Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
ADOOLESSA 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IZRAA 4-6
“Hojii . . . Kana Keessa hin Seeninaa”
Wanta Zakkaariyaas Arge ni Argitaa?
13 Hojiin mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu dhorkamee ture. Taʼus, namoonni geggeessitoota akka taʼan muudaman, jechuunis Yeshuwaan (Iyyaasuun) inni luba ol aanaa taʼee fi Zarubaabel inni bulchaa taʼe “mana Waaqayyoo . . . deebisanii ijaaruu jalqaban.” (Iz. 5:1, 2) Yihudoonni tokko tokko murtoon kun gaarii akka hin taane yaadanii turan. Hojiin ijaarsa mana qulqullummaa diinota isaanii warra hojicha dhaabsisuuf wanta dandaʼan hundumaa godhan jalaa dhokachuu hin dandaʼu. Namoonni itti gaafatamummaa qaban lamaan, jechuunis Iyyaasuu fi Zarubaabel deggersa Yihowaa akka qaban mirkanaaʼoo taʼuun isaan barbaachisa ture. Deggersa kanas argataniiru. Akkamitti?
w86-E 2/1 29, saanduqa key. 2-3
Ijji Yihowaa ‘Jaarsoliif Eegumsa Gochaa Ture’
Yihudoonni hafan Baabilonii erga deebiʼanii booda waggaa 16f sochii hin goone turan. Haagee fi Zakkaariyaas warri raajota taʼan Yihudoota dantaa dhaban sana sochoosan, kanaan kan kaʼes hojiin mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaruu deebiʼee jalqabe. Garuu, hojiin kun utuma baayʼee hin turin abbootii taayitaa Faarsi irraa mormiin isa mudate. Mormitoonni kun ‘mana kana akka ijaartaniif eenyutu isin ajaje?’ jedhanii gaafatan.—Izraa 5:1-3.
Deebiin gaaffii kanaaf deebifamu murteessaa ture. Jaarsoliin kun doorsisichaaf yoo harka kennan hojiin mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu kun yeruma sana addaan cita. Jaarsoliin kun abbootii taayitaa kanatti aariidhaan yoo dubbatanimmoo hojichi battalumatti dhorkamu dandaʼa. Kanaafuu jaarsoliin kun (qajeelfama Zarubaabel inni Bulchaa taʼee fi Yeshuwaa inni luba olaanaa taʼe isaaniif kennaniin taʼu hin oolu) deebii malaan qophaaʼee fi buʼaa qabeessa taʼe deebisan. Labsii Yihudoonni hojii kana akka hojjetan isaaniif heyyamuu fi Qiiros yeroo dheeraa dura baase garuummoo irraanfatame isaan yaadachiisan. Bulchitoonni kun imaammata warra Faarsi isa seerri takkaa baʼe tokko matumaa akka hin jijjiiramne ibsu hubachuudhaan labsii mootii kana mormuu dhiisuu filatan. Kanaafuu, yeroo booda hanga Daariyos Mootichi hojicha akka itti fufan qajeelfama kennetti hojichi akka itti fufu heyyaman!—Izraa 5:11-17; 6:6-12.
Wanta Zakkaariyaas Arge ni Argitaa?
7 Yeroo booda jijjiiramni Yihudoota mana qulqullummaa ijaaraa turaniif hamma tokko boqonnaa argamsiise ni uumame. Jijjiiramni kun maali dha? Dhaloota Kiristoos Dura bara 520tti mootii haaraan Daariyos Tokkoffaa jedhamu Faarsi keessatti bulchuu jalqabe. Daariyos bulchuu jalqabee waggaa lammaffaa isaatti dhorkaan ijaarsa mana qulqullummaa irra kaaʼame seeraan ala akka taʼe hubate. Achiis Daariyos hojichi akka xumuramu heyyama kenne. (Iz. 6:1-3) Murtoon mootichaa kun nama hundumaa ajaaʼibsiisee ture; taʼus mootichi wanta kana irra caalus godheera. Mootichi namoonni naannichaa hojii ijaarsaa gidduu seenuu isaanii akka dhiisanii fi maallaqaa fi wantoota hojichaaf barbaachisan akka isaaniif dhiheessan ajaja dabarse! (Iz. 6:7-12) Kanaafuu, Yihudoonni sun waggaa afur booda, jechuunis Dh.K.D. bara 515tti ijaarsa mana qulqullummaa xumuruu dandaʼaniiru.—Iz. 6:15.
Wanta Zakkaariyaas Arge ni Argitaa?
16 Karaan Yihowaan qajeelfama itti nuuf kennu kan biraan immoo ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamuudhaani. (Mat. 24:45) Yeroo tokko tokko, qajeelfama garbichi kun kennu guutummaatti hubachuun nu rakkisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelfamni balaa uumamaa tokkoof qophaaʼuuf nu gargaaru nuuf kennamuu dandaʼa; tarii balaan uumamaa kun naannoo keenyatti akka hin uumamne yaanna taʼa. Yookiin immoo garbichi kun yeroo weerarri dhibee uumamutti garmalee akka of eeggatu nutti dhagaʼama taʼa. Qajeelfamni kenname buʼa qabeessa akka hin taane yoo nutti dhagaʼame maal gochuu qabna? Israaʼelonni gorsa Iyyaasuu fi Zarubaabel isaaniif kennan hordofuun isaanii kan isaan fayyade akkamitti akka taʼe yaaduu dandeenya. Waaʼee seenaawwan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisne kan biroos yaaduu ni dandeenya. Yeroo tokko tokko qajeelfamni saba Waaqayyootiif kenname akka ilaalcha namaatti buʼa qabeessa fakkaachuu baatus lubbuu isaanii isaaniif oolcheera.—Abo. 7:7; 8:10.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w93-AM 6/15 32 key. 3-5
Kitaaba Qulqulluutti Amanamuu ni Dandeessaa?
