BOQONNAA 13
‘Waaʼee Mana Qulqullummaa Ibsi’
YAADA IJOO: Hiika mana qulqullummaa ulfina qabeessa Hisqiʼel mulʼataan argee
1-3. (a) Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe sana ilaalchisee arge kan isa jajjabeesse maaliif taʼuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
HISQIʼEL yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 50 dha. Umurii isaa kana keessaa waggaa 25 boojuudhaan dabarseera. Manni qulqullummaa Yerusaalemitti argamu erga balleeffamee waggoonni hedduun darbaniiru. Hisqiʼel luba taʼee achi keessatti tajaajiluuf abdachaa ture taanaan, abdiin isaa kunis badeera jechuu dha. Yeroon boojuu sanaa xumuramuuf amma iyyuu waggoonni gara 56 taʼan ni hafu; kanaafuu Hisqiʼel lubbuudhaan jiraatee yommuu manni qulqullummaa sun deebiʼee ijaaramu arguu mitii, sabni Yihowaa gara biyya isaaniitti yommuu deebiʼan illee arguu akka hin dandeenye beeka ture. (Er. 25:11) Maarree wantoota kana irratti yaaduun isaa akka gaddu isa taasiseeraa?
2 Yihowaan mulʼata nama jajjabeessuu fi abdii namaaf argamsiisu kana Hisqiʼel isa nama amantii taʼetti argisiisuuf yeroo kana filachuun isaa gaarummaa isaa argisiisa. Hisqiʼel mulʼata kanaan gara biyya isaatti geeffamee gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko irra kaaʼameera. Iddoo ol kaʼaa kana irratti “nama bifti isaa sibiila diimaa fakkaatu tokko” arge. Maleekaan sunis gamoo mana qulqullummaa baayʼee dinqisiisaa taʼe sana guutummaatti isa daawwachiise. (Hisqiʼel 40:1-4 dubbisi.) Wantoonni kun hundi mulʼata utuu hin taʼin wantoota dhugumaan jiran fakkaatu turan. Wanti Hisqiʼel arge kun amantii isaa cimsee, isa ajaaʼibsiisee, tarii immoo hamma tokko isa burjaajessee taʼuu qaba. Hisqiʼel mana qulqullummaa arge kana keessatti wantoota beeku hedduu kan qabu taʼus, mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamuu fi inni beeku irraa garaa garummaa guddaa qaba ture.
3 Mulʼanni dinqisiisaa taʼe kun boqonnaawwan kitaaba Hisqiʼel warra dhumaa saglan irratti galmeeffameera. Mee mulʼata kana yommuu qorruu fi hubachuuf yommuu yaallutti ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu haa mariʼannu. Achiis wanti Hisqiʼel arge mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa Phaawulos ergamaan jaarraawwan hedduu booda balʼinaan ibse taʼuu fi dhiisuu isaa qorra. Dhuma irrattis mulʼanni kun Hisqiʼeliifis taʼe namoota akkuma isaa boojuu jala jiraniif hiika maalii akka qabu ilaalla.
Karaa Adda Taʼeen Hubachuun Maaliif Barbaachise?
4. Mulʼata waaʼee mana qulqullummaa ibsu kanaan dura akkamitti hubanna turre? Amma garuu karaa kan biraatiin hubachuun kan nu barbaachise maaliifi?
4 Kanaan dura barreeffamoonni keenya wanti Hisqiʼel arge mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa isa Phaawulos ergamaan xalayaa warra Ibrootaatiif barreesse irratti caqase sana akka taʼe ibsu turan.a Ibsa Phaawulos godoo qulqulluu ilaalchisee kenne irraa kaʼuudhaan, wantoonni Hisqiʼel mana qulqullummaa mulʼataan arge keessatti ibsaman hedduun fakkeenyaan kan ibsaman ykn gaaddidduu akka taʼanitti yaaduun sirrii fakkaata ture. Haa taʼu malee, kadhannaadhaan erga qorannoo goonee fi irratti xiinxallee booda, mulʼata Hisqiʼel mana qulqullummaa sana ilaalchisee argeef ibsa salphaa taʼe kennuun barbaachisaa taʼuu isaa hubanneerra.
