Qorontos Tokkoffaa
10 Yaa obbolootaa, abbootiin keenya hundi duumessa jala akka turanii+ fi hundi isaanii galaana keessa darbuu isaanii akka beektan nan barbaada;+ 2 hundi isaanii Musee hordofanii duumessichaa fi galaanichaan cuuphaman; 3 hundi isaanii nyaata hafuuraa tokko irraa nyaatan;+ 4 hundi isaanii bishaan hafuuraa tokko irraa dhugan.+ Sababiin isaas, isaan kattaa hafuuraa isaan duukaa deemu sana irraa dhugu turan; kattaan sun Kiristoosiin argisiisa.*+ 5 Taʼus, Waaqayyo hedduu isaaniitti waan hin gammadneef, isaan lafa onaa keessatti kufanii hafan.+
6 Akkuma isaan wanta hamaa hawwan nutis wanta hamaa akka hin hawwineef, wantoonni kun fakkeenya nuuf taʼaniiru.+ 7 Akkuma isaan keessaa tokko tokko godhan warra waaqolii tolfamoo waaqeffatan hin taʼinaa; waaʼee isaanii, “Sabichi nyaachuu fi dhuguuf ni taaʼe. Achiis sirbuudhaaf ol ni kaʼe”+ jedhamee barreeffameera. 8 Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa* raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman, nutis halalummaa* raawwachuu irraa haa fagaannu.+ 9 Akkuma isaan keessaa tokko tokko isa qoranii bofaan balleeffaman,+ nutis Yihowaa* qoruu irraa haa fagaannu.+ 10 Akkuma isaan keessaa tokko tokko gungumanii+ isa balleessu sanaan balleeffaman,+ isinis hin gunguminaa. 11 Wantoonni kun fakkeenya akka taʼaniif isaan irra gaʼan; nu warra dhumni sirnichaa irra gaʼe akeekkachiisuuf barreeffaman.+
12 Kanaafuu namni, “Ani dhaabbadheera” jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.+ 13 Qorumsi namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye.+ Haa taʼu malee, Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu;+ kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.+
14 Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamoo, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.+ 15 Ani akka namoota hubannaa qabaniitti isinitti nan dubbadha; wantan dubbadhe ofuma keessanii murteessaa. 16 Xoofoon eebbaa nuti eebbisnu, dhiiga Kiristoos irraa hirmaachuu mitii?+ Maxinoon nuti cabsinu, qaama Kiristoos irraa hirmaachuu mitii?+ 17 Maxinoo tokkotu jira; kanaafuu, nuti hedduu yoo taane iyyuu maxinoo tokko irraa waan hirmaannuuf qaama tokko dha.+
18 Warra fooniin Israaʼelota taʼan ilaalaa: Warri aarsaa sana nyaatan, iddoo aarsaa sana irraa hirmaatu mitii?+ 19 Egaa, ani maal jechaan jira? Wanti waaqa tolfamaadhaaf aarsaa taʼe gatii qaba yookiin waaqni tolfamaan gatii qaba jechuu koo tii? 20 Lakki; saboonni aarsaa kan dhiheessan Waaqayyoof utuu hin taʼin, jinniiwwaniifi jechuu koo ti;+ ani immoo isin jinniiwwanii+ wajjin qooda akka qabaattan hin barbaadu. 21 Xoofoo Yihowaa* fi xoofoo jinniiwwanii keessaa dhuguu hin dandeessan; “maaddii Yihowaa”*+ fi maaddii jinniiwwanii irraa nyaachuu hin dandeessan. 22 Yookiin ‘Yihowaan* akka hinaafu isa kakaasaa jirraa’?+ Nuti isa caalaa jaboo dhaa?
23 Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi faayidaa qaba jechuu miti. Wanti hundi heyyamameera, taʼus wanti hundi ni ijaara jechuu miti.+ 24 Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.+
25 Qalbii keessaniin kan kaʼe utuu hin gaafatin wanta gabaa fooniitti gurguramu kam iyyuu nyaadhaa; 26 sababiin isaas, “laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi kan Yihowaa* ti.”+ 27 Namni hin amanne tokko yoo isin affeeree fi isinis dhaquu yoo barbaaddan, qalbii keessaniin kan kaʼe utuu hin gaafatin wanta isiniif dhihaate kam iyyuu nyaadhaa. 28 Namni tokko, “Kun wanta aarsaadhaaf dhihaate dha” yoo isiniin jedhe garuu, nama isinitti hime sanaa fi sababii qalbiitiin hin nyaatinaa.+ 29 Qalbii yommuun jedhu isa kan keessanii utuu hin taʼin, qalbii nama isa kan biraa jechuu koo ti. Bilisummaan koo qalbii nama kan biraatiin maaliif itti murteeffama?+ 30 Galateeffadheen nyaadha erga taʼee, wantan galateeffadhee nyaadheef maaliifan arrabsama?+
31 Kanaafuu, yeroo nyaattan yookiin yeroo dhugdan yookiin wanta kam iyyuu yeroo gootan, wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa.+ 32 Yihudootattis taʼe Giriikotatti, akkasumas gumii Waaqayyootti gufuu taʼuu irraa of qusadhaa;+ 33 ani wanta hundumaa irratti faayidaa ofii kootii utuu hin taʼin faayidaa namoota kaaniin barbaada;+ kanas kanan godhu akka isaan fayyaniif namoota hundumaa gammachiisuufi.+