gowwoomsuuf hinaaffaa guddaa qabu; kana kan godhan garuu, ana irraa adda isin baasanii akka cimsitanii isaan hordoftan gochuuf malee faayidaa keessaniif jedhanii miti. 18 Haa taʼu malee, namni tokko yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin, yeroo hunda kaayyoo gaariidhaaf dhimmee isin barbaaduun isaa gaarii dha; 19 kanaaf yaa ijoollee ko, kun isiniif gaarii dha. Ani hamma Kiristoos isin keessatti hundee godhatutti sababii keessaniif lammata nan ciniinsifadha. 20 Ani waaʼee keessan wantan godhu waanan wallaaleef, ammuma isin biratti argamee sagalee laafaadhaan utuun isinitti dubbadhee natti tola ture.
WAXABAJJII 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | EFESOON 1-3
“Bulchiinsa Yihowaa fi Wantoota Inni Raawwatu”
(Efesoon 1:8, 9 dubbisi.)
it-2-E 837 key. 4
Iccitii Qulqulluu
Mootummaa Masiihichaa. Xalayaawwan Phaawulos barreesse irraa mulʼata iccitii qulqulluu Kiristoos ilaalchisee hubannaa guutuu arganna. Efesoon 1:9-11 irratti Waaqayyo “iccitii qulqulluu” waaʼee fedhii isaa ibsu akka beeksise yommuu dubbatu akkana jedheera: “Iccitiin kunis kaayyoo isaa wajjin haala wal simuun wanta inni raawwachuu barbaadee wajjin kan wal qabate dha; kaayyoon kunis yeroon murteeffame yommuu xumuramutti bulchiinsa tokko hundeessuuf, wantoota hunda, jechuunis wantoota samii keessatti taʼanii fi wantoota lafa irratti taʼan gara Kiristoositti walitti qabuufi dha. Eeyyee, karaa Kiristoosiin wantoonni hundi walitti qabamu; nutis isaa wajjin tokkummaa qabna, dhaaltota akka taanuufis filatamneerra; sababiin isaas, inni fedhii isaa wajjin haala wal simuun karaa ofii isaa murteesseen waan hundumaa waan raawwatuuf, haala kaayyoo isaa wajjin wal simuun dursee nu filateera.” ‘Iccitii qulqulluun’ kun bulchiinsa, jechuunis Mootummaa Masiihichaa isa kan Waaqayyoo kan dabalatu dha. Phaawulos “wantoota samii keessatti taʼan” yeroo jedhu, namoota Mootummaa samii keessatti Kiristoosii wajjin dhaaltota taʼuuf jiran argisiisuufi dha. “Wantoota lafa irratti taʼan” yeroo jedhu immoo namoota lafa irratti isaaniif bitaman argisiisuufi dha. Yesuus iccitiin qulqulluun sun Mootummichaa wajjin kan wal qabate taʼuu isaa yeroo barattoota isaatti dubbatu, “Iccitiin Mootummaa Waaqayyoo ifatti isinitti himameera” jedheera.—Mar 4:11.
(Efesoon 1:10 dubbisi.)
‘Waaqayyo Tokkichi’ Maatiisaa Walitti Qabaa Jira
3 Museen Israaʼelootaan, “Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!” jedhee ture. (Kes. 6:4) Yihowaan waan hunda kaayyoosaa wajjin haala walsimuun raawwata. Kanaaf Waaqayyo, “barri murame yeroo guututti” ‘bulchiinsi’ uumamasaa yaaduu dandaʼan tokko gochuuf itti gargaaramu hojii akka jalqabu godheera. (Efesoon 1:8-10 dubbisi.) Bulchiinsi kun kutaa lama qaba. Kutaan inni jalqabaa gumii Kiristiyaanota dibamoo Yesus Kiristos isa karaa hafuuraa Mataasaanii taʼe jalatti jireenya samiitiif kan isaan qopheessuudha. Kutaan kun kan jalqabe Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee yommuu Yihowaan namoota Kiristosii wajjin samiirratti bulchan walitti qabuu eegalettidha. (HoE. 2:1-4) Dibamtoonni aarsaa furii Kiristosirratti hundaaʼuudhaan akka qajeelotaatti lakkaaʼamanii jireenya waan argataniif, “ijoollee Waaqayyoo” taʼanii guddifamuuf fudhatama argataniiru.—Rom. 3:23, 24; 5:1; 8:15-17.