Saantimni kun kan hojjetame magaalaa Xarsees ishii kibba bahaa biyya yeroo harʼaatti Turkii jedhamtu itti argamtuttidha. Saantimichi kan hojjetame Dh.K.D. jaarraa 4ffaatti bara bulchiinsa mootii Faarsi kan taʼe Maazayusiittidha. Saantimni kun nama kanaan bulchaa koonyaa “Lagicha Gamaa,” jechuunis bulchaa Laga Efraaxis gamaa akka taʼe ibsa.
Yaada kana kaasuun maaliif barbaachise? Sababiin isaas Kitaaba Qulqulluu keessas ibsi wal fakkaatu waan jiruufidha. Izraan 5:6–6:13 Daariyos mootiin Faarsii fi bulchaan Taatenaay jedhamu akka waliif barreessan ibsa. Dhimmi isaan waliif barreessan waaʼee hojii deebisanii ijaaruu mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti raawwatamaa turedha. Izraan garagalchituu Seera Waaqayyoo dandeettii qabu waan tureef, of eeggannoodhaan wanta sirrii akka barreessu beekamaadha. Izraan 5:6 fi 6:13 Taatenaayiin “bulchaa naannoo Lagicha Gamaa” jedhee waama.
Izraan yaada kana kan barreesse Dh.K.D. bara 460tti, jechuunis saantimni kun bocamuu isaa waggaa 100 duradha. Namoonni tokko tokko maqaan ulfinaa abbaa taayitaa bara durii tokko ibsamuun isaa wanta guddaa miti jedhanii tuffachuu yaalu. Haa taʼu malee, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu wantoota xixinnoo akkasii irratti illee kan amanaman taanaan kutaawwan kan biroo isaan barreessanitti hin amanamtuu?
ADOOLESSA 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IZRAA 7-8
“Amalli Izraa Yihowaaf Ulfina Fideera”
w00-AM 10/1 14 key. 8
Qoʼannaan Gammachiisaa fi kan Nama Kiisudha
8 Jaalalli Dubbii Yihowaadhaaf qabnu garaa keenya isa madda miira keenyaa taʼe keessaa baʼuu qaba. Kutaa tokko erga dubbisnee boodaa dhaabannee irratti xiinxaluu qabna. Yaadawwan gad fagoo taʼan keessa seennee irratti yaaduu fi xiinxaluu qabna. Kunimmoo tasgabbaaʼanii irratti yaaduu fi kadhachuu gaafata. Akkuma Izraa Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuuf garaa keenya qopheessuu qabna. Izraa ilaalchisee yaada akkas jedhu dubbisna: “Izraan Seera Yihowaa qorachuu fi hojii irra oolchuuf, akkasumas dambiiwwanii fi murtiiwwan isaa Israaʼel keessatti barsiisuuf garaa isaa qopheeffatee ture.” (Izraa 7:10) Izraan wantoota sadiif, jechuunis qoʼachuuf, jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuu fi barsiisuuf garaa isaa qopheesseera. Nutis fakkeenya isaa hordofuu qabna.
bsi00-AM 16 key. 5
Kitaaba Kitaaba Qulqulluu Lakkoofsa 13ffaa—1 Seenaa Baraa
5 Seenaa dhugaa kana barreessuuf Izraa caalaa namni gaʼumsa qabu hin jiru ture. “Izraan Seera Yihowaa qorachuu fi hojii irra oolchuuf, akkasumas dambiiwwanii fi murtiiwwan isaa Israaʼel keessatti barsiisuuf garaa isaa qopheeffatee ture.” (Iz. 7:10) Yihowaanis hafuura qulqulluudhaan deggersa isaaf godheera. Bulchaan addunyaa lammii Faarsi ogummaa Waaqayyoo Izraa irratti mulʼate kana hubachuudhaan koonyaa Yihudaa irratti uummaticha irratti aangoo guddaa isaaf kenneera. (Iz. 7:12-26) Akka kanaan Izraan inni Waaqayyoo fi mooticha irraa aangoo argate galmeewwan gaggaarii yeroo sana turanitti fayyadamee seenaa kana qindeesseera.
it-1-E 1158 key. 4
Gad of Qabuu
Qajeelfama Sirrii Argachuuf Gargaara. Namni Waaqayyo duratti gad of qabu qajeelfama Waaqaa akka argatu eeguu dandaʼa. Izraan luboota, Naataaniimota, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin, dhiirota 1,500 Baabilonii gara Yerusaalemitti deebisuuf itti gaafatamummaa guddaa qaba ture. Dabalataanis, warqii fi meetii baayʼee mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru ittiin bareechan qabatanii turan. Namoonni kun karaa irratti eegumsa argachuun isaan barbaachisa ture; haa taʼu malee, Izraan mootiin Faarsi loltoota isaan eegan akka isaaniif kennu gaafachuudhaan humna namootaatti amanamuu hin barbaanne. Kana malees mootichaan, “Harki Waaqa keenyaa inni gaariin warra isa barbaaddatan hundumaa wajjin jira” jedhee ture. Kanaafuu, sabichi Yihowaa duratti akka gad of qabuuf sooma labse. Waaqayyoon ni kadhatan, innis isaan dhagaʼe, akkasumas diinota daandii irratti riphanii isaan miidhan irraa isaan eeguudhaan imala sodaachisaa sana milkaaʼinaan akka xumuran godhe. (Iz 8:1-14, 21-32) Waaqayyo Daaniʼel isa Baabilon keessatti baqataa turetti maleekaan tokko mulʼata akka argisiisu gochuudhaan surraa guddaa isaaf kennee ture; kanas kan godhe, Daaniʼel Waaqayyo duratti gad of qabuudhaan qajeelfamaa fi hubannaa argachuuf barbaadaa waan tureefi.—Dan 10:12.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 1/15 19 key. 10
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Izraa
7:28–8:20—Yihudoonni Baabilon keessa turan hedduun Izraa wajjin gara Yerusaalem deemuu kan hin barbaanne maaliif ture? Gareen Yihudootaa warri jalqabaa gara biyya dhalootaa isaaniitti erga deebiʼanii waggoonni 60 ol kan darban taʼus, namoonni Yerusaalem keessa jiran muraasa turan. Yerusaalemitti deebiʼuu jechuun, haala mijataa hin taanee fi balaadhaaf nama saaxilu keessatti jireenya haaraa jalqabuu jechuudha. Hojjetanii guddachuuf haalli yeroo sanatti Yerusaalem keessa ture Yihudoota Baabilonitti jireenya mijataa jiraatan kan hawwatu hin turre. Imala balaadhaaf nama saaxilus deemuu qabu turan. Namoonni deebiʼan, Yihowaa irratti amantii cimaa qabaachuu, waaqeffannaa dhugaatiif hinaaffaa qabaachuu fi imala kana gochuuf ija jabina qabaachuun isaan barbaachisa ture. Izraaniyyuu jabina kan argate harki Yihowaa waan isa irra tureefidha. Jajjabina Izraan isaaniif kenneen, maatiiwwan 1,500, tarii lakkoofsi isaanii 6,000 taʼu gara biyya isaanitti deebiʼaniiru. Jajjabina dabalataa Izraan isaaniif kenneen Leewwonni 38 fi Naataaniimoonni 220 deebiʼuuf fedhii argisiisaniiru.
