Ibsa Jechoota Kitaaba Qulqulluu
A B C D E F G H I J K L M N O P Q R S T U W X Y Z
A
Aab.
Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa 5ffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa 11ffaaf kenname. Walakkaa Adoolessaa irraa eegalee hamma walakkaa Hagayyaatti kan jiru dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaadhaan hin ibsamne; kanaa mannaa, “jiʼa shanaffaa” jedhamee ibsame. (Lak 33:38; Iz 7:9)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Aaraam; Aaraamota.
Sanyiiwwan Aaraam ilma Seem warra adda durummaadhaan naannoowwan Gaarreen Libaanonii hanga Mesophotaamiyaa, akkasumas kallattii kaabaatiin gaarreen Taawuras irraa jalqabee hamma Damaasqootti, darbees kallattii kibbaatiin jiraachaa turan. Naannoon Afaan Ibrootaatiin Aaraam jedhamee waamamaa ture kun booda Sooriyaa jedhame; jiraattonni naannichaa immoo warra Sooriyaa jedhamu turan.—Uma 25:20; Kes 26:5; Hos 12:12.
Aarsaa.
Kennaa namni tokko galata galchuuf, dogoggora hojjete amanee fudhachuu isaa argisiisuu fi walitti dhufeenya gaarii Waaqayyoo wajjin qabu haaressuuf jedhee Waaqayyoof dhiheessu. Abeelii jalqabee namoonni horii dabalatee aarsaawwan adda addaa fedhii isaaniitiin dhiheessaa turan; kakuun Seera Musee erga kennamee booda immoo aarsaa dhiheessuun dirqama taʼeera. Yesuus lubbuu isaa aarsaa mudaa hin qabne godhee erga kennee booda horii aarsaa godhanii dhiheessuun hafeera; taʼus, Kiristiyaanonni Waaqayyoof aarsaa hafuuraa dhiheessuu isaanii itti fufaniiru.—Uma 4:4; Ibr 13:15, 16; 1Yo 4:10.
Aarsaa cubbuu.
Aarsaa cubbuu utuu itti hin yaadamin dadhabina fooniitiin raawwatameef dhihaatu. Iddoo fi haala namni araarri isaaf godhamu sun qabu irratti hundaaʼuudhaan gugee irraa kaasee hamma jibichaatti aarsaawwan horii garaa garaa dhiheessuun ni dandaʼama.—Lew 4:27, 29; Ibr 10:8.
Aarsaa dhugaatii.
Iddoo aarsaa irratti wayinii dhangalaasuudhaan kan dhihaatu yeroo taʼu, aarsaawwan kaanii wajjin dhihaata. Phaawulos Kiristiyaanota hidhata isaa taʼaniif guutummaatti of kennuuf fedhii qabu ibsuuf akka fakkeenyaatti itti fayyadameera.—Lak 15:5, 7; Flp 2:17.
Aarsaa galataa.
Aarsaa gamtaa kennaawwan isaa fi jaalala isaa isa amanamaadhaaf Waaqayyoon jajachuuf dhihaatu. Foon horii aarsaa taʼee dhihaatu sanaa, akkasumas daabboonis taʼe maxinoon ni nyaatama ture. Foonichi guyyaa sanatti nyaatamuu qaba ture.—2Se 29:31.
Aarsaa gamtaa.
Aarsaa Yihowaa wajjin nagaa uumuuf dhihaatu. Namichi aarsaa sana fidee fi maatiin isaa, lubni aarsaa sana dhiheessu, akkasumas luboonni guyyaa sana hojii lubummaa irra jiran irraa ni hirmaatu. Yihowaanis cooma gubamee dhihaatu sana akka aarsaa gammachiisaa taʼetti fudhata. Dhiigni lubbuu bakka buʼus isaaf kennama. Kunis akkuma waan luboonnii sunii fi namichi aarsaa sana fide Yihowaa wajjin maaddiitti dhihaatanitti ilaalama; kun immoo hariiroo naga qabeessa argisiisa.—Lew 7:29, 32; Kes 27:7.
Aarsaa gubamu.
Aarsaa horii iddoo aarsaa irratti gubamee guutummaatti Waaqayyoof dhihaatu; namni dhiheessu sun horii dhihaatu (jibicha, korbeessa hoolaa, korbeessa reʼee, gugee bosonaa ykn cuucii gugee) sana irraa homaa hin hambifatu.—Bau 29:18; Lew 6:9.
Aarsaa sochoofamu.
Aarsaa namni Yihowaa waaqeffatu tokko dhiheessu yeroo taʼu, namni sun aarsaa sana qabatee yeroo asii fi achi sochoosutti lubichi harka namichaa jala harka isaa kaaʼa; ykn lubichumatu aarsaa sana asii fi achi sochoosa. Gochi kun aarsaan sun Yihowaadhaaf dhihaachuu isaa argisiisa.—Lew 7:30.
Aarsaa yakkaa.
Abaarsa.
Nama ykn wanta tokko irra wanti hamaan akka gaʼu doorsisuu ykn dubbachuu. Kun arrabsoo ykn aarii cimaa wajjin tokko akka taʼetti fudhatamuu hin qabu. Abaarsi yeroo baayʼee labsii ykn dubbii wanti hamaan akka gaʼu dubbatamu dha; yommuu Waaqni ykn namni aangoo qabu tokko dubbatu raajii fudhatama qabuu fi raawwatamu taʼa.—Uma 12:3; Lak 22:12; Gal 3:10.
Abbootii murtii.
Namoota Israaʼel irratti mootonni muudamuu isaanii dura Yihowaan saba isaa oolchuuf kaase.—Abo 2:16.
Abiib.
Maqaa kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa jalqabaatiif, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa torbaffaaf kenname. Hiikni isaa, “Gurra (Midhaanii) Magariisa” jechuu yeroo taʼu, walakkaa Bitootessaa irraa eegalee hamma walakkaa Eblaatti kan jiru dha. Yihudoonni Baabilonii erga deebiʼanii booda Niisaan jedhame. (Kes 16:1)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Adaar.
Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa 12ffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa 6ffaaf kenname. Walakkaa Guraandhalaa irraa eegalee hamma walakkaa Bitootessaatti kan jiru dha. (As 3:7)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Addaggummaa.
Jecha Afaan Giriikii asseelgiyaa jedhamu irraa kan dhufe; gocha seerawwan Waaqayyoo cabsuu fi ilaalcha addaggummaa ykn tuffii guddaa argisiisuu wajjin walitti dhufeenya qabu dha; ilaalcha aangoodhaaf, seerawwanii fi ulaagaawwaniif kabaja dhabuu ykn ifatti tuffachuu argisiisu dha. Jechi kun gochawwan dogoggoraa salphaa taʼan kan argisiisu miti.—Gal 5:19; 2Ph 2:7.
Afaan Aaraam.
Afaan Seemeetikii Afaan Ibrootaa wajjin baayʼee wal fakkaatuu fi qubee Afaan Ibrootaa fayyadamu. Jalqaba afaan kanatti fayyadamaa kan turan Aaraamota taʼus, booda bulchiinsawwan Asoorii fi Baabilon keessatti afaan addunyaalessaa daldalaa fi waliigaltee taʼeera. Kana malees afaan mootummaa Bulchiinsa Faarsi taʼee ture. (Iz 4:7) Kitaabonni Izraa, Ermiyaasii fi Daaniʼel kutaan isaanii muraasni Afaan Aaraamiin barreeffame.—Iz 4:8–6:18; 7:12-26; Er 10:11; Dan 2:4b–7:28.
Akaayaa.
Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti, koonyaa Roomaa kibba Giriikii jiru kan argisiisu yeroo taʼu, magaalaan guddoo ishii Qorontos turte. Akaayaan guutummaa Peloopooniisii fi kutaa giddu galeessa Giriikii dabalata. (HoE 18:12)—Kutaa Dabalataa B13 ilaali.
Alaamot.
Jecha muuziqaa hiika, “Durboota; Shamarran” jedhu qabu yeroo taʼu, tarii gosa sagalee shamarranii qalʼoo taʼee fi ol kaʼu (soopraanoo) kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Muuziqaan tokko ykn muuziqaan jalaan dhagaʼamu tokko sagalee ol kaʼuun akka taphatamu argisiisuuf itti hojjetamaa kan ture fakkaata.—1Se 15:20; Fr 46:0.
Albaasxiroos.
Maqaa qaruuraa urgooftuu yeroo taʼu, biyya Gibxiitti dhagaa naannoo Albaasxiroonitti argamu irraa hojjetama ture. Qaruuraan kun shittoon gatii guddaa qabuu fi isa keessa jiru yaaʼee akka hin dhumne qadaaduuf akka taʼutti mormi isaa qalʼifamee hojjetama ture. Yeroo booda dhagaan qaruuraan kun irraa hojjetamu maqaa kanaan waamamuu jalqabe.—Mar 14:3.
Alfaa fi Omeegaa.
Ameen.
“Haa taʼu” ykn “dhugumaan” jechuu dha. Jechi kun jecha Afaan Ibrootaa amaan jedhuu fi hiika “amanamaa taʼuu; amanamaa” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. “Ameen” kan jedhamu kakaa, kadhannaa ykn yaada tokko irratti walii galuu argisiisuuf ture. Kitaaba Mulʼataa keessatti maqaa ulfinaa Yesuus taʼee tajaajileera.—Kes 27:26; 1Se 16:36; Mul 3:14.
Angafa.
Adda durummaadhaan ilma jalqabaa abbaa (ilma angafaa haadhaa utuu hin taʼin) argisiisa. Bara duriitti ilmi angafaa maatii keessatti iddoo kabajamaa kan qabu yeroo taʼu, yeroo abbaan duʼutti mataa maatichaa taʼa. Jechi kun horii keessaa koormaa jalqaba dhalates kan argisiisu dha.—Bau 11:5; 13:12; Uma 25:33; Qol 1:15.
Araara.
Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti yaanni kun aarsaawwan namoonni Waaqayyotti dhihaachuu fi isa waaqeffachuu akka dandaʼaniif dhihaatanii wajjin wal qabata. Seera Musee jalatti waggaa waggaadhaan Guyyaa Araaraatti aarsaawwan ni dhihaatu turan; kunis tokkoon tokkoon namaas taʼe guutummaan sabichaa cubbamoota taʼanis araara Waaqayyoo akka argatan godha ture. Aarsaawwan kun aarsaa Yesuusiif gaaddidduu turan; aarsaan Yesuus cubbuu ilmaan namootaatiif yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha guutummaatti dhiifama kan argamsiisu yeroo taʼu, namoonni Yihowaa wajjin araaramuuf carraa akka argatan godheera.—Lew 5:10; 23:28; Qol 1:20; Ibr 9:12.
Araarsaa.
Garee lama walitti araarsuuf kan gidduu galu. Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti Museen kakuu Seerichaatiif, Yesuus immoo kakuu haaraadhaaf araarsitoota dha.—Gal 3:19; 1Xi 2:5.
Arfii.
Ulee dheeraa fiixee isaa irratti sibiilli qara qabu godhamee fi qonnaan bultoonni horii oofuuf ittiin gargaaraman. Arfiin jechoota namni ogeessi dubbatuu fi namni dhaggeeffatu gorsa gaarii isaaf kenname akka hojii irra oolchu kakaasanitti fakkeeffameera. Yaanni ‘arfii mormuu’ jedhu, gocha sangaa didaan tokko arfii ittiin oofamu dhiituudhaan ofuma akka madeessu argisiisu irraa kan fudhatame dha.—HoE 26:14; Abo 3:31.
Argama.
Caqasoota Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii tokko tokkoo irratti jechi kun Yesuus Kiristoos Mootii Mootummaa Masiihichaa erga taʼee jalqabee guyyoota dhumaa sirna kanaa keessatti karaa ijaan hin mulʼanneen teessoo isaa irra taaʼee argamuu isaa argisiisa. Argamuun Kiristoos, inni dhufee yeruma sana akka deebiʼu kan argisiisu miti; kanaa mannaa yeroo murtaaʼeef kan turu dha.—Mat 24:3.
Ariyosfaagos.
Tabba dheeraa Ateenaa keessa jiruu fi kaaba bahaa Akropolisitti argamu. Walgaʼiin mana marii (mana murtii) bakka sanatti geggeeffamus maqaa kanaan waamama ture. Falaasonni Istoyikootaa fi Ephiquriyotaa Phaawulos wantoota itti amanu ilaalchisee ibsa akka kennu gara Ariyosfaagositti isa geessanii turan.—HoE 17:19.
Armaagedoon.
Jecha Afaan Ibrootaa Har Magidoon jedhu irraa kan dhufe yeroo taʼu, hiikni isaa “Gaara Megidoo” jechuu dha. Jechi kun “waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu,” isa ‘mootonni guutummaa lafaa’ Yihowaa irratti waraana banuuf walitti itti qabaman argisiisuuf itti hojjetameera. (Mul 16:14, 16; 19:11-21)—RAKKINA GUDDAA ilaali.
Ashtooret.
Waaqayyittii waraanaa fi wal hormaataa Kanaʼaanotaa yeroo taatu, haadha manaa Baʼaali.—1Sa 7:3.
Asseelgiyaa.—
ADDAGGUMMAA ilaali.
Awwaala.
Jechi kun qubee xiqqaadhaan yommuu jalqabu, awwaala nama tokkoo argisiisa; yommuu qubee guddaadhaan jalqabu immoo, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman argisiisa; kun isa Afaan Ibrootaatiin “Siiʼol,” Afaan Giriikiitiin immoo “Haadis” jedhamuu wajjin tokko dha. Jechi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti bakka ykn haala sochii fi yaanni akkamii iyyuu itti hin jirre argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera.—Uma 47:30; Lal 9:10; HoE 2:31.
Awwaala yaadannoo.
Bakka awwalchaa reeffi nama duʼee kaaʼamu. Jechi kun jecha Afaan Giriikii niimiyoon jedhamu irraa kan hiikame yeroo taʼu, gochima “yaadachuu” jedhu irraa kan argame dha; kunis namni duʼe akka yaadatamu argisiisa.—Yoh 5:28, 29.
Awwaannisa.
Akaakuu kuruphisaa baayʼinaan godaanu. Seera Musee keessatti qulqulluu waan taʼaniif nyaatamuu akka dandaʼan ibsamaniiru. Awwaannisoonni baayʼinaan deemanii fi wanta karaa isaanii irratti argatan hunda haxaaʼanii nyaachuudhaan badiisa guddaa geessisan akka dhaʼichaatti ilaalamu turan.—Bau 10:14; Mat 3:4.
Ayyaana Daasii.
Ayyaana Godoo Qulqulluu ykn Ayyaana Midhaan Sassaabbii jedhamees ni waamama. Etaaniim 15-21tti kabajama ture. Waggaan qonnaa Israaʼelotaa erga xumuramee booda yeroo midhaan sassaabamutti kabajama ture; yeroo itti gammadanii fi eebba Yihowaan midhaan isaanii irratti isaaniif kenneef itti isa galateeffatan ture. Guyyoota ayyaanni kun kabajamutti namoonni yeroo Gibxiidhaa itti baʼan yaadachuuf daasii keessa jiraatu. Ayyaanota sadan dhiironni gara Yerusaalem dhaqanii akka kabajan irraa eegamu keessaa isa tokko dha.—Lew 23:34; Iz 3:4.
Ayyaana Haareffamuu.
Antiyookas Eppifaanas mana qulqullummaa erga xureessee booda, manni qulqullummaa qulqulleeffamuu isaa yaadachuuf ayyaana waggaatti al tokko kabajamu. Ayyaanni kun kabajamuu kan jalqabu Kiisluu 25tti yeroo taʼu, guyyaa saddeetiif itti fufa ture.—Yoh 10:22.
Ayyaana Makaraa; Ayyaana Torbeewwanii.—
PHENXEQOSXEE ilaali.
Ayyaana Maxinoo.
Ayyaanota guguddaa Israaʼelonni waggaa waggaadhaan kabajan sadan keessaa isa jalqabaa ti. Guyyaa Faasikaatti aanee Niisaan 15tti kan jalqabu yeroo taʼu, guyyoota torbaaf itti fufa. Yeroo kanatti guyyaa Gibxiidhaa itti baʼan yaadachuuf jecha maxinoo qofatu nyaatama ture.—Bau 23:15; Mar 14:1.
Azaazeel.
B
Baʼaal.
Waaqa warra Kanaʼaan abbaa samii akka taʼe, bokkaa akka roobsuu fi lafti akka gabbattu akka godhu yaadamu dha. Maqaan “Baʼaal” jedhu waaqolii xixinnoo naannoo adda addaatti argaman argisiisuufis itti hojjetameera. Afaan Ibrootaatiin maqaan kun hiika “Abbaa Qabeenyaa; Gooftaa” jedhu qaba.—1Mo 18:21; Rom 11:4.
Baatii.
Akka miʼi caccabaan maqaan kun irratti barreeffamee fi arkiyooloojiidhaan argame argisiisutti, safartuu dhangalaʼaa gara 22 L akka baatu tilmaamamu dha. Safartuuwwan jajjaboo fi safartuuwwan dhangalaʼoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kaan qabiyyee safartuu baatii irratti hundaaʼuudhaan shallagamu turan. (1Mo 7:38; His 45:14)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Baatii haaraa.
Kaalaandarii Yihudootaa keessatti guyyaa jiʼi haaraan itti jalqabu yeroo taʼu, guyyaa itti walitti qabaman, itti gammadanii fi aarsaawwan addaa itti dhiheessan akka taʼetti kabajama. Yeroo booda guyyaan kun guyyaa ayyaana biyyoolessaa bakka guddaa qabu taʼe; namoonni yeroo kanatti hojii hin hojjetan turan.—Lak 10:10; 2Se 8:13; Qol 2:16.
Bakka Buʼaa Guddaa.
Afaan Giriikiitiin jechi kun hiika “Geggeessaa Guddaa” jedhu qaba. Maqaan kun gaʼee ol aanaa Yesuus Kiristoos ilmaan namootaa amanamoo taʼan cubbuu isa duʼa geessisu jalaa bilisa baasuu fi gara jireenya bara baraatti geessuuf qabu argisiisa.—HoE 3:15; 5:31; Ibr 2:10; 12:2.
Bakkalcha.
Urjii ganamaa jechuu dha. Urjii dhumaa aduun baʼuu ishii dura kallattii bahaatiin mulʼatu dha; akka kanaan guyyaa haaraan jalqabuu isaa beeksisa.—Mul 22:16; 2Ph 1:19.
Barcuma murtii.
Yeroo baayʼee waltajjii dheeraa alatti argamuu fi kortoo qabu yeroo taʼu, abbootiin taayitaa achi irra taaʼanii sabichaaf haasaa kennu, akkasumas murtoo isaanii beeksisu. Jechoonni “barcuma murtii Waaqayyoo” fi “barcuma murtii Kiristoos” jedhan, qophii Yihowaan ilmaan namootaa irratti murteessuuf godhe argisiisu.—Rom 14:10; 2Qo 5:10; Yoh 19:13.
Barreessaa.
Nama Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa garagalchu. Yeroo Yesuus lafa irra turetti, garee namoota Seericha baratanii argisiisa ture. Namoonni kun Yesuusiin ni mormu turan.—Iz 7:6, milj.; Mar 12:38, 39; 14:1.
Biʼeelzebul.
Biraannaa.
Wanta miʼawwan barreeffamaa tolchuuf gogaa hoolaa, reʼee ykn jabbii irraa qopheeffamu. Paappirasii caalaa umurii dheeraa qaba; maraawwan Kitaaba Qulqulluu qopheessuuf hojii irra ooleera. Biraannaawwan Phaawulos Ximotewos akka isaaf fidu gaafate kutaawwan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa taʼuu dandaʼu. Maraawwan Kitaabaa Galaana Duʼaa hedduun biraannaa turan.—2Xi 4:13.
Biyya Kaladootaa; Kaladoota.
Jalqaba irratti biyyaa fi uummata naannoo qarqara lageen Xegrosii fi Efraaxis jiraatu argisiisa ture; yeroo booda immoo guutummaa Baabiloniyaa fi uummata ishii argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi “Kaladoota” jedhu namoota baratan, warra saayinsii, seenaa, afaanii fi urjiilee qoratan, garuu immoo falfala raawwatanii fi urjiilee lakkaaʼanis kan argisiisu dha.—Iz 5:12; Dan 4:7; HoE 7:4.
Boffee.
Foʼaawwan yeroo huccuun dhaʼamu dalga uffatichaatiin oolan. Foʼaawwan kun gubbaa fi jalaan qalʼaa, jechuunis foʼaawwan dheerina huccuutiin oolan qaxxaamuranii dhaʼamu.—Lew 13:59.
Boojiʼamuu.
Biyya ykn mana ofiitii buqqaʼuu yeroo taʼu, yeroo baayʼee weerartootaan dirqisiifamanii fudhatamuu argisiisa. Jechi Afaan Ibrootaa “godaanuu” jechuu dha. Boojuuwwan beekamoon lama Israaʼelota mudatanii turan. Mootummaan gosoota kurnanii inni kaabaa warra Asooriin, yeroo booda immoo mootummaan gosoota lamaanii inni kibbaa warraa Baabiloniin boojuudhaan fudhatamaniiru. Boojuu lamaan irraa iyyuu warri lubbuudhaan oolan Qiiros isa bulchaa Faarsi tureen gara biyya isaaniitti deebiʼaniiru.—2Mo 17:6; 24:16; Iz 6:21.