4 Kutaan inni lammaffaan namoota Mootummaa Kiristos Masiihichaa jalatti lafa Jannata taaturra jiraatan kan qopheessudha. Kutaan garee kanaa warri jalqabaa namoota “tuuta sonaan baayʼee” taʼanidha. (Mul. 7:9, 13-17; 21:1-5) Yeroo Bulchiinsa Waggaa Kumaattis namoonni biliyoona hedduutti lakkaaʼamaniifi duʼaa kaafaman isaanitti dabalamu. (Mul. 20:12, 13) Duʼaa kaʼuun tokkummaa keenya caalaatti akkamitti akka mulʼisu yaadaa! Dhuma bulchiinsa waggaa kumaatti “wanta lafa irra jiru” kan jedhaman yeroo xumuraatiif qoramu. Warri amanamoo taʼuusaanii mirkaneessan, “ijoollee Waaqayyoo” warra lafarraa taʼanii guddifamu.—Rom. 8:21; Mul. 20:7, 8.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Efesoon 3:13 dubbisi.)
Homtinuu Ulfina Argachuu Isin Hin Dhowwin
15 Ciminni fedha Yihowaa raawwachuurratti argisiisnu, warra kaaniif ulfinadha. Phaawulos, “Rakkinni koo isiniif ulfina waan taʼeef, isa ani isiniif rakkachaa jiruuf akka abdii hin kutanneef isinan kadhadha” jechuudhaan obboloota gumii Efesooniif barreesseera. (Efe. 3:13) Rakkinni Phaawulos, Kiristiyaanota Efesooniif ‘ulfina kan taʼe’ akkamitti? Phaawulos utuu rakkinni isarra gaʼuu isaan tajaajiluuf qophaaʼaa taʼuunsaa, mirgi Kiristiyaanota taʼuudhaan argatan bakka guddaa kan qabuufi gatiidhaan kan hin shallagamne taʼuusaa isaan hubachiiseera. Phaawulos yeroo rakkinni isarra gaʼu utuu abdii kutateera taʼee, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qaban, tajaajillisaaniifi abdiinsaanii gatii akka hin qabne isaanitti hin dhagaʼamu turee? Phaawulos obsaan dandaʼuunsaa, Kiristiyaanummaa ol ol kan godhe taʼuusaarrayyuu, duuka buutuu Kiristos taʼuun wanta aarsaan akkamiiyyuu kaffalamuufii qabu akka taʼe argisiiseera.
(Efesoon 3:19 dubbisi.)
“Jaalala Kiristos Beekuu”
21 Jechi afaan Giriikii “beekuu” jedhamee hiikame, “haala qabatamaa taʼeen, muuxannoorraa kaʼanii beekuu” argisiisa. Haala ofittummaarraa walaba taʼeen warra kaaniif of kennuudhaan, gara laafinaan kakaanee wanta isaan barbaachisu gochuufi garaadhaa dhiifama isaaniif gochuudhaan akkuma Yesus yommuu jaalala argisiisnu, miirasaa sirriitti hubachuu dandeenya. Akka kanaan muuxannoorraa kaanee, ‘jaalala Kristos isa safara beekumsa namaa bira darbu beekuu’ dandeenya. Fakkeenya Kiristos fudhachaa yommuu deemnu, Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼeefi Yesus guutummaatti fakkeenyasaa fudhatetti caalaatti akka dhihaannu dagachuu hin qabnu.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Efesoon 1:1-14) Phaawulos isa fedhii Waaqayyootiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼe irraa, qulqulloota Efesoon keessa jiranii fi tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabaniin amanamoo taʼaniif: 2 Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu. 3 Tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun samii keessatti eebba hafuuraa hundumaan waan nu eebbiseef, Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu; 4 kunis kan taʼe, isa duratti jaalalaan qulqulluu fi mudaa kan hin qabne akka taanutti, addunyaan hundeeffamuu isaa dura Kiristoosii wajjin tokkummaa akka qabaannuuf nu filateera. 