5, 6. (a) Phaawulos ergamaan yommuu waaʼee godoo qulqulluu ibsu akka gad of qabu kan argisiise akkamitti? (b) Phaawulos godoo qulqulluu sana ilaalchisee wantoota akkamii balʼinaan ibseera? Mulʼata Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge irratti hubannaa qabnuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Wantoonni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee mulʼataan arge hundi wantoota raajiidhaan ibsaman ykn wantoota fakkeenya argisiisan akka taʼanitti yaaduu dhiisuun keenya sirrii dha. Akkana kan jennu maaliifi? Mee fakkeenya gaarii tokko haa ilaallu. Phaawulos yeroo waaʼee godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa hafuuraa ibsetti, qodaa ixaanni itti aarfamuu fi warqii irraa tolfame, qadaada taabotichaa fi hubboo warqii mannaa qabate sana dabalatee waaʼee godoo qulqulluu balʼinaan ibseera. Maarree wantoonni kun raajii akka qabatan ibseeraa? Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti hafuurri qulqulluun akkana akka godhu isa hin kakaasne. Kanaa mannaa Phaawulos, “Amma garuu waaʼee wantoota kanaa tokko tokkoon dubbachuun yeroo isaa miti” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 9:4, 5) Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuuf fedhii akka qabu argisiiseera; akkasumas gad of qabuudhaan Yihowaa eeggateera.—Ibr. 9:8.
6 Mulʼata Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee argee wajjin haala wal qabateenis dhugaan buʼuuraa wal fakkaatu kun hojii irra ooluu ni dandaʼa. Mulʼanni kun wantoota balʼinaan ibsaman hedduu qabateera. Kanaafuu, ibsi dabalataa yoo barbaachise Yihowaan wantoota kana akka nuuf ibsu obsaan eeguun keenya gaarii fakkaata. (Miikiyaas 7:7 dubbisi.) Maarree hafuurri Yihowaa mulʼata kana ilaalchisee ibsa dabalataa hin kennine jennee yaaduu qabnaa? Matumaa!
Hisqiʼel Mana Qulqullummaa Hafuuraa Isa Guddaa Argee?
7, 8. (a) Yeroo ammaatti hubannaa qabnu isa kam irratti sirreeffamni godhameera? (b) Mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan argee fi mana qulqullummaa Phaawulos ibse gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?
7 Akkuma olitti ibsame, barreeffamoonni keenya waggoota hedduudhaaf wanti Hisqiʼel arge mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa Phaawulos ergamaan xalayaa warra Ibrootaatiif barreesse irratti caqase sana akka taʼe ibsaa turaniiru. Haa taʼu malee, qorannaan dabalataa goone Hisqiʼel mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa akka hin argine hubachuuf nu gargaara. Akkana kan jennu maaliifi?
8 Tokkoffaa, wanti Hisqiʼel mulʼataan arge ibsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin kennee wajjin wal hin simu. Mee waaʼee kanaa yaadi: Phaawulos ergamaan godoo qulqulluun bara Museetti ture wanta sana irra caalu tokkoof gaaddidduu ykn fakkeenya akka ture ifa godheera. Godoon qulqulluun sun akkuma manneen qulqullummaa Solomoonii fi Zarubaabel warra haala wal fakkaataa taʼeen ijaaraman sanaa kutaa “Hundumaa Caalaa Qulqulluu” taʼe qaba ture. Phaawulos kutaa sana “iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame” jechuudhaan waameera; kutaan kunis isa dhugaa sana utuu hin taʼin, “fakkeenya isa dhugaa sanaa” akka taʼe ibseera. Maarree inni dhugaan sun maali dha? Phaawulos “samii” jechuudhaan ibseera. (Ibr. 9:3, 24) Wanti Hisqiʼel arge samiidhaa? Miti. Mulʼanni kun, Hisqiʼel wantoota samii keessa jiran akka arge hin ibsu.—Daaniʼel 7:9, 10, 13, 14 wajjin wal bira qabii ilaali.
