Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Amajjii 2021
AMAJJII 4-10
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 18-19
“Karaa Naamusaa Qulqulluu Taʼaa Jiraadhaa”
Kiyyoo Seexanaa Irraa Eegumsa Amansiisaa Argachuu
Yihowaan gocha jalʼinaa saboota naannoo sana jiraatanii caqasuudhaan Israaʼelootaan, “Akka hojii namoonni biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchuuf jiru sana keessatti hojjetanis hin hojjetinaa! . . . biyyichi illee in xuraaʼe; ani immoo yakka isaatiif isa nan adabe” jedhee ture. Waaqa Israaʼel isa qulqulluu taʼe duratti haalli jireenya warra Kanaʼaan baayʼee jibbisiisaa waan taʼeef, biyyi isaan keessa jiraatan xuraaʼee akkasumas faalamee ture.—Lew. 18:3, 25.
Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa
13 Mootonni amanamoon kun mootota saba kaanii ogummaa namootaatiin geggeeffamanii fi karoora milkaaʼina argachuu hin dandeenye baasaa turan irraa adda turan! Bulchiinsa Kanaʼaanotaa jala namoonni turan, firaa wajjin ejjuu, gadhaaʼummaa, horii wajjin ciisuu, ijoollee aarsaa gochuu fi waaqolii tolfamoo waaqeffachuu dabalatee wantoota ciiggaasisoo hedduu raawwachaa turan. (Lew. 18:6, 21-25) Kana malees, warri Baabilonii fi warri Gibxii qulqullina eeggachuu ilaalchisee barsiifata saayinsiin mirkaneessee fi Waaqayyo saba Israaʼeliif kenne hin hordofan turan. (Lak. 19:13) Sabni Waaqayyoo bara durii garuu, geggeessitoonni isaanii amanamoo taʼan karaa hafuuraa, naamusaa fi qaamaa qulqulluu akka taʼan akka isaan gargaaran hubataniiru. Dhuguma iyyuu, Yihowaan isaan geggeessaa ture.
w14-AM 7/1 7 key. 2
Waaqayyo Hammina Balleessuuf Tarkaanfii Akkamii Fudhata?
Namoota mata jabinaan daandii isaanii irraa deebiʼuu didanii wantoota hamoo raawwachuu isaanii itti fufan irra maaltu gaʼa? Waadaa galame kana irratti xiinxalaa: “Qajeelota qofatu lafa irra jiraata; warri balleessaa hin qabnes ishii irratti ni hafu. Hamoonni garuu lafa irraa ni buqqifamu, gantoonnis ishii irraa ni balleeffamu.” (Fakkeenya 2:21, 22) Gara fuulduraatti dhiibbaan namoonni hamoon geessisan hin jiraatu. Haala naga qabeessa taʼe keessatti, namoonni ajajamoon suutuma suuta cubbuu dhaalan irraa bilisa baʼu.—Roomaa 6:17, 18; 8:21.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
“Ani Seera Kee Attam Nan Jaalladha!”
11 Kutaan Seera Musee Waaqayyo sabasaatiif akka yaadu argisiisu inni lammaffaan hiyyeeyyiin qarmii funaannachuuf mirga akka qabaatan kan ajajudha. Yihowaan, qonnaan bulaan Israaʼel tokko maasiisaarraa midhaan yommuu sassaabbatu namoonni hiyyeeyyii taʼan qarmii akka sassaabbatan heyyamuu akka qabu abboomee ture. Qonnaan bultoonni timjii maasiisaanii guutummaatti haamuu, akkasumas wayiniifi ejersa bira darban deebiʼanii sassaabuu hin qaban ture. Bissiin midhaanii maasii keessatti yoo irraanfatame deebiʼanii kaafachuu hin qaban. Kun qophii jaalalaa hiyyeeyyiidhaaf, galaadhaaf, ijoollee haadhaafi abbaa hin qabneefi dubartoota abbaan manaasaanii irraa duʼeef godhame ture. Qarmii sassaabuun waan ulfaataa taʼuyyuu, rakkatanii akka hin kadhanne isaan gargaara ture.—Leewwota 19:9, 10; Keessa Deebii 24:19-22; Faarfannaa 37:25.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w02-AM 2/1 29
Gaaffii Dubbistootaa
Seerri Yihowaan saba Israaʼeliif kenne sirna cidhaa ykn ulaagaa hordofamuu qabu ilaalchisee wanta baayʼee hin dubbatu. Haa taʼu malee, gaaʼela ilaalchisee dhorkaa kaaʼe tokko tokko qaba. Fakkeenyaaf, Leewwota 18:6-20 irratti saalqunnamtii “fira dhihoo” gidduutti raawwatamu ilaalchisee dhorkaawwan kaaʼaman tokko tokko ilaalaa. Caqasni kun firoota kamfaa wajjin saalqunnamtii raawwachuun akka hin dandaʼamne ifatti dubbata. Kiristiyaanonni Seera Musee jala akka hin jirre beekamaa dha. (Efesoon 2:15; Qolosaayis 2:14) Taʼus Kiristiyaanonni nama gaaʼela wajjin dhaabbatan yommuu filatanitti dhimma kana dagachuu ni dandaʼu jechuu miti. Sababiin kana itti jennu hedduun jira.
Tokkoffaa, gaaʼela firoota dhihoo gidduutti raawwatamu ilaalchisee mootummoonni seerawwan baasan qabu; Kiristiyaanonnis seerawwan biyya keessa jiraatanii akka eegan irraa eegama. (Maatewos 22:21; Roomaa 13:1) Seerawwan akkasii iddoodhaa gara iddootti garaa garummaa akka qaban beekamaa dha. Seerawwan yeroo ammayyaa kanatti baʼan adda durummaadhaan kan baʼan mudaa sanyiidhaan darbu irratti hundaaʼanii ti. Gaaʼelli firoota dhihoo gidduutti godhamu daaʼima dhalatu irratti hirʼina qaamaa fi dhukkuba geessisuu akka dandaʼu ni beekama. Sababa kanaatiin, akkasumas “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif” waan bitamaniif, Kiristiyaanonni gaaʼela dhaabbachuu ilaalchisee seera biyyi isaanii baasuuf ajajamuu barbaadu.
Kana malees, wanta hawaasa keessa jiraannu keessatti fudhatama qabuu fi hin qabne beekuun keenyas jijjiirama fida. Aadaawwan hundi jechuun ni dandaʼama, seerawwanii fi duudhaawwan gaaʼela fira dhiigaa gidduutti raawwatamu balaaleffatu qabu; yeroo baayʼee walitti dhufeenyi akkanaa akka safuu guddaatti ilaalu. Gama kanaan aadaawwan garaa garaa keessa ilaalchi garaa garaa jiraatus, kitaabni The Encyclopædia Britannica akka dubbatetti, “akka walii galaatti, namoonni lama hammuma firummaan isaanii cimaa taʼe, saalqunnamtiin isaan gidduutti raawwatamus caalaatti akka safuu guddaatti kan ilaalamuu fi kan balaaleffatamu taʼa.” Kanaafuu, haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Kiristiyaanonni gumii Kiristiyaanaa fi maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo akka hin fidneef, duudhaawwanii fi ilaalcha hawaasa isaanii keessa jiru salphisanii ilaaluu hin barbaadan.—2 Qorontos 6:3.