5 Sababiin isaas inni akka isa gammachiisutti, akkasumas akka fedhii isaatti, karaa Yesuus Kiristoos akka ilmaan isaatti nu fudhachuuf dursee nu murteesseera; 6 kana kan godhes gaarummaa isaa isa guddaa fi isa ulfina qabeessa, karaa Ilma isaa isa jaallatamaa gaarummaadhaan nuu kenneef warri kaan Waaqayyoon akka galateeffataniifi dha. 7 Akka badhaadhina gaarummaa isaa isa guddaatti karaa dhiiga Ilma isaa furicha kaffaluu isaatiin, bilisa baaneerra, eeyyee cubbuun keenya nuuf dhiifameera. 8 Waaqayyo, gaarummaan guddaan kun ogummaa hundumaa fi hubannaadhaan akka nuuf baayʼatu godhe; 9 kanaanis iccitii qulqulluu waaʼee fedhii isaa ibsu nutti beeksiseera. Iccitiin kunis kaayyoo isaa wajjin haala wal simuun wanta inni raawwachuu barbaadee wajjin kan wal qabate dha; 10 kaayyoon kunis yeroon murteeffame yommuu xumuramutti bulchiinsa tokko hundeessuuf, wantoota hunda, jechuunis wantoota samii keessatti taʼanii fi wantoota lafa irratti taʼan gara Kiristoositti walitti qabuufi dha. Eeyyee, karaa Kiristoosiin wantoonni hundi walitti qabamu; 11 nutis isaa wajjin tokkummaa qabna, dhaaltota akka taanuufis filatamneerra; sababiin isaas, inni fedhii isaa wajjin haala wal simuun karaa ofii isaa murteesseen waan hundumaa waan raawwatuuf, haala kaayyoo isaa wajjin wal simuun dursee nu filateera; 12 kunis kan taʼe nuti warri Kiristoosiin abdachuudhaan warra jalqabaa taane, Waaqayyoon akka ol ol goonuu fi akka jajannuufi. 13 Haa taʼu malee, isinis dubbii dhugaa, jechuunis misiraachoo waaʼee fayyina keessanii ibsu erga dhageessanii booda isa abdattaniittu. Erga amantanii boodas karaa isaa hafuura qulqulluu isa abdachiifame sanaan chaappaan isinitti godhameera; 14 innis Waaqayyoof ulfina guddaa akka argamsiisuuf jecha, warra qabeenya isaa taʼan furiidhaan bilisa baasuuf, dhaala keenyaaf dursee akka qabdiitti kan kenname dha.
WAXABAJJII 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | EFESOON 4-6
“Miʼa Waraanaa Isa kan Waaqayyoo Guutummaatti Uffadhaa”
(Efesoon 6:11-13 dubbisi.)
Dargaggootaa—Jabaattanii Dhaabachuudhaan Diyaabilosiin Mormaa
Phaawulos ergamaan jireenya Kiristiyaanotaa loltoota fuulaa fuulatti walʼaansoo godhan wajjin wal fakkeesseera. Waraanni keenya qaamaan utuu hin taʼin waraana karaa hafuuraa akka taʼe beekamaa dha. Diinonni keenya garuu dhugumaan kan jirani dha. Seexannii fi jinniiwwan loltoota dandeettii fi muuxannoo guddaa qabani dha. Jalqaba irratti waraana kana mooʼuu waan hin dandeenye nutti fakkaachuu dandaʼa. Keessumaa immoo dargaggoonni salphaatti balaadhaaf waan saaxilaman fakkaata. Hafuurota hamoo humna namaa olii qaban kana mooʼuu ni dandaʼuu? Eeyyee, dargaggoonni waraana kana mooʼuu ni dandaʼu, akkasumas mooʼaa jiru! Akkas kan jennu maaliifi? ‘Gooftaa fi humna isaa isa guddaa irraa jabina argachuu isaanii waan itti fufaniifi.’ Humna Waaqaa argachuu malees wanta godhan qabu. Uffannaa waraanaa uffataniiru. Akkuma loltoota sirriitti leenjifamanii, ‘miʼa waraanaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti uffataniiru.’—Efesoon 6:10-12 dubbisi.