ADOOLESSA 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IZRAA 9-10
“Miidhaa Cimaa Ajajamuu Diduun Geessisu”
w06-AM 1/15 20 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Izraa
9:1, 2—Saboota naannichaa wajjin gaaʼelaan walitti firoomuun balaa cimaa akkamii qaba ture? Sabni deebiʼee hundaaʼe kun hanga Masiihichi dhufutti waaqeffannaa dhugaa eegee tursuu qaba ture. Saboota naannichaa wajjin gaaʼela godhachuun waaqeffannaa dhugaa balaadhaaf saaxila ture. Yihudoonni tokko tokko namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii wajjin gaaʼelaan walitti firoomanii waan turaniif, guutummaan sabichaa saba waaqolii tolfamoo waaqeffatuun liqimfamuu jala gaʼee ture. Haala kanaan waaqeffannaa dhugaan lafa irraa baduu dandaʼa ture. Kun yoo taʼe Masiihichi eenyuuf jedhee dhufa? Izraan gochi isaanii kun isa naasisuun isaa nama hin dinqisiisu.
w09-AM 10/1 10 key. 6
Yihowaan Maal Nurraa Barbaada?
Fedhiidhaan Yihowaaf ajajamuun keenya eebba nuuf argamsiisa. Museen, ‘Ajajawwan ani faayidaa keetiif harʼa si ajaju kana eegi’ jedhee barreesseera. (Keessa Deebii 10:13) Eeyyee, Yihowaan wanta tokko akka goonu kan nu ajaju numaaf gaarii akka taʼuuf jedheeti. Akkas jennee amanuun keenya sirriidha. Sababiin isaas, Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan ajajawwan kana kan kenne faayidaa itti fufiinsa qabu akka argannu yaaduudhaan qofadha. (Isaayyaas 48:17) Wanta Yihowaan nu ajaju hundumaa eeguun keenya yeroo ammaatti wantoota abdii nu kutachiisan hunda irraa nu eega, gara fuulduraatti yeroo Mootummaan isaa lafa kana bulchuttimmoo eebba dhuma hin qabne nuuf argamsiisa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 1/15 20 key. 2
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Izraa
10:3, 44—Haadhotii manaa isaanii ijoollee isaanii waliin kan geggeessan maaliifi? Ijoolleen kun utuu achumatti hafaniiru taʼee carraan haadhotiin manaa kun ijoollee isaaniif jedhanii deebiʼanii itti dhufan guddaa taʼa. Kana malees, ijoollee xixinnoon kunuunsi haadhotii isaanii isaan barbaachisa.
ADOOLESSA 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAHIMIYAA 1-2
“Yeruma Sana . . . Nan Kadhadhe”
Yeroo Hunda Yihowaa Fuulakee Dura Kaaʼadhu
5 Yeroo tokko tokko, gargaarsa Waaqayyoo argachuuf atattamaan kadhannaa dhiheessuu qabna taʼa. Yeroo tokko Mootii warra Faares kan ture Artashaastaan, dhugaatii dhiheessituusaa kan ture Nahimiiyaan akka gaddee arge. Mootichis “Maal gaafachuuf barbaadda?” jedhee isa gaafate. ‘Innis gidduutti Waaqayyoon gooftaa bantii waaqaa ni kadhate.’ Nahimiiyaan kadhannaa utuu sagaleesaa hin dhageessisin dhiheesse kana dheeressuu hin dandaʼu ture. Taʼus, Nahimiiyaan dallaa Yerusaalem akka ijaaru mootichi waan isa gargaareef, Yihowaan kadhannaasaatiif deebii isaa kenneera. (Nahimiiyaa 2:1-8 dubbisi.) Eeyyee, kadhannaa gabaabaan sagalee utuu hin dhageessisin goonullee buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa.