Boojuu.
Miʼa, horii ykn wanta gatii guddaa qabuu fi diina injifatame jalaa saamamu.—Iya 7:21; 22:8; Ibr 7:4.
Bulchaa biyyaa.
Bulchaa koonyaa.
Buul.
Maqaa kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa saddeettaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa lammaffaaf kenname. Jecha hiika “oomisha kennuu” jedhu qabu irraa kan dhufe yeroo taʼu, walakkaa Onkoloolessaa irraa eegalee hamma walakkaa Sadaasaatti kan jiru dha. (1Mo 9:13)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
C
Carraa.
Muka ykn dhagaa xixinnoo murtoo tokko gochuuf hojii irra oolaa ture. Wantoonni kun dachaʼaa uffataa ykn qodaa tokko keessa kaaʼamanii sochoofamu. Sana booda inni kufe ykn harkaan fuudhame sun isa filatame taʼa. Kun yeroo baayʼee kadhannaadhaan godhama ture. Jechi “carraa” jedhu kallattiidhaanis taʼe akka fakkeenyaatti kan itti hojjetame yeroo taʼu, hiikni isaa “gaʼee” ykn “qooda” jechuu dha.—Iya 14:2; Fr 16:5; Fak 16:33; Mat 27:35.
Chaappaa.
Meeshaa abbaa qabeenyummaa ykn wanti tokko sirrii taʼuu isaa ykn walii galtee argisiisuuf mallattoo gochuuf (yeroo baayʼee suphee ykn gagaa irratti) hojii irra oolu. Chaappaawwan bara durii wanta cimaa (kan akka dhagaa, ilka arbaa ykn mukaa) qubeen ykn fakkiin gad garagalee irratti bocame qabu turan. Chaappaan wanti irratti mallatteeffame tokko sirrii taʼuu isaa, mallattoo abbaa qabeenyummaa ykn wanta dhokataa ykn iccitii taʼe tokko argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera.—Bau 28:11; Nah 9:38; Mul 5:1; 9:4.
Cuuphaa; Cuuphuu.
Gochimni kun “gad liccisuu” ykn bishaan keessa gad galchuu jechuu dha. Yesuus cuuphaan ulaagaa duuka buutonni isaa guutuu qaban akka taʼe dubbateera. Kana malees Kitaabni Qulqulluun waaʼee cuuphaa Yohaannis, waaʼee hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu fi ibiddaan cuuphamuu ni ibsa.—Mat 3:11, 16; 28:19; Yoh 3:23; 1Ph 3:21.
D
Daabboo ilaalchaa.
Daabboowwan bakka lamatti hiramuudhaan jaʼa jaʼaan minjaala Kutaa Qulqulluu godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessa jiru irra kaaʼaman 12. “Daabboo wal irra tuulamuu” fi “daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu” jedhamees ni waamama. Kennaan Waaqayyoof dhihaatu kun yeroo hundumaa guyyaa Sanbataatti daabboo hoʼaadhaan bakka buufama. Daabboo achii fuudhamu luboota qofatu nyaata. (2Se 2:4; Mat 12:4; Bau 25:30; Lew 24:5-9; Ibr 9:2)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu.—
DAABBOO ILAALCHAA ilaali.
Daagon.
Waaqa Filisxeemotaa. Jechi kun maal irraa akka dhufe hin beekamu; hayyoonni tokko tokko garuu jecha Afaan Ibrootaa daag (qurxummii) jedhuu wajjin wal qabsiisu.—Abo 16:23; 1Sa 5:4.
Daandicha.
Jecha Kitaabota Qulqulluu keessatti gocha ykn amala Yihowaa duratti fudhatama qabu ykn hin qabne argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti hojjetame. Warri yeroo booda duuka buutota Kiristoos taʼan miseensota “Daandichaa” akka taʼanitti ibsamu turan; kun immoo daandii jireenyaa isa fakkeenya isaa hordofuudhaan amantii Yesuus Kiristoos irratti qaban irratti hundaaʼe argisiisa.—HoE 19:9.
Daandii Solomoon isa baaxii qabu.
Mana qulqullummaa isa bara Yesuusitti turetti kallattii bahaa mooraa isa alaatiin kan ture yeroo taʼu, mana qulqullummaa Solomoon irraa kan hafe akka taʼe amanama. Yesuus ‘yeroo gannaa’ achi irra kan deeme yeroo taʼu, Kiristiyaanonni jalqabaa waaqeffannaadhaaf achitti wal gaʼu turan. (Yoh 10:22, 23; HoE 5:12)—Kutaa Dabalataa B11 ilaali.
Daarikii.
Saantima warqii warra Faarsi 8.4 g madaalu. (1Se 29:7)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Dhaamsituu ibsaa.
Miʼa godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessatti hojii irra oolaa ture yeroo taʼu, warqii ykn sibiila diimaa irraa tolfama. Waan akka maqasii foʼaa ibsaa kutuuf fayyadu dha.—2Mo 25:14.
Dhagaa daakuu.
Dhagaa geengoo taʼee fi dhagaa geengoo gara biraa isa fakkaatu irra kaaʼamee midhaan daakuuf gargaaru. Mukti dhagaa isa jalaa walakkaa dhaabamu dhagaa isa irraa naannessuuf gargaara. Bara duriitti manneen hedduu keessa dhagaan daakuu dubartoonni harkaan midhaan ittiin daakan jira ture. Dhagaan daakuu maatiin tokko nyaata guyyaa guyyaa akka argatu gochuuf murteessaa waan tureef, Seerri Musee dhagaa daakuus taʼe majii isaa qabsiisa godhanii fudhachuu ni dhowwa ture. Dhagaawwan daakuu guguddaan horiidhaan naanneffamu turan.—Kes 24:6; Mar 9:42.
Dhagaa golee.
Dhagaa bakka girgiddaan gamoo lama itti wal qabatu kaaʼamu yeroo taʼu, girgiddaa lamaan wal qabsiisuu fi walitti hidhuuf barbaachisaa dha. Dhagaan golee inni guddaan dhagaa golee buʼuuraa ti; keessumaa gamoowwan uummataa fi dallaa magaalaa ijaaruuf dhagaa golee jabaataa taʼetu filatama. Jechi kun hundeeffamuu lafaa argisiisuuf fakkeenyaan kan itti hojjetamte yeroo taʼu, Yesuus gumii Kiristiyaanaa isa mana hafuuraatti fakkeeffameef ‘dhagaa golee buʼuuraa’ akka taʼe ibsameera.—Efe 2:20; Iyo 38:6.
Dhagoota gatii guddaa qaban.
Ageet–Halluu garaa garaa hedduu kan qabu; ifa xinnoo kan of keessa dabarsu ykn ifa kan hin dabarsine. Ametiisxos–Halluu dhiilgee. Beerilos–Yeroo baayʼee halluu keelloo gara magariisaa, yeroo tokko tokko garuu halluu kan biraa qaba ykn halluu kan hin qabne dha. Hiiyaakinxos–Cuquliisa cimaa. Imeraaldi–Magariisa of keessaan waa mulʼisu. Jeed–Yeroo baayʼee dhagaa halluu magariisaa qabu taʼus, halluuwwan kan biroo hedduus qaba; ifa xinnoo kan of keessa dabarsu ykn ifa kan hin dabarsine. Kaalqidoon–Kan of keessaan waa mulʼisu ykn ifa xinnoo kan of keessa dabarsu, halluu hedduu kan qabu. Kirisoliixos–Kan of keessaan waa mulʼisu ykn ifa xinnoo kan of keessa dabarsu, keelloo ykn magariisa. Kirisophiraasos–Ifa kan of keessa dabarsu, magariisa. Lesheem–Dhagaa maal akka taʼe sirriitti hin beekamne, tarii dhagoota aamber, hiyaakiintii, ooppaalii ykn tormaaliinii jedhaman taʼuu dandaʼa. Oniiksii–Halluu garaa garaa hedduu sarara sararaan taaʼan kan qabu. Ruubii–Diimaa; kan of keessaan waa mulʼisu. Saardiyon–Ifa xinnoo kan of keessa dabarsu, bifa bunaa gara diimaa kan qabu. Safiroos–Cuquliisa taʼuu hin oolu. Sardoniiksi–Sararoota adii kan qabu yeroo taʼu, sararoota diimaa keessaan waa mulʼisan, bifa warqii ykn bifa bunaa qaba. Tarkooyis–Baayʼinaan halluu cuquliisaa gara magariisaa kan qabu. Tophaaziyon–Halluu kan hin qabne ykn halluu hedduu kan qabu. Baayʼinaan sarara halluu wayinii gara keelloo kan qabu. Yaasphis–Inni yeroo ammaatti argamu ifa kan of keessa hin dabarsine dha, halluu garaa garaa qaba. Mulʼanni 21:11 waaʼee dhagaa isa ifa xinnoo of keessa dabarsuu kan dubbatu yeroo taʼu, namoonni tokko tokko jechi Afaan Giriikii as irratti ibsame almaazii akka argisiisu dubbatu.—Bau 28:17-20; Mul 21:19, 20.
Dhallaadduu (Paappirasii).
Biqiltuu shomboqqoo fakkaatuu fi bishaan biratti guddatu; guuboo, miʼawwan garaa garaa fi bidiruu tolchuuf tajaajila ture. Akkasumas wanta waraqaa fakkaatuu fi barreeffamaaf tajaajilu hojjechuuf oola ture; maraawwan kitaabaa hedduun ittiin qophaaʼaniiru.—Bau 2:3.
Dhaqna qabaa.
Qolofa qaama saalaa dhiiraa haguugu irraa muruu. Abrahaamii fi sanyiin isaa dirqama dhaqna qabachuu qabu turan; Kiristiyaanonni garuu kana akka godhan irraa hin eegamu. Jechi kun caqasawwan adda addaa irratti fakkeenyaan itti hojjetameera.—Uma 17:10; 1Qo 7:19; Flp 3:3.
Dhugaa Baatuu.
Ajajawwan kurnan warri dhagoota lamaan irratti barreeffamanii Museetti kennaman, “Dhugaa Baatuu” jedhamu.—Bau 31:18.
Dhuma sirna kanaa.
Yeroo hamma xumura sirna kanaatti jiruu fi Seexanni toʼatu. Argama Kiristoosii wajjin wal faana deema. Maleekonni qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan “hamoota qajeelota irraa gargar baasu,” achiis isaan balleessu. (Mat 13:40-42, 49) Duuka buutonni Yesuus ‘dhumni’ sun yoom akka taʼu beekuu hawwanii turan. (Mat 24:3) Gara samiitti deebiʼuu isaa dura hamma yeroo sanaatti isaanii wajjin akka taʼu duuka buutota isaatiif waadaa galeera.—Mat 28:20.
Dhundhuma.
Safartuu dheerinaa ciqilee irraa kaʼee hamma fiixee quba isa gidduutti jiru. Israaʼelonni yeroo baayʼee dhundhuma gara 44.5 cm dheeratutti fayyadamu; yeroo tokko tokko immoo dhundhuma kana irra hanga balʼina barruu harkaa dheeratu, jechuunis 51.8 cm taʼuttis ni fayyadamu turan. (Uma 6:15; Luq 12:25)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Dibuu.
Jechi kun Afaan Ibrootaatiin hiika “dhangalaʼaadhaan dibuu” jedhu qaba. Nama ykn miʼa tokko tajaajila adda taʼeef adda baasuuf Zayitiin itti dibama ture. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti jechi kun namoota abdii samii irra jiraachuuf filataman irratti hafuurri qulqulluun dhangalaʼuu isaa argisiisuuf itti hojjetameera.—Bau 28:41; 1Sa 16:13; 2Qo 1:21.
Dikaapoolis.
Tuuta magaalota Giriikii, jalqaba irratti magaalota kudhan irraa hundeeffame (Afaan Giriikiitiin dikaa jechuun “kudhan,” poolis jechuun immoo “magaalaa” jechuu dha). Naannoon baha Galaana Galiilaa fi naannoon Laga Yordaanos, bakki magaalonni kun hedduun itti argamanis maqaa kanaan waamama ture. Magaalonni kun handhuura aadaa fi daldalaa Giriikota durii turan. Yesuus naannoo kana keessa kan darbe taʼus, magaalota kana keessaa gara isa tokkoo illee akka dhaqe hin ibsamne. (Mat 4:25; Mar 5:20)—Kutaa Dabalataa A7 fi B10 ilaali.
Dinaaree.
Saantima meetii warra Roomaa 3.85 g madaalu dha; gar tokkoon isaa fakkii Qeesaar qaba. Mindaa namoota hojii humnaa hojjetaniif guyyaatti kaffalamuu fi saantima ‘gibiraa’ warri Roomaa Yihudoota irraa sassaaban ture. (Mat 22:17; Luq 20:24)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Dinqii; Hojii guguddaa.
Hojii ykn wanta humna namoonni beekan hundumaatii ol taʼee fi qaama humna namaatii ol taʼeen raawwatamu. Kitaaba qulqulluu keessatti jechi “mallattoo” jedhus yeroo tokko tokko kaayyoo wal fakkaatuuf itti hojjetameera.—Bau 4:21; HoE 4:22; Ibr 2:4.
Diraakmaa.
Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti saantima meetii Giriikotaa yeroo sanatti 3.4 g madaalu argisiisa. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti diraakmaan warqii bara Faarsitti ture kan ibsame yeroo taʼu daarikii wajjin wal qixxee dha. (Nah 7:70; Mat 17:24)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Diyaabilos.
Maqaa Seexanaa eenyummaa isaa ibsuu fi Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti caqasame; hiikni isaa, “Maqaa kan Balleessu” jechuu dha. Seexanni maqaan Diyaabilos jedhamu kan isaaf kenname Yihowaa, Dubbii isaa isa gaarii fi maqaa isaa isa qulqulluu balleessuu fi himata sobaa dhiheessuu irratti isa hundumaa irra caalu waan taʼeefi.—Mat 4:1; Yoh 8:44; Mul 12:9.
Dooniiwwan Tarshiish.
Jalqaba irratti dooniiwwan gara Tarshiish durii (Ispeen ishii harʼaa) dhaqan argisiisuuf itti hojjetama ture. Yeroo booda immoo dooniiwwan guguddaa karaa fagoo deemuu dandaʼan argisiisuuf hojii irra ooluu waan jalqabe fakkaata. Solomoonii fi Yoshaafaax kaayyoo daldalaatiif dooniiwwan akkanaatti fayyadamaniiru.—1Mo 9:26; 10:22; 22:48.
Duʼaa kaʼuu.
Jechi Afaan Giriikii aanaastaasis jedhu kallattiidhaan “ol kaʼuu; dhaabbachuu” jechuu dha. Kitaaba Qulqulluu keessatti Yesuus isa Yihowaan duʼaa kaase dabalatee duʼaa kaʼuun sagal galmeeffameera. Eeliyaas, Eelsaa, Yesuus, Pheexirosii fi Phaawulos namoota duʼaa kan kaasan taʼus, dinqiiwwan kana kan raawwatan humna Yihowaatiin akka ture beekamaa dha. “Qajeelonnis taʼan jalʼoonni” lafa irratti duʼaa kaʼuun isaanii kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa qaba. (HoE 24:15) Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼaa kaʼuu isa samii, jechuunis waaʼee duʼaa kaʼuu “isa jalqabaa” isa obboloonni Yesuus warri hafuuraan dibaman argataniis ni dubbata.—Flp 3:11; Mul 20:5, 6; Yoh 5:28, 29; 11:25.
Dunkaana walgaʼii.
Dura buʼaa lubootaa.
Maqaa “luba ol aanaa” kan biraa Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti ibsame. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti jechi “dura buutota lubootaa” jedhu luboota bakka guddaa qaban kan argisiisu yeroo taʼu, kunis luboota ol aanoo aangoo irraa buʼanii fi dura buutota gareewwan lubootaa 24n kan argisiisu taʼuu hin oolu.—2Se 26:20; Iz 7:5; Mat 2:4; Mar 8:31.
E
Edoom.
Maqaa kan biraa Esaawu ilma Yisihaaqiif kenname. Sanyiiwwan Esaawu (Edoom) naannoo Seʼiir, naannoo gaarotaa Galaana Duʼaa fi Galoo Galaanaa Aqabaa gidduu jiru qabatan. Kunis Edoom jedhamee beekame. (Uma 25:30; 36:8)—Kutaa Dabalataa B3 fi B4 ilaali.
Eefaa.
Safartuu wantoota jajjaboo yeroo taʼu, miʼichis maqaa kanaan waamama; midhaan safaruuf tajaajila. Baatii isa safartuu wantoota dhangalaʼoo taʼee wajjin qixxee dha; kanaafuu 22 L taʼa. (Bau 16:36; His 45:10)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Eeshiyaa.
Maqaan kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti bulchiinsa Roomaa bakka yeroo harʼaatti kutaa lixa Turkiiyyeetti argamu, akkasumas odoloota akka Saamosii fi Phaaximos kan dabalatu dha. Magaalaa guddoon ishii Efesoon turte. (HoE 20:16; Mul 1:4)—Kutaa Dabalataa B13 ilaali.
Efraaxis.
Laga baayʼee dheeraa kibba dhiha Eeshiyaatti argamuu fi beekamaa taʼe yeroo taʼu, lageen guguddaa Mesophotaamiyaatti argaman lamaan keessaa isa tokko dha. Lagni kun jalqaba kan caqasame Uumama 2:14 irratti yeroo taʼu, caqasichi lageen Eedan arfan keessaa isa tokko akka taʼe ibsa. Yeroo baayʼee “Lagicha” jedhamee waamama. (Uma 31:21) Karaa kaabaa biyya Israaʼelotaaf kenname kan daangessu dha. (Uma 15:18; Mul 16:12)—Kutaa Dabalataa B2 ilaali.
Efreem.
Maqaa ilma Yoseef isa lammaffaa; maqaan kun yeroo booda gosa Israaʼel tokkoof kennameera. Sabni Israaʼel bakka lamatti erga hiramanii booda immoo, Efreem gosa baayʼee beekamu waan tureef guutummaa mootummaa gosoota kurnanii kan bakka buʼu taʼeera.—Uma 41:52; Er 7:15.
Efuudii.
Uffata shirrixii fakkaatuu fi luboonni uffatan. Lubni ol aanaan efuudii addaa fuuldura isaatiin kiisii qomaa of irraa qabu uffata ture; kiisii qomaa kana irratti immoo dhagaawwan gatii guddaa qaban 12 maxxanfamaniiru. (Bau 28:4, 6)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Ejja.
Saalqunnamtii namni gaaʼela qabu tokko nama hiriyaa gaaʼelaa isaa hin taanee wajjin fedhiidhaan raawwatu.—Bau 20:14; Mat 5:27; 19:9.
Eker dubbistuu.
Nama nama duʼe akka haasofsiisu itti dhagaʼamu.—Lew 20:27; Kes 18:10-12; 2Mo 21:6.
Elellaa.
Wanta jabaataa akka dhagaa taʼee fi lafee bineensota galaanaa xixiqqoo taʼanii irraa uumamu. Garba keessatti kan argamu yeroo taʼu, diimaa, adii fi gurraacha dabalatee halluuwwan garaa garaa qaba. Elellaan keessumaa Galaanaa Diimaa keessatti baayʼinaan argama. Bara duriitti elellaa diimaan gatii guddaa qaba ture; faaya mormaa fi faayaawwan kaan tolchuuf hojii irra oola ture.—Fak 8:11.
Eluul.
Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa 6ffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa 12ffaaf kenname. Walakkaa Hagayyaa irraa eegalee hamma walakkaa Fulbaanaatti kan jiru dha. (Nah 6:15)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Ergamaa.
Hiikni jecha kanaa “kan ergame” jechuu yeroo taʼu, Yesuusii fi namoota muraasa warra kaan akka tajaajilaniif ergaman argisiisuuf itti hojjetameera. Yeroo baayʼee garuu, barattoota Yesuus warra inni dhuunfaatti filatee bakka buʼoota isaa godhate 12 argisiisuuf itti hojjetameera.—Mar 3:14; HoE 14:14.
Etaaniim.
Maqaa kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa torbaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa tokkoffaatiif kenname. Walakkaa Fulbaanaa irraa eegalee hamma walakkaa Onkoloolessaatti kan jiru dha. Yihudoonni Baabilonii erga deebiʼanii booda Tiishrii jedhameera. (1Mo 8:2)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
F
Faarfannaa.
Waaqa jajachuuf kan dhihaatu. Faarfannaan muuziqaadhaan kan deggeramuu fi waaqeffattoonnis kan faarfatan ture; mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamutti Yihowaa waaqeffachuufis ni faarfatama ture.—Luq 20:42; HoE 13:33; Yaq 5:13.
Faarfannaa Ol Baʼuu.