Gama kanaan qalbiin Waaqayyo nuu kennes akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Namoonni hundi wanta sirrii fi dogoggora taʼe, akkasumas wanta gaarii fi gadhee taʼe ilaalchisee uumamaan wanta beekan qabu. (Roomaa 2:15) Qalbiin isaanii gochawwan hamminaatiin kan kaʼe yoo mancaʼe ykn yoo hadoode malee wanti sirrii fi fudhatama qabu, akkasumas wanti uumamaa alaa fi safuu taʼe maal akka taʼe isaanitti ni hima. Seerri Yihowaan gaaʼela firoota dhihoo gidduutti godhamu ilaalchisee Israaʼelotaaf kenne dhugaa kana kan deggeru dha. Akkana isaaniin jedheera: “Isin akka isaan biyya Gibxii isa isin keessa jiraachaa turtan keessatti raawwatan sanaatti hin raawwatinaa; akkasumas isin wanta isaan biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchu keessatti raawwatan sana hin raawwatinaa. Akka dambiiwwan isaaniittis hin deddeebiʼinaa.” (Leewwota 18:3) Kiristiyaanonni qalbii isaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjifameef iddoo guddaa kennu; ilaalcha jalʼaa namoonni addunyaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee qaban qalbii isaanii akka mancaasu hin heyyaman.—Efesoon 4:17-19.
Maarree xumura akkamii irra gaʼuu dandeenya? Kiristiyaanonni Seera Musee jala kan hin jirre taʼus, gaaʼelli miseensota maatii kan akka abbaa fi intala, haadhaa fi ilma, akkasumas obboleessaa fi obboleettii gidduutti godhamu Kiristiyaanota biratti matumaa fudhatama akka hin qabne qalbiin isaanii ifatti isaanitti hima. Kiristiyaanonni firummaan isaanii fagaachaa yeroo deemutti illee, seerawwanii fi dambiiwwan gaaʼelaa wajjin wal qabatan maalfaa akka taʼan, akkasumas ulaagaan hawaasaa fi aadaa isaanii biratti fudhatama qabu maal akka taʼe tilmaama keessa galchuu qabu. Yaadawwan kanaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan ajaja Kitaaba Qulqulluu, “Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu” jedhu akka kabajnu argisiisuu dandeenya.—Ibroota 13:4.
AMAJJII 11-17
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 20-21
“Yihowaan Saba Isaa Adda ni Baasa”
w04-AM 10/15 11 key. 12
Abdii Jannataatti Amanuuf Sababii Qabdaa?
12 Amma iyyuu wanti dagachuu hin qabne tokko jira. Waaqayyo Israaʼelotaan, “Isin jabaattanii ceetanii gara biyya dhaalaan fudhattanitti akka seentaniif, ajaja ani harʼa isiniif kennu hundumaa eegaa” jedhee ture. (Keessa Deebii 11:8) Leewwota 20:22, 24 irrattis lafti kun caqasameera; akkana jedha: “Biyyi akka keessa jiraattaniif ani itti isin galchu sun akka isin hin tufneef, dambiiwwan koo hundumaa fi heerawwan koo hundumaa eegaa; isaaniinis raawwadhaa. Ani akkana kanan isiniin jedhe kanaafi: ‘Biyya isaanii dhaalaan ni qabattu; anis biyya aannanii fi damma maddisiistu dhaalaan isiniif nan kenna.’” Eeyyee, Biyyattii Abdachiifamte dhaaluu kan dandaʼan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii yoo qabaatan qofa ture. Garuu Israaʼelonni Waaqayyoof utuu hin ajajamin waan hafaniif, Baabilononni akka isaan injifatanii fi biyya keessa jiraatan irraa akka isaan balleessan heyyameera.
it-1-E 1199
Dhaala
Qabeenya abbaan qabeenya sanaa yeroo duʼu nama dhaaluuf ykn namoota iddoo isaa buʼuuf mirga qabaniif darbu; wanta warra irraa namaaf darbu kam iyyuu. Jechi Afaan Ibrootaa raawwii argisiisu naakaal (na·chalʹ) kan jedhu dha (maqaa yeroo taʼu immoo naakaalaah (na·chalahʹ) taʼa). Dhaala ykn qabeenya dhaalaan argamu argachuu ykn kennuu kan dabalatu dha. (Lak 26:55; His 46:18) Jechi raawwii argisiisuu fi Yaaraash (ya·rashʹ) jedhu yeroo tokko tokko ‘nama dhaaluu’ argisiisuuf kan itti hojjetamu taʼus, yeroo baayʼee ‘dhaalaan fudhachuu’ argisiisuuf itti hojjetama. (Uma 15:3; Lew 20:24) Tarkaanfii waraanaa wajjin yeroo wal qabatutti immoo, hiika ‘biyyaa ariʼuu; haxaaʼanii balleessuu’ jedhu qaba. (Kes 2:12; 31:3) Jechi Afaan Giriikii dhaala argisiisu jecha kileroos (kleʹros) jedhuu wajjin kan wal qabate dha; jechi kunis jalqaba hiika “carraa” jedhu qaba ture, yeroo booda immoo hiika ‘hirmaachuu,’ achiis “dhaala” jedhu ni qabaate.—Mat 27:35; HoE 1:17; 26:18.
it-1-E 317 key. 2
Simbirroota
Noh Bishaan Badiisaa booda “uumamawwan barrisan warra qulqulluu taʼan” horii wajjin aarsaa godhee dhiheessee ture. (Uma 8:18-20) Sana booda Waaqayyo namoonni simbirroota dhiiga isaanii dhangalaasanii akka nyaatan heyyame. (Uma 9:1-4; Lew 7:26; 17:13 wajjin wal bira qabii ilaali.) Yeroo sanatti ulaagaan simbirroonnii akka ‘qulqulluutti’ akka ilaalaman godhu aarsaa taʼanii akka dhihaatan Waaqayyo kan heyyamu taʼuu isaa ti; seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame irraa akka ilaallutti, simbirroota nyaataaf oolan wajjin haala wal qabateen hamma Seerri Musee kennamutti simbirroonni kam iyyuu akka “xuraaʼaa” taʼanitti hin ilaalaman turan. (Lew 11:13-19, 46, 47; 20:25; Kes 14:11-20) Simbirroonni akka sirnichaatti “xuraaʼaa” taʼan kamfaa akka taʼan wanti murteessu maal akka taʼe Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne. Baayʼeen isaanii simbirroota adamsan ykn raqa nyaatani dha; garuu hunda isaanii miti. (SIMBIRA GUTTIYYAA QABDUU (HOOPOE) isa jedhu ilaali.) Kakuu haaraan erga hundeeffamee fi Waaqayyo Pheexirositti mulʼataan erga argisiisee booda dhorkaan kun hafeera.—HoE 10:9-15.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 563
Kukkutuu
Seerri Waaqayyoo nama duʼeef jecha qaama ofii kukkutuu ni dhoowwa. (Lew 19:28; 21:5; Kes 14:1) Sababiin isaas Israaʼelonni Yihowaadhaaf saba qulqulluu, akkasumas qabeenya addaa turan. (Kes 14:2) Akka kanaan Israaʼelonni gochawwan waaqolii tolfamoo waaqeffachuu wajjin wal qabatan hundumaa irraa iyyuu bilisa taʼuu qabu. Sana boodas taanaan gadda ofii ibsachuuf qaama ofii irratti miidhaa geessisuun, saba haala namoonni duʼan keessatti argamanii fi abdii duʼaa kaʼuu guutummaatti beeku biratti fudhatama hin qabu. (Dan 12:13; Ibr 11:19) Kana malees, Israaʼelonni qaama ofii kukkutuu irraa fagaachuun isaanii qaama namaa isa uumama Waaqayyoo taʼeef kabaja akka qaban argisiisa.