9, 10. Akkaataa aarsaan itti dhihaatu ilaalchisee mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan argee fi mana qulqullummaa hafuuraa guddaa Phaawulos ibse gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?
9 Akkaataa aarsaan itti dhihaatu ilaalchisee mulʼanni Hisqiʼel argee fi ibsi Phaawulos kenne garaa garummaa guddaa qaba. Hisqiʼel akkaataa aarsaawwan sun itti dhihaatan ilaalchisee qajeelfama balʼaa sabichaaf, geggeessitootaa fi lubootaaf kenname dhagaʼeera. Namoonni kun cubbuu isaaniitiif aarsaawwan ni dhiheessu turan. Kana malees aarsaawwan gamtaa tarii mana nyaataa mana qulqullummaa keessatti waliin nyaatanis ni dhiheessu turan. (His. 43:18, 19; 44:11, 15, 27; 45:15-20, 22-25) Aarsaawwan irra deddeebiʼanii dhihaatan kun mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa keessattis ni dhihaatuu?
Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa miti
10 Deebiin isaa ifaa fi salphaa dha. Phaawulos akkana jechuudhaan ibseera: “Kiristoos wantoota gaggaarii raawwatamaniif luba ol aanaa taʼee yeroo dhufe, dunkaana isa guddaa fi hunda caalutti, isa harkaan hin hojjetamne, jechuunis kan uumama kanaa hin taane keessa seene. Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina bara baraa nuuf argamsiise.” (Ibr. 9:11, 12) Kanaafuu mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa keessatti yeroo hundumaatiif akka taʼutti aarsaa tokko qofatu dhihaate. Aarsaan kunis furii Yesuus Kiristoos inni luba ol aanaa guddicha taʼe dhiheesse dha. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, manni qulqullummaa Hisqiʼel argee fi aarsaawwan reʼootaa fi jibootaa hedduun keessatti dhihaatan sun mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa kan argisiisu miti.
11. Bara Hisqiʼelitti yeroon Waaqayyo dhugaawwan waaʼee mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa dubbatan itti ibsu hin geenye kan jennu maaliifi?
11 Sababni Hisqiʼel mana qulqullummaa hafuuraa isa guddaa hin argine akka jennu nu taasisu inni lammaffaan kana dha: Yeroon Waaqayyo dhugaawwan kana itti ibsu hin geenye. Mulʼanni Hisqiʼel jalqaba kan himame Yihudoota boojiʼamanii Baabilon keessa jiranitti akka taʼe yaadadhaa. Isaan immoo Seera Musee jala jiru turan. Yeroon boojuu sanaa erga xumuramee booda gara Yerusaalemitti deebiʼanii mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa isaa deebisanii ijaaruudhaan waaqeffannaa qulqulluu ilaalchisee wanta Seerichi jedhu hojii irra oolchuu qabu turan. Gara jaarraa jaʼaatiif achitti aarsaa dhiheessuu isaanii itti fufanii turan. Mulʼanni Hisqiʼel arge mana qulqullummaa hafuuraa isa aarsaawwan kaan hunda dhiheessuun erga hafee booda lubni ol aanaan achi keessatti lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheessu utuu taʼee, Yihudootatti maaltu dhagaʼamee taʼuu akka dandaʼu yaadaa. Mulʼata kana kan hubatan akkamitti? Kun Seera Museetiif ajajamuuf murtoo godhan isaan jalaa hin laaffisuu? Akkuma yeroo hundumaa godhu, Yihowaan dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu kan ibsu yeroo sirrii taʼettii fi yeroo sabni isaa qophaaʼoo taʼanitti qofa dha.
12-14. Manni qulqullummaa Hisqiʼel argee fi manni qulqullummaa hafuuraa Phaawulos ibse walitti dhufeenya akkamii qabu? (Saanduqa, “Mana Qulqullummaa Adda Addaa, Barumsa Adda Addaa” jedhu ilaali.)