Jecha Ofiitiin Dubbachuu
Utuu itti hin yaadin waaʼee amantiikee ibsa akka kennitu yommuu gaafatamtu deebii gaarii kennuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Fakkeenya Nahimiiyaa isa gaaffii Artashaastaa Mootichi isaa dhiheesseef deebii kennuusaa dura garaasaatti kadhannaa godhe hordofi. (Nah. 2:4) Achiis, yeruma sana deebii kennitu sammuukeetti qindeessuu yaali. Qabxiiwwan armaan gaditti dhihaatan akka kaʼumsaatti itti fayyadamuu dandeessa: (1) Qabxii irratti ibsa kennitu tokko ykn lama filadhu (yaadawwan kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamurra jiranitti fayyadamuu barbaadda taʼa). (2) Caqasawwan yaada kaasteef ragaa taʼan filadhu. (3) Namni gaaffii sii dhiheesse obsaan akka si dhaggeeffatutti, akkamitti malaan ibsa kennuu akka dandeessu yaadi. Sana booda deebii kenni.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w86-E 2/15 25
Waaqeffannaa Dhugaan ni Injifata
Lakki, sababiin isaas Yerusaalem haala gaddisiisaa ishiin keessa jirtu ilaalchisee Nahimiyaan yeroo muraasaaf “halkanii fi guyyaa” kadhachaa ture. (1:4, 6) Nahimiyaan dallaa Yerusaalem deebisee ijaaruuf fedhii akka qabu yeroo Arxeksis Mootichatti himuuf carraa argatetti, wantuma sana dura irra deddeebiʼee gochaa ture godhe, ammas ni kadhate. Dallaa magaalattii deebisee ijaaruuf heyyama yeroo argatetti Yihowaan kadhannaa kanaaf deebii gaarii akka kenne mulʼateera.
Barumsa Argannu: Nahimiyaan qajeelfama argachuuf Yihowaa kadhateera. Nutis yommuu murtoo cimaa gochuun nu barbaachisutti, ‘kadhannaatti jabaachuu’ fi qajeelfama Yihowaa wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhachuu qabna.—Roomaa 12:12.
ADOOLESSA 31–HAGAYYA 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAHIMIYAA 3-4
“Hojii Humnaa Hojjechuun Ulfina Kee Akka Tuqu Sitti Dhagaʼamaa?”
w06-AM 2/1 9 key. 9
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Nahimiyaa
3:5, 27. Akka namoota Teqoohaa warra “beekamoo” taʼanitti dhagaʼame nuttis waaqeffannaa dhugaa deggaruuf jecha hojii humnaa hojjechuun ulfina keenya akka tuqu nutti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, fakkeenya namoota Teqoohaa warra beekamoo hin taanee fi hojii humnaa hojjechuuf fedhiidhaan of dhiheessanii hordofuu qabna.
Yihowaan Maal Akka Taatu Si Gargaara?
11 Jaarraawwan hedduu booda intaloonni Shaalum namoota Yihowaan dallaa Yerusaalem suphuuf itti fayyadame keessaa tokko turan. (Nah. 2:20; 3:12) Abbaan isaanii bulchaa kan ture taʼus, intaloonni Shaalum hojii ulfaataa fi balaadhaaf nama saaxilu kana hojjechuuf fedhii qabu turan. (Nah. 4:15-18) Isaan namoota beekamoo Teqoʼaa warra ‘hojii kana keessa lixanii hojjechuu didan’ irraa adda turan! (Nah. 3:5) Hojichi guyyaa 52 keessatti yommuu xumuramu gammachuu intaloota Shaalumitti dhagaʼamee ture tilmaamuu dandeessu! (Nah. 6:15) Yeroo harʼaattis obboleettonni fedhii qaban gosa tajaajila qulqulluu adda taʼe, jechuunis galmawwan Yihowaadhaaf murteeffaman ijaaruu fi suphuu irratti gargaarsa gochuun isaan gammachiisa. Dandeettiin, hamileenii fi amanamummaan isaanii milkaaʼina hojichaatiif baayʼee barbaachisaa dha.
w04-AM 8/1 18 key. 16
Guddaa Taʼuu Ilaalchisee Ilaalcha Akka Kiristoos Qabaadhaa
16 Gaʼeessotas taʼan dargaggoota Kiristiyaanonni hundi guddaa taʼuu ilaalchisee ilaalcha akka Kiristoos qabaachuuf carraaquu qabu. Gumii keessatti hojiiwwan hojjetamuu qaban garaagaraa jiru. Hojiiwwan akka gad aanaatti ilaalaman akka hojjennu yoo gaafatamne matumaa mufachuu hin qabnu. (1 Saamuʼel 25:41; 2 Mootota 3:11) Warra kan taatan Galma Walgaʼiitti, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti hojii isaaniif kennamu kamiyyuu gammachuudhaan akka hojjetan ijoollee keessan ni jajjabeessituu? Hojiiwwan gad of qabuu gaafatan yommuu hojjettan isin arguu? Obboleessi yeroo ammaatti waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaatti tajaajilu tokko fakkeenya warra isaa akka gaariitti yaadata. Akkas jedheera: “Bakkawwan walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa itti godhannu qulqulleessuu irratti hirmaannaan isaan godhan hojii kanaaf bakka guddaa akka kennan hubachuuf na gargaareera. Hojiiwwan akka gad aanootti ilaalaman yoo taʼanillee wanta gumiichaa fi obboloota fayyadu taanaan hojjechuuf fedhii qabu turan. Ilaalchi isaanii kun hojii Beetelitti naaf kennamu kamiyyuu gammachuudhaan akkan fudhadhu na gargaareera.”
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 2/1 9 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Nahimiyaa
4:17, 18—Namni hojii deebisanii ijaaruu irratti hirmaatu tokko harka isaa tokkoon qofa hojjechuu kan dandaʼu akkamitti? Warra miʼa baataniif kun wanta baayʼee rakkisaa hin turre. Miʼicha mataa ykn gateettii isaanii irra takkaa erga kaaʼatanii booda ‘harka isaanii isa kaaniin immoo meeshaa waraanaa qabatu turan.’ Ijaartonni garuu harka isaanii lamaan hojjechuu waan qabaniif “tokkoon tokkoon isaanii goraadee mudhiitti hidhatanii ijaaru turan.” Kanaaf diinni haleellaa yoo bane tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼoodha.