AMAJJII 18-24
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 22-23
“Ayyaanonni Yeroo Murtaaʼetti Kabajaman Nuuf Hiika Akkamii Qabu?”
it-1-E 826-827
Ayyaana Maxinoo
Guyyaan jalqabaa Ayyaana Maxinoo guyyaa walgaʼii qulqulluu, akkasumas sanbata ture. Guyyaa lammaffaatti, jechuunis Niisaan 16tti bissiin firii jalqabaa garbuu gara lubichaatti fidama ture; biyya Paalastiinaa keessatti midhaan dursee gaʼu garbuu ture. Ayyaanni kun kabajamuu isaa dura midhaan haaraa irraa daabboon ykn midhaan akaaʼame nyaatamuu hin dandaʼu ture. Lubichi bissii sana asii fi achi sochoosuudhaan firii jalqabaa Yihowaa duratti dhiheessa; akkasumas xobbaallaan hoolaa mudaa hin qabnee fi gara waggaa tokkoo taʼe aarsaa gubamu godhamee dhihaata; isaa wajjinis aarsaan midhaanii zayitiidhaan laaffifamee fi aarsaan dhugaatii ni dhihaata. (Lew 23:6-14) Akka yeroo booda luboonni gochaa turanitti, midhaan firii jalqabaas taʼe daakuu isaa keessaa kam iyyuu iddoo aarsaa irratti akka gubamu ajajni kenname hin jiru. Firii midhaan jalqabaa kan dhiheessan akka sabaatti qofa hin turre; maatiin ykn namni Israaʼel keessatti dhaala qabu kam iyyuu yeroo ayyaana kanaatti aarsaawwan galataa akka dhiheessu qophiin godhamee ture.—Bau 23:19; Kes 26:1, 2; FIRIIWWAN JALQABAA (FIRSTFRUITS) isa jedhu ilaali.
Barbaachisummaa Isaa. Yeroo kanatti maxinoo nyaachuun isaanii qajeelfama Yihowaan Museedhaaf kennee fi Baʼuu 12:14-20 irratti galmeeffamee wajjin kan wal simu ture; lakkoofsa 19 irratti ajajni cimaan, “Guyyaa torbaaf bukoon raacitii qabu manneen keessan keessatti hin argamin” jedhu isaaniif kennamee ture. Maxinoon kun Keessa Deebii 16:3 irratti “maxinoo rakkinaa” jedhameera; kunis Yihudoonni biyya Gibxii keessaa saffisa guddaadhaan baʼuu isaanii waggaa waggaadhaan isaan yaadachiisa (yeroo sanatti bukoon isaanii akka bukaaʼu gochuuf yeroo hin qaban turan [Bau 12:34]). Kana gochuun isaanii Israaʼelonni rakkinaa fi hacuuccaa akkamii jalaa bilisa akka baʼan isaan yaadachiisa; Yihowaan iyyuu, “Guyyaa biyya Gibxii keessaa itti baate akka yaadattuuf bara jireenyaa kee hundumaatti akkana godhi” isaaniin jedhee ture. Israaʼelonni ayyaanota guguddaa jalqaba waggaatti kabajaman sadan kabajuun isaanii, bilisummaa yeroo sanatti akka sabaatti argatan akka hubatanii fi Yihowaan Fayyisaa isaanii taʼuu isaa amananii akka fudhatan argisiisa.—Kes 16:16.
it-2-E 598 key. 2
Phenxeqosxee
Firiiwwan jalqabaa qamadii kan dhihaatan akkaataa firiiwwan jalqabaa garbuu itti dhihaatan irraa adda dha. Daakuu bullaaʼaa raacitii qabu tokko kurnaffaa eefaa tokko irraa daabboon lama ni tolfama. Midhaan kun “Iddoowwan jireenyaa [isaanii] irraa” kan argame taʼuu qaba; kana jechuun daabboo guyyaa guyyaadhaan nyaachuuf tolfatanii fi kaayyoo qulqulluutiif hin qophoofne taʼuu qaba jechuu dha. (Lew 23:17) Aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu wajjin kan dhihaatu yeroo taʼu, aarsaa gamtaatiif hoolonni xobbaallaa kormaa lama ni dhihaatu. Lubichis daabboo sanaa fi hoolota xobbaallaa sana asii fi achi sochoosuudhaan Yihowaa duratti dhiheessa; daabboo sanaa fi foon hoolota sanaa isa kukkutame harka irra kaaʼee asii fi achi sochoosuun isaa Yihowaa duratti dhiheessuu isaa argisiisa. Daabboonii fi hoolonni sun erga dhihaatanii booda, lubichi akka aarsaa gamtaatti isaan nyaata.—Lew 23:18-20.
Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Fuulduratti Deemaa Jirtaa?
11 Jaarmiyaan Yihowaa gorsa Phaawulos akka hordofnu kan nu jajjabeessu faayidaa keenyaaf jedheeti. Phaawulos akkas jedheera: “Jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafnaa! Akka jara tokkotti amala taʼe, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhiʼaachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina.” (Ibr. 10:24, 25) Israaʼeloonni ayyaanota waggaatti ayyaaneffatamaniifi walgaʼiiwwan kaanirratti waaqeffannaadhaaf walitti qabamuunsaanii karaa hafuuraa akka jabaatan isaan gargaareera. Kana malees, qophiiwwan addaa kan akka Ayyaana Gordommaa bara Nahimiyaatti godhamaa turan yeroo gammachuu turan. (Bau. 23:15, 16; Nah. 8:9-18) Nutis walgaʼii gumiifi walgaʼiiwwan gurguddaarraa faayidaa akkasii arganna. Qophiiwwan karaa hafuuraa fayyaa akka taanuuf, akkasumas gammachuu keenyaaf nuu dhihaatan kanatti guutummaatti haa fayyadamnu.—Tit. 2:2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!
3 Amanamummaan nuyi tajaajiltoota Waaqayyootiif yeroo itti hojjetamu, akka qaama tokkootti Yihowaa garaa guutuudhaan jaallachuu fi guutummaatti isaaf kan bulle taʼuudhaan murtoo keenya hundumaa irratti fedhii isaa dursuu jechuu dha. Amanamummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame ilaalchisee ragaawwan tokko tokko haa ilaallu. Hiikni jecha Kitaaba Qulqulluu “amanamummaa” jedhu inni buʼuuraa, mudaa kan hin qabne, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne jechuu dha. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf horii aarsaa godhanii kan kennan siʼa taʼu, Seerichi horiin sun fayyaa taʼuu akka qabu dubbata. (Lew. 22:21, 22) Sabni Waaqayyoo horii naafa, gurri irraa cite ykn iji jaames taʼe, dhukkubsataa taʼe aarsaadhaaf akka dhiheessan isaaniif hin heyyamamu ture. Horiin sun guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuun isaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa qaba ture. (Mil. 1:6-9) Yihowaan fayyaa ykn guutuu taʼuudhaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Kuduraa, kitaaba ykn meeshaa tokko yommuu binnu, uraa ykn caba kan qabu akka taʼu hin barbaannu. Isa guutuu, fayyaa ykn hirʼina hin qabne bitachuu barbaanna. Yihowaanis jaalalaa fi amanamummaa isaaf qabnu ilaalchisee akkasuma itti dhagaʼama. Guutuu ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w07-AM 7/15 26
Gaaffii Dubbistootaa
Seera Musee keessatti Israaʼelotaaf ajajni akkana jedhu kennameera: “Dhiironni kee hundi bakka inni filatutti waggaatti siʼa sadii jechuunis, Ayyaana Maxinoo irratti, Ayyaana Torbeewwanii irrattii fi Ayyaana Daasii irratti Waaqa kee Yihowaa duratti haa dhihaatan.” (Keessa Deebii 16:16) Bara Solomoon Mootichaatii kaasee bakki Yihowaan filate mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamu ture.
Ayyaanonni jalqabaa sadan kan kabajaman jalqaba waqtii arfaasaatti ture. Ayyaanni Maxinoo kabajamuu kan jalqabu borumtaa Ayyaana Faasikaa isa Niisaan 14 kabajamutti yeroo taʼu, hamma Niisaan 21tti guyyaa torbaaf kabajamuu isaa itti fufa. Guyyaan lammaffaa ayyaanichaa, jechuunis Niisaan 16, akka kaalaandarii qulqulluutti yeroon jalqaba waggicha keessatti midhaan itti sassaabamu akka gaʼe argisiisa. Guyyaa sanatti, lubni ol aanaan “bissii firii jalqabaa” garbuu fuudhee iddoo qulqulluu keessa “Yihowaa duratti asii fi achi” sochoosa. (Leewwota 23:5-12) Dhiironni hundi Ayyaana Maxinoo irratti akka argaman kan irraa eegamu erga taʼee midhaan dhihaatu kana eenyutu sassaaba?