Mata duree Faarfannaa 120-134 irratti argamu. Hiika gaalee kanaa ilaalchisee yaadawwan garaa garaa kan jiran taʼus, namoonni hedduun faarfannaawwan 15nan kun faarfannaawwan Israaʼelonni ayyaanota beekamoo waggaa waggaadhaan kabajaman sadan kabajuuf gara Yerusaalem ishii gaarreen Yihudaa irratti argamtutti waaqeffannaadhaaf yeroo ‘ol baʼanitti’ faarfatan akka taʼan amanu.
Faarsi; warra Faarsi.
Biyyaa fi saba yeroo baayʼee Meedonii wajjin caqasamu; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Meedonii wajjin wal qabata. Jalqaba irratti warri Faarsi kibba dhihaa Iraan qofa qabatanii turan. Faarsii fi Meedon waliin bulchaa kan turan taʼus, Qiiros Guddicha jalatti (akka barreessitoonni seenaa durii jedhanitti abbaan isaa nama Faarsi yeroo taʼu, haati isaa immoo nama Meedon turte), warri Faarsi warra Meedon irratti ol aantummaa qabu turan. Qiiros Dh.K.D. bara 539tti Bulchiinsa Baabilon kan injifate yeroo taʼu, Yihudoonni boojuu jala turan gara biyya isaaniitti akka deebiʼan isaaniif heyyamee ture. Bulchiinsi Faarsi Laga Induus isa kallattii bahaatiin argamu irraa kaʼee hamma Galaana Eejiyaan isa kallattii dhihaatiin argamuutti kan jiru ture. Hamma Iskindir Guddichi Dh.K.D. bara 331tti warra Faarsi injifatutti Yihudoonni bulchiinsa Faarsi jala turan. Daaniʼel waaʼee Bulchiinsa Faarsi dursee mulʼataan argee ture; kitaabota Kitaaba Qulqulluu Izraa, Nahimiyaa fi Asteer keessattis ibsameera. (Iz 1:1; Dan 5:28; 8:20)—Kutaa Dabalataa B9 ilaali.
Faaruu gaddaa.
Walaloo ykn muuziqaa michuun ykn namni jaallatan duʼuu isaatiin kan kaʼe gadda cimaa ittiin ibsan.—2Sa 1:17; Fr 7:0.
Faasikaa.
Ayyaana waggaa Israaʼelonni Gibxii keessaa bilisa baʼuu isaanii yaadachuuf jiʼa Abiib (yeroo booda Niisaan jedhame) keessa guyyaa 14ffaatti kabajan. Ayyaanni kun hoolaa (ykn reʼee) qalanii waadanii, baala hadhaaʼaa fi maxinoo wajjin nyaachuudhaan kabajama ture.—Bau 12:27; Yoh 6:4; 1Qo 5:7.
Faatamii.
Safartuu gad fageenya bishaanii safaruuf oolu yeroo taʼu, 1.8 m taʼa. (HoE 27:28)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Fakkeenya.
Dubbii ogummaa ykn seenaa gabaabaa barumsa tokko barsiisu ykn jechoota muraasaan dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe dabarsu. Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko dubbii dhokataadhaan kan barreeffame taʼuu dandaʼa. Fakkeenyi jechoota akka gaariitti ibsuu dandaʼaniin dhugaa tokko dabarsa. Namoota tokko tokkotti qoosuuf ykn akka isaan tuffatan argisiisuuf dubbiiwwan tokko tokkotti fayyadamuun baramaa ture.—Lal 12:9; 2Ph 2:22.
Falaasota Ephiquriyotaa.
Duuka buutota Ephiquriyos isa falaasaa Giriikii taʼee (341-270 Dh.K.D.). Falaasamni isaanii yaada ‘namni tokko jireenya isaa keessatti galmi isaa inni guddaan of gammachiisuu dha’ jedhu irratti kan hundaaʼe dha.—HoE 17:18.
Falaasota Istoyikootaa.
Falaasota mana barumsaa Giriikii warra gammachuun, wantoota nama amansiisanii fi uumamaa wajjin wal simanii jiraachuudhaan argama jedhanii amanan. Akka ilaalcha isaaniitti, namni ogummaa dhugaa qabu rakkinaafis taʼe gammachuudhaaf dantaa hin qabu.—HoE 17:18.
Falfala raawwachuu.
Humna hafuurota hamoo irraa akka dhufe beekamutti fayyadamuu.—2Se 33:6.
Faraʼoon.
Maqaa ulfinaa mootonni Gibxii ittiin waamaman. Kitaaba Qulqulluu keessatti Faraʼoononni shan, jechuunis (Shishaaq, Soo, Tirhaaqaa, Nikaaʼuu fi Hofraa) maqaadhaan kan ibsaman yeroo taʼu, warra Abrahaam, Musee fi Yoseefii wajjin haala wal qabateen ibsaman dabalatee Faraʼoononni kaan garuu maqaan isaanii hin ibsamne.—Bau 15:4; Rom 9:17.
Fariisota.
Garee amantii Yihudootaa beekamaa Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ture. Namoonni kun sanyii lubootaa taʼuu baatanis, wantoota xixinnoo irratti illee Seericha cimsanii kan hordofan turan; afoolaafis hammuma Seerichaa iddoo guddaa kennu turan. (Mat 23:23) Dhiibbaa aadaa Giriikotaa kam iyyuu ni mormu; hayyoota Seerichaa fi aadaa waan taʼaniif, uummaticha irratti aangoo guddaa qabu turan. (Mat 23:2-6) Isaan keessaa tokko tokko miseensota yaaʼii Saanhediriin turan. Yeroo baayʼee waaʼee Sanbata eeguu, waaʼee aadaawwanii, waaʼee warra cubbamootaa fi warra qaraxa sassaabaniitti michoomuu Yesuusiin ni mormu turan. Saaʼol isa biyya Xarsees dabalatee isaan keessaa tokko tokko Kiristiyaanota taʼaniiru.—Mat 9:11; 12:14; Mar 7:5; Luq 6:2; HoE 26:5.
Fiimii.
Madaallii ulfaatinaa yeroo taʼu, gatii Filisxeemonni miʼawwan sibiilaa qaruuf kaffalchiisan ture. Dhagaawwan madaallii Israaʼel keessatti arkiyooloojiidhaan qotamanii argaman, dubbifamoota Afaan Ibrootaa durii “fiimii” jedhu of irraa qabu; walumaa galatti ulfaatinni isaanii 7.8 g yeroo taʼu, sheeqilii lama sadaffaa taʼa.—1Sa 13:20, 21.
Filisxeem; Filisxeemota.
Biyya qarqara kibbaa Israaʼelitti argamuu fi yeroo booda Filisxeem jedhame. Godaantonni Qarxeesii dhufanii achi qubatan Filisxeemota jedhamu. Daawit isaan injifatee kan ture taʼus, of dandaʼanii jiraachuu isaanii itti fufaniiru; yeroo hundumaas diinota Israaʼel turan. (Bau 13:17; 1Sa 17:4; Amo 9:7)—Kutaa Dabalataa B4 ilaali.
Firii jalqabaa.
Firii yeroo makaraatti jalqaba argamu; buʼaa ykn oomisha wanta akkamii irraa iyyuu jalqaba argamu. Yihowaan namas taʼe horii ykn firii lafa irraa argamu, wanta jalqaba argatan isaaf akka kennan saba Israaʼel irraa ni barbaada ture. Israaʼelonni akka sabaatti yeroo Ayyaana Maxinoottii fi yeroo Phenxeqosxeetti firii jalqabaa Waaqayyoof dhiheessu turan. Yaanni “firii jalqabaa” jedhu Kiristoosii fi duuka buutota isaa dibamtoota taʼan argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti hojjetameera.—1Qo 15:23; Lak 15:21; Fak 3:9; Mul 14:4.
Furii.
Gatii boojuu, adaba, rakkina, cubbuu ykn dirqama jalaa nama baasuuf kaffalamu. Gatiin kaffalamu kun yeroo hunda maallaqa miti. (Isa 43:3) Furiin kan barbaachisu haalawwan adda addaa hedduu keessatti dha. Fakkeenyaaf, Israaʼel keessatti ilmis taʼe horii kormaan angafa taʼe kan Yihowaa ture; kanaan kan kaʼes guutummaatti tajaajila Yihowaatiif kan murtaaʼe taʼuu isaa irraa gadhiisisuuf, furiin ykn gatiin ittiin bitaman kaffalamuu qaba ture. (Lak 3:45, 46; 18:15, 16) Namni tokko qotiyyoo isaa isa hamaa taʼe utuu hin eeggatin hafuudhaan qotiyyoon sun nama tokko yoo ajjeese, abbaan qotiyyoo sanaa duʼa isatti murteeffame irraa bilisa taʼuu akka dandaʼuuf furii kaffalu qaba ture. (Bau 21:29, 30) Haa taʼu malee, namni taʼe jedhee nama ajjeese tokko furiin inni kaffalu fudhatama hin qabu. (Lak 35:31) Furiin Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo guddaan kennamuuf, furii Kiristoos ilmaan namootaa ajajamoo taʼan cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasuuf jedhee aarsaa taʼee duʼuudhaan kaffale dha.—Fr 49:7, 8; Mat 20:28; Efe 1:7.
Furrisa.
Wanta akka teephaa, ykn wadaroo ribuu horii, quncee ykn rifeensa irraa tolfamu. Gidduu isaatti iddoo balʼaa kan qabu yeroo taʼu, wanti darbatamu (yeroo baayʼee dhagaa dha) achi keessa kaaʼama. Fiixeen furrisichaa inni tokko harkatti kan hidhamu yeroo taʼu, fiixeen inni kan biraan immoo harkatti qabamee yommuu furrisichi darbatamu gadhiifama. Saboonni bara durii raayyaa isaanii keessatti namoota furrisa isaaniif darbatan ni qacaratu turan.— Abo 20:16; 1Sa 17:50.
G
Gaaʼela waarsaa.
Gaanfa.
Miʼa dhugaatii, miʼa zayitii, miʼa qalamaa fi dibataa, akkasumas meeshaa muuziqaa fi mallattoo ittiin dhageessisan taʼee tajaajila ture. (1Sa 16:1, 13; 1Mo 1:39; His 9:2) Jechi “gaanfa” jedhu jabina, injifannoo fi moʼicha argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti hojjetameera.—Kes 33:17; Mik 4:13; Zak 1:19.
Gaanfota iddoo aarsaa.
Wanta gaanfa fakkaatuu fi goleewwan iddoo aarsaa arfan irraa ol baʼee jiru. (Lew 8:15; 1Mo 2:28)—Kutaa Dabalataa B5 fi B8 ilaali.
Gaarreen wal qabatoo Libaanon.
Gaarreen wal qabatoo biyya Libaanon keessatti argaman lamaan keessaa isa tokko. Gaarreen wal qabatoon Libaanon karaa dhihaatiin, gaarreen wal qabatoo Antii-Libaanon immoo kallattii bahaatiin jira. Gaarreen wal qabatoo lamaan kana gargar kan baasu sulula dheeraa gabbataa taʼe dha. Gaarreen wal qabatoon Libaanon kallattiidhaan kan ol kaʼan Meditiraaniyaa irraa yeroo taʼu, ol kaʼiinsi fiixee isaanii 1,800 fi 2,100 m gidduu taʼa. Bara duriitti Libaanon mukeetii gaattiraatiin kan uwwifame yeroo taʼu, mukeetiin kun saboota naannoo sana jiran biratti baayʼee kan barbaadaman turan. (Kes 1:7; Fr 29:6; 92:12)—Kutaa Dabalataa B7 ilaali.
Gaarummaa guddaa.
Jecha Afaan Giriikii ergaa wanta namatti toluu fi nama hawwatu jedhu dabarsu irraa dhufe. Jechi kun yeroo baayʼee kennaa gaarummaa ykn karaa gaarummaa qabuun kennuu argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi kun gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa argisiisuuf yommuu itti hojjetamu, kennaa tolaa Waaqayyo akka isaaf deebiʼu utuu hin eegin arjummaadhaan kennu argisiisa. Kanaafuu, jechi kun Waaqayyo ilmaan namootaatiif arjummaadhaan kan kennu, akkasumas jaalalaa fi gaarummaa guddaa kan isaanitti argisiisu taʼuu isaa kan ibsu dha. Jechi Afaan Giriikii kun “fudhatama argachuu” fi “kennaa gaarummaa” jedhamees hiikameera. Kennaan kun gatii dadhabbiitiif kan kaffalamu ykn gatii naaf mala jedhamu utuu hin taʼin, guutummaatti qaama arjummaadhaan kakaʼee kennu sana irratti kan hundaaʼe dha.—2Qo 6:1; Efe 1:7.
Gadda.
Yommuu namni tokko duʼu ykn rakkinni kan biraan gaʼu karaa itti miira ofii ibsan. Bara duriitti, yeroo murtaaʼeef gadduun baramaa ture. Namoonni gaddan sagalee dhageessisanii booʼuu malees, uffata adda taʼe uffatu, mataa isaanii irratti daaraa firfirsu, uffata isaanii tarsaasu, akkasumas qoma isaanii rurrukutu turan. Al tokko tokko namoonni faaruu gaddaa faarfachuu irratti dandeettii qaban sirna awwaalchaa irratti ni waamamu turan.—Uma 23:2; As 4:3; Mul 21:4.
Gahaannam.
Maqaa Afaan Giriikii Sululli Hinoom inni kibbaa fi kibba dhiha Yerusaalem duriitti argamu ittiin waamamu. (Er 7:31) Iddoon kun bakka reeffi itti gatamu akka taʼu raajiidhaan dubbatamee ture. (Er 7:32; 19:6) Horiin ykn namoonni utuma lubbuudhaan jiranii bakka kanatti gatamanii akka gubatan ykn akka dhiphatan ragaan argisiisu hin jiru. Kanaafuu, bakki kun bakka ijaan hin argamnee fi lubbuun namaa bara baraaf ibidda keessatti itti dhiphattu kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, Yesuusii fi barattoonni isaa “duʼa isa lammaffaa” adaba bara baraatti fakkeeffame, jechuunis badiisa bara baraa argisiisuuf fakkeenyaan itti fayyadamaniiru.—Mul 20:14; Mat 5:22; 10:28.
Gantummaa.
Jechi kun Afaan Giriikiitiin (apoostaasiiyaa) gochima kallattiidhaan hiika “irraa fagaatanii dhaabbachuu” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. Jechi kun akka maqaatti yommuu itti hojjetamu yaada “gatanii deemuu, dhiisuu ykn finciluu” jedhu dabarsa. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti jechi “gantummaa” jedhu warra waaqeffannaa dhugaa ganan argisiisuuf itti hojjetameera.—Fak 11:9; HoE 21:21; 2Ta 2:3.
Garafuu.
Gosa adabaa. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti alangaa fiixee isaa irraa guduunfaa ykn wantoota qara taʼan qabutti fayyadamanii rukutuu ykn garafuu argisiisa.—Mat 20:19; Yoh 19:1.
Garee amantii.
Garee namootaa barumsa tokko ykn geggeessaa tokkotti maxxananii fi amantii mataa isaanii hordofan. Dameewwan amantii Yihudii beekamoo lamaan, jechuunis Fariisotaa fi Saduuqotaa wajjin haala wal qabateen itti hojjetameera. Namoonni Kiristiyaana hin taanes akka amantii Yihudii irraa citetti waan ilaalaniif taʼuu dandaʼa, Kiristiyaanummaa “garee amantii” ykn “garee amantii Naazirootaa” jedhanii waamu. Yeroo booda gareen amantii gumii Kiristiyaanaa keessattis hundeeffameera; ‘gareen amantii Niqolaawotaa’ kitaaba Mulʼataa keessatti caqasameera.—HoE 5:17; 15:5; 24:5; 28:22; Mul 2:6; 2Ph 2:1.
Geeraa.
Madaallii 0.57 g taʼu. Sheeqilii 1/20 wajjin qixxee dha. (Lew 27:25)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Geggeessaa muuziqaa.
Kitaaba Faarfannaa keessatti jechi Afaan Ibrootaa kun nama karaa taʼe tokkoon muuziqaa qindeessuu fi yeroo faarfatamu qajeelfama kennu, Leewwota faarfattoota taʼan shaakalsiisuu fi leenjisu, akkasumas nama yeroo qophiin addaa jirutti dura buʼee geggeessu argisiisa. Hiikkaawwan tokko tokko jecha kana “weellisaa angafa” jechuudhaan hiikaniiru.—Fr 4:0; 5:0.
Gibira.
Kaffaltii mootummaan ykn bulchaan tokko nagaa buusuuf ykn eegumsa argachuuf jecha mootummaa ykn bulchaa kan biraatiif kaffalu; kunis qaama sanaaf akka bitamu kan argisiisu dha. (2Mo 3:4; 18:14-16; 2Se 17:11) Jechi kun qaraxa namoota irratti muramu argisiisuufis itti hojjetameera.—Nah 5:4; Rom 13:7.
Giiliyaad.
Kallattiidhaan naannoo gabbataa baha Laga Yordaanos jiru yeroo taʼu, hamma kaabaattii fi hamma kibba Sulula Yaaboqitti kan jiru dha. Yeroo tokko tokko immoo guutummaa naannoo baha Yordaanositti argamuu fi gosoonni Ruubenii fi Gaad, akkasumas walakkaan gosa Minaasee jiraachaa turan argisiisuuf itti hojjetameera. (Lak 32:1; Iya 12:2; 2Mo 10:33)—Kutaa Dabalataa B4 ilaali.
Giitiit.
Jecha muuziqaa hiikni isaa sirriitti hin beekamne dha; taʼus jecha Afaan Ibrootaa gaat jedhu irraa kan dhufe fakkaata. Jechi gaat jedhu iddoo cuunfaa wayinii kan argisiisu waan taʼeef, namoonni tokko tokko muuziqaa daadhii wayinii qopheessuu wajjin wal qabatu akka taʼe amanu.—Fr 81:0.
Giriikii.
Afaan warri Giriikii dubbatan; akkasumas nama lammii Giriikii taʼe ykn nama maatiin isaa namoota biyya sanaa taʼan argisiisa. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti jechi kun namoota Yihudii hin taane hunda ykn warra afaanii fi aadaan Giriikii dhiibbaa isaan irratti geessise argisiisuuf karaa balʼaa taʼeen itti hojjetameera.—Yoe 3:6; Yoh 12:20.
Gocha hafuurota hamoo.
Amantii, hafuuronni namoota duʼanii, yeroo isaan duʼan foon isaanii keessaa baʼanii oolu, akkasumas keessumaa karaa nama dhiibbaa hafuurota kanaatiif saaxilameetiin warra lubbuudhaan jiranii wajjin wal qunnamuu dandaʼu jedhu. Jecha Afaan Giriikii faarmaakiyaa jedhuu fi “gocha hafuurota hamoo” jedhamee hiikame kallattiidhaan “abbaa qorichaa” jechuu dha. Jechi kun yeroo booda gocha hafuurota hamoo wajjin haala wal qabateen itti hojjetamuu jalqabe; sababiin isaas, bara duriitti namoonni humna jinnii kakaasanii falfala raawwachuuf qorichatti fayyadamu turan.—Gal 5:20; Mul 21:8.
Godoo Qulqulluu.
Dunkaana waaqeffannaa iddoodhaa iddootti sochoʼuu dandaʼuu fi Israaʼelonni Gibxiidhaa erga baʼanii booda itti fayyadamaa turan. Taabonni kakuu Yihowaa inni Waaqayyo gidduu isaaniitti argamuu isaa argisiisu keessa taaʼa ture; akkasumas iddoo aarsaan itti dhihaatuu fi iddoo waaqeffannaa taʼee tajaajila ture. Yeroo tokko tokko “dunkaana walgaʼii” jedhamee waamama. Utubaawwan mukaa kan qabu yeroo taʼu, uffanni quncee talbaa irraa tolfamee fi fakkiin kiruubelotaa irratti dhaʼame itti uwwifama ture. Kutaa lama qaba ture; inni jalqabaa Kutaa Qulqulluu, inni lammaffaan immoo Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe jedhama. (Iya 18:1; Bau 25:9)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Golfaa.
Dhukkuba saffisaan nama irraa namatti darbuudhaan babalʼatuu fi nama ajjeesu kam iyyuu. Yeroo baayʼee murtii Waaqayyoo wajjin wal qabata ture.—Lak 14:12; His 38:22, 23; Amo 4:10.
Golgaa.
Huccuu fakkiin kiruubelotaa irratti dhaʼamee hodhame yeroo taʼu, godoo qulqulluu keessattis taʼe mana qulqullummaa keessatti Kutaa Qulqulluu, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe irraa adda baasuuf tajaajila ture. (Bau 26:31; 2Se 3:14; Mat 27:51; Ibr 9:3)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Gubbee.
Faaya mataa utubaa irra kaaʼamu. Gubbeewwan baayʼee guddaa taʼan utubaawwan lamaan Yaakiinii fi Boʼaaz jedhaman warra mana qulqullummaa Solomoon dura jiran irra kaaʼamanii turan. (1Mo 7:16)—Kutaa Dabalataa B8 ilaali.
Gumii.