12 Maarree mulʼata Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee argee fi ibsa Phaawulos mana qulqullummaa hafuuraa ilaalchisee kenne gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira? Ibsi Phaawulos mana qulqullummaa hafuuraa irratti kenne, mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge irratti utuu hin taʼin, godoo qulqulluu bara Museetti ture irratti kan hundaaʼe akka taʼe yaadadhaa. Phaawulos wantoota mana qulqullummaa Solomoonii fi Zarubaabel keessatti argaman hedduu akka caqase beekamaa dha; wantoonni kun immoo mana qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge keessattis ibsamaniiru. Akka walii galaatti garuu Hisqiʼelii fi Phaawulos wantoota adda addaa irratti xiyyeeffataniiru.b Wanti isaan barreessan kan wal fakkaatu taʼuu baatus kan wal deggeru ture. Karaa kamiin?
13 Walitti dhufeenya kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kana lamaanii irraa wantoota kana barachuu dandeenya: Ibsa Phaawulos irraa qophii Yihowaan waaqeffannaadhaaf godhe baranna. Mulʼata Hisqiʼel irraa immoo, ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaadhaaf baase baranna. Phaawulos qophii Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe nu barsiisuuf, luba ol aanaa, aarsaawwan, iddoo aarsaa fi kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe dabalatee wantoonni mana qulqullummaa hafuuraa keessatti argaman hiika maalii akka qaban ibseera. Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge ibsa balʼaa waan qabateef ulaagaalee ol aanoo Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase nu barsiisa.
14 Maarree hubannaan amma arganne maali dha? Mulʼanni Hisqiʼel arge yeroo ammaatti nuuf hiika guddaa hin qabu jechuu akka hin taane beekamaa dha. Mulʼanni kun akkamitti akka nu fayyadu hubachuuf, Yihudoota amanamoo bara Hisqiʼelii fi sana booda turan akkamitti akka fayyade gad fageenyaan haa ilaallu.
Mulʼanni Kun Yihudoota Boojuu Jala Turaniif Hiika Akkamii Qaba Ture?
15. (a) Yaanni ijoo mulʼata Hisqiʼel maali dha? (b) Hisqiʼel boqonnaa 8 fi Hisqiʼel boqonnaa 40 hanga 48 gidduu garaa garummaa akkamiitu jira?
15 Deebii Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu beekuuf, gaaffiiwwan kanaa wajjin walitti dhufeenya qabanii fi yaada kana guutummaatti hubachuuf nu gargaaran haa qorru. Tokkoffaa, yaanni ijoo mulʼata kanaa maali dha? Gabaabumatti yaanni ijoo ergaa kanaa waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu kan ibsu dha. Kun Hisqiʼeliif ifa akka ture beekamaa dha. Yeroo kanatti Hisqiʼel boqonnaa 8ffaa kitaaba isaa barreessee ture; boqonnaa kana keessatti Yihowaan haala gaddisiisaa manni qulqullummaa Yerusaalem keessatti argamu balʼinaan ibseera. Hisqiʼel boqonnaa 40 hanga 48 irratti wanta kana irraa guutummaatti faallaa taʼe gad fageenyaan yommuu barreessu baayʼee gammadee taʼuu qaba. Boqonnaawwan kana irraa akkuma hubannutti waaqeffannaa qulqulluun mancaʼuu mannaa, akkuma Seera Musee keessatti ibsame waaqeffannaan Yihowaa mudaa kan hin qabne taʼa.
16. Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge wanta Isaayyaas jaarraa tokko dura dubbatee wajjin kan wal simu akkamitti?