Ajajni yeroo Ayyaana Maxinootti firii midhaan jalqabaa Yihowaadhaaf akka dhiheessan kenname guutummaa sabichaa kan ilaallatu ture. Tokkoon tokkoon namaa midhaan sassaabuu akka jalqabuu fi firii jalqabaa gara iddoo qulqulluutti akka fidu irraa hin eegamu ture. Kanaa mannaa, sabichi namoota hojii kana raawwatan akka ramadu ajajamee ture. Akka kanaan maasii garbuu dhiheenyatti argamu irraa bissii Ayyaana Maxinootiif taʼu akka haaman namoota erguu dandaʼu turan. Kitaabni Encyclopaedia Judaica dhimma kana irratti yaada yeroo kennu akkana jedheera: “Garbuun naannoo Yerusaalem jiru yoo gaʼe achumaa haamamee fidamuu dandaʼa, taʼuu baannaan garuu, Israaʼel keessaa iddoo kam irraa iyyuu fidamuu dandaʼa ture. Namoonni sadii haamtuu fi guuboo isaaniitti fayyadamanii midhaanicha walitti qabu.” Yihowaa duratti akka isa dhiheessuuf, bissiin garbuu tokko luba ol aanaatti kennama ture.
Israaʼelonni midhaan sassaaban keessaa firii jalqabaa akka dhiheessan irraa eegamuun isaa eebba Waaqayyo lafaa fi midhaan isaanii irratti isaaniif kenneef dinqisiifannaa qaban ibsuuf carraa isaaniif bana ture. (Keessa Deebii 8:6-10) Kennaan dhiheessan kun “gaaddidduu wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii” waan taʼeef iddoo guddaa qaba. (Ibroota 10:1) Yesuus Kiristoos duʼaa kan kaʼe Dh.K.B. bara 33, Niisaan 16tti yeroo taʼu, guyyaan kun guyyaa firiin midhaan jalqabaa Yihowaadhaaf itti dhihaatu ture. Yesuusiin ilaalchisee Phaawulos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Kiristoos warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee duʼaa kaafameera. . . . Haa taʼu malee, hundi isaanii dabaree isaaniitiin duʼaa kaafamu: Inni jalqabaa Kiristoosi; achiis yeroo inni argamutti warra kan Kiristoos taʼantu kaafama.” (1 Qorontos 15:20-23) Bissiin firii jalqabaa lubni ol aanaan Yihowaa duratti asii fi achi sochoosu, duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoos isa jireenya bara baraatiif jalqaba duʼaa kaafameef gaaddidduu taʼeera. Yesuus akka kanaan karaa ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa itti baʼan baneera.
AMAJJII 25-31
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 24-25
“Waggaa Iyyobeeliyyuu fi Bilisummaa Gara Fuulduraatti Argamu”
it-1-E 871
Bilisummaa
Waaqa Bilisummaa. Yihowaan Waaqa bilisummaa ti. Inni saba Israaʼel hacuuccaa Gibxii jalaa bilisa baaseera. Ajajawwan isaatiif hamma ajajamanitti hiyyummaa irraa bilisa akka taʼan isaanitti himeera. (Kes 15:4, 5) Daawit waaʼee “tasgabbii” masaraawwan Yerusaalem keessa jiraatuu dubbateera. (Fr 122:6, 7) Haa taʼu malee, Seerichi namni tokko yoo hiyyoome ofiifis taʼe maatii isaatiif wanta barbaachisu argachuuf garbummaatti of gurguruu akka dandaʼu dubbata. Taʼus Seerichi namni kun waggaa torbaffaatti bilisa akka baafamu ajaja. (Bau 21:2) Waggaa Iyyobeeliyyuutti (waggaa 50tti al tokko) jiraattota biyyattii hundumaatiif bilisummaan ni labsama ture. Garbi Ibricha taʼe kam iyyuu bilisa baʼee gara lafa dhaala isaa taʼetti deebiʼa ture.—Lew 25:10-19.
it-1-E 1200 key. 2
Dhaala
Lafti maatii tokko dhalootaa dhalootatti waan darbuuf, haala dhaabbataa taʼeen gurguruun hin dandaʼamu ture. Lafti tokko kan gurguramu gatii oomisha lafti sun argamsiisu tilmaama keessa galchuudhaan ture; gatiin ittiin bitamu baayʼina waggoota hamma Iyyobeeliyyuu itti aanutti jiran irratti kan hundaaʼe ture; lafti kam iyyuu waggaa Iyyobeeliyyuu sana dura yoo furamuu baate, waggaa sanatti abbaa lafichaatiif deebiʼa ture. (Lew 25:13, 15, 23, 24) Seerri kun manneen magaalota dallaa hin qabne keessa jiranii fi akka kutaa maasiitti ilaalamanis kan dabalatu dha. Manni tokko kan argamu magaalaa dallaa qabdu keessa yoo taʼe namni gurgure sun hamma waggaa tokkootti deebisee bitachuuf mirga qaba; sana booda garuu qabeenya nama bitate sanaa taʼa. Leewwonni lafa dhaalan waan hin qabneef, mana magaalaa Leewwotaa keessatti argamuu wajjin haala wal qabateen mirgi deebisanii bitachuu yeroo hundumaa itti fufa.—Lew 25:29-34.
it-2-E 122-123
Iyyobeeliyyuu
Sabichi seera Iyyobeeliyyuutiif yoo ajajame haala hammaachaa deemu irraa eegumsa argata ture; haalli akkasii yeroo harʼaatti biyyoota hedduu keessatti ni mulʼata; namoonni garmalee dureeyyii taʼanii fi namoonni garmalee hiyyeeyyii taʼan hedduun jiru. Faayidaan namoonni dhuunfaatti argatan sabichi akka cimu godha ture; eenyu iyyuu haala diinagdee hammaachaa deemuun kan kaʼe deegaa hin taʼu ture; kanaa mannaa, hundi isaanii iyyuu dandeettii isaaniitti fayyadamanii nageenya sabichaatiif gumaacha gochuu dandaʼu turan. Yihowaan lafti isaanii oomisha gaarii akka kennu gochuudhaan waan isaan eebbisuuf, akkasumas qophii barumsaa waan isaaniif godheef, Israaʼelonni hamma ajajamoo taʼanitti bulchiinsa mudaa hin qabnee fi badhaadhina tiʼookraasii dhugaan argamsiisu argachuu dandaʼu turan.—Isa 33:22.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w09-AM 9/1 22 key. 4
Yeroo Namoonni Si Aarsan
Namni Israaʼel tokko ija nama kan biraa yoo jaamse Seerichi namni sun akka adabamu ajaja. Haa taʼu malee, nama miidhaa geessise sana ykn miseensa maatii isaa tokko kan adabu nama miidhaan irra gaʼe miti. Seerichi adabni sirriin kennamuu akka dandaʼuuf, dhimmichi gara abbootii taayitaa, jechuunis abbootii murtii muudamanitti akka geeffamu ajaja. Namni tokko nama tokko irratti taʼe jedhee miidhaa akka geessise ykn jalʼina akka raawwate yoo beekame adabbii cimaan warra kaaniif barumsa taʼu isaaf kennama ture. Haa taʼu malee, Seerichi faayidaa kana irra caalus qaba ture.
GURAANDHALA 1-7
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 26-27
“Eebba Yihowaa Argachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?”