Garee namootaa kaayyoo ykn hojii tokkoof walitti qabaman. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti yeroo baayʼee saba Israaʼel argisiisa. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti immoo tokkoon tokkoon gumii Kiristiyaanaa argisiisa; yeroo baayʼee garuu walumaa galatti gumii Kiristiyaanaa argisiisa.—1Mo 8:22; HoE 9:31; Rom 16:5.
Guyyaa Araaraa.
Guyyaa ayyaanaa Israaʼelonni kabajan isa guddaa yeroo taʼu, Yoom Kiippar (Afaan Ibrootaatiin yoom haakiipuuriim jechuunis “guyyaa haguuguu”) jedhamees ni waamama; jiʼa Etaaniimitti guyyaa 10ffaatti kabajama. Lubni ol aanaan godoo qulqulluu keessatti, booda immoo mana qulqullummaa keessatti gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼeetti kan seenu guyyaa kanatti qofa dha. Achittis cubbuu ofii isaa, cubbuu Leewwota kaanii fi cubbuu sabichaatiif dhiiga horii aarsaa taʼee dhiheessa. Guyyaan kun guyyaa walgaʼii qulqulluun itti godhamuu fi itti soomamu, akkasumas sanbata isa guyyaa hojii irraa itti boqotan ture.—Lew 23:27, 28.
Guyyaa Murtii.
Guyyaa ykn yeroo murtaaʼaa gareewwan, saboonni ykn walumaa galatti ilmaan namootaa Waaqayyo duratti itti gaafataman argisiisa. Guyyaan kun yeroo namoonni duuti itti murteeffame itti balleeffaman ykn namoonni tokko tokko carraa fayyinaa fi jireenya bara baraa itti argatan taʼuu dandaʼa. Yesuus Kiristoosii fi ergamoonni isaa ‘Guyyaan Murtii’ inni dhufu warra lubbuudhaan jiran qofa utuu hin taʼin, warra duʼanis akka dabalatu dubbataniiru.—Mat 12:36.
Guyyaa Qophii.
Jala bultii Sanbataa Yihudoonni qophiiwwan barbaachisoo itti godhan. Guyyaan kun isa yeroo harʼaatti Jimaata jedhamu irratti yeroo aduun lixxu xumurama; achiis Sanbanni ni jalqaba. Guyyaan Yihudootaa galgala irraa jalqabee hamma galgalaatti lakkaaʼama.—Mar 15:42; Luq 23:54.
Guyyoota dhumaa.
Jechi kunii fi ibsi “bara dhumaa” jedhu raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo wantoonni seenaa keessatti raawwataman sadarkaa xumuraa irra itti gaʼan argisiisuuf itti hojjetameera. (His 38:16; Dan 10:14; HoE 2:17) Akkuma haala raajichaatti yeroon kun waggoota muraasa ykn waggoota dheeraa kan fudhatu taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun jecha kanatti kan fayyadamu keessumaa “guyyoota dhumaa” sirna ammaa yeroo Yesuus haala ijaan hin mulʼanneen itti argame kana argisiisuufi.—2Xi 3:1; Yaq 5:3; 2Ph 3:3.
H
Haadis.
Jechi Afaan Giriikii kun jecha Afaan Ibrootaa “Siiʼol” jedhuu wajjin hiika tokko qaba. Jechi kun bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman argisiisuuf (qubee guddaadhaan) “Awwaala” jedhamee hiikameera.—AWWAALA ilaali.
Habaqii.
Hadheessa.
Gosawwan biqiltuu baayʼee hadhaaʼanii fi foolii cimaa qaban garaa garaa argisiisa. Hadheessi Kitaaba Qulqulluu keessatti miidhaa hadhaaʼaa halalummaan, garbummaan, jalʼinni haqaa fi gantummaan geessisu argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. Jechi Mulʼata 8:11 irratti “hadheessa” (Afaan Giriikiitiin, apsintoos) jedhame wanta baayʼee hadhaaʼuu fi summaaʼaa taʼe argisiisa.—Kes 29:18; Fak 5:4; Er 9:15; Amo 5:7.
Hafuura.
Jechi Afaan Ibrootaa ruuʼaah jedhuu fi jechi Afaan Giriikii niwumaa jedhu, yeroo baayʼee “hafuura” jedhamee kan hiikame yeroo taʼu, jechi kun hiika hedduu qaba. Hiikawwan jecha kanaa hundi wanta ija namaatiin hin argamnee fi humna sochii irra jiru kan argisiisani dha. Jechoonni Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii wantoota armaan gadii argisiisuuf itti hojjetamaniiru; isaanis, (1) qilleensa, (2) humna jireenyaa uumamawwan lafa irra jiraatan keessa jiru, (3) humna guddaa garaa namaa isa fakkeenya taʼe keessaa baʼuu fi namni sun karaa taʼe tokkoon waa akka dubbatu ykn akka raawwatu isa kakaasu, (4) dubbii qaama ijaan hin argamne irraa maddee geggeessaa hafuuraatiin dubbatamu, (5) qaamota hafuuraa, akkasumas (6) humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru ykn hafuura qulqulluu dha.—Bau 35:21; Fr 104:29; Mat 12:43; Luq 11:13.
Hafuura qulqulluu.
Humna guddaa ijaan hin mulʼannee fi Waaqayyo fedhii isaa raawwachuuf itti fayyadamu. Yihowaan inni madda hafuura kanaa taʼe guutummaatti qulqulluu waan taʼeef, akkasumas Waaqayyo kan itti fayyadamu wantoota qulqulluu taʼan raawwachuuf waan taʼeef hafuurri kun qulqulluu jedhamuun isaa sirrii dha.—Luq 1:35; HoE 1:8.
Halalummaa.
Jecha Afaan Giriikii poorniyaa jedhu irraa kan dhufe yeroo taʼu, Kitaabota Qulqulluu keessatti kan itti hojjetame gochawwan saalqunnamtii Waaqayyo dhowwe muraasa argisiisuufi. Jechi kun ejja, sagaagalummaa, saalqunnamtii namoota hiriyoota gaaʼelaa hin taane gidduutti raawwatamu, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuu fi horii wajjin raawwatamu kan dabalatu dha. Kitaaba Mulʼataa keessatti dhaabbata amantii sagaagaltuu taatee fi “Baabilon Guddittii” jedhamtu, ishii aangoo fi qabeenya argachuuf jettee bulchitoota addunyaa wajjin michummaa uumte argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. (Mul 14:8; 17:2; 18:3; Mat 5:32; HoE 15:29; Gal 5:19)—SAGAAGALTUU ilaali.
Harka irra kaaʼuu.
Hojii addaa tokkoof muuduuf, akkasumas eebbisuuf, fayyisuuf ykn kennaa hafuura qulqulluu akka fudhatu gochuuf nama irra harki ni kaaʼama ture. Yeroo tokko tokko immoo horiin tokko aarsaa taʼee dhihaachuu isaa dura harki irra ni kaaʼama ture.—Bau 29:15; Lak 27:18; HoE 19:6; 1Xi 5:22.
Haroo ibiddaa.
Iddoo akka fakkeenyaatti ibsamee fi “dinyiidhaan bobaʼu”; “duʼa isa lammaffaa” jedhamees ibsameera. Cubbamoonni yaada hin geddaranne, Diyaabilos, duutii fi Awwaalli (ykn Haadis) illee bakka kanatti darbatamu. Uumamawwan hafuuraa, akkasumas duutii fi Haadis warri ibiddaan miidhamuu hin dandeenye bakka kanatti akka darbataman ibsamuun isaa, haroon kun bakka bara baraaf itti dhiphatan utuu hin taʼin, badiisa bara baraa kan argisiisu akka taʼe mulʼisa.—Rom 14:10; 2Qo 5:10; Yoh 19:13.
Hermees.
Waaqa Giriikii isa ilma Zuus taʼe. Phaawulos yommuu Lisxiraa keessa turetti, namoonni maqaa waaqa isa ergamaa waaqolii akka taʼee fi akka gaariitti dubbachuu akka dandaʼutti yaadaniitiin Hermees jedhanii dogoggoraan isa waamanii turan.—HoE 14:12.
Heroodis.
Maqaa maatii mootummaa warra Roomaatiin muudamee Yihudoota bulchaa turee. Heroodis Guddichi, mana qulqullummaa Yerusaalem deebisee ijaaruudhaan, akkasumas Yesuusiin ajjeesuuf jedhee daaʼimman akka ajjeefaman ajajuu isaatiin beekama. (Mat 2:16; Luq 1:5) Ijoollee Heroodis Guddichaa kan taʼan Heroodis Arkelaawosii fi Heroodis Antiphaas kutaa muraasa bulchiinsa abbaa isaanii irratti muudamanii turan. (Mat 2:22) Antiphaas bulchaa kutaa arfaffaa ture; “mootii” jedhamees ni beekama ture; inni yeroo Kiristoos waggaa sadii fi walakkaa tajaajilaa turetti bulchaa kan ture yeroo taʼu, hanga seenaan Hojii Ergamootaa boqonnaa 12 irra jiru raawwatamutti bulchaa ture. (Mar 6:14-17; Luq 3:1, 19, 20; 13:31, 32; 23:6-15; HoE 4:27; 13:1) Sana booda ilma ilma Heroodis Guddichaa kan ture Heroodis Agriiphaa Tokkoffaan yeroo muraasaaf erga bulchee booda maleekaa Waaqayyootiin ajjeefameera. (HoE 12:1-6, 18-23) Sana booda ilmi isaa Heroodis Agriiphaa Lammaffaan bulchaa taʼee hanga yeroo Yihudoonni Roomaa irratti fincila kaasaniitti bulcheera.—HoE 23:35; 25:13, 22-27; 26:1, 2, 19-32.
Higaayoon.
Jecha muuziqaa geggeessuuf itti fayyadaman. Jechi kun akka Faarfannaa 9:16 irratti itti hojjetametti, gadda cimaa ibsuuf sagalee muuziqaa baganaa furdaadhaan gidduutti dhageessifamu ykn xiinxaluuf jecha takka turuu kan argisiisu dha.
Hiinii.
Safartuu wantoota dhangalaʼoo yeroo taʼu, miʼichis maqaa kanaan waamama. Liitira 3.67 dha. (Bau 29:40)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hiisoophii.
Biqiltuu damee fi baala qaqalloo qabu, yeroo sirni qulqulleessuu godhamutti dhiiga ykn bishaan facaasuuf gargaaru. Biqiltuun kun tarii biqiltuu maarjooraam (Origaanam maaruu; Origaanam siirikam) jedhamu taʼuu dandaʼa. Akka Yohaannis 19:29 irratti ibsametti hagadaan misingaa dheerina ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa cuuphame afaan Yesuusitti dhiheessuuf dandeessisu waan qabuuf, yeroo kanatti maarjooraam hagadaa misingaatti hidhamee taʼuu dandaʼa.—Bau 12:22; Fr 51:7.
Hogganaa.
Mootummaa Baabilon keessatti abbaa taayitaa bulchaa koonyaatii gad taʼe. Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti hoggantoonni namoota ogeeyyii mana mootummaa Baabilon keessa jiran hundumaa irratti aangoo qabu turan. Hoggantoonni yeroo Daariyos Mootichi inni nama Meedon taʼe bulchaa turettis jiru turan.—Dan 2:48; 6:7.
Hogganaa maleekotaa.
Homeerii.
Safartuu wantoota jajjaboo qorosii wajjin qixxee taʼe. Qabiyyee safartuu baatii irratti hundaaʼuudhaan 220 L taʼa. (Lew 27:16)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Hordoftoota Heroodis.
Garee sabboontotaa kaayyoo siyaasaa Heroodisoonni warri Roomaa jalatti bulchan qaban deggeran turan. Saduuqonni tokko tokko tarii miseensota garee kanaa kan turan taʼuu dandaʼa. Deggertoonni Heroodis Fariisotaa wajjin taʼanii Yesuusiin mormaniiru.—Mar 3:6.
Horeeb; Gaara Horeeb.
Naannoo gaarotaa Gaara Siinaatti marsee jiru. Maqaa kan biraa Gaara Siinaadhaaf kenname. (Bau 3:1; Kes 5:2)—Kutaa Dabalataa B3 ilaali.
I
Ibroota.
Amoorota naannoo isaa turan irraa adda isa baasuuf maqaa jalqaba Abraam (Abrahaam) ittiin waamamaa ture. Sana boodas sanyii Abrahaam warra karaa ilma ilma isaa Yaaqoob dhufanii fi afaan isaan dubbatan argisiisuuf itti hojjetameera. Bara Yesuusitti jechoonni Afaan Aaraam hedduun Afaan Ibrootaatti dabalamanii kan turan yeroo taʼu, Kiristoosii fi barattoonni isaa Afaan Ibrootaa dubbatu turan.—Uma 14:13; Bau 5:3; HoE 26:14.
Iccitii qulqulluu.
Iccitii Waaqayyo biraa maddee fi kutaa kaayyoo isaa taʼe; hamma yeroon isaaf murtaaʼe gaʼutti dhokfamee kan turu yeroo taʼu, ifa kan taʼu warra inni iccitii kana akka beekan filateef qofa dha.—Mar 4:11; Qol 1:26.
Iddoo aarsaa.
Ijaarsa ykn waltajjii biyyoo, kattaa, dhagaa wal irra tuulame ykn muka sibiilaan uwwifame irraa tolfamu yeroo taʼu, yeroo waaqeffannaatti aarsaan ykn ixaanni irratti dhihaata. Kutaa jalqabaa godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessa ‘iddoon aarsaa warqii irraa tolfamee’ fi ixaana irratti dhiheessan jira ture. Muka irraa kan hojjetamee fi warqii kan uwwifame ture. ‘Iddoon aarsaa guddaan sibiila diimaa irraa tolfamee’ fi aarsaa gubamuuf oolu mooraa keessa jira ture. (Bau 27:1; 39:38, 39; Uma 8:20; 1Mo 6:20; 2Se 4:1; Luq 1:11)—Kutaa Dabalataa B5 fi B8 ilaali.
Iddoo cuunfaa wayinii.
Yeroo baayʼee boollii lama dhagaa keessatti kan qophaaʼu yeroo taʼu, inni tokko isa kan biraadhaa olitti argama, achiis ujummoo xinnoodhaan wal qabsiifama. Firiin wayinii boolla isa irraa keessatti yommuu cuunfamu cuunfaan isaa gara boolla isa jalaatti dhangalaʼa. Jechi kun murtii Waaqayyoo argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera.—Isa 5:2; Mul 19:15.
Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe.
Kutaa godoo qulqulluu ykn mana qulqullummaa isa keessaa, iddoo taabonni kakuu kaaʼamu; Qulqulluu Qulqullootaa jedhamees ni waamama. Akka Seerri Musee ajajutti Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa seenuu kan dandaʼu luba ol aanaa qofa yeroo taʼu, innis waggaatti al tokko Guyyaa Araaraatti ol seena.—Bau 26:33; Lew 16:2, 17; 1Mo 6:16; Ibr 9:3.
Iddoo ibiddaa.
Iddoo albuuda ykn sibiila itti baqsan; miʼawwan suphee irraa tolfamanii fi nooraa gubuufis ni tajaajila ture. Bara duriitti iddoon ibiddaa xuuphii ykn dhagaa irraa tolfama ture.—Uma 15:17; Dan 3:17; Mul 9:2.
Iddoo ol kaʼaa.
Iddoo waaqeffannaa yeroo baayʼee tabba, gaara ykn waltajjii irratti argamu. Iddoowwan ol kaʼoon yeroo tokko tokko Waaqayyoon waaqeffachuuf hojii irra oolaa kan turan taʼus, yeroo baayʼee waaqeffannaa waaqolii sobaa wajjin wal qabatu.—Lak 33:52; 1Mo 3:2; Er 19:5.
Iddoo qulqulluu.
Iddoo waaqeffannaadhaaf adda baafame. Yeroo baayʼee godoo qulqulluu ykn mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru argisiisa. Jechi kun samii keessatti iddoo Waaqayyo jiraatu argisiisuufis itti hojjetameera.—Bau 25:8, 9; 2Mo 10:25; 1Se 28:10; Mul 11:19.
Ilaaltuu ol aanaa.
Nama adda durummaadhaan gumii eeguu fi tiksuuf itti gaafatamummaan irra jiru. Jechi Afaan Giriikii ephiisqophoos jedhu ol aantummaadhaan eeguu yaada jedhu of keessaa qaba. Jechoonni “ilaaltuu ol aanaa” fi “jaarsa” (piriisbaateroos) jedhan gumii Kiristiyaanaa keessatti aangoo wal fakkaatu argisiisu; maqaan “jaarsa” jedhu namni muudame sun amala bilchinaa kan qabu taʼuu isaa kan argisiisu yeroo taʼu, maqaan “ilaaltuu ol aanaa” jedhu immoo hojii namni muudame sun qabu argisiisa.—HoE 20:28; 1Xi 3:2-7; 1Ph 5:2.
Iliriiqum.
Bulchiinsa Roomaa kaaba dhihaa Giriikiitti argamu. Phaawulos yommuu tajaajilaa turetti hanga iddoo kanaatti fagaatee deemeera; taʼus, Iliriiqum keessatti lallabuun isaa ykn kan lallabe hanga achiitti qofa taʼuun isaa hin ibsamne. (Rom 15:19)—Kutaa Dabalataa B13 ilaali.
Ilmaan Aaron.
Sanyii Aaron isa ilma ilma Leewwii taʼee fi Seera Musee jalatti luba ol aanaa isa jalqabaa taʼee filatame sanaa ti. Ilmaan Aaron godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessatti hojii lubummaa hojjetu turan.—1Se 23:28.
Ilma Daawit.
Yeroo baayʼee gaaleen kun Yesuusiif itti hojjetama; kunis inni sanyii hidda dhalootaa Daawit isa akka kakuu Daawitiif galameetti Mootummicha dhaalu taʼuu isaa argisiisa.—Mat 12:23; 21:9.
Ilma namaa.
Jechi kun Wangeelota keessatti gara siʼa 80 caqasameera. Maqaan kun Yesuus Kiristoosiin argisiisuuf kan itti hojjetame yeroo taʼu, inni fooniin yommuu dhalate, namuma kan ture malee uumama hafuuraa foon uffate akka hin turre kan argisiisu dha. Kana malees Yesuus raajii Daaniʼel 7:13, 14 irratti argamu akka raawwatu kan argisiisu dha. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti Hisqiʼelii fi Daaniʼel maqaa kanaan waamamaniiru; kun immoo garaa garummaa namoota duʼuu dandaʼanii fi Waaqa isa madda ergaa isaanii taʼe gidduu jiru kan addeessu dha.—His 3:17; Dan 8:17; Mat 19:28; 20:28.
Inxoroxoos.
Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti, haala akka mana hidhaa salphina argisiisuu fi maleekonni bara Nohitti Waaqayyoof ajajamuu didan itti darbataman. Jechi 2 Pheexiros 2:4 irratti taartaarooʼo (“gara Inxoroxoositti darbatamuu”) jedhame, ‘maleekonni cubbuu hojjetan’ Inxoroxoos isa afoola warra saba Waaqayyoo hin taanee keessatti ibsametti (mana hidhaa lafa jalaa fi bakka dukkanaa waaqayyoliin xixinnoon keessa jiran) darbatamuu isaanii kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, Waaqayyo maleekota kana aangoo fi mirga samii irratti qaban irraa buusuudhaan akka isaan salphise, akkasumas kaayyoowwan isaa warra ifa taʼan akka hin hubanneef haala sammuun isaanii dukkana guddaa keessa akka galu godhutti dabarsee isaan kennuu isaa argisiisa. Kana malees, dukkanni dhumni isaanii maal akka taʼe argisiisa; innis akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti Seexana Diyaabilos isa bulchaa isaanii taʼee wajjin bara baraaf kan balleeffaman taʼuu isaa ti. Kanaafuu, Inxoroxoos haala gad aanaa maleekonni Waaqayyo irratti fincilan itti gataman argisiisa. “Qilee” Mulʼata 20:1-3 irratti ibsamee wajjin tokko miti.
Irbaata Gooftaa.
Irbaata maxinoo fi daadhiin wayinii foon Kiristoosii fi dhiiga isaa argisiisu irratti dhihaatu; guyyaa duuti Kiristoos itti yaadatamu. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni guyyaa kana akka kabajan waan ajajuuf, “Ayyaana Yaadannoo” jedhamuun isaa sirrii dha.—1Qo 11:20, 23-26.
Isa hamaa.
Seexana isa Waaqaa fi ulaagaalee isaa warra qajeelina irratti hundaaʼan mormu sana argisiisa.—Mat 6:13; 1Yo 5:19.
Israaʼel.
Maqaa Waaqayyo Yaaqoobiif kenne. Yeroo booda sanyiiwwan isaa bara taʼe tokkotti jiraatan hunda argisiisuuf itti hojjetameera. Sanyiiwwan ilmaan Yaaqoob 12n yeroo baayʼee ilmaan Israaʼel, mana Israaʼel, namoota (dhiirota) Israaʼel ykn Israaʼelota jedhamanii waamamaniiru. Maqaan Israaʼel jedhu mootummaa kaabaa gosoota kurnanii isa mootummaa kibbaa irraa gargar baʼeef kan itti hojjetame yeroo taʼu, yeroo booda immoo Kiristiyaanota dibamoo “Israaʼel Waaqayyoo” jedhaman argisiisuuf itti hojjetameera.—Gal 6:16; Uma 32:28; 2Sa 7:23; Rom 9:6.