HAGAYYA 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAHIMIYAA 5-7
“Nahimiyaan Tajaajiluu Malee, Tajaajilamuu hin Barbaadu Ture”
w02-AM 11/1 27 key. 4
Bara Durii fi Yeroo Ammaatti Deggertoota Waaqeffannaa Dhugaa
Nahimiyaan gumaacha kan godhe yeroo fi dandeettii gurmeessuuf qabu qofa miti. Waaqeffannaa dhugaa deggeruuf qabeenya isaattis fayyadameera. Maallaqa isaatiin Yihudoota obboloota isaa taʼan garbummaa jalaa bilisa baaseera. Maallaqa isaa dhala malee liqeesseera. Bulchaa tokkoof wanta godhamuu qabu, jechuunis durgoon akka isaaf kaffalamu gaafachuudhaan Yihudootatti ‘baʼaa hin feene.’ Kanaa mannaa, ‘warra saboota keessaa dhufan malees, Yihudoonnii fi bulchitoonni gad aanoon 150ni maaddii isaa irraa akka nyaataniif’ balbala isaa baneera. Keessummoota kanaaf guyyaa guyyaadhaan ‘qotiyyoo tokko, hoolota filataman jaʼaa fi simbirroota’ ni dhiheessa ture. Guyyaa kudhanitti takkaammoo “daadhii wayinii akaakuu adda addaa baayʼinaan” ni dhiheessaaf ture; kana hunda baasii mataa isaatiin godha ture.—Nahimiyaa 5:8, 10, 14-18.
“Harki Keessan Lawwaassaʼee kan Gad Rarraʼu hin Taʼin”
16 Gargaarsa Yihowaatiin, Nahimiyaa fi namoonni isaa wajjin turan hojiidhaaf harka isaanii jabeeffachuu dandaʼaniiru. Sana booda, guyyaa 52tti dallaa Yerusaalem ijaaranii xumuran! (Nah. 2:18, hiika bara 1899; 6:15, 16) Nahimiyaan hojicha ol aantummaadhaan gaggeessuu qofa utuu hin taʼin, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu irratti hirmaateera. (Nah. 5:16) Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan hedduun ijaarsawwan tiʼookraasii ykn Galma Mootummaa isaanii qulqulleessuu fi suphuu irratti hirmaachuudhaan fakkeenya Nahimiyaa hordofuu dandaʼaniiru. Kana malees, babalʼistootaa wajjin tajaajiluu fi hojii tikaa hojjechuudhaan, warra garaa sodaataa qabanii fi harki isaanii laafe ni jabeessu.—Isaayaas 35:3, 4 dubbisi.
w00-AM 2/1 32
Yihowaan Akkamitti Isin Yaadata?
Kitaabni Qulqulluun irra deddeebiʼee Yihowaan nama tokko yommuu ‘yaadatu’ tarkaanfii gaarii taʼe akka fudhatu ibsa. Fakkeenyaaf, lafti guyyoota 150f bishaaniin erga liqimfamtee booda, ‘Waaqayyo Nohiin akka yaadate, akkasumas lafa irratti bubbeen akka bubbisu akka godhee fi bishaanichi hirʼachuu akka jalqabe’ ibsameera. (Uumama 8:1) Jaarraawwan hedduu boodammoo Saamson yeroo Filisxeemonni ija isaa jaamsanii isa hidhanii turanitti, “Yaa Yihowaa . . . maaloo, na yaadadhu; . . . maaloo, ammumaaf qofa na jabeessi” jedhee kadhatee ture. Yihowaan Saamson diinota Waaqayyoo haaloo akka baʼuuf humna humna ilmaan namootaatii ol taʼe isaaf kennuudhaan isa yaadateera. (Abbootii Murtii 16:28-30) Akkasumas Nahimiyaadhaaf immoo, carraaqqii waaqeffannaa qulqulluun Yerusaalem keessatti akka deebiʼuuf godhe isaaf ibseera.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Moʼaa’
15 Sadaffaa, diinonni Nahimiiyaa akka inni seera Waaqayyoo cabsuuf Shemaaʼiyaa, nama Israaʼel isa gantuu taʼetti fayyadaman. Shemaaʼiyaan, Nahimiiyaadhaan akkas jedheen: “Namoonni dhufanii si ajjeesan waan jiraniif, . . . kottu anii fi ati mana qulqullummaatti ol gallee balbala isaa cufannee in dhokannaa!” Shemaaʼiyaan, Nahimiiyaan akka ajjeefamuuf jedhuufi mana qulqullummaa keessa dhokatee lubbuusaa oolfachuu akka dandaʼu itti hime. Haataʼu malee, Nahimiiyaan luba waan hin taaneef mana qulqullummaa keessa dhokachuun cubbuu isatti taʼa. Nahimiiyaan lubbuusaa oolfachuuf jedhee seera Waaqayyoo ni cabsaa laata? Nahimiiyaan, “Mana qulqullummaa keessa dhokachuudhaan of oolchuu kanan yaalu sitti fakkaataa? Ani kana hin godhu” jechuudhaan deebiseef. Nahimiiyaan kiyyoo isaaf qophaaʼe keessaatti kan hin kufne maaliif? Shemaaʼiyaan nama Israaʼel taʼuyyuu, ‘Waaqayyo akka isa hin ergine hubatee’ ture. Kana malees, raajii Waaqayyoo isa dhugaa utuu taʼee seera Waaqayyoo akka cabsu isa hin gorsu ture. Yeroo kanattis taanaan Nahimiiyaan mormitoota hamoo taʼaniin hin moʼamne. Kun erga taʼee yeroo muraasa booda, “Ijaarsi dallichaa guutummaatti guyyaa shantamii lama keessatti jiʼa Elul keessaa gaafa guyyaa digdamii shanii in raawwate” jechuudhaan gabaasuu dandaʼeera.—Nahimiiyaa 6:10-15; Lakkoobsa 1:51; 18:7.