“Wanta Waaʼee Hin Baafne” Duukaa Hin Buʼinaa
8 ‘Horiin’ akka waaqaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenyaaf, waaʼee dhagaa biyya Israaʼel durii keessa jiruu yaadi. Dhagaan akkasii mana ykn dallaa ijaaruuf fayyaduu dandaʼa. Karaa gara biraatiinimmoo “utubaa dhagaa isa qulqullaaʼaa” ykn “dhagaa bifni itti baafame” godhamee yoo dhaabame, saba Yihowaa karaarraa jalʼisuu dandaʼa ture. (Lew. 26:1) Qarshiinis faayidaa mataasaa qaba. Ittiin jiraachuufi tajaajila Yihowaatiif itti fayyadamuu dandeenya. (Lal. 7:12; Luq. 16:9) Haataʼu malee, tajaajila Kiristiyaanummaa caalaa qarshii kan ariinu yoo taʼe, qarshiin waaqa keenya taʼeera jechuudha. (1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.) Addunyaa isa namoonni qarshii hedduu argachuuf itti fiigan kana keessatti, dhimma kanaaf ilaalcha sirrii qabaachuun keenya baayʼee barbaachisaadha.—1 Xim. 6:17-19.
it-1-E 223 key. 3
Kabaja guddaa
Akkaataa Yihowaan isatti fayyadameen, akkasumas walitti dhufeenya isaa wajjin qabuun kan kaʼe, sabni Waaqayyoo Museedhaaf kabaja guddaa ykn dinqisiifannaa (Afaan Ibrootaatiin, moh·raʼʹ) qaba ture. (Kes 34:10, 12; Bau 19:9) Namoonni amantii qaban aangoo Museetiif kabaja guddaa qabu turan. Yihowaan karaa isaa akka dubbate hubatanii turan. Israaʼelonni iddoo qulqulluu Yihowaatiifis kabaja guddaa qabu turan. (Lew 19:30; 26:2) Kana jechuun sodaa iddoo qulqulluu sanaaf qaban ifatti argisiisuu qabu turan jechuu dha; kana kan argisiisanis qajeelfama Yihowaan kenne hordofuudhaan isa waaqeffachuu fi ajajawwan isaa hundumaa eeguudhaan ture.
w91-E 3/1 17 key. 10
“Nagaan Waaqayyoo” Garaa Keessan haa Eegu
10 Yihowaan sabichaan akkana jedhee ture: “Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼuu fi ajajawwan koo eeguu keessan yoo itti fuftan, akkasumas hojii irra yoo isaan oolchitan, ani yeroo isaatti bokkaa isiniif nan roobsa; lafattiinis firii ishii ni kenniti; mukeetiin dirree keessaas firii isaanii ni kennu. Biyya keessan keessatti nagaa nan buusa; namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu; bineensota bosonaa hamoo taʼan biyya keessan keessaa nan baasa; goraadeen lolaas biyya keessan keessa hin darbu. Isin gidduu nan deddeebiʼa; Waaqa keessanis nan taʼa; isin immoo saba koo ni taatu.” (Leewwota 26:3, 4, 6, 12) Israaʼelonni diinonni isaanii akka isaan hin miine eegumsa argatanii, qabeenya hedduu horatanii fi Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaatanii nagaadhaan jiraachuu dandaʼu turan. Kun taʼuu kan dandaʼu garuu Seera Yihowaatiif yoo ajajaman qofa ture.—Faarfannaa 119:165.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 617
Dhaʼicha
Seera Waaqayyoo Cabsuudhaan kan Dhufu. Sabni Israaʼel kakuu Waaqayyoo wajjin galan yoo cabsan inni ‘dhukkuba [dhaʼicha] isaan gidduutti akka ergu’ akeekkachiisni isaaniif kennamee ture. (Lew 26:14-16, 23-25; Kes 28:15, 21, 22) Kitaaba Qulqulluu keessatti karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa fayya buleeyyii taʼuun eebba Waaqayyoo argachuu wajjin (Kes 7:12, 15; Fr 103:1-3; Fak 3:1, 2, 7, 8; 4:21, 22; Mul 21:1-4), dhukkubni immoo cubbuu fi mudaa qabaachuu wajjin wal qabsiifamee ibsameera. (Bau 15:26; Kes 28:58-61; Isa 53:4, 5; Mat 9:2-6, 12; Yoh 5:14) Yeroo tokko tokko Yihowaan kallattiidhaan, akkasumas yeruma sana namoota dhaʼichaan adabeera; fakkeenyaaf Miiriyaam, Ooziyaa fi Gehaaziin dhukkuba nadaayiitiin adabeera (Lak 12:10; 2Se 26:16-21; 2Mo 5:25-27); yeroo baayʼee garuu dhukkubni ykn dhaʼichi kan dhufu, cubbuu dhaalleen ykn gocha dogoggoraa namni ykn sabni tokko raawwateen kan kaʼe dha. Namoonni akkasii waanuma facaasan haammatu; dogoggora raawwataniin kan kaʼe qaamni isaanii miidhaaf saaxilama. (Gal 6:7, 8) Namoota halalummaa raawwatan ilaalchisee Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Waaqayyo qaama isaanii akka salphisaniif akka hawwii garaa isaaniitti, xuraaʼummaatti dabarsee isaan kenne . . . wanta qaanessaa hojjechuudhaanis, ofuma isaaniitiin adaba cubbuu isaaniitiif malu guutummaatti fudhatan.”—Rom 1:24-27.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w09-AM 8/1 30
Gaaffii Dubbistootaa
“Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu [ni jaallata].” (2 Qorontos 9:7) Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman yaada kana ni beeku. Haa taʼu malee, namoonni waldaa dhaqan tokko tokko humna isaaniitii ol buusii akka godhan akka isaan irraa eegamu isaanitti dhagaʼama. Waldaawwan tokko tokko miseensonni isaanii buusii murtaaʼe akka godhan isaan irraa eegu. Kunis kurnoo kan jedhamu yeroo taʼu, baasii namni tokko galii isaa keessaa dhibbeentaa 10 waldaadhaaf akka kennu irraa eegamu dha.
Kitaabni Qulqulluun dhuguma buusii murtaaʼe akka goonuu nu irraa eegaa? Ani dhuunfaatti hammamin buusii gochuu qaba?
Buusii Bara Duriitti Namoonni Akka Godhan Irraa Eegamuu fi Fedhiidhaan Gochaa Turan
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo sabni Israaʼel kennaa hammamii akka kennan akka irraa eegu qajeelfama ifa taʼe qabateera. (Leewwota 27:30-32; Lakkoofsa 18:21, 24; Keessa Deebii 12:4-7, 11, 17, 18; 14:22-27) Wanti akka kennan isaan irraa eegamu garmalee hedduu hin turre. Yihowaanis sabichi seerawwan isaatiif yoo ajajaman akka isaan badhaasu waadaa isaaniif galeera.—Keessa Deebii 28:1, 2, 11, 12.
Karaa biraatiin immoo buusiin Israaʼelonni fedhiidhaan godhan akkuma barbaadan baayʼee ykn xinnoo taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yommuu Daawit Mootichi mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruuf karoorfatetti, namoonni isa jalatti bulan “warqii taalaantii 5,000” buusii godhanii turan. (1 Seenaa Baraa 29:7) Haala kana wanta Yesuus yeroo lafa irra tureetti argee wajjin wal bira qabaa. Yesuus “dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama” saanduqa buusii mana qulqullummaatti argamu keessa “yommuu buustu” argee ture. Gatiin buusii ishii hammam ture? Miindaa namni tokko guyyaatti argatu keessa 1/64ffaa qofa ture. Taʼus Yesuus saantimoonni gatii hammasii qaban illee fudhatama akka qaban dubbateera.—Luqaas 21:1-4.
Kiristiyaanonni Buusii Murtaaʼe Akka Godhan Isaan Irraa Eegamaa?