(Efesoon 6:14, 15 dubbisi.)
Dargaggootaa—Jabaattanii Dhaabachuudhaan Diyaabilosiin Mormaa
4 Haaluma wal fakkaatuun, dhugaan Dubbii Waaqayyoo irraa baranne, barumsawwan amantii sobaatiin karaa hafuuraa akka hin miidhamne eegumsa nuuf godha. (Yoh. 8:31, 32; 1 Yoh. 4:1) Akkasumas jaalala dhugaawwan Waaqayyo biraa arganneef qabnu kan guddisnu yoo taʼe, “gaachana qomaa” keenya baachuun, jechuunis akka ulaagaa Waaqni qajeelinaaf baasetti jiraachuun nutti hin ulfaatu. (Far. 111:7, 8; 1 Yoh. 5:3) Kana malees, dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman ilaalchisee hubannaa ifa taʼe kan qabnu yoo taʼe, ija jabinaan dhaabachuu fi mormitoota keenyaaf deebii quubsaa kennuu ni dandeenya.—1 Phe. 3:15.
7 Kun ulaagaan Yihowaan qajeelinaaf baase, garaa keenya isa akka fakkeenyatti ibsame akka eegu kan argisiisudha! (Fak. 4:23, hiika bara 1899) Loltuun tokko sibiila gaachana qomaa isaa, gaachana qomaa sibiila gaarii hin taane irraa hojjetameen akkuma hin geeddarre, nutis ulaagaa Yihowaan qajeelinaaf baase ulaagaa mataa keenyaatiin jijjiiruu hin barbaannu. Ogummaa guddaa yaada garaa keenya eeguuf nu barbaachisu hin qabnu. (Fak. 3:5, 6) Yeroo hunda ‘gaachanni qomaa’ keenya onnee keenya haguugee akka jiru mirkaneeffachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi.
10 Kopheen loltoonni Roomaa kaaʼatan iddoo waraanaa deemuuf akkuma isaan gargaaru, kopheen akka fakkeenyaatti Kiristiyaanonni kaaʼatanis ergaa nagaa akka labsan isaan gargaara. (Isa. 52:7; Rom. 10:15) Taʼus, lallabuuf yeroo carraa argannutti dubbachuun ija jabina gaafata. Dargaggeessi Boo jedhamuu fi umuriin isaa waggaa 20 taʼe akkana jedheera, “Ijoollee na wajjin barataniif lallabuun na sodaachisa, akkasumas na qaanessa ture. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu maaliif akkas akkan taʼaa ture hin beeku. Amma garuu hiriyoota kootiif lallabuun na gammachiisa.”
(Efesoon 6:16, 17 dubbisi.)
Dargaggootaa—Jabaattanii Dhaabachuudhaan Diyaabilosiin Mormaa
13 ‘Xiyyaawwan bobaʼoo’ Seexanni nutti darbatu keessaa tokko soba Yihowaan isiniif hin yaadu, akkasumas isin hin jaallatu jedhu taʼuu dandaʼa. Shamarreen umurii waggaa kudha sagalii Edaa jedhamtu, miira gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gooti. Akkana jetteetti, “Yeroo baayʼee, Yihowaan akka natti hin dhihaannee fi Michuu koo taʼuu akka hin barbaanne natti dhagaʼama ture.” Haala kana dandamachuu kan dandeesse akkamitti ree? Edaan akkana jetteetti “Walgaʼiiwwan irratti argamuun amantii koo guddiseera. Kana dura cal jedheen taaʼa ture; akkasumas namni deebii koo dhagaʼuu barbaadu waan jiru waan natti hin fakkaanneef deebii hin deebisun ture. Amma garuu walgaʼiidhaaf nan qophaaʼa, akkasumas siʼa lama ykn sadi deebisuuf nan yaala. Salphaa taʼuu baatus, yeroon akkana godhu miirri gaariin natti dhagaʼama. Obboloonnis baayʼee na jajjabeessaniiru. Yeroon walgaʼiidhaa deebiʼu hundatti Yihowaan akka na jaallatu hubadheen deebiʼa.”