HAGAYYA 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAHIMIYAA 8-9
“Gammachuun Yihowaa Dahoo Keessani”
Kadhannaa Irratti Yaadamee Dhihaaterraa Baradhaa
2 Yihudoonni walgaʼii olitti ibsame utuu hin godhatin jiʼa tokko dura dallaa Yerusaalem isa deebiʼee ijaaramaa jiru xumuraniiru. (Nah. 6:15) Sabni Waaqayyoo hojii kana guyyaa 52 keessatti erga xumuranii booda, fedhii hafuuraasaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu jalqaban. Kanaaf, jiʼa Tiishirii guyyaa jalqabaatti Izraaniifi Lewwoonni kaan, Seera Waaqayyoo dubbisuudhaan yommuu ibsan dhaggeeffachuuf walitti qabaman. (Fakkii 1) ‘Namoota waa hubachuu dandaʼan’ dabalatee maatiin hundinuu, “ganama bariidhaa jalqabee hamma waareetti” dhaabatanii dhaggeeffachaa turan. Haalli kun, obboloota yeroo harʼaa Galma Mootummaa mijataa taʼe keessatti walitti qabamaniif fakkeenya guddaa kan taʼudha! Haataʼu malee, yeroo walitti qabamnutti yaanni keenya akka faffacaʼu heyyamuudhaan, waaʼee wantoota barbaachisaa hin taanee yaannaa? Taanaan, seenaa saba Israaʼel warra dhaggeeffachuu qofa utuu hin taʼin wanta dhagaʼan qalbiitti qabataniifi darbees akka sabaatti Seera Waaqayyoo cabsuudhaan dogoggora raawwachuusaaniitiin booʼanii irra deebiʼaa qoraa.—Nah. 8:1-9.
‘Hafuuraan Geggeeffamtanii Jiraachuuf’ Fedhii Qabduu?
9 Yihowaan “Waaqa gammadaadha.” (1 Ximotewos 1:11, NW; Faarfannaa 104:31) Ilmisaa jaalala Abbaasaa raawwachuun isa gammachiisa. (Faarfannaa 40:8; Ibroota 10:7-9) Nuufis ‘gammachuun Yihowaan nuu kennu jabina keenyadha.’—Nahimiiyaa 8:10.
10 Gammachuun Waaqayyo nuu kennu, yeroo rakkinni, gaddi ykn ariʼatamni nurra gaʼullee jaalala Waaqayyoo yommuu raawwannu gammachuu guddaa argachuuf nu gargaara. ‘Beekumsa Waaqayyoo argachuun’ gammachuu guddaa nuuf argamsiisa! (Fakkeenya 2:1-5, NW) Walitti dhufeenyi gammachiisaan Waaqayyoo wajjin qabnu, beekumsa sirriirratti, akkasumas amantaa isarrattiifi aarsaa furii Yesusirratti qabnurratti kan hundaaʼedha. (1 Yohannis 2:1, 2) Waldaa obboloota addunyaa maraa isa kan dhugaa taʼe keessaa tokko taʼuun keenyas sababii itti gammannu kan biraadha. (Sefaaniyaa 3:9; Haagee 2:7) Abdiin Mootummaa Waaqayyoofi mirgi guddaan misiraachicha lallabuuf qabnu nu gammachiisa. (Maatewos 6:9, 10; 24:14) Abdiin barabaraaf jiraachuuf qabnus gammachuu nuuf argamsiisa. (Yohannis 17:3) Abdii dinqisiisaa akkasii waan qabnuuf ‘gammaduu’ qabna.—Keessa Deebii 16:15.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 145 key. 2
Afaan Aaraam
Yihudoonni boojuu Baabilonii erga deebiʼanii waggoota hedduu booda Izraa lubichi Yihudoota Yerusaalemitti walitti qabamaniif kitaaba Seerichaa dubbisee ture; Leewwonnimmoo wanta dubbifame sabichaaf ibsu turan. Nahimiyaan 8:8 waaʼee kanaa akkas jedha: “Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.” Ibsi ykn hiikni Leewwota kanaa barreeffama Afaan Ibrootaa jecha Afaan Aaraamiin karaa salphaa taʼeen ibsuu kan dabalatu taʼuu hin oolu; Yihudoonni Baabilonitti fayyadamaa kan turan Afaan Aaraam taʼuu dandaʼa. Ibsi kun Yihudoonni Afaan Ibrootaa kan beekan taʼanis, wanta dubbifamaa jiru gad fageenyaan akka hubatan isaan gargaaruu kan dabalatu akka ture hin shakkisiisu.
HAGAYYA 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAHIMIYAA 10-11
“Aarsaa Dhuunfaa Yihowaadhaaf Kaffalaniiru”
w98-AM 10/15 22 key. 13
Yerusaalem Ishii Akkuma Maqaa Ishii Taate
13 Bara Nahimiyaatti ‘waliigaltee cimaan’ chaappaadhaan raggaasifame saba Waaqayyo bara durii turan guyyaa dallaan Yerusaalem itti eebbifamuuf qopheesseera. Garuu dhimmi ariifachiisaan xiyyeeffannoo barbaadu kan biraan jira ture. Yerusaalem ishiin dallaa guddaa karrawwan 12 qabuun ijaaramte jiraattonni baayʼeen ishii barbaachisa ture. Israaʼelonni tokko tokko achi jiraatu turan; taʼus, “magaalattiin balʼoo fi guddoo yeroo taatu, ishii keessa kan jiraatanis namoota muraasa” turan. (Nahimiyaa 7:4) Rakkina kana furuuf sabichi, “namoota kudhan keessaa namni tokko achi keessa akka jiraatuuf gara Yerusaalem ishii magaalaa qulqulluu taatetti fiduuf, . . . carraa ni buufatan.” Fedhiidhaan qophii kanaaf deebii kennuun isaanii sabichi namoota “Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhii qaban hundumaa” akka eebbisu isa kakaaseera. (Nahimiyaa 11:1, 2) Waaqeffattoota dhugaa bara keenyatti argamanii fi gara bakka Kiristiyaanonni bilchaatoon caalaatti barbaachisan deemuuf haalli isaanii isaaniif heyyamuuf kun fakkeenya gaarii taʼa!
w86-E 2/15 26
Waaqeffannaa Dhugaan ni Injifata
Dhaala ofii dhiisanii gara Yerusaalem deemuun hamma tokko gatii kan kaffalchiisuu fi haalawwan mijatoo hin taane tokko tokkos kan qabu ture. Dabalataanis namoonni magaalattii keessa jiraatan balaawwan adda addaadhaaf saaxilamanii kan turan taʼuu hin oolu. Israaʼelonni kaan warra haala kana keessatti fedhiidhaan of dhiheessan dinqisiifatanii fi Yihowaan akka isaan eebbisu isaaniif kadhatanii akka turan hin shakkisiisu.