Kiristiyaanonni kakuu Seerichaa Israaʼelotaaf kenname jala hin jiran. Kanaafuu, buusii murtaaʼe Waaqayyoof akka kennan isaan irraa hin eegamu. Haa taʼu malee, gumii Kiristiyaanaa keessatti kennuun gammachuu guddaa argamsiisa. Yesuus iyyuu, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera.—Hojii Ergamootaa 20:35.
Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu buusii fedhiidhaan godhamuun deggeru. Buusii kana barreeffamoota kan akka barruu amma dubbisaa jirtuu maxxansuuf, akkasumas iddoowwan waaqeffannaa isaanii Galma Walgaʼii jedhanii waaman ijaaruu fi suphuuf itti fayyadamu. Buusiin kam iyyuu miindaa kaffaluuf hin oolu. Namoonni hojii barattoota gochuu irratti yeroo isaanii guutuu hirmaatan muraasni maallaqni baasii geejjibaa fi baasii fedhii buʼuuraa isaanii guuttachuuf isaan barbaachisu isaaniif kennama. Taʼus tokkoon isaanii illee deggersa akkasii argachuuf mirga akka qaban hin yaadan. Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun hojii lallabaa kan raawwatan deggersa maallaqaa argatanii miti. Kanaa mannaa, akkuma Phaawulos dunkaana hojjechuudhaan of deggeraa ture, isaanis fedhii mataa isaanii guuttachuuf hojii ni hojjetu.—2 Qorontos 11:9; 1 Tasalonqee 2:9.
Namni tokko hojii dhugaa baatonni Yihowaa raawwataniif buusii gochuu yoo barbaade hammam kennuu qaba? Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu” jechuudhaan barreesseera.—2 Qorontos 8:12; 9:7.
GURAANDHALA 8-14
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 1-2
“Yihowaan Saba Isaa ni Gurmeessa”
w94-AM 12/1 9 key. 4
Iddoo Sirrii Waaqeffannaan Yihowaa Jireenya Keenya Keessatti Qabu
4 Israaʼelonni yeroo lafa onaa keessa buufatanii turanitti gaara irraa gadi isaan ilaaluu utuu dandeessee maaltu sitti mulʼata ture? Dunkaanota hedduu karaa seera qabeessa taʼeen dhaabamanii fi namoonni keessa jiraatan argita turte; namoonni kun gara miliyoona sadii ykn isaa ol kan taʼan yeroo taʼu, garee gosa sadi sadii qabateen kallattii kaabaa, kibbaa, bahaa fi dhihaatiin buufataniiru. Yeroo xinnoo itti siqxee ilaaltu immoo gareen kan biraan buufaticha gidduu akka jiru argita. Gareen kun gosa Leewwii yeroo taʼu, tuuta afuritti kan hirame dha. Buufata kana gidduu dunkaanni karaa adda taʼeen ijaarame tokko jira; dunkaanni kun dallaa huccuu irraa hojjetame qaba ture. Innis ‘dunkaana walgaʼii’ ykn godoo qulqulluu Israaʼelonni “dandeettii [garaa ogeessa]” qaban akka pilaanii Yihowaan isaaniif kennetti ijaarani dha.—Lakkoofsa 1:52, 53; 2:3, 10, 17, 18, 25; Baʼuu 35:10.
it-1-E 397 key. 4
Buufata
Buufanni Israaʼel kun baayʼee guddaa ture. Lakkoofsi olitti ibsame walumaa galatti 603,550 yeroo taʼu dhiirota waraana irratti hirmaachuu dandaʼan argisiisa; isaaniin alatti dubartoonnii fi ijoolleen, maanguddoonnii fi qaama miidhamtoonni, Leewwonni 22,000 taʼan, akkasumas “uummanni walitti makame hedduun” jiru turan; lakkoofsi isaanii walumaa galatti 3,000,000 ykn isaa ol ture. (Bau 12:38, 44; Lak 3:21-34, 39) Buufanni kun iddoo hammamii akka fudhatu mirkanaaʼaa taʼuun hin dandaʼamu; kana ilaalchisee tilmaama baayʼee garaa gara taʼetu jira. Uummatichi yeroo gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti argamu buufatetti, “Beet Yeshiimoot irraa jalqabee hamma Abeel Shitiimitti” gaʼee ture.—Lak 33:49.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 764
Galmeessuu
Yeroo baayʼee maqaa fi umuriidhaan akka gosaa fi maatiitti galmeeffamu. Gochi kun uummaticha lakkaaʼuu caalaa wanta dabalatu qaba. Kitaaba Qulqulluu keessatti hojiin galmeessuu kaayyoo garaa garaatiif geggeeffama ture; gibira kaffaluuf, tajaajila waraanaatiif, akkasumas yeroo Leewwotaa wajjin wal qabatutti immoo hojii iddoo qulqulluu keessatti raawwataniif ramaddii kennuuf ture.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w08-AM 7/1 21
Gaaffii Dubbistootaa
Gosonni ykn maatiiwwan Israaʼel kan argaman ilmaan Yaaqoob isa yeroo booda maqaan isaa Israaʼel jedhamee waamamee irraa ti. Namni abbaa amantii taʼe kun ilmaan 12 qaba ture; isaanis Ruuben, Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Daan, Niftaalem, Gaad, Asheer, Yisaakor, Zaabiloon, Yoseefii fi Biiniyaam turan. (Uumama 29:32–30:24; 35:16-18) Obbolaan 11n kun gosa maqaa isaaniitiin moggaafame qabu; gosni maqaa Yoseefiin moggaafame garuu hin jiru. Kanaa mannaa, gosni lama ilmaan Yoseef Efreemii fi Minaasee warra dura buutota gosoota kanaa taʼanii muudamaniin moggaafamaniiru. Kanaafuu, gosoonni Israaʼel 13 taʼu jechuu dha. Maarree Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee 12 akka taʼanitti kan dubbatu maaliifi?
Israaʼelota gidduudhaa, dhiironni gosa Leewwii tajaajila godoo qulqulluutiif, yeroo booda immoo tajaajila mana qulqullummaatiif adda baafamanii turan. Kunis kan taʼe tajaajila waraanaa irratti waan hin hirmaanneefi. Yihowaan Museedhaan akkana jedhee ture: “Ati gosa Leewwii qofa hin galmeessitu; lakkoofsa isaaniis lakkoofsa Israaʼelota kaaniitti hin dabalin. Leewwota, godoo qulqulluu Dhugaa Baatuu irratti, miʼawwan isaa hundumaa irrattii fi wanta kan isaa taʼe hundumaa irratti muudi.”—Lakkoofsa 1:49, 50.
Biyyattii Abdachiifamte keessatti lafti carraadhaan Leewwotaaf kenname hin jiru ture. Kanaa mannaa, magaalaawwan guutummaa Israaʼel keessatti faffacaʼanii argaman 48tu isaaniif ramadame.—Lakkoofsa 18:20-24; Iyyaasuu 21:41.
Sababiiwwan kana lamaaniin kan kaʼe, gosni Leewwii yeroo baayʼee gosoota Israaʼel kaan wajjin hin lakkaaʼamu. Yeroo baayʼee gosoonni Israaʼel 12 akka taʼanitti ibsamu.—Lakkoofsa 1:1-15.