16 Baarmeexaan sibiilaa tokko sammuun loltuu tokko akka hin miidhamne akkuma eegu, ‘abdiin fayyinaa’ keenyas sammuun keenya, jechuunis dandeettiin yaaduu keenya akka hin miidhamne eega. (1 Tas. 5:8; Fak. 3:21, NW) Abdiin, waadaawwan Waaqni nuuf gale irratti akka xiyyeeffannuu fi rakkoowwaniif ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. (Far. 27:1, 14; HoE. 24:15) “Baarmeexaa sibiilaa” keenyatti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu kan barbaannu yoo taʼe, harkatti baachuu utuu hin taʼin mataa keenya irratti kaaʼachuu qabna.
20 Phaawulos Dubbii Waaqayyoo goraadee Yihowaan nuu kenne wajjin wal fakkeesseera. Haa taʼu malee, yeroo amantii keenyaaf dhaabannuttii fi ilaalcha keenya sirreessinutti akka gaariitti itti fayyadamuu barachuu qabna. (2 Qor. 10:4, 5; 2 Xim. 2:15) Gama kanaan dandeettii keenya fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? Seebaastiyaan inni umuriin isaa waggaa 21 taʼe akkana jedheera: “Yeroo hunda dubbisa Kitaaba Qulqulluu koo keessatti boqonnaa tokko keessaa caqasa tokko nan barreessa. Caqasootan jaalladhu tarreessee qabadheera. Kun immoo, ilaalcha Yihowaa wajjin caalaatti wal simee jiraachaa akkan jiru akka natti dhagaʼamu godheera.” Daaniʼel inni olitti caqasame akkana jedheera, “Kitaaba Qulqulluu yeroon dubbisu, caqasoota namootan tajaajila irratti argadhuuf fayyaduu dandaʼu jedhee yaadu nan barreessa. Namoonni Kitaaba Qulqulluudhaaf jaalala guddaa akka qabduu fi isaan gargaaruuf wanta dandeessu hunda gochaa akka jirtu arguun isaanii deebii gaarii kennuuf akka isaan kakaasu argeera.”
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Efesoon 4:30 dubbisi.)
it-1-E 1128 key. 3
Qulqullummaa
Hafuura Qulqulluu. Humni Yihowaa inni hojii irra jiru ykn hafuurri isaa, toʼannaa isaa jala jira, akkasumas yeroo hunda kaayyoo isaa fiixaan baasa. Akkasumas qulqulluu fi Waaqayyo akka gaariitti akka itti fayyadamuuf addaan kan baafame dha. Kanaaf humni kun “hafuura qulqulluu” jedhamee waamama. (Far 51:11; Luq 11:13; Rom 1:4; Efe 1:13) Hafuurri qulqulluun nama tokko irratti hojjetu humna, qulqulluu akka taʼu isa kakaasu dha. Gochi qulqulluu hin taane ykn dogoggora taʼe kam iyyuu hafuura sana akka mormetti ykn akka ‘gaddisiisetti’ ilaalama. (Efe 4:30) Mataa isaatti qaama kan hin qabne taʼus, hafuurri qulqulluun amala qulqulluu Waaqayyo qabu kan ibsu siʼa taʼu, gochi keenya isa ‘gaddisiisuu’ dandaʼa. Gochi dogoggoraa kam iyyuu, ‘ibiddi hafuuraa akka dhaamu’ gochuu dandaʼa. (1Ta 5:19) Gochi akkasii kan itti fufu yoo taʼe, hafuurri Waaqayyoo ni ‘gadda,’ kun immoo Waaqayyo garagalee diina namoota isa irratti kaʼanii akka taʼu isa gochuu dandaʼa. (Isa 63:10) Namni tokko hafuura qulqulluu gaddisiisuun isaa hamma hafuura qulqulluu arrabsuutti isa geessisuu dandaʼa; kun immoo akkuma Yesuus Kiristoos dubbate cubbuu sirna ammaa kanattis taʼe, sirna isa dhufu keessatti dhiifama hin arganne dha.—Mat 12:31, 32; Mar 3:28-30; SPIRIT ilaali.