Itoophiyaa.
Saba bara durii kibba Gibxiitti argamu. Naannoo kibba fagoo Gibxii ishii harʼaa fi Sudaan ishii harʼaa kan dabalatu ture. Jechi kun yeroo tokko tokko jecha Afaan Ibroota “Kuush” jedhuuf itti hojjetameera.—As 1:1.
Ixaana.
Makaa haphee urgaaʼuu fi baalsaamii irraa qophaaʼu, kan suuta jedhee aaruu fi urgaa gaarii qabu. Godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessatti akka aarfamuuf ixaanni addaa wantoota afur walitti makuudhaan qophaaʼu jira ture. Ixaanni kun Kutaa Qulqulluu keessatti, iddoo aarsaa ixaanaa irratti ganamaa fi galgala aarfama, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessatti immoo Guyyaa Araaraatti aarfama ture. Kadhannaa fudhatama qabuu fi tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan dhiheessan argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti hojjetameera. Kiristiyaanonni ixaana akka aarsan isaan irraa hin eegamu.—Bau 30:34, 35; Lew 16:13; Mul 5:8.
Ixaana adii.
Imimmaan mukaa (haphee) gogaa mukaa fi tusii akaakuu mukaa Boosweeliyaa jedhamu keessaa taʼan irraa argamu. Yommuu gubamu urgaa gaarii qaba. Wantoota ixaana qulqulluu godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessatti aarfamu qopheessuuf oolan keessaa tokko ture. Aarsaa midhaanii wajjin kan dhihaatu yeroo taʼu, tokkoon tokkoon daabboowwan ilaalchaa Kutaa Qulqulluu keessa wal irra kaaʼamanii jiran irra kaaʼama ture.—Bau 30:34-36; Lew 2:1; 24:7; Mat 2:11.
Iyyobeeliyyuu.
Yeroo Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti galan irraa eegalee waggaa shantama shantamaan lakkaaʼama. Waggaa Iyyobeeliyyuutti lafattiin boqonnaa kan argattu yeroo taʼu, garboonni Ibroota taʼanis bilisa baʼu. Lafti dhaalaan argamee fi gurgurame abbichaaf ni deebiʼa. Waggaan Iyyobeeliyyuu, waggaa bilisummaa sabichi haala jalqaba yeroo Waaqayyo isa hundeessetti turetti akka deebiʼu godhu waan tureef guutummaan waggaa sanaa ayyaana ture jechuun ni dandaʼama.—Lew 25:9.
J
Jaalala amanamaa.
Baayʼinaan jecha Afaan Ibrootaa heeseed jedhu irraa kan hiikame yeroo taʼu, jaalala kutannoo, qulqullummaa, amanamummaa fi michummaa cimaa irratti hundaaʼe argisiisa. Yeroo baayʼee jaalala Waaqayyo namootaaf qabu kan argisiisu taʼus, namoonnis jaalala kana walitti ni argisiisu.—Bau 34:6; Rut 3:10.
Jaarsa; Maanguddoo.
Nama guddaa; taʼus, Kitaaba Qulqulluu keessatti nama hawaasa ykn saba tokko gidduutti aangoo fi itti gaafatamummaa qabu argisiisa. Kitaaba Mulʼataa keessatti immoo jechi kun uumamawwan samii keessa jiran argisiisuuf itti hojjetameera. Jechi Afaan Giriikii piriisbaayteroos jedhu yeroo warra gumii keessatti dursa fudhatanii geggeessuuf itti gaafatamummaa qaban argisiisu “jaarsa” jedhamee hiikameera.—Bau 4:29; Fak 31:23; 1Xi 5:17; Mul 4:4.
Jannata.
Paarkii bareedaa ykn iddoo biqiltuu paarkii fakkaatu. Iddoon akkasii inni jalqabaa isa Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatiif qopheesse ture. Yesuus yakkamtoota isa cinaatti muka dhiphinaa irratti fannifamanii turan keessaa isa tokkotti yommuu dubbatu, lafti jannata akka taatu ibseera. Jannanni 2 Qorontos 12:4 irratti ibsame jannata gara fuulduraatti dhufu kan argisiisu akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama; jannanni Mulʼata 2:7 irratti ibsame immoo jannata isa samii argisiisa.—Wed 4:13; Luq 23:43.
Jinniiwwan.
Uumamawwan hafuuraa hamoo ijaan hin mulʼannee fi humna namaa olii qaban. Uumama 6:2 irratti “ilmaan Waaqa dhugaa,” Yihudaa 6 irratti immoo “maleekota” jedhamanii waamamaniiru; hamoota taʼanii hin uumamne; kanaa mannaa, maleekota kan turan yeroo taʼu, bara Nohitti Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan, akkasumas fincila Seexanni Yihowaa irratti kaase deggeruudhaan diina isaa of godhan.—Kes 32:17; Luq 8:30; HoE 16:16; Yaq 2:19.
K
Kakaa.
Wanti tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf ykn namni tokko wanta tokko akka godhu ykn akka hin goone waadaa galuuf wanta dubbatamu. Yeroo baayʼee wareega qaama ol aanaa taʼeef, keessumaa immoo Waaqayyoof galamu dha. Yihowaan kakaa kakachuudhaan kakuu Abrahaamiif gale cimseera.—Uma 14:22; Ibr 6:16, 17.
Kakuu.
Waliigaltee ykn kontiraata seera qabeessa Waaqayyoo fi namoota ykn garee namootaa lama gidduutti wanta tokko raawwachuuf ykn raawwachuu dhiisuuf galamu. Yeroo tokko tokko dhimma sana raawwachuun garee isa tokko irraa qofa eegama (kakuu garee tokkoo, kun waadaa galuu argisiisa). Yeroo kaan immoo gareewwan lamaanuu wanta raawwatan qabu (kakuu garee lamaa). Kitaabni Qulqulluun waaʼee kakuuwwan Waaqayyoo fi namoota gidduutti galamanii qofa utuu hin taʼin waaʼee kakuuwwan namoota, gosoota, saboota ykn garee namootaa gidduutti galamaniis ni dubbata. Kakuuwwan balʼinaan hojii irra oolan keessaa tokko tokko kakuu Waaqayyo Abrahaam, Daawit, saba Israaʼelii (kakuu Seerichaa) fi Israaʼel Waaqayyoo wajjin gale (kakuu haaraa) dha.—Uma 9:11; 15:18; 21:27; Bau 24:7; 2Se 21:7.
Kanaʼaan.
Ilma ilma Noh yeroo taʼu, ilma arfaffaa Kaami. Gosoonni 11 warri Kanaʼaan irraa dhufan yeroo booda naannoo Gibxii fi Sooriyaa gidduutti Meditiraaniyaa bahaa biratti argamu jiraachaa turan. Naannoon sun, “biyya Kanaʼaan” jedhamee waamama ture. (Lew 18:3; Uma 9:18; HoE 13:19)—Kutaa Dabalataa B4 ilaali.
Kemoosh.
Waaqa Moʼaabotaa isa beekamaa.—1Mo 11:33.
Kennaa gara laafinaa.
Kennaa nama rakkate gargaaruuf kennamu. Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti kallattiidhaan hin ibsamne; taʼus, Seerichi Israaʼelonni hiyyeessota gargaaruu ilaalchisee dirqamni akkamii akka isaan irra jiru qajeelfama ifa taʼe kenneera.—Mat 6:2.
Kennaa wareegaa.
Kennaa fedhiidhaan kennamuu fi wareega of keessaa qabu.—Lew 23:38; 1Sa 1:21.
Kiisii Qomaa.
Wanta faayaawwaniin miidhagfamee fi lubni ol aanaan Israaʼel yeroo Kutaa Qulqulluu keessa seenu hundumaatti qoma isaa irratti uffatu. Uuriimii fi tuumiimiin warri murtiiwwan Yihowaa mulʼisan achi keessa waan kaaʼamaniif “kiisii qomaa murtii” jedhameera. (Bau 28:15-30)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Kiisluu.
Maqaa Yihudoonni Baabilonii erga deebiʼanii booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa saglaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa sadaffaaf kenname. Walakkaa Sadaasaa irraa eegalee hamma walakkaa Muddeetti kan jiru dha. (Nah 1:1; Zak 7:1)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Kiristiyaana.
Maqaa Waaqayyo duuka buutota Yesuus Kiristoosiif kenne.—HoE 11:26; 26:28.
Kiristoos.
Jecha Afaan Giriikii maqaa ulfinaa Yesuus argisiisu yeroo taʼu, jecha Afaan Ibrootaa “Masiihii” ykn “Isa Dibame” jedhamee hiikamee wajjin tokko dha.—Mat 1:16; Yoh 1:41.
Kiruubelota.
Maleekota aangoo guddaa fi hojii addaa qaban. Suraafeloota irraa adda dha.—Uma 3:24; Bau 25:20; Isa 37:16; Ibr 9:5.
Kitaabota Qulqulluu.
Barreeffamoota qulqulluu Dubbii Waaqayyoo qabatan. Ibsi kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti qofa argama.—Luq 24:27; 2Xi 3:16.
Koobii.
Afaan Ibrootaatiin “miiloo” yeroo taʼu, hiikni isaa “itti guutuu” jechuu dha. Seeptuujantiin “masaraa” jechuudhaan hiikeera. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti taaʼumsa lafaa ykn akkaataa Magaalaan Daawit itti ijaaramte kan argisiisu dha; maal akka fakkaatu garuu sirriitti hin beekamu.—2Sa 5:9; 1Mo 11:27.
Kurnoo.
Kennaa akka gibiraatti keessumaa kaayyoo amantiitiif kudhan keessaa tokko ykn dhibbeentaan 10 kennamu. (Mil 3:10; Kes 26:12; Mat 23:23) Seera Musee jalatti Leewwota deggeruuf jecha oomisha biyyattii keessaa, akkasumas loonii fi bushaayee dabalataan argamu keessaa waggaa waggaadhaan kurnoon ni kennama ture. Leewwonni immoo lubummaa Aaron deggeruuf kurnoo kana irraa kudhan keessaa tokko isaaniif ni kennu turan. Kurnoowwan dabalataa kan biroonis jiru turan. Kiristiyaanonni kurnoo akka kaffalan irraa hin eegamu.
Kutaa Qulqulluu.
Kutaa jalqabaa balʼaa taʼee fi godoo qulqulluu ykn mana qulqullummaa keessatti argamu; kutaa isa keessaa, jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe irraa adda dha. Kutaa Qulqulluu isa Godoo qulqulluu keessatti argamu keessa baattuun ibsaa warqii irraa tolfame, iddoon aarsaa ixaanaa warqii irraa tolfame, minjaalli daabboo ilaalchaa fi miʼawwan warqii kaan ni argamu; Isa mana qulqullummaa keessatti argamu keessa immoo iddoon aarsaa warqii irraa tolfame, baattuuwwan ibsaa warqii irraa tolfaman kurnanii fi minjaalonni daabboo ilaalchaa kurnan ni argamu. (Bau 26:33; Ibr 9:2)—Kutaa Dabalataa B5 fi B8 ilaali.
L
Laga gogaa.
Sulula ykn laga yeroo gannaatiin alatti yeroo kaan gogaa taʼe; jechi kun laga sana argisiisuufis itti hojjetameera. Lageen tokko tokko burqaa bishaaniitiin kan guutan yeroo taʼu, yeroo baayʼeedhaaf turu. Iddoo tokko tokkotti lagni gogaan “sulula” jedhamee ibsameera.—Uma 26:19; Lak 34:5; Kes 8:7; 1Mo 18:5; Iyo 6:15.
Leewwii; Leewwota.
Ilma Yaaqoob Liyaa irraa godhate isa sadaffaa; gosti isa irraa argames maqaa kanaan waamama. Ilmaan isaa sadan gareewwan Leewwotaa sadaniif buʼuura taʼaniiru. Al tokko tokko maqaan “Leewwota” jedhu guutummaa gosichaa argisiisuuf kan itti hojjetamu taʼus, yeroo baayʼee maqaan kun maatii Aaron warra luboota taʼan hin dabalatu. Gosni Leewwii Biyyattii Abdachiifamte keessaa lafti gaʼee isaa taʼe isaaf kennamuu baatus, daangaawwan lafa gosoota kaaniif hirame keessaa magaalonni 48 isaaf kennamanii turan.—Kes 10:8; 1Se 6:1; Ibr 7:11.
Leptaa.
Saantima Yihudootaa hunda irra xinnoo sibiila diimaa ykn nahaasii irraa tolfamee fi bara Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikiitti ture. (Mar 12:42; Luq 21:2; milj.)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Lewaataan.
Bineensa yeroo baayʼee bishaanii wajjin ibsamu, haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti uumama bishaan keessa jiraatu dha. Iyyoob 3:8 fi 41:1 irratti naacha ykn uumama bishaan keessa jiraatuu fi akkuma isaa guddaa taʼee fi jabina qabu kan argisiisu fakkaata. Faarfannaa 104:26 irratti immoo gosa qurxummii guddaa taʼe kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Iddoo kan biraatti immoo akka fakkeenyaatti kan ibsame yeroo taʼu, bineensa isa kam akka argisiisu ifa miti.—Fr 74:14; Isa 27:1.
Loogii.
Safartuuwwan wantoota dhangalaʼoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman keessaa isa xinnoo. Taalmuudii Yihudootaa keessatti hiinii 1/12 akka taʼe ibsameera; kana irratti hundaaʼuudhaan loogiin tokko 0.31 L taʼa jechuu dha. (Lew 14:10)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Luba ol aanaa.
Seera Musee jalatti luba hunda irra caaluu fi sabicha bakka buʼee Waaqayyo duratti dhihaatu, akkasumas luboota kaan toʼatu ture. “Dura buʼaa lubootaa” jedhamees ni waamama. (2Se 26:20; Iz 7:5) Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe isa godoo qulqulluu, booda immoo mana qulqullummaa keessa jirutti akka seenu kan heyyamamu isaaf qofa ture. Kana kan godhus Guyyaa Araaraa isa waggaa waggaatti kabajamu irratti qofa dha. Jechi “luba ol aanaa” jedhu Yesuus Kiristoosiin argisiisuufis itti hojjetameera.—Lew 16:2, 17; 21:10; Mat 26:3; Ibr 4:14.
Luba.
Nama namoota tajaajiluuf Waaqayyoon bakka buʼee waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee seerawwan isaa isaan barsiisu. Kana malees luboonni sabichaaf aarsaa dhiheessuudhaan, akkasumas isaaniif kadhachuudhaan Waaqayyo duratti uummaticha bakka buʼu. Seerri Musee kennamuu isaa dura, mataawwan maatii, maatii isaaniitiif akka lubaatti tajaajilu turan. Seera Musee keessatti garuu, gosa Leewwii keessaa dhiironni miseensota maatii Aaron taʼan luboota taʼan. Dhiironni Leewwota taʼan kaan immoo isaan gargaaru turan. Yommuu kakuun haaraan hojii isaa jalqabetti Israaʼel hafuuraa saba lubootaa taʼe; Yesuus Kiristoos immoo Luba Ol Aanaa taʼe.—Bau 28:41; Ibr 9:24; Mul 5:10.
Lubbuu.
Jecha Afaan Ibrootaa nefeesh jedhuu fi jecha Afaan Giriikii piskee jedhu irraa kan hiikame. Akkaataa jechoonni kun Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetaman yommuu qorru, jechi kun (1) namoota, (2) horii ykn (3) jireenya namni ykn horiin tokko qabu kan argisiisu taʼuu isaa hubanna. (Uma 1:20; 2:7; Lak 31:28; 1Ph 3:20; akkasumas milj.) Hiika amantiiwwan hedduun jecha “lubbuu” jedhuuf kennan irraa haala faallaa taʼeen, Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni nefeesh, akkasumas piskee jedhan lamaanuu uumama lafa irraa, jechuunis wantoota ijaan argaman, harkaan qabamanii fi wantoota duʼuu dandaʼan argisiisuuf itti hojjetameera. Hiika kana keessatti jechoonni afaan jalqabaa kun yeroo baayʼee akkuma yaada naannoo isaanii jirutti “jireenya,” “uumama,” “nama,” “guutummaa nama tokkoo” jedhamanii ykn akka bakka maqaatti (fakkeenyaaf, “lubbuu koo” isa jedhuuf “ana” jedhamanii) hiikamaniiru. Iddoo baayʼeetti jechi “lubbuu” jedhu miiljalee irratti kennameera. Yaada isaa keessattis taʼe miiljalee irratti jecha “lubbuu” jedhu yommuu arginu akkuma armaan olitti ibsametti hubachuu qabna. Wanta tokko lubbuu guutuudhaan hojjechuu jechuun, wanta sana guutummaa ofiitiin, garaa guutuudhaan ykn jireenya ofii guutuudhaan hojjechuu jechuu dha. (Kes 6:5; Mat 22:37) Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikiitiin jechoonni kun iddoo tokko tokkotti hawwii ykn fedhii uumamni lubbu qabeessa taʼe tokko qabu argisiisuuf itti hojjetamaniiru. Kana malees jechoonni kun reeffa argisiisuu dandaʼu.—Lak 6:6; Fak 23:2; Isa 56:11; Hag 2:13.
M
Maalkaam.
Maaskiil.
Jecha Afaan Ibrootaa hiikni isaa sirriitti hin beekamnee fi mata duree faarfannaawwan 13 irratti argamu. Tarii hiikni isaa “walaloo xiinxaluuf gargaaru” jechuu taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko jechi akkaataan barreeffamaa isaa isa kanaa wajjin wal fakkaatuu fi ‘hubannaadhaan tajaajiluu’ jedhamee hiikame hiika isaa wajjin walitti dhihaatu qaba jedhanii yaadu.—2Se 30:22; Fr 32:0.
Magaalaa Daawit.
Maqaa erga Daawit ishii qabatee mana mootummaa isaa achitti ijaaree booda magaalaa Yebuusiif kenname. Xiyoon jedhamtees ni waamamti. Yerusaalem keessatti kallattii kibbaatiin argamti; kana malees magaalaa durii ti.—2Sa 5:7; 1Se 11:4, 5.
Magaalota itti baqatan.
Magaalota Leewwotaa namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese nama haaloo baʼu jalaa itti baqatu. Magaalonni akkanaa jaʼa guutummaa Biyyattii Abdachiifamte keessa jiru turan; magaalota kana qajeelfama Yihowaatiin Museen adda baasee kan ture yeroo taʼu, yeroo booda immoo Iyyaasuun adda baaseera. Namni baqatu tokko magaalaa itti baqatan sana yommuu gaʼu jaarsolii karra magaalattii bira taaʼanitti dhimma isaa himata; simannaa gaariinis isaaf godhama ture. Namoonni taʼe jedhanii nama ajjeesan qophii kanatti akka hin fayyadamneef, namni baqatu sun qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf magaalaa ajjeechaan itti raawwatame sanatti ni qoratama. Namni kun qulqulluu taʼuun isaa yoo mirkanaaʼe gara magaalaa itti baqatan sanaatti deebiʼee daangaa isaa keessaa utuu hin baʼin umurii isaa guutuu ykn hamma lubni ol aanaan duʼutti achi jiraata.—Lak 35:6, 11-15, 22-29; Iya 20:2-8.
Mahaalaat.
Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti jecha muuziqaa yeroo taʼu, mata duree Faarfannaa 53 fi 88 irratti argama. Gochima Afaan Ibrootaa “dadhabuu; dhukkubsachuu” jedhamee hiikamee wajjin kan wal qabatu dha; kun immoo gosa muuziqaa gaddisiisaa argisiisa; kunis qabiyyee faarfannaawwan kana lamaanii wajjin wal sima.
Malakata.
Meeshaa afuufamu, kan sibiila irraa hojjetamuu fi mallattoo kennuuf, akkasumas muuziqaa taphachuuf gargaaru. Akka Lakkoofsa 10:2 irratti ibsametti Yihowaan malakanni lama meetii irraa akka tolfamu ajajee ture; isaanis sabicha walitti qabuuf, dunkaana isaanii buqqisanii akka kaʼan gochuuf ykn waraana labsuuf jecha mallattoo garaa garaa kennuuf hojii irra oolu turan. Malakanni kun akka “xurumbaa” gaanfa horii irraa tolfamuu bocni isaa dabaa miti; kanaa mannaa qajeelaa dha. Akkaataan itti tolfame sirriitti kan hin beekamne taʼus, malakanni tokko tokko meeshaawwan muuziqaa mana qulqullummaa keessatti ni argama ture. Sagaleen malakataa murtoowwan Yihowaa ykn taateewwan guguddaa Waaqayyo biraa dhufan labsuu wajjin haala wal qabateen yeroo baayʼee fakkeenyaan itti hojjetama.—2Se 29:26; Iz 3:10; 1Qo 15:52; Mul 8:7–11:15.