GURAANDHALA 15-21
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 3-4
“Tajaajila Leewwotaa”
it-2-E 683 key. 3
Luba
Kakuu Seerichaa Jalatti. Yeroo Israaʼelonni Gibxii keessa garbummaa jala turanitti, Yihowaan guyyaa dhaʼicha kurnaffaatiin angafoota warra Gibxii hundumaa balleessetti, ilmaan angafaa Israaʼelotaa hunda ofiif qulqulleesseera. (Bau 12:29; Lak 3:13) Angafoonni kun kan Yihowaa taʼu; tajaajila adda taʼe akka isaaf dhiheessaniif isaaf kan adda baafaman taʼu. Yihowaan ilmaan angafaa Israaʼelotaa hundi luboota taʼanii akka tajaajilanii fi iddoo qulqulluu akka kunuunsan gochuu dandaʼa ture. Inni garuu tajaajila kanaaf dhiirota gosa Leewwotaa taʼanitti fayyadamuu filate. Kanaan kan kaʼes dhiironni Leewwotaa dhiirota angafaa gosoota 12n akka bakka buʼan heyyame (ilmaan Yoseef Efreemii fi Minaaseen akka gosa lamaatti lakkaaʼamu turan). Ilmaan angafaa Leewwota hin taanee fi umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi isaa ol taʼe yeroo lakkaaʼaman baayʼinni isaanii lakkoofsa dhiirota Leewwotaa irra 273n caalee ture; kanaafuu, Waaqayyo tokkoon tokkoon isaaniitiif gatiin furii sheeqilii shan (doolaara Ameerikaa 11 taʼa) akka kaffalamu ajaje; maallaqichis Aaronii fi ilmaan isaatiif kenname. (Lak 3:11-16, 40-51) Yihowaan kana dura iyyuu Israaʼel keessatti hojii lubummaa akka raawwataniif, gosa Leewwii keessaa dhiirota maatii Aaron taʼan adda baasee ture.—Lak 1:1; 3:6-10.
it-2-E 241
Leewwota
Hojiiwwan Isaanii. Gosti Leewwotaa maatii sadii kan qabate yeroo taʼu, isaaniis ilmaan Leewwii kan taʼan Geershon (Geershom), Qehaatii fi Meraarii irraa kan argamani dha. (Uma 46:11; 1Se 6:1, 16) Maatiiwwan kun lafa onaa keessa bakka godoo qulqulluutti dhihoo jirutti ramadamanii turan. Qehaatonni warri maatii Aaron taʼan kallattii bahaatiin godoo qulqulluu fuuldura buufatan. Qehaatonni kaan kallattii kibbaatiin, Geershononni kallattiin dhihaatiin, Meraaronni immoo kallattii kaabaatiin buufatanii turan. (Lak 3:23, 29, 35, 38) Godoo qulqulluu dhaabuun, buqqisuunii fi baachuun hojii Leewwotaa ture. Yeroo iddoodhaa gara iddootti sochoʼanitti Aaronii fi ilmaan isaa golgaa Kutaa Qulqulluu fi Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe gargar baasu buusanii taabota kakuu, iddoo aarsaa fi miʼoota qulqulluu taʼan kaan ittiin haguugu turan. Achiis Qehaatonni dhufanii wantoota kana baatu. Geershononni huccuuwwan dunkaanaa, wantoota dunkaanicha irraan uwwifaman, golgaawwan, golgaawwan mooraa fi funyoowwan dunkaanaa (haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti funyoowwan godoo qulqulluu kan argisiisu dha) baatu turan; Meraaronni immoo maqaaniiwwan, utubaawwan, miiloowwan uraa qaban, qofoowwan dunkaanaa fi funyoowwan (funyoowwan mooraa godoo qulqulluutti marsanii jiran) baatu turan.—Lak 1:50, 51; 3:25, 26, 30, 31, 36, 37; 4:4-33; 7:5-9.
it-2-E 241
Leewwota
Bara Museetti namni gosa Leewwii tokko hojiiwwan Leewwotaa kan akka yeroo godoo qulqulluun iddoodhaa gara iddootti sochoʼu godoo qulqulluu sanaa fi miʼawwan isaa baachuu jiran akka hojjetu kan irraa eegamu umurii isaa waggaa 30tti ture. (Lak 4:46-49) Hojii tokko tokko umurii isaanii waggaa 25 jalqabee hojjechuu kan dandaʼan taʼus, ifatti hubachuun akka dandaʼamutti kun hojii humnaa kan akka godoo qulqulluu baachuu kan dabalatu miti. (Lak 8:24) Bara Daawit Mootichaatti garuu umurii isaanii waggaa 20 kaasee hojii kana hojjetu turan. Sababiin isaas, godoo qulqulluun sun (yeroo sanatti mana qulqullummaatiin bakka buufamuuf jedha ture) iddoodhaa gara iddootti geeffamuun isaa hafee ture. Itti gaafatamummaa kana akka baʼan kan isaan irraa eegamu hamma umurii isaanii waggaa 50tti ture. (Lak 8:25, 26; 1Se 23:24-26; UMURII (AGE) isa jedhu ilaali.) Leewwonni Seericha akka gaariitti akka beekan irraa eegama ture; yeroo baayʼee uummata duratti akka dubbisanii fi sabicha akka barsiisaniif ni waamamu turan.—1Se 15:27; 2Se 5:12; 17:7-9; Nah 8:7-9.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Waaqayyoon Sodaachuudhaan Ogeeyyii Taʼaa!
13 Daawit yeroo rakkinaatti gargaarsa Yihowaa argachuunsaa sodaa Waaqayyoof qabu kan isaaf guddise taʼuusaarrayyuu, amantaasaa cimseera. (Faarfannaa 31:22-24) Haataʼu malee, yeroo sadii sodaan inni Waaqayyoof qabu hirʼachuunsaa miidhaa guddaa isarraan gaʼeera. Inni jalqabaa, saanduqa kakuu Yihowaa akka seerrisaa ajajutti gatiittii Lewwootaatti baachisuu mannaa, konkolaataa horiidhaan harkifamurra kaaʼamee gara Yerusaalem akka geessamu gochuusaa wajjin kan wal qabatedha. Uzaa inni konkolaataa kana oofu, saanduqni kakichaa yommuu kufuuf jedhutti harkaan qabuusaatiin, “safeeffachuu waan dhiiseef” ni duʼe. Uzaan cubbuu cimaa hojjechuudhaan kan duʼe taʼus, wanta gaddisiisaa kanaaf sababii kan ture Daawit isa Seera Waaqayyoof ulfina kennuu dhiisedha. Waaqayyoon sodaachuu jechuun wantoota hundumaa karaa inni ajajeen hojjechuu jechuudha.—2 Saamuʼel 6:2-9; Lakkoobsa 4:15; 7:9.
GURAANDHALA 22-28
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LAKKOOFSA 5-6
“Fakkeenya Naazrotaa Hordofuu kan Dandeessu Akkamitti?”
it-2-E 477
Naazricha
Namni Naazricha taʼee jiraachuuf wareega wareegu tokko wantoota guguddaa sadii irraa fagaachuu qaba ture: (1) Dhugaatii nama macheessu dhuguu hin qabu; oomisha muka waynii irraa argamu kam iyyuu nyaachuu hin dandaʼu; firii waynii bilchaataas taʼe hin bilchaanne, akkasuma goggogaa isaa nyaachuu ykn cuunfaa isaa danfees taʼe utuu hin danfin ykn utuu sadarkaa dhangaggaaʼaa irra jiruu dhuguu hin dandaʼu. (2) Rifeensa mataa isaa murachuu hin dandaʼu ture. (3) Reeffa kam iyyuu kan abbaa, kan haadhaa, kan obboleessaa ykn kan obboleettii isaa illee tuquu hin dandaʼu ture.—Lak 6:1-7.
Wareega Addaa. Namoonni wareega adda taʼe kana kan wareegan “Yihowaadhaaf Naazrota taʼanii jiraachuuf [jechuunis, of muteessuudhaan, adda baʼuudhaan]” malee akkaataa jireenyaa adda taʼe jiraachuu isaanii namootatti argisiifachuudhaan akka isaan jajan gochuuf miti. Kanaa mannaa, namni wareega kana wareege “bara Naazricha taʼee jiraatu hundumaatti Yihowaadhaaf qulqulluu dha.”—Lak 6:2, 8; Uma 49:26 wajjin wal bira qabii ilaali.