(Efesoon 5:5 dubbisi.)
it-1-E 1006 key. 2
Sassata
Gocha Keenyaan kan Mulʼatu Dha. Sassatni gochawwan dogoggoraa fi seeraan alaa nama tokko irratti ifatti mulʼatu dha. Yaaqoob inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe fedhiin dogoggoraa kun erga ulfaaʼee booda cubbuu akka dhalu dubbateera. (Yaq 1:14, 15) Kanaaf nama sassataa taʼe gocha isaatiin addaan baasanii beekuun ni dandaʼama. Phaawulos ergamaan sassataa taʼuun nama waaqa tolfamaa waaqeffatu taʼuu akka taʼe dubbateera. (Efe 5:5) Namni akkasii fedhiin isaa inni sassata irratti hundaaʼe wanta barbaade sana waaqa isaa akka godhatu isa taasisa; kana malees tajaajilaa fi waaqeffannaa Uumaa isaa caalaa iddoo guddaa kennaaf.—Rom 1:24, 25.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Efesoon 4:17-32) Kanaaf, isin kana booda akka namoonni addunyaa sammuu faayidaa hin qabneen deddeebiʼanitti akka hin deddeebine ani maqaa Gooftaatiin kana nan dubbadha; akkasumas dhugaa nan baʼa. 18 Isaan doofummaan isaan keessa waan jiruu fi garaan isaanii waan hadoodeef, sammuun isaanii dukkanaaʼeera; jireenya isa kan Waaqayyoo irraas fagaataniiru. 19 Miirri naamusaa isaanii guutummaatti waan hadoodeef, sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti dabarsanii of kennaniiru. 20 Isin garuu Kiristoosiin akkasitti hin baranne; 21 kun kan taʼu, dhugaa Yesuus barsiisee wajjin haala wal simuun yoo isa dhageessanii fi yoo isa irraa barattani dha. 22 Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simuu fi hawwii isaa isa gowwoomsaa taʼeen mancaʼaa deemu hunda of irraa baastanii akka gattan barattaniittu. 23 Humna sammuu keessan hojjechiisuunis haareffamuu keessan itti fufaa; 24 akkasumas, namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffachuu qabdu.25 Kanaaf, nuti amma kutaawwan qaama tokkoo waan taanee fi gowwoomsaa of irraa baasnee waan gatneef, tokkoon tokkoon keessan isa kaanii wajjin dhugaa walitti dubbadhaa. 26 Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa; utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin; 27 Diyaabilosiif carraa hin kenninaa. 28 Inni hatu kana booda hin hatin; kanaa mannaa, nama rakkateef wanta kennu akka qabaatuuf harka isaatiin jabaatee hojii gaarii haa hojjetu. 29 Akkuma barbaachisummaa isaatti wanta warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii taʼe malee, dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin. 30 Kana malees, hafuura qulqulluu isa kan Waaqayyoo, isa furii sanaan guyyaa bilisa itti baataniif chaappaan ittiin isinitti godhame sana hin gaddisiisinaa. 31 Jibba guddaa, aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa. 32 Kanaa mannaa akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos tola dhiifama isiniif godhe, isinis garaa waliif laafuu fi tola dhiifama waliif gochuudhaan gaarummaa walitti argisiisaa.
WAXABAJJII 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FILIPHISIYUS 1-4
“Waaʼee Waan Tokkoo Illee hin Yaaddaʼinaa”
(Filiphisiyus 4:6 dubbisi.)
“Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala”
10 Waaʼee waan tokkoo illee akka hin yaaddofnee fi ‘nagaa Waaqayyoo’ argachuuf maaltu nu gargaara? Yaanni Phaawulos warra Filiphisiyusiif barreesse, wanti yaaddoodhaaf furmaata taʼu kadhannaa akka taʼe argisiisa. Kanaaf, yommuu yaaddofnu, wanta yaaddoo nutti taʼe kadhannaadhaan Waaqayyootti himachuu qabna. (1 Pheexiros 5:6, 7 dubbisi.) Akka inni isiniif yaadu beekuudhaan, amantii guutuudhaan Yihowaa kadhadhaa. Akkasumas eebba argattan hundaaf yeroo hunda isa ‘galateeffadhaa.’ “Wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee gochuu” akka dandaʼu yaadachuun keenya, amanannaa isa irratti qabnu nuuf cimsa.—Efe. 3:20.
(Filiphisiyus 4:7 dubbisi.)
“Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala”
7 Obboloonni Filiphisiyus keessa turan xalayaa Phaawulos isaaniif barreesse yommuu dubbisan, wanta Phaawulos irra gaʼee fi isaan hin eegne taʼus tarkaanfii Yihowaan fudhate akka yaadatan beekamaa dha. Phaawulos maal isaan barsiisaa ture? Hin dhiphatinaa; akkasumas kadhadhaa, achiis nagaa Waaqayyoo argattu jechuu isaa ture. Haa taʼu malee, ‘nagaan Waaqayyoo hubannaa hundumaa akka caalu’ hubachuu qabna. Kana jechuun maal jechuu dha? Hiiktonni tokko tokko hima kana “hawwii keenya hunda irra caala” ykn “karoora namootaa hunda caala” jedhanii hiikaniiru. Phaawulos, “nagaan Waaqayyoo” isa tilmaamamu caalaa dinqisiisaa akka taʼe dubbachuu isaa ture. Kanaaf, akka ilaalcha namaatti karaa rakkina keenya keessaa itti baanu beekuu dhiisuu dandeenya taʼa; Yihowaan garuu kan beeku taʼuu isaa irra iyyuu wanta hin eegamne raawwachuu dandaʼa.—2 Pheexiros 2:9 dubbisi.
“Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala”
16 ‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ argachuun keenya buʼaa maalii qaba? Kitaabni Qulqulluun yommuu deebii kennu, ‘karaa Kiristoos Yesuus garaa keenyaa fi yaada keenya akka eegu’ ibsa. (Filp. 4:7) Jechi “eeguu” jedhu, afaan jalqaba barreeffameen jecha waraanaaf itti hojjetamu ture. Tuuta loltootaa bara duriitti magaalaa dallaan isaa dhagaadhaan ijaarame eeguuf ramadame kan argisiisu ture. Filiphisiyusis magaalaa akkasii turte. Jiraattonni Filiphisiyus loltoonni magaalaa isaanii akka eegan waan beekaniif yaaddoo malee rafu. Haaluma wal fakkaatuun, ‘nagaa Waaqayyoo’ kan qabnu yoo taʼe, garaan keenyaa fi sammuun keenya boqonnaa argata. Yihowaan akka nuuf yaaduu fi akka nuuf milkaaʼu akka barbaadu beekna. (1 Phe. 5:10) Kana beekuun keenya, garmalee yaaddaʼuu irraa ykn abdii kutachuu irraa nu eega.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Filiphisiyus 2:17 dubbisi.)
it-2-E 528 key. 5
Kennaawwan
Kennaa Dhugaatii. Kennaan dhugaatii wantoota hedduu kan biroo wajjin, keessumaa immoo sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamte sana keessa erga galanii booda kan dhihaatan turan. (Lak 15:2, 5, 8-10) Kunis dhugaatii wayinii (“dhugaatii cimaa” ykn nama macheessu) kan dabalatu siʼa taʼu, iddoo aarsaa irratti kan dhangalaafamu ture. (Lak 28:7, 14; Bau 30:9; Lak 15:10 waliin ilaali.) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Filiphisiyusiif akkana jedhee barreesseera: “Amantiidhaan kakaatanii aarsaa fi tajaajila qulqulluu dhiheessitan irratti akka kennaa dhugaatiitti yoon dhangalaafame illee ani nan gammada.” As irratti kennaa dhugaatii akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, Kiristiyaanota hidhata isaa taʼaniif jecha fedhii ofii isaa aarsaa gochuuf fedhii akka qabu ibseera. (Flp 2:17) Phaawulos duʼuu isaa yeroo gabaabaa dura, “Ani amma iyyuu akka kennaa dhugaatiitti dhangalaafamaan jira; yeroon ani itti gadhiifamus baayʼee dhihoo dha” jedhee Ximotewosiif barreessee ture.—2Xi 4:6.