Amanamummaan Waaqayyo Biratti Fudhatama Namaaf Argamsiisa
15 Yeroo jireenya keenya Yihowaadhaaf murteessinetti, utuu of hin qusatin fedha isaa akka raawwannu waadaa galleerra. Waadaa kana eeganii jiraachuun aarsaa akka nama kaffalchiisu beekna. Haa taʼu malee, wanta hojjechuu hin jaallanne tokko akka hojjennu yoo gaafatamne maaltu nutti dhagaʼama? Aarsaa akkanaa kaffaluun keenyaa fi yeroo nuuf hin mijannetti illee Waaqayyoon tajaajiluun keenya amanamoo akka taane argisiisa. Aarsaan nuti kaffallu hammam iyyuu kan nu miidhu yoo taʼe, eebbi nuti argannu yeroo hunda aarsaa kana irra kan caalu dha. (Mil. 3:10) Garuu, waaʼee intala Yiftaa maal jechuutu dandaʼama?
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 2/1 11 key. 1
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Nahimiyaa
10:34—Sabichi qoraan dhiheessuun kan isa barbaachise maaliif ture? Seerri Musee sabichi aarsaa qoraanii akka dhiheessu hin ajaju ture. Akkas gochuuf kan dirqaman yeroo sanatti dhiheessiin qoraanii gaʼaa taʼe waan hin turreefi. Aarsaawwan iddoo aarsaa irratti dhihaatan gubuudhaaf qoraan baayʼeen ni barbaachisa ture. Tariimmoo yeroo sanatti namoonni Israaʼelota hin taanee fi mana qulqullummaa keessa tajaajilan warri Naataaniimota jedhaman hedduun waan hin turreef taʼa. Kanaaf dhiheessiin qoraanii akka addaan hin cinneef yeroo itti fidan murteessuuf carraa buufatan.
Akka Kiristiyaana Tokkootti Jiraachuu
w02-AM 6/15 14-15 key. 14-15
Fakkeenya Moototaa Hordofaa
14 Wanti qoʼannaa caalaatti salphaa fi kan namatti tolu gochuuf si gargaaru maalidha? Galma baafachuudha. Galmawwan hojiirra ooluu dandaʼan akkamii baafachuu dandeessa? Namoota hedduudhaaf Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbisanii xumuruun galma gaarii jalqabarratti baafachuu dandaʼanidha. Tarii hanga yoonaatti kutaa Kitaaba Qulqulluu muraasa darbee darbee dubbisuu keetiin faayidaa argattee taʼuu dandaʼa. Amma guutummaa guututti Kitaaba Qulqulluu dubbistee xumuruuf murtoo gochuu dandeessaa? Jalqaba Wangeelota arfan, achiimmoo kitaabota Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii hafan dubbisuudhaan galma guutummaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf baafatterra gaʼuu dandeessa. Faayidaa fi gammachuu akkas gochuun siif argamsiisu takkaa erga hubatee booda, kitaabota Museen barreessee fi kitaabota seenaa hanga kitaaba Asteeritti jiran duraa duubaan dubbisuuf galma baafachuu dandeessa. Kitaabota kana dubbistee yoo xumurte kitaabota hafan dubbisanii xumuruun ulfaataa akka hin taane hubatta. Dubartiin umurii ishii waggaa 65tti Kiristiyaana taatee takka, guyyaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu itti jalqabdee fi dubbistee itti xumurte qola keessaa Kitaaba Qulqulluu ishiirratti barreessiti turte. Amma siʼa shan Kitaaba Qulqulluu dubbistee xumurteetti! (Keessa Deebii 32:45-47) Kana malees, kompiitara irraa ykn waraqaa maxxanfame irraa utuu hin taʼin Kitaaba Qulqulluu ishii harkatti qabattee dubbisti.
15 Obboloonnii fi obboleettonni galma Kitaaba Qulqulluu dubbisanii xumuruuf baafatan irra gaʼan tokko tokko, qoʼannaa isaanii buʼa qabeessaa fi kan nama kiisuu gochuuf malawwan kan birootti fayyadamaniiru. Malli isaan itti fayyadaman tokko Kitaaba Qulqulluu duraa duubaan isaatiin dubbisuu jalqabuu isaanii dura barreeffamoota qoʼachuuf filatan dubbisuudha. Tokkoon tokkoon kitaabota Kitaaba Qulqulluu wajjin haala walqabateen yoomessa seenaa, akkaataa itti barreeffamee fi faayidaa irraa argachuu dandeenyu ilaalchisee, barreeffama “Caaffanni Qulqullaaʼaan Hundinuu” Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha” jedhamuu fi kitaaba Iinsaayitii irraa odeeffannoo gaarii taʼe argachuu dandeenya.