Maleekota.
Jecha Afaan Ibrootaa maalʼaak, akkasumas jecha Afaan Giriikii ageeloos jedhan irraa kan dhufe. Jechoonni kun lamaanuu kallattiidhaan hiikni isaanii “ergamaa” jechuu yeroo taʼu, ergamoota hafuuraa argisiisuuf “maleekaa” jedhamanii hiikamaniiru. (Uma 16:7; 32:3; Yaq 2:25; Mul 22:8) Maleekonni uumamawwan humna guddaa qaban yeroo taʼan, Waaqayyo ilmaan namootaa uumamuu isaanii yeroo dheeraa dura isaan uume. Kana malees, Kitaaba Qulqulluu keessatti ‘qulqulloota kumaatama kudhan,’ “ilmaan Waaqayyoo” fi ‘urjiilee ganamaa’ jedhamanii ibsamaniiru. (Kes 33:2; Iyo 1:6; 38:7) Dandeettii wal horuu qabaatanii hin uumamne; kanaa mannaa tokko tokkoon uumaman. Lakkoofsi isaanii miliyoona dhibbaa ol taʼa. (Dan 7:10) Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti maqaa dhuunfaa fi eenyummaa garaa garaa qabu; taʼus, waan gad of qabaniif waaqeffannaa hin fudhanne, baayʼeen isaanii immoo maqaa isaanii dubbachuu illee hin barbaanne. (Uma 32:29; Luq 1:26; Mul 22:8, 9) Sadarkaa garaa garaa kan qaban yeroo taʼu, teessoo Yihowaa duratti tajaajiluu, ergaa isaa dabarsuu, tajaajiltoota Waaqayyoo lafa irra jiran gargaaruu, murtii Waaqayyoo raawwachiisuu fi hojii misiraachicha lallabuu deggeruu dabalatee hojiin garaa garaa isaaniif kennameera. (2Mo 19:35; Fr 34:7; Luq 1:30, 31; Mul 5:11; 14:6) Gara fuulduraatti waraana Armaagedoon irratti loluudhaan Yesuusiin deggeru.—Mul 19:14, 15.
Mallattoo.
Miʼa, gocha, haala ykn agarsiisa addaa wanti tokko taʼaa akka jiru ykn gara fuulduraatti akka taʼu argisiisu.—Uma 9:12, 13; 2Mo 20:9; Mat 24:3; Mul 1:1.
Mallattoo qulqulluu kan murteeffaman taʼuu argisiisu.
Wanta diriiraa calaqqisuu fi warqii qulqulluu irraa tolfamee Afaan Ibrootaatiin, “Qulqullummaan kan Yihowaa ti” jedhamee irratti bocame. Fuuldura marata mataa luba ol aanaa irratti qabsiifama ture. (Bau 39:30)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Mana qulqullummaa.
Gamoo Yerusaalemitti argamu, isa godoo qulqulluu iddoodhaa gara iddootti geeffamaa ture bakka buʼuudhaan ijaaramee fi wiirtuu waaqeffannaa Israaʼelotaa taʼe. Manni qulqullummaa inni jalqabaa Solomooniin kan ijaarame yeroo taʼu, Baabilonotaan balleeffameera. Inni lammaffaan immoo Yihudoonni boojuu Baabilonii erga deebiʼanii booda Zarubaabeliin kan ijaarame yeroo taʼu, booda immoo Heroodis Guddichaan irra deebiʼamee ijaarameera. Kitaabota Qulqulluu keessatti manni qulqullummaa kun yeroo baayʼee “mana Yihowaa” jedhamee waamameera. (Iz 1:3; 6:14, 15; 1Se 29:1; 2Se 2:4; Mat 24:1)—Kutaa Dabalataa B8 fi B11 ilaali.
Mana sagadaa.
Jecha hiika “walitti qabamuu; yaaʼii” jedhu qabu irraa dhufe; caqasoota hedduu keessatti garuu gamoo ykn bakka Yihudoonni Kitaabota Qulqulluu dubbisuuf, barachuuf, lallaba dhaggeeffachuu fi kadhachuuf itti walgaʼan argisiisa. Bara Yesuusitti, magaalonni Israaʼel hamma tokko guddaa taʼan hundi mana sagadaa tokko kan qaban yeroo taʼu, magaalonni guguddaan immoo manneen sagadaa tokkoo ol qabu turan.—Luq 4:16; HoE 13:14, 15.
Mannaa.
Nyaata beekamaa sabni Israaʼel yommuu lafa onaa keessa waggaa 40f jiraatan nyaatan. Kan qopheesse Yihowaa ture. Guyyaa Sanbataa irraa kan hafe karaa dinqii taʼeen ganama ganama fixeensa jalatti lafa irratti argama ture. Israaʼelonni jalqaba yommuu argan, “Kun maali dha?” ykn Afaan Ibrootaatiin “maanhuu?” jedhan. (Bau 16:13-15, 35) Iddoo kan biratti immoo “midhaan samii” (Fr 78:24), ‘nyaata samii irraa dhufee’ (Fr 105:40) fi “nyaata warra jajjaboo” (Fr 78:25) jedhameera. Yesuusis mannaa akka fakkeenyaatti caqaseera.—Yoh 6:49, 50.
Maqedooniyaa.
Naannoo kaaba Giriikiitti argamtuu fi bara Iskindir Guddichaatti beekamtuu taate, hanga warra Roomaatiin injifatamutti toʼannaa warra kaanii jala hin galle turte. Phaawulos ergamaan jalqaba gara Awurooppaa yeroo dhaqetti Maqedooniyaan kutaa bulchiinsa Roomaa turte. Phaawulos siʼa sadii achi dhaqeera. (HoE 16:9)—Kutaa Dabalataa B13 ilaali.
Maraa kitaabaa.
Biraannaa ykn paappirasii dheeraa karaa tokkoon itti barreeffamee fi yeroo baayʼee ulee irratti maramu. Kitaabonni Qulqulluun kan barreeffamanii fi kan garagalfaman maraa isa yeroo sana akka kitaabaatti ilaalamu irratti ture.—Er 36:4, 18, 23; Luq 4:17-20; 2Xi 4:13.
Marata mataa.
Huccuu mataatti maramuu fi akka haguuggii mataatti uffatamu. Lubni ol aanaan marata mataa quncee talbaa baʼeessa taʼe irraa tolfame uffata ture; marata kana irratti fuulduraan wanti diriiraan warqii irraa tolfame foʼaa bifa cuquliisaatiin hidhamee ture. Mootiin gonfoo isaa jalatti marata mataa ni uffata ture. Iyyoob haqa akka qabu argisiisuuf marata mataatti akka fakkeenyaatti fayyadamee ture.—Bau 28:36, 37; Iyo 29:14; His 21:26.
Masiihii.
Jecha Afaan Ibrootaa hiika “kan dibame” ykn “isa dibame” jedhu qabu irraa kan fudhatame. Afaan Giriikiitiin immoo “Kiristoos” jedhama.—Dan 9:25; Yoh 1:41.
Maxinoo.
Daabboo raacitii hin qabne argisiisa.—Kes 16:3; Mar 14:12; 1Qo 5:8.
Meedon.
Namoota sanyii Maadaay ilma Yaafeet taʼan; namoonni kun naannoo yeroo booda biyya Meedon jedhame, isa yeroo ammaatti kaaba dhiha Iraanitti argamu keessa buufatanii turan. Warri Meedon Baabilonii wajjin taʼuudhaan Asooriin injifataniiru. Yeroo sanatti Faarsi Meedon jalatti koonyaa turte; taʼus, Qiiros kan fincile yeroo taʼu, Meedon Faarsii wajjin walitti makame; kanaan kan kaʼes bulchiinsi Meedo-Faarsi inni Dh.K.D. bara 539tti bulchiinsa Niiwoo Baabilon injifate ni hundaaʼe. Warri Meedon Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalemitti argamanii turan. (Dan 5:28, 31; HoE 2:9)—Kutaa Dabalataa B9 ilaali.
Meeshaa waraanaa.
Uffata loltoonni balaa irraa of eeguuf uffatan, kan akka baarmeexaa sibiilaa, kootii sibiilaa, qabattoo, gambaallee fi gaachanaa kan dabalatu dha.—1Sa 31:9; Efe 6:13-17.
Merodaak.
Waaqa beekamaa magaalaa Baabilon. Mootii fi seera baasaa Baabilon kan ture Haamuraabiin Baabilon magaalaa guddittii Baabilon akka taatu erga godhee booda, Merodaak (ykn Maarduk) iddoo guddaa kan argate yeroo taʼu, waaqolii isa dura turan iddoo isaaniitii kaasuudhaan waaqa Baabilon isa beekamaa taʼe. Yeroo booda, maqaan Merodaak (ykn Maarduk) jedhu maqaa ulfinaa “Beeluu” (“Abbaa”) jedhuun bakka buʼe; kanaafuu Merodaak yeroo baayʼee Beel jedhamuu jalqabe.—Er 50:2.
Midhaan dhaʼuu; Oobdii.
Hojii midhaan habaqii isaa irraa gargar baasuuf hojjetamuu fi bakka hojiin kun itti hojjetamu. Midhaan kan dhaʼamu uleedhaan ture, midhaan hedduu yommuu taʼutti immoo, konkolaataa ittiin midhaan siribsiisanii fi horiidhaan harkifamu irra oofuudhaan ture. Meeshaan kun midhaan oobdii sana irra jiru irra oofama ture; oobdichi immoo lafa diriiraa geengoo taʼee fi yeroo baayʼee bakka ol kaʼaa qilleensaaf saaxilame irratti qopheeffama.—Lew 26:5; Isa 41:15; Mat 3:12.
Miinaa.
Kitaaba Hisqiʼel keessatti maanee jedhameera. Madaallii ulfaatinaa ti; akkasumas akka maallaqaatti tajaajila ture. Akka ragaawwan arkiyooloojii argisiisanitti miinaan tokko sheeqilii 50 dha, sheeqiliin tokko 11.4 g dha, miinaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti ibsame 570 g ulfaata. Akkuma dhundhumaa miinaan mana mootummaa keessatti itti fayyadamanis jira ture. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti miinaan tokko diraakmaa 100 dha. Giraama 340 ulfaata. Miinaan jaatamni taalaantii tokko dha. (Iz 2:69; Luq 19:13)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Miktaam.
Milkoom.
Waaqa Amoononni waaqeffatan; tarii waaqa Moleek jedhamuu wajjin tokko taʼuu dandaʼa. (1Mo 11:5, 7) Solomoon yeroo bulchiinsi isaa xumuramuu jala gaʼee turetti waaqa sobaa kanaaf iddoowwan ol kaʼoo ijaaree ture.—MOLEEK ilaali.
Misiraachicha.
Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti, misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi fayyina Yesuus Kiristoositti amanuun argamsiisu ibsu dha.—Luq 4:18, 43; HoE 5:42; Mul 14:6.
Moleek.
Molook.—
MOLEEK ilaali.
Mooraa.
Naannoo godoo qulqulluu dallaa qabu dha; yeroo booda immoo naannoo gamoo mana qulqullummaa isa dallaa qabu argisiisuuf itti hojjetameera. Iddoon aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu mooraa godoo qulqulluu keessattii fi mooraa mana qulqullummaa isa keessaa keessatti argama ture. (Kutaa Dabalataa B5, B8 fi B11 ilaali.) Kitaabni Qulqulluun waaʼee manneen dhuunfaa fi manneen mootummaa mooraa qabaniis ni dubbata.—Bau 8:13; 27:9; 1Mo 7:12; As 4:11; Mat 26:3.
Mootummaa Waaqayyoo.
Gaaleen kun keessumaa kan itti hojjetame ol aantummaa Waaqayyoo, mootummaa Ilmi isaa Kiristoos Yesuus mootii taʼee bulchuun bakka buufamu argisiisuufi.—Mat 12:28; Luq 4:43; 1Qo 15:50.
Mootuu Samii.
Maqaa ulfinaa waqayyittii tolfamtuu bara Ermiyaasitti Israaʼelonni gantoota taʼan waaqeffachaa turanii. Namoonni tokko tokko waaqayyittii Baabilon ishii Ishtaar (Astaartee) jedhamtu akka argisiisu dubbatu. Maqaan waaqayyittii warra Sumeeriyaa akkuma ishii taatee Inaanaa ture; hiikni isaas “Mootuu Samii” jechuu dha. Samii wajjin kan ibsamtu yeroo taʼu, waaqa hormaataa akka taatetti ilaalamti. Astaarteenis barreeffama warra Gibxii tokko irratti, “Giiftii Samii” jedhamteetti.—Er 44:19.
Mormituu Kiristoos.
Jechi Afaan Giriikii hiika lama qaba. Wanta mormituu Kiristoos taʼe argisiisa. Kana malees, Kiristoos sobaa, jechuunis bakka Kiristoos kan of buusu argisiisuu dandaʼa. Namoonni, dhaabbileen ykn gareewwan Kiristoosiin akka bakka buʼan sobaan dubbatan ykn Masiihicha akka taʼan dubbatan ykn Kiristoosii fi duuka buutota isaa morman hundi mormituu Kiristoos jedhamanii waamamuun isaanii sirrii dha.—1Yo 2:22.
Muka gaarii fi hamaa beeksisu.
Muka jireenyaa.
Muka; Muka dhiphinaa.
Utubaa solooloo namni duuti itti murteeffame irratti fannifamu. Saboonni tokko tokko nama tokko duʼaan adabuuf ykn reeffi isaa namoota kaaniif akeekkachiisa akka taʼu gochuuf ykn uummata duratti isa salphisuuf muka irratti fannisu turan. Asooronni warri waraana gara jabinaa geggeessuudhaan beekaman, namoota boojiʼan muka solooloo qarameen garaa isaaniitii hanga laphee isaaniitti diranii fannisuudhaan beekamu turan. Seera Yihudootaa keessatti garuu namoonni yakka guddaa kan akka Waaqayyoon arrabsuu ykn waaqa tolfamaa waaqeffachuu jiran raawwatan, dhagaadhaan tumamanii ykn karaa kan biraatiin erga ajjeefamanii booda, namoota kaaniif akeekkachiisa akka taʼuuf reeffi isaanii muka irratti fannifama ture. (Kes 21:22, 23; Iya 8:29; 2Sa 21:6, 9) Warri Roomaa immoo al tokko tokko nama duuti itti murteeffame muka irratti hidhanii guyyoota hedduudhaaf dhiphatee, dheebotee, beelaʼee fi aduudhaan waxalamee akka duʼu godhu turan. Yeroo kan biraatti immoo akkuma Yesuus ajjeefametti, nama sana harka isaa fi miila isaa mismaaraan muka irratti rukutanii ajjeesu turan. (Luq 24:20; Yoh 19:14-16; 20:25; HoE 2:23, 36) Jechi Afaan Giriikii istaawuroos jedhuu fi muka dhiphinaa jedhamee hiikame muka ykn utubaa solooloo kan akka Yesuus itti fannifamee argisiisa. Jechi Afaan Giriikii kun fannoo isa namoonni Waaqayyoon hin waaqeffannee fi dhaloota Kiristoos dura turan jaarraawwan hedduudhaaf akka mallattoo waaqeffannaatti itti fayyadamaa turan kan argisiisu taʼuu isaa ilaalchisee ragaan hin jiru. Jechi istaawuroos jedhu dhiphina, rakkinaa fi salphina duuka buutota Yesuus irra gaʼu argisiisuuf faayidaa irra waan ooleef, gaaleen “muka dhiphinaa” jedhu yaada jecha Afaan Giriikii isa jalqabaa keessa jiru guutummaatti kan dabarsu dha.—Mat 16:24; Ibr 12:2.
Mutlaabeen.
Jecha mata duree Faarfannaa 9 irratti argamu. Hiikni isaa, “duʼa ilmaa ilaalchisee” jechuu akka taʼetti yaadama. Namoonni tokko tokko maqaa muuziqaa yommuu faarfannaan kun faarfatamu dhagaʼamuuf kenname ykn jechoota seensaa yeroo kanatti dubbataman argisiisuu akka dandaʼu dubbatu.
N
Naardosii.
Zayitii halluun isaa diimaa giddu galeessa taʼe, kan urgaaʼuu fi gatii guddaa qabu, akkasumas biqiltuu ispaayiknaardi (Naardostaakiis jaataamaansii) jedhamu irraa argamu. Naardosiin baayʼee miʼaa waan tureef, namoonni yeroo baayʼee zayitii rakasa taʼee wajjin walitti maku ykn darbee darbee immoo fakkeessanii hojjetu turan. Maarqosii fi Yohaannis zayitiin Yesuus irratti dhangalaafame “naardosii qulqulluu” taʼuu isaa kan ibsan kanaaf akka taʼe beekamaa dha.—Mar 14:3; Yoh 12:3.
Naataaniim.
Tajaajiltoota mana qulqullummaa Israaʼelota hin taane. Jechi Afaan Ibrootaa kallattiidhaan hiikni isaa “Namoota Kennaman” jechuu dha; kunis tajaajila mana qulqullummaatiif kan kennaman taʼuu isaanii argisiisa. Tarii, Naataaniimota keessaa hedduun isaanii sanyii Gibeʼonota warra Iyyaasuun, ‘guutummaa yaaʼichaatiif, akkasumas iddoo aarsaa Yihowaatiif warra qoraan funaananii fi bishaan waraaban’ akka taʼan godhee taʼuu dandaʼu.—Iya 9:23, 27; 1Se 9:2; Iz 8:17.
Naazricha.
Jecha Afaan Ibrootaa hiika “Kan Kophaatti Baafame,” “Kan Murteeffamee” fi “Kan Adda Baafame” jedhu qabu irraa kan fudhatame. Garee Naazrotaa lamatu jira; isaanis, kan fedhiidhaan taʼanii fi kan Waaqayyoo muudu turan. Dhiirri ykn dubartiin tokko yeroo murtaaʼeef Naazrota taʼanii jiraachuuf Yihowaadhaaf kakuu adda taʼe galuu dandaʼu. Namoonni fedhiidhaan Naazrota taʼan wantoota sadii akka hin goone dhowwamu turan; alkoolii dhuguus taʼe wanta wayinii irraa argamu nyaachuu hin qaban, rifeensa isaanii hin muratan, akkasumas reeffa hin tuqan. Warri Waaqayyo muudu immoo umurii isaanii guutuu akkasitti kan jiraatan yeroo taʼu, Yihowaan ulaagaa irraa barbaadamu baaseera.—Lak 6:2-7; Abo 13:5.
Nadaayii.
Dhukkuba gogaa baayʼee cimaa taʼe. Kitaaba Qulqulluu keessatti dhukkubni nadaayii dhukkuba yeroo ammaatti maqaa kanaan waamamu qofa kan argisiisu miti; sababiin isaas, dhukkubni kun namoota qofa utuu hin taʼin uffataa fi mana faaluu kan dandaʼu ture.—Lew 14:54, 55; Luq 5:12.
Nama bilisa taʼe; Nama bilisa baʼe.
Bara bulchiinsa warra Roomaatti “nama bilisa taʼe” kan jedhamu, nama bilisa taʼee dhalate, jechuunis nama mirga lammummaa guutuu qabu ture. “Nama bilisa baʼe” kan jedhamu immoo, nama garbummaa jalaa bilisa baʼe jechuu dha. Namni karaa seera qabeessa taʼeen bilisa baʼe tokko lammii Roomaa taʼuuf mirga kan argatu taʼus, aangoo siyaasaa argachuuf gaʼumsa hin qabaatu. Namni karaa seera qabeessa hin taaneen bilisa baʼe garbummaa jalaa kan baʼu taʼus, mirga lammummaa guutuu hin argatu ture.—1Qo 7:22.
Nama mulʼata argu.
Nama Waaqayyo fedhii isaa akka hubatu godhu, wanta namoonni kaan hin hubanne akka arguu fi akka hubatuuf ijji isaa baname. Jechi Afaan Ibrootaa jecha kallattiidhaanis taʼe akka fakkeenyaatti hiika “ilaaluu” jedhu qabu irraa dhufe. Namoonni kaan rakkoowwan isaan mudatan irratti gorsa gaafachuuf nama mulʼata argu bira dhaqu turan.—1Sa 9:9.
Nama urjii lakkaaʼu.
Nama wanta fuulduratti taʼu raajii dubbachuuf sochii aduu, addeessaa fi urjii qoratu.—Dan 2:27; Mat 2:1.
Nefiliim.
Diqaalota maleekota foon uffatanii fi dubartoota ilmaan namootaa irraa Bishaan Badiisaa dura dhalatan.—Uma 6:4.
Nehiiloot.
Jecha hiikni isaa sirriitti hin beekamnee fi mata duree Faarfannaa 5 irratti argamu. Namoonni tokko tokko jecha Afaan Ibroota chaliil (ulullee) jedhuu wajjin wal qabsiisuudhaan meeshaa muuziqaa afuufamu kan argisiisu akka taʼe amanu. Haa taʼu malee, muuziqaas kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Niisaan.