Ulaagaan Naazrota irraa eegamu Waaqeffannaa Yihowaa keessatti hiika adda taʼe qaba ture. Akkuma lubni ol aanaan tokko tajaajila isaa isa qulqulluu taʼeen kan kaʼe reeffa fira dhihoo illee tuquu hin qabne, Naazronnis akkas gochuu hin qaban. Lubni ol aanaaniis taʼe luboonni isa jala jiran kaan tajaajilli isaanii iddoo guddaa waan qabuuf, Yihowaa duratti tajaajila qulqulluu yeroo dhiheessanitti wayiniis taʼe dhugaatii nama macheessu akka hin dhugne dhowwamanii turan.—Lew 10:8-11; 21:10, 11.
Kana malees, Naazrichi (Afaan Ibrootaatiin, na·zirʹ) tokko “rifeensi mataa isaa akka guddatu gochuudhaan qulqulluu taʼee” jiraachuu qaba; kunis namoonni tajaajila qulqulluu inni Naazricha taʼuudhaan raawwatu salphaatti akka hubatan godha. (Lak 6:5) Jechi Afaan Ibrootaa naaziir (na·zirʹ) jedhu muka wayinii yeroo sanbata qulqulluuttii fi waggoota Iyyobeeliyyuuttii “hin gondolamne” argisiisuufis itti hojjetameera. (Lew 25:5, 11) Warqii diriiraa marata mataa luba ol aanaa fuulduraan maxxanfamu inni jechoonni “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhan irratti bocaman “mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu [Afaan Ibrootaatiin neʹzer yeroo taʼu jecha na·zirʹ jedhu irraa kan dhufe dha]” jedhamee kan waamamu taʼuun isaas xiyyeeffannaa kan harkisu dha. (Bau 39:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, gonfoon mootonni Israaʼel mataa irra kaaʼatanis neezeer (neʹzer) jedhama ture. (2Sa 1:10; 2Mo 11:12; GONFOO (CROWN); MURTEEFFAMUU (DEDICATION) isa jedhu ilaali.) Gumii Kiristiyaanaa keessatti Phaawulos ergamaan dubartiidhaaf iddoo marata mataa rifeensi dheeraan akka kenname dubbateera. Kunis iddoo dhiira irraa adda taʼe akka qabduu fi qophii Waaqayyootiif bitamuun akka ishii irraa eegamu hubachuu akka qabdu ishii yaadachiisa. Ulaagaaleen Naazricha tokko irraa eegaman, fakkeenyaaf, rifeensa murachuu dhiisuun isaa (dhiiraaf wanta uumamaan ala taʼe dha), wayinii irraa guutummaatti fagaachuun isaa, akkasumas qulqulluu fi kan hin xuroofne akka taʼu kan irraa eegamu taʼuun isaa barbaachisummaa fedhii ofii aarsaa gochuu fi guutummaatti fedhii Yihowaatiif bitamuun qabu isa yaadachiisa.—1Qo 11:2-16; RIFEENSA (HAIR); HAGUUGGII (HEAD COVERING); UUMAMA (NATURE) isa jedhu ilaali.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w05-AM 1/15 30 key. 2
Gaaffii Dubbistootaa
Haa taʼu malee, Naazrummaan Saamsoon adda ture. Dhalachuu isaa dura maleekaan Yihowaa tokko haadha isaatiin akkana jedhee ture: “Kunoo, ati ni ulfoofta, ilmas ni deessa; mucichi yeroo itti dhalatuu jalqabee Waaqayyoof Naazricha waan taʼuuf, haadduun mataa isaa tuquu hin qabu; inni harka Filisxeemotaa jalaa Israaʼeliin oolchuu irratti dursa ni fudhata.” (Abboota Murtii 13:5) Saamsoon wareega Naazrummaa hin wareegne. Naazricha taʼee akka tajaajilu kan isa filate Waaqayyo yeroo taʼu, Naazrummaan isaa umurii isaa guutuu kan itti fufu dha. Ulaagaan reeffa akka hin tuqne Naazrotaaf kenname isa irratti hojjechuu hin dandaʼu ture. Kun kan isa irraa eegamu yoo taʼe akka tasaa reeffa yoo tuqe Naazrummaan isaa inni yeroo dhalatee kaasee jalqabe umurii isaa guutuu akkamitti itti fufuu dandaʼa? Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti ulaagaan namoota umurii isaanii guutuu Naazrota akka taʼan irraa eegamu, karaa tokko tokkoon namoota fedhii isaaniitiin Naazrota taʼuuf wareega wareegan irraa adda ture.
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w06-AM 1/15 32
“Maraawwan Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Qabatan Durii”
WAGGAA 25 dura qorattoonni arkiʼoolojii Israaʼel argama dinqisiisaa taʼe tokko argatanii turan. Yerusaalemitti, holqa awwaalchaa irraan gadee Sulula Hinoom irratti argamu keessatti, maraawwan xixinnoo meetii irraa hojjetamanii fi caqasoonni Kitaaba Qulqulluu irratti barreeffaman lama argatanii turan. Maraawwan kun kan qophaaʼan Baabilononni Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalemiin balleessuu isaanii dura dha. Maraawwan kun eebbaa Lakkoofsa 6:24-26 irratti galmeeffame irraa fudhatame qabataniiru. Maqaan Waaqayyoo inni dhuunfaan Yihowaa jedhu maraawwan lamaan kana irratti yeroo baayʼee argama. Maraawwan kun “hambaalee bara durii caqasoota Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa fudhataman qabatanii fi waggaa dheeraa galmeessisan” jedhamanii waamamaniiru.
Haa taʼu malee, hayyoonni tokko tokko yeroo maraawwan kun itti barreeffaman irratti kan walii hin galle taʼuu isaanii irra iyyuu maraawwan kun Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti barreeffaman jedhanii falmu. Sababiin irratti walii hin galle tokko suuraan maraawwan xixinnoo kanaa inni jalqabaa gadi fageenyaan qorannoo gochuuf qulqullina kan hin qabne taʼuu isaa ti. Bara isa sirrii beekuuf, gareen hayyootaa tokko qorannaa haaraa gochuu jalqabe. Suuraa dijitaalaa maraawwan kanaa qulqullina guddaa qabu argachuuf teknooloojii suuraa fi teknooloojii kompiitaraa fakkiiwwan akka gaariitti mulʼisutti fayyadamaniiru. Buʼaan qorannaa kana irraa argame dhiheenyatti baʼee ture. Maarree gareen hayyootaa kun xumura akkamii irra gaʼe?
Hundumaa dura, hayyoonni sun maraawwan kun kan barreeffaman boojuu Baabilon dura taʼuu isaa addeessaniiru. Boca, akkaataa, caasaa fi kallattii qubeewwan itti barreeffamaan irraa kaʼuudhaan, maraawwan sun Dh.K.D. dhuma jaarraa torbaffaatti akka barreeffaman qorannaa suuraa irraa hubachuun dandaʼameera. Dhumarrattis gareen sun bocaa fi akkaataa barreeffamaa qubeewwan sanaa ilaaluudhaan murtoo kana irra gaʼeera: “Yeroo barreeffamoonni kun itti qophaaʼan ilaalchisee, bocnii fi akkaataan barreeffamaa maraawwan sana irratti mulʼatu ragaa qorannaa arkiʼoloojii fi barreeffamoota durii irratti godhame irraa argamee wajjin kan wal simuu dha.”
Barruun Bulletin of the American Schools of Oriental Research qorannaa maraawwan meetii Keetef Hinoom jedhamanii beekaman irratti godhe ilaalchisee akkana jedheera: “Maraawwan kun maraawwan caqasoota Kitaaba Qulqulluu qabatan durii taʼuu isaanii ilaalchisee murtoon hayyoonni hedduun bira gaʼan sirrii taʼuu isaa mirkaneeffanneerra.”