(Filiphisiyus 3:11 dubbisi.)
‘Duʼaa Kaʼuun Inni Duraa’ Amma Taʼaa Jira!
5 Ittaansuudhaan Kiristiyaanonni dibamoon jechuunis “Israaʼel Waaqayyoo” ‘yeroo hundumaa gooftaa bira jiraachuudhaaf’ ulfinasaa isa samii keessaatti Gooftaa Yesus Kiristosii wajjin taʼu. (Galaatiyaa 6:16; 1 Tasaloniiqee 4:17; Mulʼata 20:6) Duʼaa kaʼuun kun erga raawwatamee booda, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa kaʼanii lafa Jannata taaturra bara baraaf jiraachuuf carraa argatu. Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, ‘duʼaa kaʼuu isa duraa’ qorachuun keenya barbaachisaadha. Duʼaa kaʼuun inni duraa kan akkamiiti? Kan raawwatamuhoo yoomi?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Filiphisiyus 4:10-23) Gooftaa wajjin haala wal qabateen amma dhuma irratti deebistanii anaaf yaaduu jalqabuu keessanitti guddaa nan gammada. Isin anaaf yaadaa kan turtan taʼus, carraa kana itti argisiistan hin arganne. 11 Kana yeroon jedhu rakkadheera jechuu koo miti; ani haala akkamii keessa iyyuu yoon jiraadhe, wantan qabuun gammadee jiraachuu baradheera. 12 Ani akkamitti wanta xinnoo argadhee jiraachuus taʼe akkamitti wanta hedduu argadhee jiraachuu akkan dandaʼu beeka. Yeroon quufuttis taʼe yeroon beelaʼutti, yeroon irraa hafaa qabaadhuttis taʼe yeroon dhabutti waan hundumaa fi haala hundumaa keessatti iccitii wanta qabanitti gammadanii jiraachuu baradheera. 13 Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba. 14 Taʼus rakkina koo irratti na gargaaruu keessanitti gaarii gootaniittu. 15 Dhugaa dubbachuuf, jalqaba erga misiraachicha dhageessanii booda, yeroon Maqedooniyaa gad lakkisee deeme, kennuu fi fudhachuu wajjin haala wal qabateen isin qofa malee gumiin tokko illee akka anaa wajjin hin hirmaanne isin warri Filiphisiyus ni beektu; 16 sababiin isaas yeroon Tasalonqee keessa ture, wanta na barbaachisu siʼa tokko qofa utuu hin taʼin siʼa lama naaf ergitaniittu. 17 Kana yeroon jedhu kennaa keessan barbaadee utuu hin taʼin, firii herregni keessan akka isiniif baayʼatu godhu barbaadeeni. 18 Haa taʼu malee, ani wanta na barbaachisu hundumaa qaba; hamma na barbaachisu caalaa iyyuu qaba. Wanta isin anaaf ergitan isa urgaa gaarii qabu, aarsaa fudhatamaa taʼee fi Waaqayyoon gammachiisu Ephaafrodixos irraa waanan fudhadheef wanti hundi naaf guutameera. 19 Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa guddaatti wanta isin barbaachisu hunda karaa Kiristoos Yesuus guutummaatti deebisee isiniif kenna. 20 Ammas Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf ulfinni baraa hamma bara baraatti haa taʼu. Ameen. 21 Qulqulloota Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qaban hundatti nagaa koo naa himaa. Obboloonni anaa wajjin jiran hundi nagaa isiniif dhaamaniiru. 22 Qulqulloonni hundi, keessumaa immoo warri maatii Qeesaar keessaa dhufan nagaa isiniif dhaamaniiru. 23 Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura isin argisiistanii wajjin haa taʼu.