16 Waaqeffannaan Yihowaa iddoo isaa isa sirriitti deebiʼuuf hunda caalee mulʼachuu qaba. Gara jaarraa tokkoo dura Isaayyaas raajichi geggeessaa hafuuraatiin akkana jedhee barreesseera: “Guyyoota dhumaatti, gaarri mana Yihowaa fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata, tabbawwanii olittis ol ni kaafama.” (Isa. 2:2) Isaayyaas waaqeffannaan Yihowaa inni qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi akka waan gaarreen dhedheeroo taʼan irra taaʼeetti ol kaʼee akka mulʼatu dursee dubbateera. Hisqiʼel yeroo mulʼata Waaqayyo biraa dhufe kana argetti eessa ture? “Gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko irra” dhaabbatee mana Yihowaa ilaalaa ture. (His. 40:2) Kanaafuu mulʼanni Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu mirkaneessa.
17. Yaada Hisqiʼel boqonnaa 40 hanga 48 irratti argamu gabaabsii ibsi.
17 Wanta Hisqiʼel argee fi Hisqiʼel boqonnaa 40 hanga 48 irratti galmeeffamee jiru kana gabaabumatti haa ilaallu. Hisqiʼel maleekaan sun karrawwan, dallaa, mooraawwanii fi iddoo qulqulluu mana qulqullummaa sanaa yommuu safaru arge. (His. 40-42) Sana booda wanti nama dinqisiisu tokko ni raawwatame. Ulfinni Yihowaa mana qulqullummaa sana irra buʼe. Yihowaan saba isaa warra ajajamoo hin taaneef, lubootaa fi geggeessitootaaf sirreeffamaa fi qajeelfama kenne. (His. 43:1-12; 44:10-31; 45:9-12) Hisqiʼel lagni iddoo qulqulluu keessaa gara Galaana Duʼaatti yaaʼu tokko jireenyaa fi eebba yommuu argamsiisu arge. (His. 47:1-12) Yommuu biyyichi qixxeetti hihiramu, waaqeffannaa qulqulluun walakkaa biyyattii bira iddoo isaa irra taaʼee arge. (His. 45:1-8; 47:13–48:35) Yaanni ijoo ergaa kanaa maali dha? Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi hunda irra caalee akka mulʼatu saba isaatiif mirkaneessaa ture. Inni achitti argamuudhaan mana waaqeffannaa isaa ni eebbisa; akkasumas eebbi mana qulqullummaa sana keessaa akka yaaʼu gochuudhaan biyyattii deebitee hundeeffamtu sanaaf fayyina, jireenyaa fi nagaa argamsiisa.
18. Mulʼanni waaʼee mana qulqullummaa ibsu kallattiidhaan hubatamuu qabaa? Ibsi.
18 Lammaffaa, mulʼanni sun kallattiidhaan hubatamuu qabaa? Lakki. Hisqiʼelii fi namoonni akkuma isaa boojuu jala turan warri inni mulʼata kana ibseef, mulʼanni kun kallattiidhaan fudhatamuu akka hin qabne yeruma sana hubatanii taʼuu hin oolu. Akkas kan jennu maaliifi? Hisqiʼel mana qulqullummaa kana kan arge “gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko” irratti akka taʼe yaadadhaa. Kun wanta Isaayyaas raajichi dubbatee wajjin akka gaariitti kan wal simu taʼus, iddoon sun mana qulqullummaa sana qabachuu hin dandaʼu. Manni qulqullummaa Solomoon Gaara Mooriyaa isa Yerusaalem keessa jiru irratti argama ture; gaaf tokkos achuma irratti deebiʼee ijaarama ture. Haa taʼu malee gaarri kun “gaara baayʼee dheeraa” turee? Hin turre. Gaarri Mooriyaa gaarreen isaa wajjin qixxee taʼaniin ykn isa irra caalaniin marfamee jira ture. Kana malees, manni qulqullummaa Hisqiʼel arge baayʼee guddaa ture. Fiixeen Gaara Mooriyaa mana qulqullummaa dallaa balʼaa taʼeen marfame kana qabachuu hin dandaʼu. Balʼinni mana qulqullummaa kanaa magaalaa Yerusaalem ishii bara Solomoonitti turte irra illee ni caala ture. Kanaafuu namoonni boojiʼaman lagni iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessaa gara Galaana Duʼaatti yaaʼu tokko kallattiidhaan bishaanota lubbuun keessa hin jirre ni fayyisa jedhanii akka hin eegne beekamaa dha. Kana malees Biyyattiin Abdachiifamte gaarreen hedduu waan qabduuf akkuma mulʼaticha keessatti ibsame gosoota hunda gidduu daangaa qajeelaa kaaʼanii qoqqooduun hin dandaʼamu. Kanaafuu mulʼanni kun kallattiidhaan hiikamuu hin qabu.