Maqaa haaraa boojuu Baabilon booda jiʼa Abiibiif kenname yeroo taʼu, kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa isa jalqabaa, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa torbaffaa argisiisa. Walakkaa Bitootessaa irraa eegalee hamma walakkaa Eblaatti kan jiru dha. (Nah 2:1)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
O
Oomeerii.
Safartuu wantoota jajjaboo 2.2 L taʼu ykn eefaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼe. (Bau 16:16, 18)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
P
Phenxeqosxee.
Ayyaanota guguddaa sadan dhiironni Yihudoota taʼan hundi gara Yerusaalem dhaqanii akka kabajan irraa eegamu keessaa isa lammaffaa. Phenxeqosxee jechuun “(Guyyaa) Shantamaffaa” jechuu dha; maqaan kun jecha Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti Ayyaana Makaraa ykn Ayyaana Torbeewwanii jedhamu argisiisuuf Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti itti hojjetame dha. Ayyaanni kun Niisaan 16 irraa jalqabee kan lakkaaʼamu yeroo taʼu, guyyaa 50ffaatti kabajama.—Bau 23:16; 34:22; HoE 2:1.
Poorniyaa.—
HALALUMMAA ilaali.
Puuriim.
Ayyaana waggaa Adaar 14 fi 15tti kabajamu. Yihudoonni bara Asteer Mootittiitti badiisa jalaa ooluu isaanii yaadachuuf kan kabajamu dha. Jechi Afaan Ibrootaa hin taanee fi puuriim jedhu “carraa” jechuu dha. Ayyaanni Puuriim ykn Ayyaanni Carraa kan moggaafame Haamaan guyyaa karoora Yihudoota haxaaʼee balleessuuf baafate itti raawwatu murteessuuf Puur (Carraa) buufachuu isaa irraa kan dhufe dha.—As 3:7; 9:26.
Q
Qaabii.
Safartuu wantoota jajjaboo yeroo taʼu, qabiyyee safartuu baatii irratti hundaaʼuudhaan 1.22 L taʼa. (2Mo 6:25)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Qaarmii funaanuu.
Midhaan namni midhaan sassaabu tokko itti yaadee ykn utuu itti hin yaadin maasii keessatti dhiisee deeme walitti qabachuu. Seera Musee keessatti sabichi midhaan qarqara maasii isaa jiru guutummaatti akka hin haammanne ykn firii ejersaas taʼe wayinii guutummaa isaa akka hin funaanne ajajameera. Wanta erga midhaan sassaabamee booda hafe walitti qabachuun mirga Waaqayyo hiyyeeyyii, warra rakkatoo, nama biyya ormaa, daaʼima abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef kenne ture.—Rut 2:7.
Qaasiyaa.
Qola muka qaasiyaa (Siinaammoomam kaasiyaa) irraa kan argamu yeroo taʼu, muka akaakuu qarafaa taʼe dha. Qaasiyaan akka urgooftuutti tajaajilaa ture; wantoota zayitii dibataa qulqulluu qopheessuuf oolan keessaas tokko ture.—Bau 30:24; Fr 45:8; His 27:19.
Qabduu.
Miʼa warqii irraa tolfamee fi godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessatti ibidda ibsaa dhaamsuuf faayidaa irra oolaa ture.—Bau 37:23.
Qabsiisa.
Miʼa qabeenya dhuunfaa taʼee fi namni waa liqeeffate gara fuulduraatti akka kaffalu mirkaneessuuf jecha nama isaaf liqeesseef kennu. Seerri Musee miseensota sabichaa hiyyeeyyii taʼanii fi gargaarsa hin qabneef eegumsa gochuuf jecha qabsiisa ilaalchisee seera tokko tokko qabateera.—Bau 22:26; His 18:7.
Qadaada araaraa.
Qadaada taabota kakuu isa lubni ol aanaan Guyyaa Araaraatti dhiiga horii aarsaa cubbuu taʼee dhihaatuu duratti facaasu. Jechi Afaan Ibrootaa gochima “(cubbuu) haguuguu” ykn tarii “(cubbuu) haxaaʼuu” jedhu irraa kan dhufe dha. Warqii jabaataa irraa kan hojjetamee fi kiruubelota qarqara isaa lamaan irratti tolfaman lama of irraa qaba. Yeroo tokko tokko “qadaada” qofa jedhama. (Bau 25:17-22; 1Se 28:11; Ibr 9:5)—Kutaa Dabalataa B5 ilaali.
Qajeelummaa.
Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti akka ulaagaa Waaqayyo wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe ilaalchisee baasetti wanta sirrii taʼe kan argisiisu dha.—Uma 15:6; Kes 6:25; Fak 11:4; Sef 2:3; Mat 6:33.
Qalʼaa.
Foʼaawwan yeroo huccuun dhaʼamu dheerina uffatichaatiin oolan. Foʼaawwan gubbaa fi jalaan foʼaawwan kana qaxxaamuruudhaan keessa babaʼan immoo boffee jedhamu.—Abo 16:13.
Qalqalloo daadhii wayinii.
Qalqalloo gogaa horii kan akka reʼee ykn hoolaa irraa hojjetamuu fi daadhii wayinii qabachuuf gargaaru. Daadhiin wayinii danfaa yommuu deemu gaaziin kaarboon daayooksaayidii qalqalloo sana waan bokoksuuf daadhiin wayinii qalqalloo haaraa keessa kaaʼama. Qalqalloo haaraan balʼachaa deema; qalqalloo moofaan gogaa taʼe garuu, dhiibbaa sanaan ni dhoʼa.—Iya 9:4; Mat 9:17.
Qeesaar.
Maqaa maatii Roomaa tokkoo kan yeroo booda maqaa ulfinaa mootota Roomaa taʼe. Kitaaba Qulqulluu keessatti Awugusxos, Xibaariyoosii fi Qalaawudewos maqaadhaan caqasamaniiru; Neeroon maqaadhaan caqasamuu baatus maqaan ulfinaa kun isaafis ni hojjeta. Maqaan “Qeesaar” jedhu Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti namoota aangoo qaban ykn biyyattii argisiisuuf itti hojjetameera.—Mar 12:17; HoE 25:12.
Qilee.
Jecha Afaan Giriikii abiisos jedhuu fi hiika, “garmalee gad fagoo” ykn “kan bira hin gaʼamne, daangaa kan hin qabne” jedhu qabu irraa kan dhufe. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti iddoo ykn haala akka mana hidhaa taʼe argisiisuuf hojii irra ooleera. Iddoo awwaalaa kan dabalatu dha; taʼus, kana qofa kan argisiisu miti.—Luq 8:31; Rom 10:7; Mul 20:3.
Qodaa ibiddaa.
Miʼa warqii, meetii ykn sibiila diimaa irraa tolfamu; godoo qulqulluu fi mana qulqullummaa keessatti ixaana irratti aarsuuf, iddoo aarsaa irraa cilee kaasuuf, akkasumas baattuu ibsaa irraa foʼaa ibsaa gubate kaasuuf tajaajila ture. Qodaa ixaanaa jedhamees ni waamama.—Bau 37:23; 2Se 26:19; Ibr 9:4.
Qorosii.
Safartuu wantoota jajjaboo fi dhangalaʼoo. Qabiyyee safartuu baatii irratti hundaaʼuudhaan 220 L taʼa. (1Mo 5:11)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Qubeellaa chaappaa.
Qulqullummaa.
Amala Yihowaan qabu; guutummaatti naamusa qulqulluu qabaachuu argisiisa. (Bau 28:36; 1Sa 2:2; Fak 9:10; Isa 6:3) Jechi Afaan Ibrootaa namoota (Bau 19:6; 2Mo 4:9), horii (Lak 18:17), wantoota (Bau 28:38; 30:25; Lew 27:14), iddoowwan (Bau 3:5; Isa 27:13), yeroo (Bau 16:23; Lew 25:12), akkasumas hojiiwwan (Bau 36:4) argisiisuuf yommuu itti hojjetamu, Waaqa isa Qulqulluu taʼeef adda baʼuu ykn qulqulleeffamuu, akkasumas tajaajila Yihowaatiif adda baafamuu ergaa jedhu dabarsa. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessattis jechoonni “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhamanii hiikaman haaluma wal fakkaatuun Waaqayyoof adda baʼuu argisiisu. Jechoonni kun amala qulqulluu qabaachuus ni argisiisu.—Mar 6:20; 2Qo 7:1; 1Ph 1:15, 16.
Qulqulluu.
Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi kun karaa qaamaa qulqulluu taʼuu qofa kan argisiisu utuu hin taʼin, haala xurii fi mudaa irraa bilisa taʼe, akkasumas wanta karaa naamusaa ykn karaa hafuuraa nama xureessu, faaluu fi mancaasu akkamii irraa iyyuu fagaachuu argisiisa. Seera Musee jalatti akka Seerichaatti qulqullaaʼuu argisiisa.—Lew 10:10; Fr 51:7; Mat 8:2; 1Qo 6:11.
Qumbii.
Haphee foolii urgaaʼu qabu, tusiiwwan qoree qaban garaa garaa irraa ykn mukeetii xixiqqoo akaakuu mukaa Koomifooraa jedhamu irraa argamu. Qumbiin wantoota zayitii dibataa qulqulluu qopheessuuf walitti makaman keessaa tokko ture. Uffanni ykn sireen akka urgaaʼu gochuuf fayyada ture; akkasumas zayitii qaama sukkuumuuf ykn dibata qaamaa qopheessuuf gargaarutti makama ture. Qumbiin reeffa awwaalaaf qopheessuufis faayidaa irra ni oola ture.—Bau 30:23; Fak 7:17; Yoh 19:39.
R
Raacitii.
Wanta bukoon akka bukaaʼu ykn dhugaatiin akka danfu gochuuf itti naqamu; keessumaa bukoo bukaaʼaan isa kanaan dura ture irraa fudhatame tajaajila kanaaf ni oola. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee cubbuu fi mancaʼiinsa argisiisuuf, akkasumas guddina karaa hin mulʼanneen dhufu argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera.—Bau 12:20; Mat 13:33; Gal 5:9.
Raagduu.
Nama dandeettii wanta gara fuulduratti taʼu dubbachuu akka qabutti ilaalamu. Kitaaba Qulqulluu keessatti luboonni falfala raawwatan, warri hooda dubbatan, warri urjii lakkaaʼanii fi warri kaan kana keessatti ramadamaniiru.—Lew 19:31; Kes 18:11; HoE 16:16.
Raajii.
Ergaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatamu; ergaan kun fedhii Waaqayyoo kan mulʼisu ykn isa mulʼate sana kan labsu dha. Raajiin, barumsa naamusaa geggeessaa hafuuraatiin dubbatame, ergaa ajaja ykn murtii Waaqayyoo ibsu ykn labsii wanta gara fuulduraatti dhufu beeksisu taʼuu dandaʼa.—His 37:9, 10; Dan 9:24; Mat 13:14; 2Ph 1:20, 21.
Raajota.
Rahaab.
Jecha kitaaba Iyyoob, Faarfannaa fi Isaayyaas keessatti akka fakkeenyaatti itti hojjetame (dubartii ishii Rahaab jedhamtuu fi kitaaba Iyyaasuu keessatti ibsamte miti). Kitaaba Iyyoob keessatti yaada naannoo isaa jiru irraa hubachuun akka dandaʼamutti Rahaab uumama galaanaa guddaa taʼe argisiisa; iddoowwan kan biraatti immoo uumamni galaanaa guddaan kun akka fakkeenyaatti Gibxii argisiisuuf itti hojjetameera.—Iyo 9:13; Fr 87:4; Isa 30:7; 51:9, 10.
Rakkina guddaa.
Jechi Afaan Giriikii “rakkina” jedhamee hiikame dhiphina ykn rakkina haala nama dhiphisuun kan kaʼe uumamu argisiisa. Yesuus ‘rakkinni guddaan’ hangana hin jedhamne Yerusaalem irra akka gaʼu, keessumaa immoo gara fuulduraatti yeroo ‘ulfinaan dhufu’ ilmaan namootaa irra akka gaʼu dubbateera. (Mat 24:21, 29-31) Phaawulos rakkinni kun, tarkaanfii qajeelinaa Waaqayyo ‘warra isa hin beeknee fi misiraachoo waaʼee Yesuus Kiristoos ibsuuf hin ajajamne’ irratti fudhatu akka taʼe ibseera. Mulʼanni boqonnaan 19 Yesuus, ‘bineensicha, mootota lafaa fi raayyaa isaanii’ irratti tarkaanfii fudhachuuf raayyaa samii geggeessaa akka dhufu dubbata. (2Ta 1:6-8; Mul 19:11-21) “Tuutni uummataa guddaan” rakkina guddaa kana irraa akka oolu ibsameera. (Mul 7:9, 14)—ARMAAGEDOON ilaali.
Romaanii.
Firii poomii fakkaatuu fi karaa tokkoon waan akka gonfoo qabu. Qola isaa isa cimaa taʼe keessa wantoonni xixiqqoon dhangalaʼaadhaan guutaman kan jiran yeroo taʼu, tokkoon tokkoon isaanii keessa sanyiin bifa roozii ykn diimaa qabu jira. Faayawwan boca romaanii qaban fiixee qoloo luba ol aanaa irratti, akkasumas gubbeewwan utubaawwan Yaakiinii fi Boʼaaz warra mana qulqullummaa fuuldura jiranii irratti godhamaniiru.—Bau 28:34; Lak 13:23; 1Mo 7:18.
S
Saajjatoo.
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu yeroo taatu yeroo baayʼee garbittii dha.—Bau 21:8; 2Sa 5:13; 1Mo 11:3.
Saanhedriin.
Mana murtii ol aanaa Yihudootaa Yerusaalem keessa ture. Manni murtii kun bara Yesuusitti, miseensota 71 kan qabu ture; isaanis, luba ol aanaa, namoota aangoo luba ol aanaa wajjin qixxee taʼe qaban kan biroo, miseensota maatii luba ol aanaa, maanguddoota, mataawwan gosootaa fi maatii, akkasumas barsiisota seeraa turan.—Mar 15:1; HoE 5:34; 23:1, 6.
Saduuqota.
Garee amantii Yihudootaa abbootii biyyaa sooreyyii taʼanii fi luboota hojii mana qulqullummaa irratti aangoo guddaa qaban of keessatti qabate. Namoonni kun afoola Fariisonni hordofan hedduu dabalatee wanta Fariisonni itti amanan kaan hin fudhatan. Duʼaa kaʼuuttis taʼe maleekonni jiraachuu isaanii hin amanan turan. Yesuusiinis ni mormu turan.—Mat 16:1; HoE 23:8.
Sagaagaltuu.
Nama keessumaa qarshii argachuuf jedhee gaaʼelaan alatti saalqunnamtii raawwatu. (Jechi Afaan Giriikii “sagaagaltuu” jedhamee hiikame poornii yeroo taʼu, jecha hiika “gurguruu” jedhu qabu irraa kan dhufe dha.) Jechi kun yeroo baayʼee dubartii argisiisuuf kan itti hojjetamu taʼus, Kitaaba Qulqulluu keessatti dhiironni sagaagaltoota taʼan akka jiranis caqasameera. Seera Musee keessatti sagaagalummaan kan balaaleffatamu ture; gatiin sagaagaltootaaf kaffalamu iddoo waaqeffannaa Yihowaa keessatti buusii gochuun fudhatama hin qabu ture; faallaa kanaatiin namoonni saba Waaqayyoo hin taane, sagaagalummaa mana qulqullummaa keessatti raawwatamu akka madda galiitti ilaalu turan. (Kes 23:17, 18; 1Mo 14:24) Kitaabni Qulqulluun jecha kana, namoota, saboota ykn jaarmiyaawwan Waaqayyoon waaqeffanna jechaa waaqa tolfamaa waaqeffatan argisiisuufis fakkeenyaan itti fayyadama. Fakkeenyaaf, dhaabbanni amantii “Baabilon Guddittii” jedhamtu, kitaaba Mulʼataa keessatti sagaagaltuu jedhamteetti; kunis kan taʼe aangoo fi qabeenya argachuuf bulchitoota addunyaa kanaa wajjin michummaa waan uumteefi.—Mul 17:1-5; 18:3; 1Se 5:25.
Samaariyaa.
Magaalaa guddoo mootummaa Israaʼel kaabaa isa gosoota kurnan qabatee taatee waggoota 200f kan tajaajilte; guutummaan naannoo sanaas maqaa kanaan waamama. Magaalattiin gaara maqaa kanaan waamamu irratti ijaaramte. Bara Yesuusitti, Samaariyaan maqaa koonyaa kaabaan Galiilaadhaan, kibbaan immoo Yihudaadhaan daangeffamu tokkoof kenname dha. Yesuus yeroo baayʼee naannoo kanatti lallabuu irraa kan of qusate taʼus, al tokko tokko achi keessa ni darba, akkasumas jiraattota biyya sanaa ni haasofsiisa ture. Yommuu warri Samaariyaa hafuura qulqulluu fudhatan, Pheexiros furtuu Mootummichaa fakkeenyaan ibsame isa lammaffaatti fayyadameera. (1Mot 16:24; Yoh 4:7; HoE 8:14)—Kutaa Dabalataa B10 ilaali.
Sanbata.
Jecha Afaan Ibrootaa hiika “boqochuu; dhiisuu” jedhu qabu irraa kan dhufe. Torban Yihudootaa keessatti guyyaa torbaffaa dha (Jimaata erga aduun lixxee jalqabee hanga Sanbadduraa aduun lixxutti). Waggaa keessatti guyyoota ayyaanaa tokko tokko dabalatee waggaa 7ffaanii fi waggaa 50ffaanis sanbata jedhamu turan. Guyyaa Sanbataatti hojii luboonni iddoo qulqulluu keessatti hojjetaniin alatti hojii kan biraan hin hojjetamu ture. Waggoota Sanbataatti lafti hin qotamu, Ibroonni liqiin irra jirus liqii akka kaffalan hin dirqisiifaman turan. Seera Musee keessatti, wantoonni guyyaa Sanbataatti dhorkaman rakkisoo hin turre; haa taʼu malee, geggeessitoonni amantii suutuma suuta seerawwan hedduu waan itti dabalaniif, bara Yesuusitti wantoota kana eeguun namootatti baʼaa ulfaataa taʼee ture.—Bau 20:8; Lew 25:4; Luq 13:14-16; Qol 2:16.
Seelaa.
Jecha muuziqaa ykn ofiin haasii Faarfannaa fi Anbaaqom keessatti argamu. Faarfannaa ykn muuziqaa gidduutti, xiinxaluudhaaf ykn miirri isaa akka baʼuuf jecha takka dhaabbachuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Saptuujantiin Giriikii diyaasaalmaa jedhee kan hiike yeroo taʼu, “boqonnaa muuziqaa” jechuu dha.—Fr 3:4; An 3:3.
Seera Musee.
Seera.
Jechi kun yommuu qubee guddaadhaan jalqabu, yeroo baayʼee Seera Musee ykn kitaabota Kitaaba Qulqulluu shanan warra jalqabaa argisiisa. Yommuu qubee xiqqaadhaan jalqabu immoo, tokkoon tokkoon seerawwan Seera Musee ykn seera buʼuuraa seericha keessa jiru argisiisuu dandaʼa.—Lak 15:16; Kes 4:8; Mat 7:12; Gal 3:24.
Seexana.
Diina Waaqayyoo isa guddaa. Maqaan Seexana jedhu jecha Afaan Ibrootaa hiika “mormituu” jedhu qabu irraa dhufe.—Iyo 1:6; Mat 4:10; Mul 12:9.
Shaminiit.
Jecha muuziqaa kallattiidhaan hiika “saddeettaffaa” jedhu qabuu fi nootaa muuziqaa isa gad aanaa argisiisu. Yeroo meeshaa muuziqaatiif itti hojjetamu sagalee muuziqaa furdaa taʼe kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Faarfannaa irratti immoo muuziqaa sagalee gad aanaadhaan taphatamuu fi akkuma sanatti faarfatamu argisiisa.—1Se 15:21; Fr 6:0; 12:0.
Sheebaat.
Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa 11ffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa 5ffaaf kenname. Walakkaa Amajjii irraa eegalee hamma walakkaa Guraandhalaatti kan jiru dha. (Zak 1:7)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Sheeqilii.
Madaallii ulfaatinaa fi maallaqa Ibrootaa. Ulfaatinni isaa 11.4 g dha. “Sheeqilii iddoo qulqulluu” yeroo jedhamu madaalliin sun sirrii ykn madaallii isa dhaabbataa godoo qulqulluu keessa jiruu wajjin kan wal gitu taʼuu akka qabu argisiisa. Sheeqiliin mana mootummaa (sheeqilii isa kaan irraa adda taʼe) ykn madaallii dhaabbataan mana mootummaa keessa kaaʼamu jira ture.—Bau 30:13.
Shomboqqoo.
Biqiltoota garaa garaa caffee keessatti biqilan argisiisuuf itti hojjetameera. Biqiltuun iddoo baayʼeetti itti hojjetame Arundoo donaaksi isa jedhamu dha. (Iyo 8:11; Isa 42:3; Mat 27:29; Mul 11:1)—SHOMBOQQOO SAFARAA ilaali.
Shomboqqoo safaraa.