HAGAYYA 28–FULBAANA 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAHIMIYAA 12-13
“Michoota Yeroo Filattan Yihowaaf Amanamoo Taʼaa”
it-1-E 95 key. 5
Amoonota
Xoobiyaan mana qulqullummaa keessaa erga ariʼamee booda, Seerri Waaqayyoo Keessa Deebii 23:3-6 irratti argamuu fi Amoononnii fi Moʼaabonni gumii Israaʼel keessa akka hin seenne dhorku dubbifamee, akka hojii irra oolu godhame. (Nah 13:1-3) Dhorkaan gara waggaa 1,000 dura, Israaʼelonni yommuu Biyyattii Abdachiifamteetti galuuf jedhanitti, biyya isaanii qaxxaamuranii akka hin darbine dhowwanitti kaaʼame kun, Moʼaabonnii fi Amoononni guutummaa guututti lammii Israaʼel taʼuu akka hin dandeenye, akkasumas faayidaa fi mirga lammummaa kana qabaachuudhaan argamu akka hin arganne kan dhorku akka taʼe hubanna. Kana jechuun garuu namoonni Moʼaabii fi Amoon dhuunfaadhaan Israaʼelotaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu ykn Israaʼelotaa gidduu jiraachuu, akkasumas eebba Waaqayyo saba isaatiif kennu irraa fayyadamuu hin dandaʼan jechuu miti; Zeleeq loltoota jajjaboo Daawit keessaa tokko akka taʼuuf filatamuun isaa fi seenaan Ruut ishii dubartii biyya Moʼaab taatee kanaaf ragaadha.—Rut 1:4, 16-18.
Isin Warra Qulqullaaʼan Taataniittu
5 Nahimiyaa 13:4-9 dubbisi. Wantoonni qulqulluu hin taane hedduun dhiibbaa waan nurraan geessisaniif, qulqulloota taanee jiraachuun salphaa miti. Mee waaʼee Eliyaashiibiifi Xobiiyaa haa ilaallu. Eliyaashiib angafa lubootaa yommuu taʼu, Xobiiyaanimmoo nama biyya Amoon isa Yihudaa ishee bulchiinsa Faares taate keessatti aangoo qabu taʼuu hin oolu. Xobiiyaafi hiriyoonnisaa Nahimiyaan dallaa Yerusaalem deebisee ijaaruuf yaalii yommuu godhe isa mormaniiru. (Nah. 2:10) Amoononni mana qulqullummaa keessa akka hin galle dhowwamanii turan. (Kes. 23:3) Haataʼu malee, angafni lubootaa kun namni akka Xobiiyaa galma nyaataa mana qulqullummaa keessa akka jiraatu kan heyyameef maaliifi?
6 Xobiiyaan michuu Eliyaashiib taʼe. Xobiiyaafi ilmisaa Yehohaanaan dubartoota Yihudoota taʼan kan fuudhan siʼa taʼu, Yihudoonni hedduunis Xobiiyaa ni jajatu turan. (Nah. 6:17-19) Ilmaan ilma Eliyaashiib keessaa inni tokko intala Sanbalaax kan fuudhe siʼa taʼu, Sanbalaaximmoo bulchaa Samaariyaafi michoota Xobiiyaa keessaa tokko ture. (Nah. 13:28) Michummaan kun, Angafa Lubootaa kan ture Eliyaashiib, namni hin amanneefi mormituu taʼe kun dhiibbaa kan isarratti godhe maaliif akka taʼe nu hubachiisa. Haataʼu malee, Nahimiyaan miʼa Xobiiyaa hunda galma nyaataa keessaa gad daddarbachuudhaan Yihowaadhaaf amanamaa taʼuusaa argisiiseera.
w96-AM 3/15 16 key. 6
Qorumsa Amanamoo Taʼuun Fidu Dandamachuu
6 Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane namoota diinota isaa taʼan michoota godhachuu irraa of qusanna. Yaaqoob baratichi, “Ejjitoota nana, addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaafuu, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu kam iyyuu diina Waaqayyoo of godha” jedhee kan barreesse kanaafi. (Yaaqoob 4:4) Amanamummaa Daawit yeroo akkas jechuudhaan dubbatetti argisiise qabaachuu barbaanna: “Yaa Yihowaa, ani warra si jibban hin jibbuu? Warra si irratti kaʼan hoo hin balfuu? Ani isaan nan jibba; Isaan dhugumaan diinota koo taʼaniiru.” (Faarfannaa 139:21, 22) Namoota taʼe jedhanii cubbuu hojjetan wajjin wanti wal nu fakkeessu tokkollee waan hin jirreef isaanii wajjin michummaa uumuu hin barbaannu. Maarree, amanamummaan Yihowaaf qabnu diinota Yihowaa wajjin qaamaanis taʼe televizyiniidhaan michoota isaanii taʼuu irraa akka of qusannu nu hin kakaasuu?
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 452 key. 9
Muuziqaa
Mana qulqullummaatti faarfachuun wanta iddoo guddaa qabu ture. Faarfattoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo baayʼeetti caqasamuun isaanii fi guutummaa guutuutti tajaajila isaanii kana irratti akka xiyyeeffataniif, ‘hojiiwwan Leewwonni raawwatan kaan irraa walaba akka taʼan’ godhamuun isaanii kanaaf ragaadha. (1Se 9:33) Yeroo Baabilonii deebiʼanitti kophaatti tarreeffamuun isaanii garee Leewwotaa addaa taʼanii akka itti fufan argisiisa. (Iz 2:40, 41) Mootiin Faarsi Arxeksis (Loongimaanas) aangoo isaatti fayyadamee garee kana dabalatee gareewwan adda taʼan kan biroo “qaraxa, gibira yookiin qaraxa kellaa” kaffaluu irraa bilisa isaan godheera. (Iz 7:24) Yeroo booda mootichi ‘wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu akka argataniif qophiin dhaabbataa taʼe’ akka godhamu ajajee ture. Arxeksis ajaja kana akka ajaje ibsamus, aangoo Arxeksis isaaf kennetti fayyadamee ajaja kana kan dabarse Izraa taʼuu hin oolu. (Nah 11:23; Iz 7:18-26) Kanaafuu faarfattoonni Leewwota taʼanis, Kitaabni Qulqulluun “faarfattoonnii fi Leewwonni” jechuudhaan akka garee addaatti maaliif akka isaan adda baasu hubachuun nutti hin ulfaatu.—Nah 7:1; 13:10.