Qabiyyee
Amajjii 15, 2010
Maxxansa Qayyabannaa
TORBAN MATADUREEWWAN ITTI QAYYABATAMAN:
Bitootessa 1-7,2010
Yihowaadhaaf Kan Of Murteessitu Maaliifi?
FUULA 3
Bitootessa 8-14,2010
Kan Yihowaa Ta’uun Ayyaana Waaqayyoo Argachuudha
FUULA 7
Bitootessa 15-21,2010
Duuka Buutuu Kiristos Isa Dhugaa Ta’uukee Argisiisi
FUULA 12
Bitootessa 22-28,2010
Bulchiinsi Seexanaa Akka Kufu Mirkanaa’aadha
FUULA 24
Bitootessa 29–Ebla 4,2010
Bulchiinsi Yihowaa Sirrii Akka Ta’e Mirkanaa’eera!
FUULA 28
KAAYYOO MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA 1, 2 FUULA 3-11
Matadureewwan kun Yihowaadhaaf of murteessuu jechuun maal jechuu akka ta’eefi namni tokko tarkaanfii akkasii fudhachuun maaliif akka isa barbaachisu ibsu. Wanta Yihowaan nurraa barbaadu gochuu akka dandeenyu mirkanaa’oo kan taanu maaliif akka ta’es ni baranna. Kana malees, namoonni kan Yihowaa ta’an hundi eebba akkamii akka argatan ni baranna.
MATADUREE QAYYABANNAA 3 FUULA 12-16
Matadureen kun, karaawwan hundi keenya Kiristosiin hordofuuf carraaqqii gochuu itti qabnu shan nuu ibsa. Kana gochuudhaan, duuka buutota Kiristos warra dhugaa ta’uu keenya mirkaneessuufi warri hoolotatti fakkeeffaman gumii Kiristiyaanaa isa dhugaa akka hubatan isaan gargaaruu dandeenya.
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA 4, 5 FUULA 24-32
Mataduree arfaffaan, ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuunsaanii rakkina inni geessiseefi bulchiinsi namootaa kun, bulchiinsi Yihowaa hundarra kan caalu ta’uusaa akkamitti akka mirkaneesse ilaalla. Mataduree shanaffaan bulchiinsa Yihowaa fudhachuu keenya akkamitti argisiisuu akka dandeenyu ibsa.
MATADUREEWWAN DABALATAA:
Ijoolleen Keessan Rakkoowwan Hedduu Isaanirra Ga’an Akka Mo’an Gargaaraa 16
Yeroo Hunda Karaa Waaqayyoof Ulfina Fiduun Jiraadhaa 21