Shomboqqoon safaraa tokko dhundhuma jaʼa dheerata. Dhundhuma dhaabbataadhaan 2.67 m taʼa; dhundhuma dheeraadhaan immoo 3.11 m taʼa. (His 40:3, 5; Mul 11:1)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Siidaa waaqeffannaa.
Siidaa yeroo baayʼee dhagaa irraa hojjetamu; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti fakkii Baʼaal ykn waaqolii sobaa kan biroo yeroo taʼu, boca qaama saalaa dhiiraa kan qabu dha.—Bau 23:24.
Siihii.
Safartuu wantoota jajjaboo. Safartuu baatii isa safartuu wantoota dhangalaʼoo taʼee fi safartuu kanaa wajjin qixxee taʼe irratti hundaaʼuudhaan 7.33 L taʼa. (2Mo 7:1)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Siiwaan.
Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa sadaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa saglaffaaf kenname. Walakkaa Caamsaa irraa eegalee hamma walakkaa Waxabajjiitti kan jiru dha. (As 8:9)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Siʼool.
Jecha Afaan Ibroota jecha Afaan Giriikii “Haadis” jedhuu wajjin hiika wal fakkaatu qabu. Jechi kun iddoo awwaalaa tokko utuu hin taʼin bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman argisiisuuf (qubee guddaadhaan) “Awwaala” jedhamee hiikameera.—Uma 37:35; Fr 16:10; HoE 2:31 (milj.).
Sirna.
Jecha Afaan Giriikii ayiyoon jedhuu irraa kan dhufe; dhimmoota yeroo sanatti taʼaa jiran ykn haalawwan yeroo, tibba ykn bara murtaaʼe tokko adda baasanii beeksisan argisiisuuf itti hojjetameera. Kitaabni Qulqulluun haala addunyaa keessatti babalʼatee jiruu fi akkaataa jireenyaa addunyaa kanaa argisiisuuf “sirna ammaa” jedha. (2Xi 4:10) Waaqayyo Seera kakuu kennuudhaan, sirna namoonni tokko tokko bara Israaʼelotaa ykn bara Yihudootaa jedhanii waaman hundeesseera. Kana malees Waaqayyo, Yesuus Kiristoos aarsaa furii isaatiin sirna kan biraa adda durummaadhaan gumii Kiristiyaanota dibamoo qabate tokko akka hundeessu isatti fayyadameera. Kunis barri haaraan dhugaawwan Seerri kakuu gaaddidduu isaaniif taʼee ture itti raawwataman jalqabuu isaa argisiiseera. Jechi kun yommuu heddumminaan ibsamu sirnoota adda addaa ykn haala dhimmoonni kanaan dura turan ykn gara fuulduraatti dhufan irratti argaman argisiisa.—Mat 24:3; Mar 4:19; Rom 12:2; 1Qo 10:11.
Sirtiis.
Galoo galaanaa guguddaa qarqara Kaaba Afriikaa Tuuniziyaa fi Liibiyaatti argaman lama; tuullaan cirrachaa qarqara galaanaa kana jiru dambalii galaanaatiin sosochoʼuudhaan waan nama dogoggorsuuf, namoonni bara duriitti doonii oofan itti rukutamna jedhanii sodaatu turan. (HoE 27:17)—Kutaa Dabalataa B13 ilaali.
Sooma.
Yeroo murtaaʼeef nyaata hundumaa lagachuu. Israaʼelonni Guyyaa Araaraatti, yeroo rakkinaattii fi yeroo qajeelfama Waaqayyoo barbaadanitti ni soomu turan. Yihudoonni haalawwan gaddisiisoo isaan mudatanii turan yaadachuuf waggaatti siʼa afur ni soomu turan. Kiristiyaanonni akka sooman isaan irraa hin eegamu.—Iz 8:21; Isa 58:6; Luq 18:12.
Sooriyaa; Warra Sooriyaa.—
AARAAM; AARAAMOTA ilaali.
Suphe dhooftuu.
Nama suphee irraa hubboo, distii fi miʼawwan kaan tolchu. Jechi Afaan Ibrootaa suphe dhooftuu jedhamee hiikame kallattiidhaan “kan bocu” jechuu dha. Aangoon suphe dhooftuun tokko suphee irratti qabu yeroo baayʼee ol aantummaa Yihowaan namootaa fi saboota irratti qabu argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti hojjetama.—Isa 64:8; Rom 9:21.
Suraafelota.
T
Taabota kakuu.
Saanduqa muka laaftoo irraa hojjetamee fi warqiidhaan uwwifame; jalqaba irratti godoo qulqulluu keessa, booda immoo mana qulqullummaa Solomoon ijaare keessa, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa kaaʼamee ture. Saanduqni kun qadaada warqii irraa hojjetamee fi Kiruubelonni walitti garagalan lama irra jiran qaba ture. Wantoota guguddaa saanduqa kana keessa jiran keessaa tokko, gabateewwan Ajajawwan Kurnan irratti barreeffaman lamaan turan. (Kes 31:26; 1Mo 6:19; Ibr 9:4)—Kutaa Dabalataa B5 fi B8 ilaali.
Taakkuu.
Safartuu dheerinaa yeroo taʼu, yommuu harki diriirfamu abgudduudhaa kaasee hamma quba ishii xinnootti kan jiru dha. Dhundhuma isa 44.5 cm taʼu irratti hundaaʼuudhaan, taakkuun tokko dheerinni isaa 22.2 cm dha. (Bau 28:16; 1Sa 17:4)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Taalaantii.
Madaallii ulfaatinaa Ibrootaa guddaa taʼee fi akka maallaqaatti tajaajilu. Ulfaatinni isaa 34.2 kg dha. Taalaantiin Giriikii immoo kana irra kan xinnaatu yeroo taʼu 20.4 kg ulfaata. (1Se 22:14; Mat 18:24)—Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Taamuuz.
(1) Maqaa waaqa dubartoonni Ibrootaa gantoota taʼan Yerusaalem keessatti isaaf booʼanii. Taamuuz mootii akka turee fi erga duʼee booda akka waaqaatti ilaalamuu akka jalqabe dubbatama ture. Barreeffama Sumeeriyaa keessatti Taamuuz Dumuuzii jedhamee kan waamamu yeroo taʼu, abbaa manaa ykn jaalallee waaqayyittii hormaataa Inaanaa (Ishtaar Baabilonotaa) akka turetti ibsameera. (His 8:14) (2) Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa arfaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa kurnaffaaf kenname. Walakkaa Waxabajjii irraa eegalee hamma walakkaa Adoolessaatti kan jiru dha.—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Tajaajilaa gumii.
Jecha Afaan Giriikii diyaakonoos jedhu irraa kan dhufe yeroo taʼu, yeroo baayʼee “tajaajilaa” jedhamee hiikameera. ‘Tajaajilaan gumii’ nama gumii keessatti qaama jaarsolii gargaaru dha. Mirga tajaajilaa kana argachuuf ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman guutuu qaba.—1Xi 3:8-10, 12.
Tajaajila qulqulluu.
Taraafiimii.
Waaqolii tolfamoo maatii yeroo tokko tokko milkii gaafatan. (His 21:21) Tokko tokko boca namaa kan qaban yeroo taʼu, hamma namaa gaʼu; kaan immoo xixinnoo dha. (Uma 31:34; 1Sa 19:13, 16) Argannoowwan arkiyooloojii Mesophotaamiyaa keessatti argaman akka mulʼisanitti taraafiimii qabaachuun dhaala maatichaa kan argatu eenyu akka taʼe argisiisa. (Raahel taraafiimii abbaa ishii kan fudhatte kanaaf taʼuu dandaʼa.) Israaʼel keessatti garuu haalli isaa akkana waan ture hin fakkaatu; taʼus, waaqeffannaan waaqa tolfamaa taraafiimii bara abbootii murtii fi bara moototaatti jira ture; akkasumas wantoota Yosiyaas Mootichi inni amanamaan balleesse keessaa tokko dha.—Abo 17:5; 2Mo 23:24; Hos 3:4.
Teebeet.
Maqaa boojuu Baabilon booda kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa kurnaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa arfaffaaf kenname. Walakkaa Muddee irraa eegalee hamma walakkaa Amajjiitti kan jiru dha. “Jiʼa kurnaffaa” jedhamees ni ibsama. (As 2:16)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Tishrii.
ETAANIIM, akkasumas Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
U
Uffata gaddaa.
Uffata jabaataa yeroo baayʼee rifeensa reʼee gurraachaa irraa tolfamuu fi yeroo gaddaatti uffatamu.—Uma 37:34; Luq 10:13.
Urjiilee ganamaa.—
BAKKALCHA ilaali.
Utubaa.
Wanta solooloo deggertuu taʼee tajaajilu ykn wanta kana fakkaatu. Tokko tokko immoo gocha ykn taatee seena qabeessa taʼe tokko yaadachuuf dhaabamaniiru. Mana qulqullummaa fi mana mootummaa Solomoon ijaare keessatti utubaawwan manicha deggeran jiru turan. Namoonni Waaqolii sobaa waaqeffatan waaqeffannaa isaanii wajjin haala wal qabateen utubaawwan waaqeffannaa dhaabanii kan turan yeroo taʼu, Israaʼelonni darbee darbee gocha kana irratti ni hirmaatu turan. (Abo 16:29; 1Mo 7:21; 14:23)—GUBBEE ilaali.
Utubaa waaqeffannaa.
Jechi Afaan Ibrootaa (asheeraa) jedhu (1) utubaa waaqeffannaa Asheeraa ishii waaqayyittii hormaataa Kanaʼaanotaa taate bakka buʼu ykn (2) fakkii waaqayyittii Asheeraa argisiisa. Utubaan kun solooloo yeroo taʼu, yoo xinnaate gar tokkoon isaa muka irraa tolfama ture. Utubaa ykn muka hin bocamne taʼuu dandaʼu.—Kes 16:21; Abo 6:26; 1Mo 15:13.
Uuriimii fi Tuumiimii.
Wantoota gaaffiiwwan sabichaa baayʼee barbaachisoo taʼan yeroo kaʼanitti deebii Yihowaa argachuuf jecha lubni ol aanaan itti fayyadamu. Wantoota kanatti akkaataa carraatti fayyadaminitti itti fayyadamu turan. Lubni ol aanaan yeroo godoo qulqulluu keessa seenuuf jedhutti Uuriimii fi Tuumiimiin kiisii qomaa isaa keessa kaaʼamu. Wantoota kanatti fayyadamuun yeroo warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanitti waan hafe fakkaata.—Bau 28:30; Nah 7:65.
W
Waagii.
Dhukkuba biqiltootaa maxxantuu taʼee fi fangasii irraa dhufu kam iyyuu. Waagiin inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame jirma biqiltootaa kan gurraachessu (Puusiniyaa giraaminis) dha.—1Mo 8:37.
Waanjoo.
Muka solooloo namni tokko gateettii isaa irra kaaʼee garanaa fi garasiin miʼa rarraasee ittiin baatu ykn muka yommuu horiin lama miʼa qonnaa ykn gaarii harkisanitti mormi isaanii keessa galu. Yeroo baayʼee garboonni baʼaa ulfaataa baachuuf waanjootti fayyadamaa waan turaniif, jechi kun garbummaa ykn nama kan biraatiif bitamuu, akkasumas hacuuccaa fi rakkina argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. Waanjoo gateettii irraa fuudhuun ykn cabsuun garbummaa, hacuuccaa fi saamicha jalaa bilisa baʼuu argisiisa.—Lew 26:13; Mat 11:29, 30.
Waaqa Dhugaa.
Jecha Afaan Ibrootaa “Waaqa” qofa argisiisuuf hojii irra oole. Iddoo baayʼeetti jechi Afaan Ibrootaa kun Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe waaqolii sobaa irraa adda baasuuf itti hojjetameera. Ibsi “Waaqa dhugaa” jedhu iddoowwan akkasiitti ergaa jechi Afaan Ibrootaa dabarsuu barbaade akka gaariitti kan dabarsu dha.—Uma 5:22, 24; 46:3; Kes 4:39.
Waaqa tolfamaa; Waaqa tolfamaa waaqeffachuu.
Waaqa tolfamaa jechuun fakkii wanta dhugumaan jiru ykn yaadaan uumame tokko bakka buʼuu fi namoonni waaqeffannaa irratti itti fayyadaman argisiisa. Waaqa tolfamaa waaqeffachuu jechuun waaqa tolfamaa tokkoof ulfina kennuu, jaallachuu, waaqeffachuu ykn faarsuu jechuu dha.—Fr 115:4; HoE 17:16; 1Qo 10:14.
Waaqayyoof buluu.
Waardiyyaa.
Nama yeroo baayʼee halkan saba ykn qabeenya balaa irraa eegu, yeroo balaan dhufutti immoo sagalee akeekkachiisaa dhageessisu. Waardiyyoonni yeroo baayʼee dallaawwanii fi masaraawwan magaalattii irra dhaabbatu; kun immoo namoota dhufaa jiran fagootti arguuf dandeessisa. Loltoota gidduus waardiyyoonni jiru turan. Raajonni badiisa dhufuuf jedhu ilaalchisee akeekkachiisa isaaniif kennuudhaan waardiyyoota taʼanii akka fakkeenyaatti saba Israaʼel tajaajilaa turan.—2Mo 9:20; His 3:17.
Waardiyyoota mootii Roomaa.
Garee loltoota Roomaa eegdota bulchaa Roomaa taʼanii ramadaman. Eegdonni kun bulchaa tokko deggeruu ykn aangoo irraa buusuu irratti humna siyaasaa guddaa taʼe qabu turan.—Flp 1:13.
Wareega.
Warra Samaariyaa.
Maqaan kun jalqaba irratti Israaʼelota mootummaa kaabaa gosoota kurnanii kan argisiisu ture; warri Asoor Dh.K.D. bara 740tti Samaariyaa erga injifatanii booda garuu, namoota biyya ormaa warri Asoor fidan argisiisuufis itti hojjetameera. Bara Yesuusitti garuu, jechi kun sanyii ykn siyaasaa wajjin kan wal qabate utuu hin taʼin, yeroo baayʼee namoota miseensa garee amantii naannoo Sheekem durii fi Samaariyaa keessa jiruu taʼan argisiisuuf itti hojjetama ture. Miseensonni garee amantii kanaa ilaalchawwan amantii Yihudii irraa guutummaatti adda taʼan tokko tokko hordofu turan.—Yoh 8:48.
X
Xiyoon; Gaara Xiyoon.
Maqaa magaalaa Yebuusotaa ishii dahoo taatee fi Yebuus jedhamtu, gaara kibba baha Yerusaalem jiru irratti argamtu. Daawit magaalaa kana erga qabatee booda mana mootummaa isaa achitti ijaare; sana booda magaalaattiin “Magaalaa Daawit” jedhamtee waamamuu jalqabde. (2Sa 5:7, 9) Daawit Taaboticha gara bakka kanaatti yommuu fidu, Xiyoon Yihowaadhaaf gaara qulqulluu taate. Yeroo booda iddoon mana qulqullummaa Gaara Mooriyaa irratti argamus maqaa kanaan waamamuu jalqabe; al tokko tokko immoo guutummaan magaalaa Yerusaalem maqaa kanaan waamama ture. Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti maqaan kun yeroo baayʼee fakkeenyaan itti hojjetameera.—Fr 2:6; 1Ph 2:6; Mul 14:1
Xuʼaashii.
Kallattiidhaan dhiira kolaafame argisiisa. Yeroo baayʼee dhiironni akkasii mana mootummaa keessatti mootuu fi saajjatoota akka tajaajilan ykn akka kunuunsan muudamu turan. Kana malees jechi kun kallattiidhaan xuʼaashii kan taʼe utuu hin taʼin, abbaa taayitaa mana mootummaa keessatti hojii tokko tokko hojjechuuf muudame argisiisuuf itti hojjetameera. Nama ‘Mootummaa samiitiif jedhee xuʼaashii of godhe,’ jechuunis nama tajaajila Waaqayyoo keessatti guutummaatti hirmaachuuf jedhee of toʼatu argisiisuuf akka fakkeenyaatti itti hojjetameera.—Mat 19:12; As 2:15; HoE 8:27.
Xuraaʼaa.
Y
Yaada geddarachuu.
Kitaaba Qulqulluu keessatti namni tokko akkaataa jireenyaa isaa isa duraatti, balleessaa raawwatetti ykn wanta utuu hin godhin hafetti garaadhaa gaabbee ilaalcha isaa jijjiiruu isaa argisiisuuf itti hojjetameera. Garaadhaa yaada geddarachuu jechuun firii godhachuu, jechuunis gocha ofii jijjiiruu jechuu dha.—Mat 3:8; HoE 3:19; 2Ph 3:9.
Yaaʼii.
Yaaqoob.
Ilma Yisihaaqii fi Ribqaa. Yeroo booda Waaqayyo Israaʼel jedhee maqaa kan isaaf moggaase yeroo taʼu, innis abbaa amantii saba Israaʼel taʼeera (isaanis Israaʼelota, yeroo booda immoo Yihudoota jedhamaniiru). Inni abbaa ilmaan 12n warra saba Israaʼel gosoota 12n qabate argamsiisanii ture. Maqaan Yaaqoob jedhamu saba Israaʼel argisiisuufis itti hojjetameera.—Uma 32:28; Mat 22:32.
Yedutuun.
Jecha hiikni isaa sirriitti hin beekamnee fi mata duree Faarfannaa 39, 62, fi 77 irratti argamu. Ibsawwan kun akkaataa ykn meeshaa muuziqaa faarfannichi ittiin faarfatamu kan argisiisan taʼu dandaʼu. Faarfataan sanyii Leewwii taʼee fi Yedutuun jedhamu jira ture; kanaafuu, akkaataan ykn meeshaan muuziqaa kun isa ykn ilmaan isaa wajjin kan wal qabatu taʼuu dandaʼa.
Yihowaa.
Akkaataa Teetiraagiraamaataniin (qubeewwan Afaan Ibrootaa maqaa dhuunfaa Waaqayyoo bakka buʼan arfan) ittiin barreeffamu yeroo taʼu, hiika kana keessatti siʼa 7,000 ol argama.—Kutaa Dabalataa A4 fi A5 ilaali.
Yihudaa.
Ilma Yaaqoob isa arfaffaa Liyaa irraa dhalate. Yaaqoob raajii yeroo duʼuu jala gaʼe dubbate irratti, bulchaa guddaanii fi bara baraaf jiraatu hidda dhalootaa Yihudaa keessaa akka dhufu ibsee ture. Yesuus nama taʼee kan dhalate hidda dhalootaa Yihudaa keessaa ture. Maqaan Yihudaa jedhu jalqaba gosa Yihudaa, yeroo booda immoo mootummaa maqaa isaatiin waamamu argisiisuuf itti hojjetameera. Yihudaan mootummaa kibbaa jedhamee yeroo ibsamu gosoota Israaʼel kan taʼan Yihudaa fi Biiniyaam kan argisiisu yeroo taʼu, lubootaa fi Leewwotas kan of keessatti qabate dha. Yihudaan kallattii kibbaa biyyattii isa Yerusaalemii fi manni qulqullummaa keessatti argaman keessa jiraata ture.—Uma 29:35; 49:10; 1Mo 4:20; Ibr 7:14.
Yihudii.
Mootummaan Israaʼel inni gosoota kudhan qabate erga kufee booda nama gosa Yihudaa taʼe argisiisuuf itti hojjetameera. (2Mo 16:6) Boojuu Baabilon booda, Israaʼelota gosoota adda addaa warra gara Israaʼelitti deebiʼan argisiisuuf itti hojjetameera. (Iz 4:12) Yeroo booda immoo, addunyaa maratti Israaʼelota saboota kaan irraa adda baasuuf itti hojjetameera. (As 3:6) Kana malees Phaawulos gumii Kiristiyaanaa keessatti lammii biyya tokkoo taʼuun iddoo akka hin qabne argisiisuuf fakkeenyaan itti fayyadameera.—Rom 2:28, 29; Gal 3:28.
Z
Ziif.
Maqaa jalqabaa kaalaandarii Yihudootaa qulqulluu keessatti jiʼa lammaffaaf, kaalaandarii isa kaan keessatti immoo jiʼa saddeettaffaaf kenname. Walakkaa Eblaa irraa eegalee hamma walakkaa Caamsaatti kan jiru dha. Taalmuudii Yihudootaa fi barreeffamoota boojuu Baabilon booda qophaaʼan kaan keessatti Iyyaar jedhameera. (1Mo 6:37)—Kutaa Dabalataa B15 ilaali.
Zuus.
Giriikota warra waaqolii tolfamoo hedduu waaqeffatan biratti waaqa hunda caalu akka taʼetti ilaalama. Lisxiraatti Barnaabaas dogoggoraan Zuus akka taʼetti ilaalamee ture. Naannoo Lisxiraatti barreeffamni durii, “luboota Zuus,” akkasumas “waaqa aduu Zuus” jedhu argameera. Dooniin Phaawulos odola Maaltaa irraa kaʼee ittiin imale asxaa “Ilmaan Zuus” jedhu qaba ture; obbolaa lakkuu Kaastarii fi Poolaksi jedhaman argisiisa.—HoE 14:12; 28:11.