19-21. Yihowaan mulʼanni Hisqiʼel arge sabicha irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu barbaadee ture? Dhiibbaa akkasii kan isaan irratti godhe hoo maaliif taʼuu dandaʼa?
19 Sadaffaa, mulʼatichi namoota bara Hisqiʼel turan irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture? Sabichi ulaagaalee guguddaa Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif baase irratti yommuu xiinxalu qaanaʼee taʼuu qaba. Yihowaan ‘waaʼee mana qulqullummaa mana Israaʼeliif akka ibsu’ Hisqiʼelitti himeera. Israaʼelonni ‘pilaanii isaa akka qoʼataniif’ ibsi Hisqiʼel waaʼee mana qulqullummaa kanaa kenne guutummaatti ifa taʼuu qaba ture. Sabichi mana qulqullummaa kana irratti xiinxaluu kan qabu maaliifi? Akkuma kanaan dura ilaalle mana qulqullummaa kana ijaaruuf miti. Kanaa mannaa akkuma Yihowaan jedhe “balleessaa isaaniitiin kan kaʼe akka qaanaʼaniif” ture.—Hisqiʼel 43:10-12 dubbisi.
20 Mulʼanni kun qalbii namoota garaa qajeelaa qabanii kan ceephaʼuu fi akka qaanaʼan kan isaan godhu maaliif taʼuu dandaʼa? Hisqiʼel maal akka jedhame qalbeeffadhaa: “Yaa ilma namaa, dambiiwwanii fi seerawwan mana qulqullummaa Yihowaa ilaalchisee wantan sitti himu hundumaatiif xiyyeeffannaa kenni, akka gaariitti ilaali, of eeggannoodhaanis dhaggeeffadhu.” (His. 44:5) Hisqiʼel irra deddeebiʼee waaʼee dambiiwwanii fi waaʼee seerawwanii dhagaʼeera. (His. 43:11, 12; 44:24; 46:14) Waaʼee ulaagaa dheerina dhundhumaa fi ulaagaa ulfaatina sirrii dabalatee, waaʼee ulaagaalee Yihowaas yeroo baayʼee dhagaʼeera. (His. 40:5; 45:10-12; Fakkeenya 16:11 wajjin wal bira qabii ilaali.) Hisqiʼel mulʼata kana keessatti jechoota afaan jalqabaatiin ‘safaruu’ fi “safartuu” jedhanitti, akkasumas jechoota kanaa wajjin wal fakkaatanitti siʼa 50 ol fayyadameera.
21 Yihowaan waaʼee safartuuwwanii, waaʼee ulfaatinaa, waaʼee seerawwanii fi waaʼee dambiiwwanii yommuu dubbatu saba isaatti maal himuu barbaadeeti? Yihowaan dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe kana cimsee isaan yaadachiisuu kan barbaade fakkaata: Waaqeffannaa qulqulluudhaaf ulaagaa baasuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. Warri ulaagaalee kana irraa goran qaanaʼuu qabu. Haa taʼu malee, mulʼanni kun Yihudoota barumsa akkasii kan barsiisu akkamitti? Boqonnaa itti aanu keessatti fakkeenya muraasa ilaalla. Kun immoo mulʼanni dinqisiisaa taʼe kun yeroo ammaatti nuuf hiika maalii akka qabu caalaatti hubachuuf nu gargaara.
a Manni qulqullummaa hafuuraa qophii Yihowaan aarsaa furii Yesuus Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe argisiisa. Qophiin kun kan jalqabe Dh.K.B. bara 29tti akka taʼe beekna.